Xiinxala Eebba Oromoo Sikkoo-Mandoo
Xiinxala Eebba Oromoo Sikkoo-Mandoo
WAXABAJJII, 2023
WAXABAJJII, 2023
Waraqaa qorannoo ulaagaa digirii lammaffaa (MA) Afaan Oromoofi Ogbarruu barsiisuun
guuttachuuf Ahmad Nageessoo mata duree: “Xiinxala Qabiyyee Eebba Oromoo Sikkoo
Mandoo: Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaa” qoratame sadarkaa ulaagaa Yuunivarsitiin kaa’e
guutee jira.
Koree Qormaataa
_____________________________________________________________________
2
Jibsoofi Gaaleewwan
Durduuruu Gumaanni walfaana haa ta’uu
Doololloo Lafa dhooqaa
Dhiltee dhinnaa Naaf eeyyamaa
Hobbayaa Dhiifama sii godheeraa itti deemi
Dhibaayyuu Aannaan tulluufi malkaatti dhibaasuu
Korma wondoomsi Horii keessa sii haabulchuu
Cinii sangoomsi Cinii qaama horii nyaatu balleessi
Ejersa gaaraa Jabaa ykn cimaa
Korma nyaaraa Jabaa ykn cimaa
Qanafaa Meeshaa dubartiin deettu kallachaatti godhattu
Haranna Bakka ykn lafa gabbataa bosonaa Godinaa Baaleetti argamu
Goondee Marga naannoo caffaatti biqilee loon ajjeessu
Faatee Adeemsa kadhannaa Waaqaa
Baattoo Of irra tursiisuu
Gu’aa taadhessi Aanessi
Baasoo Akaayyii garbuu
Hoffolte Deesse/milkoofte
Afaanitti sii haa guusu Aannaniin jaari
Baarree Orooboo Meesha aadaa qabee aannanii
Idooteen Milkii
Intala faana qabbanaa Ta nagahaa/ ta hin jarjarre
Xiribbaa Muka farda itti hidhan
Shololii Rakkoo malee dahi/salphamatti
Hoffolaa Deema/ haayyama
Duqushaa Marga laafaa
Ininnaasaa Ija/ falafala
Ibidda hoo’aa Haadha manaa gaarii
Goodaa Daangaa ykn kan dhumaa/hooda
Page i
BAAFATA
Galata ..................................................................................................................................... I
Axeerara ............................................................................................................................... II
Jibsoofi Gaaleewwan .......................................................................................................... III
BOQONNAA TOKKO: SEENSA ....................................................................................... 1
[Link]-Duubee Qorannichaa.............................................................................................. 1
[Link]’umsa Qorannichaa .................................................................................................... 4
[Link] Qorannichaa ................................................................................................... 5
1.3.1. Kaayyoo Gooroo .................................................................................................... 5
1.3.2. Kaayyoo Gooree ...................................................................................................... 5
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa.................................................................................... 6
1.5. Daangaa Qorannichaa ................................................................................................... 6
[Link] Qorannicha……………………………………………..……………………..7
1.7. Seenduubee Bakka Qorannichaa................................................................................... 7
1.7.1. Argama Aanichaa..................................................................................................... 7
1.7.2. Teessuma Lafaa ....................................................................................................... 7
1.7.3. Haala Qilleensaa ...................................................................................................... 8
1.8. Haala Hawaasummaafi Moggaasa Maqaa Aanichaa .................................................... 8
1.8.1. Haala Moggaasa Maqaa Aanichaa ........................................................................... 8
1.8.2. Hidda Latiinsa Oromoo Arsii................................................................................... 8
[Link]. Aadaa Fuudhaafi Heerumaa………………………………………………......10
[Link]. Aadaa Walgargaarsaa…..………………………………………………………….......11
[Link].Maloota Araaraa…...…………………………………………………………………...11
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUU ............................................................. 12
2.1. Afoola .......................................................................................................................... 12
2.1.1. Amaloota Afoolaa .................................................................................................. 13
2.1.2 Faayidaa Afoolaa .................................................................................................. 14
2.1.3. Gosoota Afoola ...................................................................................................... 15
[Link] Afwalaloo ................................................................................................. 16
2.2.1. Amaloota Afwalaloo .............................................................................................. 17
[Link]. Hurruubummaa………………………………………………………………….17
[Link]. Hirmaattota…………………………………………………………..………….18
[Link]. Jijjiirama………………………………………………………………………...19
[Link]. Lufummaa…………………..…………………………………………………..20
[Link]. Ummatummaa…………………………………………………………………..20
[Link].Yoomessa ........................................................................................................ 21
2.2.2. Faayidaa Afwalaloo ............................................................................................... 22
2.2.3. Gosoota Afwalaloo ............................................................................................... 22
2.2.4. Qabiyyee Afwalaloo ............................................................................................. 23
[Link].Maalummaa Eebbaa……………………………………………………………..24
[Link].Gosoota Eebbaa…………………………………………………………………25
[Link].[Link] Fuudhaafi Heerumaa……………………………...................................25
[Link].[Link] Jaalalaa…………………………………….…………………………...26
[Link].[Link] Waltajjii…………………………………………………………….…..27
[Link] Qorannichaa ............................................................................................. 27
Page ii
2.3.1. Yaaxina Dubbiifi Gochaa ...................................................................................... 27
2.3.2. Yaaxina Qabiyyee .................................................................................................. 28
[Link] Faayideessummaa ..................................................................................... 29
[Link]'a Qorannoolee Aantee…………………………………………………….......30
BOQONNAA SADI: MALLEEN QORANNICHAA ....................................................... 31
3.1. Saxaxa Qorannichaa..................................................................................................... 31
3.2. Madda Ragaa Qorannichaa ......................................................................................... 31
3.3. Mala Iddaattessuu ....................................................................................................... 32
3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaalee ................................................................................... 32
3.4.1. Afgaaffii ................................................................................................................. 33
3.4.2. Marii Garee ............................................................................................................ 34
[Link] ...................................................................................................... 34
3.5 .Mala Xiinxala Ragaalee ............................................................................................... 35
[Link] Sakkoo……………………………………………………………………….35
BOQONNAA AFUR: XIINXALA RAGAALEE EEBBA OROMOO SIKKOO-
MANDOO...........................................................................................................................36
[Link] Akaakuu Eebbaa Oromoo Sikkoo-Mandoo ................................................... 36
[Link] Eebba Yaa'aa……………………………………………………………...36
[Link] Eebba Loonii……………………………………………………………...43
[Link].Qabiyyee Eebba Yoo Horii Dhalatte Dhufanii………………………………...….47
[Link].Qabiyyee Eebba Nama Farda Bitatee……………………………………………..48
[Link].Qabiyyee Eebba Nama Raada Bitatee…………………………………………….48
4.1.3. Qabiyyee Eebba Fuudhaaf Heerumaa……………………………………………....49
[Link]. Qabiyyee Eebba Yoo Hamoommotatti Dhufanii…………………………………50
[Link]. Qabiyyee Eebba Nama Fuudhee Galee…………………………………………...50
[Link]. Qabiyyee Eebba Intala Heerumtee………………………………………………..51
4.1.4. Qabiyyee Eebba Dubartii Ulfaa………………………………………………….….51
[Link].Qabiyyee Eebba Deettuu…………………………………………………………52
[Link]. Qabiyyee Eebba Nama Gumaata Fidee………………………………………….53
4.1.5. Qabiyyee Eebba Ijoollee Dhaqna Qabattee………………………………………..53
4.1.6. Qabiyyee Eebba Mana Haarawaa………………………………………………….54
4.1.7. Qabiyyee Eebba Imalaa……………………………………………………………55
4.1.8. Qabiyyee Eebba Adamoo………………………………………………………….55
4.1.9. Qabiyyee Eebba Nama Jabduu Biyyaaf Hojjatee………………………………….56
4.1.10. Qabiyyee Eebba Sirna Bunaa……………………………………………………..57
4.1.11. Qabiyyee Eebba Nama Aannan Nama Obaasee…………………………………..59
4.1.12. Qabiyyee Eebba Gaddaa…………………………………………………………..59
[Link]. Qabiyyee Eebba Yoo Daa'imni Nama Jalaa Deebi'ee…………………………...60
[Link]. Qabiyyee Eebba Yoo Namni Guddaan Boqatee………………………………...60
[Link]. Qabiyyee Eebba Yoo Haati Manaa Boqattee…………………………………....60
[Link]. Qabiyyee Eebba Yoo Manguddoon Boqatee………………………………...….61
[Link]. Qabiyyee Eebba Yoo Horiin Nama Jalaa Du'ee………………………………....61
[Link]. Qabiyyee Eebba Yoo Bishaan Mana Jala Yaa'ee………………………………..62
4.2. Faayida Eebba Oromoo Sikkoo-Mandoo……………………………………………..62
[Link] Eebba Oromoo Sikkoo-Mandoo…………………………………………...63
Page iii
BOQONNAA SHAN:CUUNFAA,ARGANNOOFI YABOO……………………….......65
[Link] ......................................................................................................................... 65
5.2. Argannoo...................................................................................................................... 66
5.3. Yaboo ........................................................................................................................... 66
Wabiilee .............................................................................................................................. 68
Dabaleewwan
Page iv
BOQONNAA TOKKO: SEENSA
Afoolli daawwitii haala jiruufi jireenya dhalootaa ibsuudha. Akkasumas, qabeenya hawaasa
tokkoo kan ta’e duudhaan, amantiin, dinagdeen, siyaasni hawaasa tokkoo karaa ittiin afaaniin
dhaloota irraa dhalootatti darbuudha. Akkuma namni tokko maalummaa isaa daawwitii keessatti
argu, hawaasni muuxannoo yeroo dheeraa horate afoola gargaaramuun ofduuba deebi’ee arga
yookaan ilaala. Afoolli eebbaa, durdurii, geerarsa, mammaaksa, hibboo, sirbaafi kkf ofkeessatti
waan hammatuuf baay’ee bal’aadha.
