Location via proxy:   [ UP ]  
[Report a bug]   [Manage cookies]                

Sagaleen tokko maddarraa ka’uun wanta gufuu itti ta’u (dhagaalee, mukkeen, gamoowwaniifi kanneen kana fakkaatan) tokkotti yommuu bu’u hammi murtaa’e xuuxamee, kan hafe immoo gara dhufetti deebi’a. Sagaleen deebi’e kun balaqqeessa’uu sagalee, awwaattuu yookiin gohaa jedhama. Balaqqeessa’uun sagalee kan uumamu yoo sagaleen madda irraa ka’e tokko wanta gufuu itti ta’u rukutuun balaqqeessa’ee sakondii 0.1 turee dhufe qofaadha. Kana jechuun gurri namaa sagaleewwan lama addaan baasuu kan danda’u yoo sakondii 0.1 tiin addaan bahanii dhufaniidha

Faayidaa Balaqqeessa’uu Sagalee (Gohaa)

gulaali

Balaqqeessa’uun sagalee jiruuf jireenya ilma namaatiif faayidaawwan heddu qaba. Faayidaawwan gohaa keessaa isaan muraasni; i. Saffisa sagalee qilleensa keessa jiru beekuuf: Saffisa sagalee qilleensa keessa jiru safaruuf madda sagalee wanta balaqqeessisu irraa fageenya beekamaa irra kaahuun turtii sagaleen maddarraa bahuun hanga iddoo maddaatti deebi’uun qabaatuun safarama. Sagaleen madda sagaleefi qaama balaqqeessisu gidduu si’a lama adeema waan ta’eef, saffisni sagalee hima herregaa tiin shallagama.