Afoolli karaa lamaan mul’achuu danda’a. Kunis, bifa afhololoofi afwalalootiin. Afhololoo
jechuun kanneen akka durdurii fakkaatan bifa seenessuun yookiin himamuun darbaa dhufe yoo
ta’u, afwaloloon immoo, damee afoolaa keessaa bifa walaloo qabachuun welliffamuun yookaan
sirbamuun kan dhaloota irraa gara dhalootatti darbaa dhufeedha (Finnegan, 1970:223). Kana
jechuun immoo, afwalaloon bifa walaloon walaleeffamee barreeffamaan osoo hintaane afaaniin
hawaasni mataa isaatiin yeedaloo itti uumee, afaaniin jedhee, qaamaan shubbisee dabarsaa
tureefi har’as darbuudha.
Afoolli jiruufi jireenya hawaasa tokkoo kan mul’isu yoo ta’u, hawaasni afoola isaa tajaajila
garagaraaf dhimma itti ba’a. Bascom (1965), afoolli tajaajila miliqsuu, cimsuu, barsiisuufi
to’achuudhaaf akka fayyadu ibsa. Hawaasni tokko jiruufi jireenyasaa keessatti waan isa mudate
ittiin miliqa, muuxannoo isaa cimsata, irraas barata, ittiinis too’ata. Afoolli ummataa kun akkuma
Page 1
faayidaa garagaraa eerame kanneen qabaachuun beekamu gosoota garagaraa qabaachuunis
beekama. Afwalaloon gosa afoolaa keessaa tokko ta’ee, bifa walaloon qindaayee kan afaaniin
dhalootarraa dhalootatti darbuudha. Fekaden (2013: 86) afwalaloon bifa muuziqaa qabaatee
hawwannaa gonfachuun duraa-duuba yaadaa eeggatee kan dhiyaatuudha jechuun ibsa.
Finnegan (1976:241) afwalaloon faayidaa garagaraa akka qabu ibsiti. Garaagarummaan kun
qabiyyeefi dhaamsa inni dabarsu barbaade irratti, yoomessa walalichi ittiin dhiyaate irrattiifi
haaluma walaloo sanaa irratti hundaa’uu mala. Haaluma kanaan afwalaloon faayidaa
bashannansiisuu, miira ibsuu, hawaasummaa cimsuu, miidhagiina mul’isuufi kkf dhimma itti
bahama.
Oromoon nama waan gaarii hojjete eebbisuufi kan balleesse abaaruun aaduma isaati. Oromoon
kan waan gaarii hojjete, kan walfuudhe, kan uumaa kabaje, kan heeraafi seera biyyaa eege, kan
manguddoo kabajuufi wkf raawwate ni eebbisa. Eebba sirna tokko gochuun duratti hofkaltii
Waaqaa argachuudhaan kadhaa dhiyaatu jechuun ni dand’ama jedhee ibse. Akka amantii aadaa
Oromootti sirna kamiiyyuu adeemsisuun duratti ofkaltii Waaqaa argachuudhaaf eebbaan
jalqabuun baratamaadha. Malkaafi tulluu dhaqee kadhaa jalqbuun duratti eebbi kan dursu
ta’[Link] kamiyyuu yoo godhamu, seerri fuudhaafi heerumaa, akkasumas ayyaana addaa
kabajuudhaaf jalqaba ta’uu kan qabu eebba. Eebbi kan Waaqaati. Marga, bishaaniifi namaaf tolti.
Akkasumas, eebba jechuun nagaa jechuudha. Nagaa, nagaa Waaqaa, Waaqaan kadhatan
(Maammoo, [Link]). Sirni fuudhaafi heerumaa, ayyaanni addaa addaa kabajamuudhaaf
jalqaba ta’uu kan qabu eebba Waaqaati. Eebbi manaafi alatti kan godhamu yoo ta’u, eebbi
alaa malkaafi tulluutti yemmuu raawwatamu, eebbi manaa immoo, galmaafi mana dhuunfaa
keessatti kan raawwatamuudha.
Eebbi gara biraatiin qaama tokkoof hawwii, nagaya, badhaadhinaafi fayyaan akka isa mudatu,
maqaa Waaqaa yookaan ayyaana haadhaafi abbaa isaa waamuudhaan ergaa dabarfamuudha.
Fakkeenyaaf, haatiifi abbaan, ilmaafi intala isaanii haalli gaariin akka isaan mudatuuf kan
eebbisan yoo ta’u, qaalluun, jaarsi, jaartiiniifi ayyaantuun nama tokkorraa qabee hanga
sabaatti, maqaa Waaqaafi ayyaana duudhaa isaaniitiin hiree gaariin akka isaan mudatu
hawwiin dabarsan eebba ta’ee fudhatama. Eebbi haadhaaafi abbaa Oromoo biratti bakka guddaa
qaba. Nama haadhaafi abbaan eebbisan eenyumtuu salphumatti abaaree miidhuu hindanda’u.
Page 2
Kunis eebbi haadhaafi abbaa hangam barbaachisaa akka ta’e nu hubachiisa. Bakka garagaraatti
qabiyyeen eebbaa garaagarummaa qabaatus, ergaarratti wanti adda taasisu hinjiru.
Eebba kan adda godhu ni jira. Tokkoffaa, yoomessa yeroo waltajjii adda addaa, ayyaana adda
addaa eebbifamu. Innni lammaffaa, dhimma eebbifamuuf qaba. Eebbi yeroo ayyaanaafi waltajjii
adda addaa Waaqa kadhachuun ni eebbifama. Ashenafi fi Eban (2017:93) Shongolo,A.
wabeeffachuun eebba akka itti aanutti ibu,
Blessing, termed as ‘eebba’ among the people, is a genre of Oromo verbal art performed
in every aspect of the people’s life. Like the proverb genre, it is a ubiquitous experience
performed in both formal and informal contexts. Culturally speaking, blessing is a highly
valued act among the Oromo that it comes as an introduction and a conclusion to all life
aspect of the people.
Yaada hayyoota olii kanarraa kan hubatamu, eebbi gosa aartii afwalaloo Oromoo gama hundaan
jireenya uummataa keessatti raawwatamuudha. Akkuma gosa mammaaksi bakka hundatti
argamu eebbis karaa haala idileefi al-idileen sirna raawwatamuudha. Gama aadaan yoo ilaalamu
Oromoo biratti eebbi akka seensaatti dhufuufi xumuraa gama jireenyaa uummata hundaaf
gatii/iddoo guddaa waan qabuudha.
Eebbi dhimmoota ayyaanaaf Waaqa kadhataniifi galata galchanii ittiin jalqaban ykn
xumuraniidha. Eebbi gaafa akka muudaa, irreechaa, gaa'elaa, duulaafi araaraa niraawwatama.
Eebba kanas kan eebbisuu manguddoota umuriidhaan ykn hidda dhalootaan hangafa ta'aniidha.
Kutaaleen Oromoo hundinuu qabiyyeefi haala eebbaa adda addaa kan mataa isaanii qabu. Eebba
Booranaa qaamolee hawaasaa, mukkeen, looniifi lafa hundaayyuu dabareedhaan caqasuun
“nagaa” kadhataaf. Macci balaawwan dhufuu malan yaadachiisuun Waaqni akka oolchu
kadhata. Oromoon Gujii immoo, kan Tuulamaafi Booranaa giddu-gala taasifachuun Waaqaafi
nagaa walitti qabee waammata.
Eebbi Arsii Sikkoo-Mandoo akka waliigalaatti maqaa faatee jedhamuun waamama. Faateen
eebba Oromoo Arsii waan afur irratti bu'uureffateedha. Isaanis ta cidhaa, ta boohaa, ta
dhibaayyuufi jiloota uumaafi uumee Arsii gurraattiitiin walqabataniidha. Wanti gaafa
gammachuu jedhamu kadhaa gadda jalaa woyyoomuu keessatti hin jedhamu. Haa ta'uu malee,
seensi faateewwan hundaafuu tokkoma. Arsiin yoo eebbifatu “dhiltee dhinnaa” jedhee jalqaba.
Page 3
Kunis yoo hiikamu “na hoffolchaa” akka jechuuti. Erga hoffoltii gaafate booda immoo,
“ijarraa hafaa nu hambisaa” jedhee eebba isaa itti fufa. Seensa irrattis “Faatee Waaqaa lafti sii
dhagahi” jedhama. Walumagalatti, iddoo adda addaatti eebbi akka garagaraatti kan dhiyaatu yoo
ta’u, xiyyeeffannoon qorannoo kanaas qabiyyee eebba Oromoo Sikkoo-Mandoo xiinxalluudha.
Qorannoon eebba Oromoo ilaalchisee armaan dura taasifame Lammeessaa Kumarraa mata duree
“Qaaccessa Qabiyyee Eebba Sirna Raawwii Fuudhaaf Heeruma Kadhaa: Kan Godina Gujii
Lixaa Aanaa Abbayyaa” jedhuun gaggeeffame xiyyeeffannoon isaa qaacceessa qabiyyee eebba
Oromoo fuudhaaf heerumaati. Argannoon qorannichaas kan mul’isu, qabiyyeen ijoon eebba
fuudhaaf heerumaa nageenya, kadhaa Waaqaa, gaa’ila, hormaata, hawaasummaafi diinagdee
ta’uusaatu ibsame. Qorannoo kanaan wanti walfakkeessu lachuu eebba Oromoo irratti
gaggeeffamuudha. Qabxiin gargara taasisu qorannoon Lammeessaan gaggeeffame gosoota eebba
Oromoo keessaa kan fuudhaaf heerumaa qofa fudhatee qabiyyeen xiinxalle. Qorannoon kun
Page 4
immoo, qabiyyee gosoota eebba Oromoo Arsii Sikkoo-Mandoo hunda giddugaleessummaan
xiinxalluun qaawwa gama kanaan mul’atu kan cufeedha.
Ashenafi Belay fi Eba Teresan mata duree “The Poetics of Oromo Blessing Expressions: A
Stylistic Analyis of a Verbal art Genre” jedhuudha. Fuulleffannoon isaa eebba Oromoo gosa
aartii afaanii kan ta’e akkaatummaan xiinxalluudha. Argannoon qorannichaas kan mul’isu eebba
Oromoo caacculee akkaatummaatiin sadarkaa saditti qoodamuusaa ifa baase. Sadarkaaleen kunis
marmaartoo (repitation) sadarkaa sagalee, sadarkaa galumsaafi sadarkaa xinhiikaa qabaachuu
isaa ifoomsa. Qorannoo kanaan kan walfakkeessu jalqabumarraa eebba Oromoo xiinxaluu yoo
ta’u, qabxiin adda adda taasisu kallattii ittiin ilaalameedha. Kana jechuun Ashanafi fi Eban
kallattii dayeessaa akkaatummaatiin xiinxallan. Qorannoo kanaan immoo eebba Oromoo sikkoo-
Mandootu qabiyyeen isaa xiinxallame. Kun qabxii gargar taasisu yoo ta’u, dabalataan afaan ittiin
qoratames garagara ta’a.
Kanaaf, mata duree kana irratti qorannoo gaggeessuun barbaachise. Xiyyeeffannoon qorannoo
kanaa damee afoolaa keessaa xiinxala eebba Sikkoo- Mandoo, gosoota akkamii akka qabu,
qabiyyee akkammii akka qabu, faayidaa akkamii akka qabuufi yoomessa akkamii keessatti akka
raawwatamu irratti xiyyeeffateera. Bifuma kanaan qorannoon kun gaaffilee bu’uuraa armaan
gadii ni deebisa. Gaaffileen bu’uuraa kunniinis:
1. Eebbii Oromoon Sikkoo-Mandoo eebbisu gosoota akkam akkamii qaba?
2. Qabiyyee eebba Oromoo Arsii Sikkoo-Mandoo maal fakkaata?
3. Eebba eebbisuun Oromoota Sikkoo-Mandoo biratti faayidaa maalii qabaa?
4. Sirni Eebbaa Sikkoo-Mandoo yoomessa akkamii keessatti raawwata?
Page 5
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa
Afoola saba ofii beekanii itti gargaaramanii afaaniin dhalootaa-dhalootatti dabarsuun akkuma
jirutti ta’ee, qorannoo saayinsaawaan deeggaruunis barbaachisaadha. Qorannoon kun xiinxala
eebba Oromoo Sikkoo-Mandoo irratti taasifameedha. Gama barbaachisummaa isaatiin qabiyyee
isaatu xiinxallame waan ta’eef kallatti birootiin yookiin dayeessa birootiin qorattoonni qorannoo
biroo akka irratti gaggeessaniif karaa saaqa. Kanamalees, faayidaa eebbi hawaasaaf qabu
xiinxaluun guutummaa afoolaa qorachuuf nama kakaasa. Kunis uummatni faayidaa isaa beekee
dhaloota boodaaf akka dabarsu kakaasuufi hubachiisuuf gargaara.
Walumaagalatti barbaachisummaan qorannoo kanaa :
Dhaloonni ammaafi egeree qabiyyee eebba Oromoo Sikkoo- Mandoo akka beekee itti
fayyadamuuf gargaara.
Namoota qorannoo kana fakkaatu hojjechuuf fedhii qabaniif akka wabiitti gargaara.
Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaaf akka madda
odeeffannootti gargaara.
Afwalaloowwan Oromoo akka dhiibbaa garagaratiin hin banneefis qooda mataasaa qaba.
Qorannoo afwalaloo Oromoo irratti gaggeeffamu guddisuufi fuulduratti tarkaanfachiisuu
keessattis faayidaa mataasaa qaba.
1.5. Daangaa Qorannichaa
Afoolli Oromoo baay’ee bal’aadha. Damee hedduu ofjalatti hammata. Damee kanneen hunda
bakka tokkotti hammachiisuun xiinxalluun humnaafi yeroo dheeraa gaafachuun too’annoon ala
baha waan ta’eef, qorannoon kun afoola Oromoo keessaa gosa afwalaloo Oromoo kan ta’e eebba
Oromoo Arsii Sikkoo-Mandoo qabiyyeesaa xiinxalluu irratti daangeffame. Oromoon kutaa
hundaatuu eebba mataasaa qabaachuun beekama waan ta’eefis, eebba kutaalee Oromiyaa hundaa
osoo hintaane kan Sikkoo- Mandootiin daangeffame. Sababnisaa immoo, akkuma jalqabarratti
ibsame bal’atee too’annoon ala waan bayuufidha. Haaluma walfakkaatuun Oromoon Arsii Utaafi
Waayyuu Sikkoo-Mandoos bal’ina qabu waan ta’eef eebba Oromoo Sikkoo Mandoo Godiina
Arsii Lixaa Aanaa Dodolaa Ganda Garbaa Taruuraa, Koroo Dooyyoo, Alantuu Doobbadoofi
Gannata Haraa irratti daangeffame. Sababni daangeffama aanichaas iddoo hojii qoratichaatti
dhiyoofi akkasumas, qoratichi hirmaataa aadaa hawaasa naannichaa waan ta’eef, bakkicha
daangessuu danda’eera.
Page 6
1.6. Hanqina Qorannichaa
Qorannoon kun afoola Oromoo keessa xiinxala qabiyyee eebba Sikkoo- Mandoo Godina Arsii
Lixaa Aanaa Dodolaa irratti kan xiyyeefateedha. Haaluma kanaan dhimma qorannoo kana
ilaalchisee, hanqinnoon mula’atan qorannoon kana dura mata duree kanaan walfakkaatu irratti
hojjatame muraasaakkasuma kanaan dura ragaaleen qindaa’an gahaan kan hin argamne ta’ullee,
hanga danda’ametti odeeffannoo afgaaffiidhaan namoota haala qabatama hawaasa naannichaa
duudhaa, seenaa, aadaafi afoola hawaasicha sirriitti beekan keessatti hirmaachaa turan adda
baasuun gafaachuun odeeffannoo qorannoo kana qindeessee jira. Kana malees, marii garee
fayyadamuunis yaada maanguddoota qindeessee jira.
Akkaataan lafa Aanichaa paarsentiidhaan yoo kaayamu, lafti dirree paarsentii soddoma (30), lafti
gaarreenii paarsentii kudha shaniifi (15) lafti baddaan paarsentii shantamii shanii (55)
dhaAkkaataan olka’iinsa lafa Aanichaa sirrii irra Galaanaatiin meetira kuma lamaafi dhibba
Page 7
sadii hanga meetira kuma sadiifi dhibba torbaaf shantamii shanii yoo ta’u, haalli qilleensa ishee
immoo, lubbu qabeeyyiidhaaf baay’ee mijaawaadha.
(Madda: Waajjira Aadaafi Turizimii Aanaa Dodolaa)
Page 8
Booranaafi Baarentuma jedhamanii maqaaleen beekaman maqaalee ijoollee Oromtichaa lama
ta'anii kan kaayaman hidda dhalootaa irraa kan maddan osoo hin taane, maqaa teessuma lafaa
Boroo-Anaafi Barii-Anaa irraa maqaa konfederaasiyoonii tolfame ta'uu isaanii ragaalee afoolaa
hedduun mirkanaa'eera. Latiinsa hiddaafi quubsuma Oromtichaa ilaalchisee barreeffamoonni
seenaa kanaan dura dogongoraan kaayamanii argaman haala afoola irraa maddan sirraa'anii jiru.
(Madda seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa 1998)
Bakki Oromoon Arsichaa Sikkoofi Mandoo quphatee jiru Godina amma Arsii jedhameeti
beekamu qofa miti. Baalee,Kibba Baha Shawaafi hanga Ummata Kibbaatti kan quphatee
jiraatuudha. Gama biraatiin immoo,hangafooma Sikkoofi Mandoo ilaalchisee odeeffannoo adda
addaatu [Link] waa'ee seenaa Oromoo Arsii irratti jiru hangafni Sikkoon akka ta'e
ibsu. Ragaaleen odeeffannoo manguddoota Arsii garuu, maandhummaa ykn quxisuufi
hangafummaa Sikkoofi Mandoo ilaalchisee yaada biraa dubbatu; "Sikkoon dhalootaan hangafa
seeraan quxisuudha" jedhu. Sababni isaa, akka ragaa manguddoo tokko irraa arganneetti, haati
Mandoo rakoodhaan haadha Sikkoo waan dursituuf hangafummaa ishiiirraa fudhatte jedhama.
Kana irraa ka'uun Mandoon Sikkoon irraa hangafummaa fudhate jedhu.
(Maddi: Roobee Maammaa)
Haaluma kanaan Arsiin Sikkoo- Mando jedhamee bakka lamatti qoodama. Kanaafuu, Mando
dhalootaan osoo hintaane, seeraan hangafummaa Sikkoon irraa fudhate jechuudha. Gara
latiinsaafi hidda gosa Mandoo yoo ilaalle, Mando balbala torba qaba jedhama. Isaanis: Raayyaa,
Hawaxxuu, Kajawaa, Wanama, Utaa, Waayyuu Biiltuudha. Raayyaan immoo, ilmaan soddomii
sadi (33) kan qabu yoo ta'u, isaan keessaa muraasni kanneen akka: Daayyuu, Dubaraa, Badii,
Garjeeda, Walashee, Garoora, Qaasoo, Daawwee, Hunxee, Dhaayee, Sheelada, Baamoo,
Samuufi kanneen birooti. Gosti Samuu jedhamu immoo, Beeramuu, Biddiiqa, Baabboo,
Futtallee, Gannata, Abbiyyuufi Hodhituu kan jedhaman of jalaa qaba. Gosti Hodhituu jedhamu
immoo, balbala Baddeesso, Guyyaatu, Halaxxuu, Garambituu, Caffituufi Jaldoo jedhaman of
jalaa qabu.
Waluumaagalatti, Oromoonni Aanaa Dodolaa latii Mandoo keessaa Raayyaa jalatti argamu.
Kunis caatoon yoo agarsiifamu,
Page 9
Fakkii Gabatee 1. Caasaa hidda latiinsa Oromoo Arsii agarsiisu (Muhaammadsa'iid
Abdurrahmaan)
Page 10
[Link]. Aadaa Walgargaarsaa
Ummanni Aanaa Dodolaa kunaadaa wal Gargaarsaa ni aabu. Rakkataa isaanii kallattii rakkoo
isaatiin bira dhaabbatanii rakkoo baasu. Fakkeenyaaf, namoota humna hin qabne maasii isaanii
niqotuuf, mana ni ijaaruuf, uffatallee ni uffisu; qarshii ni kennuuf. Kana malees, midhaan callaa
kannyaataaf oolullee ni kennuuf, akkasumas yeroo du’aas, bifa afooshaatiin dhiiraafi dubara
osoo hin jenne wal gargaaru; waljajjabeessuu; wal kakaasu; wal gorsu; walbarsiisuu wal wajjiin
jiraatu. Haaluma kanaan namoota harka qalleeyyiifi rakkoo adda addaa qaban jajjabeessanii
hiyyummaafi hirkattummaa jalaa baasu.
Page 11
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUU
Boqonnaan kun sakatta’a barruulee firoomina qaban irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, qabxiileen
garagaraa mata duree gurguddaafi xixiqqaan akkuma walitti hidhamiinsa isaaniitiin
[Link] qabxiileen gurguddoon boqonnaa kana jalatti hammataman afoola,
amaloota afoolaa, faayidaa afoolaa yoo ta’an itti aansuun afwalaloo,amaloota afwalaloo faayidaa
afwalaloofi gosoota afwalalootu hammatame. Gara dhuma boqonnichaattis maalummaa eebbaa,
yaaxxina qorannoofi sakatta’a barruu aanteetu walduraa duubaan dhiyaate.
2.1. Afoola
Afoolli kalaqa sammuu keessatti qindaa’uun kan afaaniin himamuudha. Kana keessatti, haalli
kuufamaafi lufiinsa isaas himiinsa afaaniin malee barreeffamaan miti. Wanti afaaniin lufaa dhufe
kun baattuu seenaa, eenyummaa, falaasama, ilaalcha, duudhaa, safuu, dinagdee, amantii, siyaasa,
beekumsaafi muuxannoo dhala namaa baatanii as gahaniidha (Misgaanuu, 2011). Geetachoon
(2008:114) irratti yaaduma kana deeggaruun, afoolli gosa ogbarruu ta’ee aadaa, seenaafi
eenyummaa hawaasaa himinsa afaaniitiin dhalootaaf akka dabarsuu eera.
Gemeda (2007:23) afoola yoo ibsu, “The Oromo oral arts provides us with
ample information about the entire society, including the myths from God’s attribute,
through the relation of God to man to the complimantary aspects of man’s reaction to
him” jedha. Yaada hayyuu kanaarraa kan hubatamu, afoolli Oromoo odeeffannoo yookaan
hubannoo hawaasa qaroomeefi ilaalcha addunyarra jiru kanaaf qabu kan hubachiisu ta’uusaati.
Melekne (2006:13) afoola yemmuu ibsu, “Oral Literature refers to hirval heritage of mankind
transmetted generation by word of mouth” jechuun ibsa. Kanarraa kan hubatamu, afoolli akkuma
maqaa isaa himamsa afaanii yookiin dubbii afaaniitiin dhalootarraa dhalootatti kan darbu ta‘uu
isaati. Kana jechuun afoollii hawwaasan uumamee hawaasni afaniiffaan dhalootaa gara
dhalootatti kan dabarsu jechuudha.
Kanafuu, afoolli aartii jechaa yookiin ogbarruu dubbii jedhamuu nidanda’[Link] isaas
wanta sammuu keessatti qindaa’etu afaaniin himama waan ta’eefi.
Page 12
2.1.1. Amaloota Afoolaa
Waa’ee afoolaa yeroo ibsinu wanti dagatamuu hinqabneefi waliin ka’uu qabu keessaa inni
guddaan amaloota afoolaati. Amaloota afoolaa kanneen keessaa jajjaboon uummatummaa,
lufummaafi jijjiiramummaadha. Afoolli kalaqa ilma namaan yaa uummamu malee kan abaluuti
jechuuf ragaa hinargamuuf. Kanaaf, afoolli kan uummataati. Sababuma kanaan amala
uummatummaa qaba jedhama (Wasanee, 2001:170). Lufummaan haala ogafaan dhalootaa
dhalootatti darbuun kan walqabatuudha. ogafaan bara kalaqamee eegalee hanga har’aatti utuu
daddarbuu har’a ga’[Link] dhufuttis haaluma wal fakkaatuun lufa (Misgaanuu, 2011:30).
Yaadrimee armaan oliirraa kan hubannu afoolli uummataan uumame, uummata yeroo sanaa
qofa tajaajilee kan hindhaabbannefi gara dhaloota itti aanuutti kan darbu ta’uu isaati.
Inni biraan, amala jijjiiramaa (dynamic) afoolli qabuu dha. Akka yaada hayyuu kanaatti afoollii
waan afaaniin dhalootarraa dhalootatti darbuuf jijjiiramaa adeemuusaa mul’isa. Fakkeenyaf,
afoolli dhaloota irraa dhalootatti yommuu darbu jijjiirama qabiyyee, unkaafi hiikkaa haala
yoomessaa irratti hundaa’ee itti dabaluu yookaan irraa gatamuu kan danda’u ta’uusaa ibsa.
Dabalataanis, amala afoolaa ilaalchisee (Geetaachoo, 2006:141) afoolli gochaan kan wal qabatu
ta’ee, yeroo baay’ee gumiidhaan kan dalagamu akkasumas wantoota darbe irratti kan xiyyeeffatu
ta’uusaa ibsa. Akka yaada kanaatti afoolli kan iftooma qabu, kan gareen dalagamuufi kan
jireenya darbe irratti hundaa’u ta’uu isaa mul’isa.
Okpehwo (1992:5), amala afoolaa yoo ibsu, afoolli hirmattoonni gamtaan walitti dhufanii wal
deggeruun kan dalgamuudha. Dalagichis sochii qaaman kanneen akka harka rukutuu, fuula
guuruu, mata raasuun deggeramee kan dhiyaatu ta’uusaati. Kanniin qofa osoo hinta’in, afaaniin
himamuun, waltajjii hawaasummaa garagaraa irraatti adeemsifamuun amala afoolati.
Page 13
2.1.2. Faayidaa Afoolaa
Afoolli hawaasaan kalaqamee itti faayadamuuf tajaajila baay’ee kenna. Yaada kana Bukeenya
(1994:85) yoo ibsu, “oral literature impacts to the growing person useful cognitive, informative
and affective skill which enable the person to life and to be useful member of a society,”jedha.
Akka yaada isaatti afoolli namni tokko mallattoo nuffii tokko malee osoo hin agarsiisiin hawaasa
irraa akka baratuufi sammuu isaas akka gabbifatu isa taasisa. Gabbinni sammuu kun miseensi
hawaasa tokkoo naannawaa isaa akka beekuufi walitti dhufeenya gaarii akka qabaatu sadarkaa
waa hubachuusaa guddisuu irratti gahee guddaa qaba. Haaluma walfakkaatuun Hinseenee
(2010:3) faayidaa afoolaa yommuu ibsu, “afoolli ijoolleef barumsaafi beekumsa afaaniif bu’aa
guddaa qaba. Nannoo barsiisa. Dandeettii waa qabaachuu ni guddisa, seeraafi miidhagina afaanii
ni barsiisa.
Kanarraa kan hubannu ijoolleen dandeettii gara garaa akka horataniifi bilchina sammuu akka
argatan kan gargaaruudha. Kana malees, Fekade (1991:1), Geetaachoo (2005:52), Mmisgaanu
(2011:1), Yaadatee (2000:148) fi kanneen biroo akka ibsanitti faayidaa afoolaa bakka addaa
addaatti qoodanii kaa’uun ni danda’ama. Faayidaalee gurguddoo afoolaa keessaa inni tokko
faayidaa ibsuuti. Afoolli gosa kanaa gaaffiilee bu’uuraa ka’aniif deebii kan kennuudha. Dhalli
namaa jireenya isaa keessatti wantoota isaaf hingalle maraaf deebii argachuu barbaada.
Akkasumas nicarraqa. Waa’ee uumamaa, waa’ee achii as dhuftee wantootaa uumamee baruuf
gaaffii garaagaraa nikaasu. Fakkeenyaaf, Gaangeen maaliif hindhaltu? Gaaffiilee jedhuuf afoolli
deebii kennuun tajaajila (Mmisgaanuu, (2011:1). Hawaasni tokko madda dhaloota isaa yookaan
haala ittiin wal hore hacuuccaa irra gahaa ture, quunnamtii uummata biroo waliin qabu hunda
afoola isaatiin ibsata.
Faayidaan Afoolaa inni lammaffaan cimsuufi dhaamsa dabarsuudha. Kunis aadaa seenaa,
amantiifi kan kana fakkaatan qabeenya hawwaasaa kan cimsuufi dhaloota haaraaf kan
dabarsuudha (Geetaachoo, 2005:52). Kana malees, afoolli miliquuf kan fayyaduudha. Dhalli
namaa jireenya isaa guyyaa guyyaa irra deddeebiifi nuffisiisaa ta’e keessaa bahee addunyaa
haaraa keessa argaa- yaadaatiin galuu barbaada. Kanas kan godhu taphaafi kolfa afoola
keessa jiru qooddachuudhaan ta’a.
Page 14
Barsifataafi aadaa cabsuudhaan jechoota saalfii ni [Link] haalli uumamaafi teessumni
lafaallee isa dhorke, kan inni raawwachuu barbaadu, garuu hin dandeenye hunda afoolaan
fayyadamee raawwata. Fakkeenyaf, jechoota laguu ta’an kan bakka namoonni gurguddaa,
maanguddoonni jiranitti kanneen hindubbatamne arrabsootti gargaaramuun yeroo sana
dubbatama (Feqaade, 1991:1; Misgannuu, 2011:12).
Faayidaan afoolaa inni biraan to’achuudha. Hawwaasni afoolaan dhimma bahuun ijoolleesaa
namuusaan akka jiraatan too’ata. Namoota namuusa gaarii hinqabne ittiin arrabsa, ittiin abaara.
Warra namuusa gaarii qaban, warra safuu hawaasiichaatiin bulan ittiin dinqisiifata, hoodaa,
hammeenya, hanna, jibbiinsa qabu ittiin too’ata. Afoolli amaloota gaarii hintaane kan hawaasni
jibbuu akka hinbabal’anne ittiin to’achuuf gargaara (Fekade, 1991:1).
Walumaagalatti aayidaa afoolaa iaalchisee kanneen armaan olii haa caqasaman malee, kanneen
birootiifis ooluuraa kan daangeffamuu miti. Faayidaa afoolaa armaan oliitti ka’an bu’uura
godhachuun gosa afoolaa keessaa eebba sirna raawwii fuudhaafi heeruma kadhaa irratti
raawwatamu qorannoo kana keessatti faayidaa isaan hawaasa itti dhimma bahuuf kennaan ni
ilaalama.
The geners of oral literature covers spoken and song [Link] may be further
divided in to the two larger grouping of folk narrative including myth,legend, tales,and
folk song and such other smaller geners of proverb, riddle and belief or superstations.
folk narrative is a wide range of oral prose traditions.
Page 15
Akka yaada armaan oliirraa hubachuun danda’amutti afoolli gosa gurguddoo lama hammachuu
danda’a. Isaaniis: afwalaloofi afseenessa akka raagamtaa, afseenaa, durdurii yoo ta’u, afwalaloon
immoo, bifa muuziqaa qabaatee afaaniin kan daddarbuu ta’uusaati. Dabalataanis Finnegan
(1970) yaaduma kana ilaalchistee: Afoolli walumaagalatti karaa lamaan ilaalamuu kan danda’u
yoo ta’u, inni tokko kan nama hawwatan ta’anii dubbiidhaan kan darbaniifi lammaffaan immoo
bifa afwalaloon kan dhiyaatu ta’uu ibsiti. Yaada kanarraa hubachuun kan danda’amu afoolli gosa
gurguddoo lama kan qabu ta’uusaati. Afwalaloofi afseenessaadha. Gosoota afoolaa armaan oliitti
tarreeffaman bu’uurreffachuun gosa afoolaa keessaa eebba Oromoo Sikkoo- Mandoo irratti
raawwatamu xiinxalluudha. Ogafaan bara kalaqamee eegalee hanga har’aatti utuu daddarbuu
har’a ga’eera. Dhaloota dhufuttis haaluma walfakkaatuun lufa (Misgaanuu, 2011:30). Yaadrimee
armaan oliirraa kan hubannu afoolli uummataan uumamee, uummata yeroo sana qofa tajaajilee
kan hin dhaabbanneefi gara dhaloota itti aanutti kan darbu ta’uu isaati.
Haaluma walfakkaatuun, Premingerfi Borgan (1993:863) qabxiilee armaan olitti ka’an yeroo
ibsan, afwalaloon duudhaa hawaasaa kan of keessatti qabu, irra caalaa hawaasaa hin baranneen
kan kalaqamuudha jedhu.
Walumaagalatti maalummaa afwalaloo ilaalchisee yaadni jiru baayee bal’aa ta’usaa hayyuun
garaagaraa ni ibsu. Afwalaloon aartii jechootaatti fayyadamuudhaan dhugaa miira keenyaa
galmeessee, keessa keenya keessatti tartiibaafi boca qabsiisee tokko karaa namni sagalee faaruufi
sirbaan ibsatuudha. Umuriin afwalaloo umurii kalaqaafi hurrubummaansaa yeroo jalqabaaf
Page 16
namni walitti dhufee itti wal bohaarsuu yookaan bashannansiisuu yeroo jalqabe kaasee akka ta’es
hayyootni garaagara ni ibsu. Kunis afwalaloon umurii dheeraa kan qabu nama bashaannansiisuu
kan danda’u, ergaa barbaadame dabarsuu irratti ga’ee guddaa qabaachuu isaa ibsa.
[Link]. Hurruubummaa
Amaloota afwalaloo ta’ee adda durummaan kan caqasamu yookaan tuqamu keessaa tokko
hurruubummaa/dalagaadha. Hurruubummaa firiiwwwaan afwalaloo miidhagina gonfatanii afaan
nama wellisuu yookaan dubbisuu keessaa yommuu bahu gochaan walsimatanii dhiyaachuu
isaaniiti. Fakkeenyaaf, yoo iddoo gaddaa ta’e, akka nama garaan raafamee booyuu danda’uu
faaruu booyaa sana sochii fuula isaa irraa mul’atuufi gochaan waan agarsiisu sana irraa ka’e
nama boossisuu danda’uudha. Hurruubummaa afoolaa Samwitason (2022) akka armaan gadiitti
ibseera.
Oral literature is based on the actual performance. Oral literature is by definition
dependent on a performer who formulates it in words on a specific occasion—there is no
other way in which it can be realized as a literary product. This point is obvious if we
consider literary forms designed to be delivered to an audience even in more familiar
literate cultures. If we take forms like a play/drama, we understand that they become
effective if presented on stage than read as a book.
Yaada olii kanarraa kan hubatamu, afoolli raawwii qabatamaa irratti hundaa’a. Afoolli afaaniin
dubbatamu hiika isaatiin nama yeroo murtaa’e tokkotti jechootaan bocu irratti kan hundaa’edha-
akka oomisha ogbarruutti karaan biraa itti dhugoomu hin jiru. Qabxiin kun bifa ogbarruu aadaa
dubbisuufi barreessuu caalaatti beekamaa ta’e keessattillee dhaggeeffattoota biraan ga’uuf
qophaa’e yoo ilaalle ifaadha. Bifa akka tapha/diraamaa yoo fudhanne akka kitaabaatti dubbisuu
caalaa waltajjii irratti yoo dhiyaatan bu’a qabeessa akka ta’an ni hubanna.
Jilaa yoo ta’es abbaan afwalalootti dhimma bahu sun immoo dandeettii sagalee uumaan kenname
sana fayyadamee qaama isaa yookiin morma isaa dhommoksee yommuu ragadu yookiin
Page 17
dhiichisu akka faana wellisanitti yookaan ragadanitti hordoftoota isaa ittiin hawwachiisuuf jecha
dalagaatti dhimma ba’a.
Finnegan (1970) yaada kana yeroo ibsitu:
The significance of performance in oral literature goal beyond more matters of definition
for the nature of performs impact of particular literary form being exhibited Oral
literature is by definition dependent on a performer who formulates it in words on
specific occasion. There is no other way in which it can be realized as a literary product.
Akkuma armaa olitti tuqame afoolli dhiiga fooniifi lafee qabatee hiikaa argachuu kan danda’u
hurruubummaa irratti hundaa’ee ta’uusaati. Kanafuu gochaan yookiin hurruubbaan lubbuu
afoolaati. Walumaagalatti afwalaloo humna godhachuu kan danda’u dalagan/gochaan agummaa
dhuunfaa nama dalaguu sanaa murteessadha.
[Link]. Hirmaattoota
Akkaataan uumama afoolaa amala gamtaa’inaa akka qabu nihubanna. Afwalaloon tokkos
yommuu dalagamu baayinaan hirmaattota yookiin jamaa (audience) jalaa qaban qaba. Kana
jechuun namni tokko yoo afwalaloo sana wallisu yookaan eebbisu ofii isaatii qophaa ta’e miti.
Namni jedhu suni firiwwan afwalaloo sana irratti hudnaa’ee gahee hirmattootni achii irratti
qaban olaanaadha. Finnegan (1970) yaada jamaa ilaalchisee akkas jettii: “A further essential is
the audience which is the care with written forms is often direct involved in the actualization a
creation of place of oral literature. According to convention genre and personality the artist may
be receptive.”
In oral literature the artist and the audience have a face to face contact. Since the artist
meets with his public face to face he can take advantage of this to enhance the impact as
well as be influenced by. Sometimes he chooses to involve his listeners directly, as in
story-telling situations where it is common for the narrator to open with a phrase which
arouses his audience’s attention; he also often expects them to participate actively in the
Page 18
narration and, in particular, to join in the choruses of songs which he introduces into the
narrative.
Akka yaada armaan oliitti, afoola keessatti namni dhiyeessuufi daawwattoonni fuula fuulatti wal
qunnamtii qabu. Namni dhiyeessu/ seenessu ummata isaa waliin fuula fuulatti waan wal argee
dhiibbaa irraan gahuu danda'a. Yeroo tokko tokko dhaggeeffattoota isaa kallattiin hirmaachisuu
filata, akkuma haalawwan seenaa himuu seeneessaan gaalee xiyyeeffannaa dhaggeeffattoota isaa
kakaasuun banuun isaa barameetti; akkasumas yeroo baay’ee seeneffama keessatti dammaqinaan
akka hirmaatan, keessumaa immoo, sirboota inni seeneffama keessatti seensisu keessatti akka
hirmaatan ni eega.
[Link]. Jijjiirama
Jijjiiramni afwalaloo jijjiirama afoolaa waliin wal fakkeenya qabu. Kana jechuun afwalaloo
tokko afaaniin dhaloota irraa gara dhalootatti kan darbuudha. Afoollis akkasuma afaaniin darbaa
[Link] kana keessatti namni waan dabarsuu sana akka ofii isaatti toluutti yookiin
yaadachuu dadhabuu isaa irraa kan ka’e bifa addaa addaan [Link] kana immoo
jijjiiramaa deema. Jijjiirama afwalaloo ilaalchistee, Finnegan (1977:241) akkas jetti. “There are
the cases when the performer introduces variation on older pieces of even totally new forms
interms of the detailed wording the structure or the content.”
Yaada ishee kanaa irraa wanti hubannu dalagaan afwalaloo tokko jijjiirama afwalaloo keessatti
ga’ee akka qabuudha. Jijjiirraa inni fiduu danda’us afwalaloo sana hanga tokko yookiin
guutummaan bifa, jecha sanaa, caasaa yookiin qabiyyeen akka jijjiiramuu danda’u eerti.
Page 19
qabuun waan ta’eef tokkooffaa bifasaa eeggatee sagalee qooqa keessa bahuufi sochii qaamaatiin
deggeramee altokkoon dhaggeeffatoota hedduuf dhiyaata. Jijjiirama yaadaafi qalbiis agarsiisuu
danda’a. Kanuman wal qabatee afwalaloon ga’ee guddaa waan qabuuf bifa barreeffamatiinis
ta’uu qaba.
[Link]. Lufumummaa
Lufummaan haala afoolli /ogafaan/ dhalootaa dhalootatti darbuu kan walqabatuudha. Afoolli
amma jiran, waggoota dheeraa dura yookiin yeroo dhihoo uumamuu danada’u. Umrii isaanii
tilmaamuun nama rakkisa. Afoolli kunis, bara kalaqamee eegalee, hanga har’aatti utuu
daddarbuun har’a ga’eera. Afoolli karaa lamaan lufuu danda’a. Isaanis, jechaafi gochaani. Kan
jechaan darban, hiibboo, mammaaksaa fi oduu durii yoo ta’an, kanneen jechaafi gochaan darban
immoo, sirba, sirna ateetee, sirna buttaafi kkf. Yaaduma kana ilaalchisee hayyuun Samwitason
(2022) jedhamu yoo ibsu,
Oral literature is transmitted through words of mouth. The term ‘oral’ by itself means
spoken rather than written. So Oral Literature uses the words of mouth (spoken form) as
its medium of presenting the message to the audience. The audience receive the message
by listening and watching.
Page 20
Akka Zarihun (1992:21) ibsetti, hawaasni kamiyyuu aadaa, duudhaa, gaddaafi gammachuu,
jibbaafi jaalala, fedhiifi abdii isaa kan ittiin ibsatu afoola mataasaa qaba. Abbummaan afoolaa
kun dheerina yeroo keessa kan hawaasaa ta’uun waan mirkanaa’eef amallisaa kun
qabeenyummaan afoolaa kan hawaasaa ta’uusaa kan ibsudha. Umamniifi raawwiin afoolaa harki
caalaan gareedhaan waan ta’eef nama dhuunfaarratti hinxiyyeeffatu. Kanaaf amalli afoolaa kun
uummatummaa isaa kan hubachiisu ta’uu isaati. Amalli afoolaa kun abbaan qabeenyaa ummata
ykn mangudoota ta’uu isaa wajjiin walqabata. Kunis kallatiin kan itti fayyadamu ummata. Haala
jiruuf jireenyaa, seenaasaa, aadaa isaa kan ibsu, hawaasni tokko afoola mataa isaa ni qaba. Yeroo
jalqabaatiif afoola namni tokko kalaquu danda’a ta’a. Garuu, amala lufummaa irraa kan ka’e,
dubbatamaan dadarbaa yeroo dheeraa waan tureef, adeemsa keessa irraanfatamuu ni mala.
Kanaaf, afoolli kan nama dhuunfaa osoo hin taane kan ummataati jenna. Afoolli ummata
Oromoo keessa jirus, kan ummata Oromooti. Tokkoon tokkoon miseensa Oromoo hundi
kiyyummaa qaba. Kanaafuu, eebbi Arsii Sikkoo-Mandoo kan hawaasaa hundaatii malee, kan
nama dhuunfaatti miti.
[Link]. Yoomessa
Yoomessa kan jedhu, “yoomiifi eessa” jedhu irraa uumame. Isaanis yeroofi bakka wanta tokko
itti raawwatu agarsiisu. Afoolli yeroofi bakka itti raawwatu qaba. Kanatu yoomessa
[Link] ilaalchisee yeroo hundaafi bakka hundatti akka hin taane, yoomessa murtaa’e
akka qabu qalbeeffachuun nidanda’ama. Yoomessa afoolaa ilaalchisee Samwitason (2022)
yemmuu ibsu,
Oral literature is contextual. It improvises the local environment and the time in which it
is presented. The narrator telling a story around Lake zone may say “the hippo
disappeared into the lake” but the same story may use the clause “the hippo disappeared
into the sea” if told in Dar-es-Salaam. Even within the same culture there may be many
set styles of performance designed to suit the different literary genres recognized in the
culture. Indeed, these genres are sometimes primarily distinguished from each other in
terms of their media of performance rather than their content or purpose.
Yaada hayyuun olitti kaase kanarraa kan hubatamu, afoolli afaaniin dubbatamu haala dubbii
(context) kan ilaallatudha. Naannoo/ bakkaafi yeroo itti dhiyaatu qaba.
Page 21
Kana malees, haala afoolli tokko keessatti raawwate niibsa. Akkuma afoolli bakkaafi yoomessa
mata isaa qabu eebbi Arsii Sikkoo Mandoo iddoo itti raawwatamuufi yeroo itti gaggeeffamuu
kan mata isaa qaba.
Akka yaada armaan oliirraa hubachuun danda’amutti, afwalaloo gadi fageenyaan ilaalcha,
yaada, hawwii, jaalalafi yaada waa’ee uumaa, uumama, midhaginafi wantoota biroo ibsuuf
kan gargaaru ta’usaati. Akkasumas jiruufi jireenya hawaasaa keessatti wantoota jireenya
keessatti nama mudatan, argachuufi dhabuu, gaariis ta’e yaraa haala miira nama tuquun
dabarsuuf kan tajaajiludha.
Walumaagalatti akkuma yaada armaan olii irraa hubachuun danda’amutti afwalaloon yaada
bal’aafi bilchaataa kan of keessaa qabu ta’ee, yaada ofii jechootaa filatamoofi miidhagina
qabaniin kan ittiin ibsataniidha. Akkuma damee afoolaa biroos duudhaa, falaasama gaddaafi
gammachuu, ilaalcha hawaasaa amantii saba tokkoo jechoota filatamoon haala miidhaagina
qabuun nuffii tokko malee ibsuu kan danda’u ta’uu isaati.
Page 22
Barber,1997:85). Afwalaloon Oromoo bakka addaa addaatti qoodamuu danda’a. Andirizeeksi
([Link]) afwalaloo Oromoo kan yeroon daanga’aniifi kan yeroon hin daangofne jechuun
bakka lamatti qooda. Afwalaloowwan yeroon hin daangofne walaloo jaalala, amantaa, ateetee,
yoo ta’an, afwalaloon yeroon daanga’an immoo walaloo lolaa, faaruu boo’ichaa, goototaa akka
ta’an tarreessa. Tafariin (2006) immoo Sumner (1996) wabeeffachuun bakka saddeetitti qoode
jira. Isaaniis:
1. Walaloo Jaalala
2. Geerarsa
3. Walaloo Hojii (horii farsuufi qonnaa)
4. Walaloo Amantaa (Ateetee, kadhannaa irreechaa)
5. Walaloo Ayyaanaa (cidhaa,gadaa)
6. Walaloo Fototoo (nama kan ittiin qeeqan)
[Link] Mirrisaa (bakka barbaannetti miira gaddas ta’ee, gammachuu kan ittiin ibsan)
[Link] Daa’iima (daa’ima sossobuuf) Ammaaf xiyyeeffannoon qorannoo kanaas qabiyyee
afwalaloo waltajjii hawaasummaa irratti rawwatamu ta’ee, xiinxalla eebba Oromoo Sikkoo
Mandoo irratti gaggeeffamu waan ta’eef kutaa itti aanu keessatti gadi fageenyaan ilaaleera.
Wantootni qaaccessa qabiyyeef gargaaran uunkaawwan wal qunnamtii (muuziqaa, fakkii, sochii
qaamaa) ta’aniiyyuu caalaatti xiyyeeffannoon wantoota barreeffaman irratti kennama (Borgan
and Gall,1979:30).
Ibsaawwan armaan olii irraa qabiyyeen hiikkawwan addaa addaa wanta dubbatamuufi
barreeffamuuf kenninu yoo ta’u, qaaccessi qabiyyee immoo, bifa dubbiifi barreeeffamaan
wantoota mul’ataniif hiikaa kennuudha. Hayyoonni akka (Finnegan,1997:241),
Page 23
(Dorson,1972:66), (kpewho,1992:13; Brown,1999:42) qabiyyee afwalaloo qaaccessuun
ilaalchaafi falaasama hawaasichaa caalmaatti hubachuu akka ta’e ibsu.
Walumaagalatti qabiyyee afwalaloo qaaccessuun hafee afwalaloo tokko waa’ee, gadda, jaalala,
jibbaa, mormii, deggeruu, qaanii, misooma agarsiisuu isaa adda baasuun nidanda’ama.
Qorannoon kunis haaluma kanaan qabiyyee afwalaloo Oromoo keessaa eebba Sikkoo- Mandoo
xiinxaluudha.
Eebbi maal akka ta’e Maammoo ([Link]) akkaataa armaan gadiin ibseera.
Akkuma yaada olii irraa hubatamutti, sirnoonni kamuu yoo godhamu, seerri fuudhaafi
heerumaa, ayyaanni addaa addaa kabajamuudhaaf jalqaba ta’uu kan qabu eebba Waaqaatiin.
Eebbi manaafi alatti kan godhamu yoo ta’u, eebbi alaa malkaafi tulluutti yemmuu
raawwatamu, eebbi manaa immoo galmaafi mana dhuunfaa keessatti kan raawwatamuudha.
Eebbi gara biraatiin qaama tokkoof hawwii, nagaya, badhaadhinaafi fayyaan akka isa mudatu,
maqaa waaqaa yookaan ayyaana haadhaafi abbaa isaa waamuudhaan ergaa dabarfamuudha.
Fakkeenyaaf, haatiifi abbaan, ilmaafi intala isaanii haalli gaariin akka isaan mudatuuf kan
eebbisan yoo ta’u, qaalluun, jaarsi, jaartiiniifi ayyaantuun nama tokkorraa qabee hanga
sabaatti, maqaa waaqaafi ayyaana duudhaa isaaniitiin hiree gaariin akka isaan mudatu
Page 24
hawwiin dabarsan eebba ta’ee fudhatama. Eebbi haadhaaafi abbaa waaqaffattoota Oromoo
biratti bakka guddaa qaba. Nama haadhaafi abbaan eebbisan eenyumtuu salphumatti abaaree
miidhuu hin danda’u.
Kunis eebbi haadhaafi abbaa hangam barbaachisaa akka ta’e nu hubachiisa. Bakka gara
garaatti jechootni eebbaa garaagarummaa qabaatus ergaarratti wanti adda taasisu hinjiru.
Oromoon seeraafi heera ittiin bulu qaba. Seera oromoon qabu keessaa eebbaafi abaarsi isa
tokkoodha. Kan waan gaarii hojjete eebbisuufi kan balleesse abaaruun aaduma
[Link] waan gaarii hojjete, kan walfuudhe,kan uumaa kabaje, kan heeraafi seera
biyyaa eege, kan maanguddoo kabajuufi kan kana fakkaatan raawwate Oromoon ni eebbisa.
Bara safuun eegamaa ture waaqeffataan,bakka dhaabatee eebbise irra dhaabatee hin abaaru.
Bakka dhaabatee kakate irra dhaabatee waaqaaf hin [Link] waanta’eef, Oromoon
boroo irratti,karra irratti, ooyiruu keessatti,caffeetti,malkaatti, tulluu irratti,odaa jalattini eebbisa
(Dirribii, 2012:69).
Walumaagalatti, eebbi naannoo naannootti hiikkaa baay’ee qabaatus, eebbaa jechuun ilmaan
namaa jiruufi jireenya isaanii keessatti fedhiin/hawwiin akka isaanii guuttamu, wanti hamtuufi
badduun akka isaan hin muudanneef kadhaa taasifamuudha. Hawwii gaarii ofiif, guddaa diqqaaf
namaa horiifi biyyaaf burqaa waan gaarii hundaa ka ta’e Waaqa (Rabbii) isaanii dhuunfaan ykn
gareen ittiin kadhataniidha.
Page 25
jaarsolii gara gurbaatti ergamanii dhufaniitiin jalqabama. Caalaatti gaafa dhaaba waliin
dhaabbataniiti eegalee gara lachuutti eebbatu dhangala’a.
Eebba fuudhaaf heerumaa ilaalchisee Asaffaa (2008:4) akka itti aanu kanatti ibsee jira.
Keessumattuu gaafa gurbaan intala naqachuu dhaqu eebbaan sirnicha jalqabu. Guyyaa
kana haati intalaa erga warri soddaa dhufanii taa’anii booda buna qalaa dhiyeessu.
Sababni isaas warri soddaa (gara gurbaa) bunaan eebbisuu qabu waan ta’eef. Yeroo
bunni inni duraa dhaabatu yookaan ‘xos’ jedhu, bunaan nuuf eebbisaa jedhanii karaa
maanguddoota isaanii gorroo duubaan warra soddaatti dhaamsa ergu.
Akka aadaatti gaa’ila jechuun fuudhaafi heeruma ilma ga’eefi intala yookaan mucayyoo
geesseeti. Eebbi gaa’ilaa kan taasifamuuf bu’aan gaa’ilaa jireenya walgargaarsaa,
walgammachiisuufi dandeettii itti fufiinsa sanyii akka qabaatuufidha. Dhiiraaf dubartiin seeraan
walfuudhanii akka jaalalaan waliin jiraatan akka aadaafi amantiillee ni eebbifamu. Misirroofis
eebba waliin gorsa ni kennama. Jalqaba gaa’ila irratti haadhaafi abbaa yookaan namoota akka
haadhaaf abbaatti fudhatamantu eebbisa.
Kan eebbifamus guyyaa cidhaa yeroo hamaamonni waan sooratuun duratti nikaan erga
hidhameen booda kan eebbii raawwatuudha (Shaawaayyeefi Fireehiwoot, 1999: 456).
Walumaagalatti, eebbi waan baayyeef eebbifama. Keessumattuu eebbi sirna fuudhaaf heeruma
irratti eebbifamu jireenya namaa keessatti faayidaa hedduu qaba. Kana jechuun sababa
eebbichaan gaa’ila namaa, dhala namaa, qabeenya namaatu eebbifama. Eebbi kunis jireenya
namaatti qabata. Kanamalees, milkaa’ina jireenyaatu isaan qunnama.
Page 26
[Link].3. Eebbii Waltajjii
Eebbii waltajjii irratti dhiyaatu kadhannaafi galateeffannaa guddaa waan ofkeessaa qabuuf akka
waan kadhannaa yookiin kennaa Waaqatti ilaalamuu danda’a. Haa ta’u malee, akka ilaalcha
Oromootti eebbii kan godhamu yoo wanti nageenya barbaadaniidha. Kana jechuun waan sirrii
ykn dogoggora ta’e addaan baasee kan mul’isu kuusaa ilaalcha hawaasaa ta’ee tajaajila
(Misgaanuu, 2011:56).
Page 27
“…..there is a series ofanalytic connections between the nation of speech acts,what speakers
means,what thesentencesor the linguistic element uttered means,the speakers intend,what the
hearerunderstand,and what the rules governing the linguistic elements …”
Yaada kanarraa kan hubatamu yaaxxina kana fayyadamnee yoomessa jechi tokko keessatti
dubbatame irraa kaanee gara seera sanaatti dhufuu qabna jechuudhaan yaada isaa dhiheessa.
Haalli dubbii walqunnamtii tokkoof isa bu’uuraati. Akka hayyuu kanaatti haalli dubbii,wanta
dubbataan jedhu, karaa xinqooqaatiin jechi dubbatamu sun maal akka ta’e dubbataan maal
dabarsuu akka barbaade, dhaggeeffataan akkamitti akka hubateefi seerri xinqooqaa maal akka
jedhu walitti hidhata cimaa qabu jecha.
Walumaagalatti maleenyaan yaaxxina dubbiifi gochaa kun kan irratti xiyyeeffatu jechoota adda
addaatti fayyadamanii dubbachuudhaan maal akka hojjetaniifi walqunnamtiin namoonni
walwajjiin taasisan akkamitti milkaa’uu akka danda’u kan keessatti ibsamuudha.
Page 28
and Gall, 1979:30). Yaada armaan olii irraa akkuma hubatamu qabiyyeen hiikkawwan addaa
addaa wanta dubbatamuufi barreeffamuuf kenninu yoo ta’u, xiinxalli qabiyyee immoo bifa
dubbiifi barreeeffamaan wantoota mul’ataniif hiikaa kennuudha. Hayyoonni kanneen akka
(Finnegan,1997:241), (Dorson,1972:66), (kpewho,1992:13; Brown,1999:42) qabiyyee
afwalaloo xiinxalluun ilaalchaafi falaasama hawaasichaa caalmaatti hubachuudha
jedhu.
Walumaagalatti qabiyyee afwalaloo xiinxalluun hafee afwalaloo tokko waa’ee,
gadda, jaalala, jibbaa, mormii, deggeruu, qaanii, misooma agarsiisuu isaa adda baasuun
nidanda’ama. Qorannoon kunis haaluma kanaan qabiyyee afwalaloo eebba Oromoo Arsii
Sikkoo- Mandoo keessaa xiinxalluudha.
Page 29
2.4. Sakatta’a Qorannoo Aantee
Sakatta’a qorannoo walfakkii/ aantee taasifameen qorannoon eebba Oromoo ilaalchisee armaan
dura taasifame Lammeessaa Kumarraa bara 2009 mata duree “Qaaccessa Qabiyyee Eebba Sirna
Raawwii Fuudhaaf Heeruma Kadhaa: Kan Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbayyaa” jedhuun
gaggeeffame xiyyeeffannoon isaa qaacceessa qabiyyee eebba Oromoo fuudhaaf heerumaati.
Argannoon qorannichaas kan mul’isu, qabiyyeen ijoon eebba fuudhaaf heerumaa nageenya,
kadhaa Waaqaa, gaa’ila, hormaata, hawaasummaafi diinagdee ta’uusaatu ibsame. Qorannoo
kanaan wanti walfakkeessu lachuu eebba Oromoo irratti gaggeeffamuudha. Qabxiin gargara
taasisu qorannoon Lammeessaan gaggeeffame gosoota eebba Oromoo keessaa kan fuudhaaf
heerumaa qofa fudhatee qabiyyee [Link] kun immoo qabiyyee gosoota eebba
Oromoo arsii Sikkoo-Mandoo hunda giddugaleessummaan kan xiinxalluun qaawwa gama
kanaan mul’atu kan cufeedha.
Ashenafi Belay fi Eba Teresan bara 2017 mata duree “The Poetics of Oromo Blessing
Expressions: A Stylistic Analyis of a Verbal art Genre” jedhuudha. Fuulleffannoon isaa eebba
Oromoo gosa aartii afaanii kan ta’e akkaatummaan xiinxalluudha. Argannoon qorannichaas kan
mul’isu eebba Oromoo caacculee akkaatummaatiin sadarkaa saditti qoodamuusaa ifa baase.
Sadarkaaleen kunis marmaartoo (repitation) sadarkaa sagalee, sadarkaa galumsaafi sadarkaa
xinhiikaa qabaachuu isaa ifoomsa. Qorannoo kanaan kan walfakkeessu jalqabumarraa eebba
Oromoo xiinxaluu yoo ta’u, qabxiin adda adda taasisu kallattii ittiin ilaalameedha. Kana jechuun
Ashanafi fi Eban kallattii dayeessaa akkaatummaatiin xiinxallan.
Walumaagalatti qorannoo kanaan immoo eebba Oromoo Sikkoo-Mandootu qabiyyeen isaa
xiinxallama. Kun qabxii gargar taasisu yoo ta’u dabalataan afaan ittiin qoratames garagara ta’a.
Page 30
BOQONNAA SADI: MALLEEN QORANNOO
Boqonnaan sadaffaa kun malleen qorannichi ittiin gaggeeffame ilaallata. Kanaanis mala
qorannoo, saxaxaa, madda ragaa, tooftaa iddaattessuu, meeshaalee funaansa ragaa, tooftaa
xiinxala ragaafi dhimma sakkootu walduraa duubaan dhiyaate.
3.1. Saxaxa Qorannichaa
Dastaa (2002:20) “Qorannoon mala kanaan yookiin akkamtaan gaggeeffamu odeeffanno argate
mala addeessatiin yookaan mala ibsaatiin dhiheessa” jedha. Bu’uuruma kanaan qorannoo kana
keessatti mala akkamtaatu hojiirra [Link] gaggeeffamu kun aadaa afoola hawaasaa
wajjin kan wal qabateedha. Kunis haala jiruufi jireenya hawaasichaa wajjin waan wal qabatuuf
qorataan ragaalee bifa adda addaan funaannachuu ni danda’a. kunis duudha, aadaa hawaasichaa
waan ibsuuf gaafachuun, yaadannoo adda addaa qabachuun, ragaa waraabbachuun qorataan
ragaa funaannachuu danda’eera. Ragaa bifa kanaan walitti qabatus qorataan gadi fageenyaan
xiinxalluun tokkoo tokkoon adda baaseera.
Qorannoon kun afoola keessaa afwolaloo hawaasaa irratti kan xiyeeffate yoo ta’u, mala
akkamtaa kan gaggeeffameedha. Kunis afoolli bifa akkamtaa malee, kan hammamtaan
agarsiifamu waan hin taaneef mala akkamtaatti kan dhimma itti bahameedha. Qorataan
odeeffannoo waa’ee hawaasichaa ilaallatan ykn taateewwan isaanii isaan ilaallatan kan mala
akkamtaatti fayyadamuun kan gaggeeffameedha. Kun immoo gaaffiwwan murteessoo kanneen
akka ka’umsaafi kaayyoo qorannichaaf deebii kenna jedhee kan qorataan itti amanee itti dhimma
baheedha.
Page 31
3.3. Mala Iddatteessuu
Akka Flick (2002:61) ibsutti, qorannoon tokko yeroo gaggeeffamu iddattoon namoota afgaaffiif
dhihaatan ittiin filachuuf qofa kan itti fayyadamnu osoo hin taane bakka saditti itti
gargaaramna. Jalqaba namoota odeeffannoo kennuu danda’antu filatama. Kanaan booda wayta
odeeffannoo funaannamee hiikamuufi qaacceffamu itti fayyadamna. Ragaan qaacceffame bu’aan
qorannoo erga beekkamee booda qorannicha qaama dhimmi ilaaluuf dhiheessuuf kamtu akka
dhihaatu kan ittiin filatamuudha.
Bu’uuruma kanaan malli qorataan iddattoo filachuuf dhimma itti bahe gosoota mala iddattoo
miti-carraa keessaa mala iddatteessuu lamatti dhimma baheera. Isaanis: kaayyeeffatamaa
(purposive sampling), eeruu ykn darbaa dabarsaadha (snowball or network sampling). Haaluma
kanaan qorataan, qorannoo isaatiif namoota ragaa qaban dhiheenyatti argatullee addaan baasee
beekuun waan rakkisaa itti ta’uuf, mala darbaa dabarsaa fayyadamuudhaan odeeffannoo isa
tokko irraa yoo argate jaarsota jalqaba hawaasa keesatti odeeffannicha gahaa ni kennan
jedhamee eerame sun kan biraa akka eeraniif gaafachuudhaan ragaa funaaneera. Maanguddoota
waa’ee eebba Sikkoo -Mandoo sirriitti beekanii keessatti akka hirmaatan godhamaniiru. Sababni
maanguddoon filatamaniif, eebba Sikkoo-Manddoo sirritti odeeffannoo kennuu ni danda’an
jedhamanii waan hawaasa keessatti beekamaniifiidha. Aanaan Dodolaa Gandoota 27 kan qabu
yoo ta’u gandoota hundaa keessaa fudhachuun humnaafi maallaqa heddu waan gaafatuuf,
Gandoota afur (4) akka iddaattessuu kaayyeeffatamaatiin kan fudhatameedha.
Kanarraa ka’uudhaan qorataan namoota aanaa sanaa keessa Ganda Garbaa Taruuraa, Koroo
Dooyyoo, Alantuu Doobbadoo fi Gannata Haraa jiraatan mararraa odeeffannoo funaanuufi
xiinxalluuf yeroofi hanqina maallaqaarraa kan ka’e ulfaataa waan ta’eef mala darbaa
dabarsaa/eeruu/ kanatti gargaaramee iddattoo jaarsota eebba danda’an diigdamafi (20) namoota
waa’ee eebbaa sirritti beekaniifi eebbisuu danda’an kudha lama (12) fudhachuun qorannoo
gaggeesseera. Dhiironni qofti kan filatamaniif immoo, akka aadaa Oromootti irra jireessaan
eebba kan eebbisu dhiirota waan ta’aniifidha.
Page 32
3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaalee
Qorannoo haqa qabeessa dhugaa hawaasa tokko keessa jiru bira gahuuf tooftaaleen ykn malleen
funaansa ragaalee adda addaatti gargaarameera. Ragaalee kanneen funaannachuudhaan qorataan
mobayila, kaameraafi viidiyoo fayyadamuun odeeffannoo funaannateera. Qorannoon akkanaa
kun immoo, afgaaffii, marii gareefi daawwannaan qorannoo kana gaggeesseera. Qorataan
qorannoo qulqulleffataa fayyadamuuf haala adda addaatin waan ilaaleef malaawwan ragaaleen
ittiin funaannaman muraasatti dhimma baheera.
Kanarraa ka’uudhaan qorataan odeeffannoo afgaaffii, marii gareefi daawwannaa kallattiidhaan
hawaasa keessa seenuudhaan odeeffannoo walitti [Link] odeeffannoo funaanee qorataan
itti fayyadame kanneen armaan gadiiti.
3.4.1. Afgaaffii
Meeshaa odeeffannoon ittiin funaanname keessaa tokko afgaaffiidha. Afgaaffiin qorannoo kana
wajjin waan baay’ee barbaachisaa ta’uuf qorataan itti fayyadamee jira. Punch(1998), yoo ibsu “
the interview is one of the main data collection tools in qualitative research. It is a very good
way of assessing people‟s perceptions ” jedha. Akka yaada kanarra hubachuun danda’amutti
afgaaffiin qorannoo akkamtaa keessatti meeshaa funaansa ragaa murteessaa ta’uu ibsa. Malli
kunis mala qorataan odeeffannoo kennitootan fuula fuulatti wal arguun odeeffannoo qorannoo
isaatiif barbaadu afaanin gaafachuun funaannateedha. Malli kun immoo namoonni waa’ee
eebbaa walqixa waan hin beeknef malli odeeffannoon ittiin funaannamu kun caalatti filatameera.
Gama biraan ammoo odeeffannoo kennitootni dandeettii dubbisuu waan hin gaafanneef bifa
salphaa ta’een eebbisuu ni danda’u. Kanaaf malli kun afaanin waan deebisaniif, odeeffannoo
kennitootafis mala salphaadha.
Qorataan afgaaffii qindaa’e muraasa qopheeffachuun gara ragaa funaanutti erga deemee booda
odeeffannoo barbaachisaa ta’e akka kennaniif jecha gaaffiilee deebii qorannoo kanaaf oolan
qopheeffachuun odeeffannoo kennitoota gaafateera. Haaluma kanaan wantoota odeeffannoo
kennittootni beekan,waan duraan irratti hirmaatan /hirmaachaa jiran/, waan ijaan argan gadi
fageenyan akka ibsan karaa baneera.
Qorataanis odeeffannoo funaannachuuf jalqaba gaaffii qorannoo isaatiif deebii naaf kenna jedhee
yaade gaaffilee shan/5/ qopheeffateera. Gaaffileen qophaa’an kunis kaayyoo qorannichaa
galmaan naaf gahan jedhee erga yaadee booda qorataan bakka namoota iddattoof filataman
deemeera. Erga achi gahee booda namoota iddattoof filataman san mala darbaa dabarsaan mana
Page 33
isaanirra deemuun odeeffannoo funaannateera. Yeroo isaan odeeffannoo kennan kanneen
barreeffaman jalaa barreessaafi kan waraabaman jalaa waraabaa walitti qabateera.
Kana booda mala darbaa dabarsaan namoota garee walitti qabamanii jiran bira deemuun
odeeffannoo funaanname kana mirkaneeffachuuf jechaan akka jedhan qorataan jechisiiseera.
Kunis, suur-sagaleen [Link] kunis odeeffannoo jalqaba argameen walbira
qabamuun mirkaneeffameera.
3.4.2. Marii Garee Hirmaachisaa
Qorannoo afoola ummataa ilaallatan irratti godhaman hubachuuf mariin garee barbaachisaadha.
Kana jechuun maalummaa hawaasicha sanii gadi fageenyaan beekuuf hawaasicha keessa
seenuun marii wajjin hirmaachudha. Kunis aadaa, safuu, duudhaa, hawaasichaa baruuf
[Link] ka’uudhaan qorataan namoota bakka Eebbaarratti hirmaatan keessa
seenuun marii waa’ee Eebba Sikkoo Mandoo taasiseera. Garee lama kan miseensota namoota
jaha (6) qabutti qoodeera.
Marii kanarraayis kaayyoo qorannichaa kan dhugoomsuu danda’an adda baafateera. Namoonni
marii kanarratti qooda fudhatan waa’ee Eebba Sikkoo Mandoo kan gadi fageenyan beekaniifi
keessatti qooda fudhatanii heddummanaan argamaniiru.
3.4.3. Daawwannaa
Qorannoo kana karaa guutuu ta’een gaggeessuun bu’aa barbaadamu bira gahuuf ragaan karaa af-
gaaffiitiin odeeffannoo kennitoota irraa argamu kophaasaatti gahaa ta’uu dhiisuun ni mala. Kana
waan ta’eefis, ragaa dabalataa qorannichaa cimsuu danda’an funaannachuuf eebba Arsii Sikkoo-
Mandoo yeroo eebbi yaa’aa, loonii, fuudhaa-heerumaa, sirna bunaafi dhaqna qabaa waytii shan
iddoollee eebbi kunneen gaggeeffamu daawwachuudhaan akkamitti akka eebbifamuufi
maanguddoon maal akka eebbisan ilaalamaniiru. Dhalli namaa waan dubbatu hunda ni hojjata
jechuu waan hin dandeenyeef, waan inni qabatamaan hojjatu sana daawwatanii ragaa qorannoo
funaannachuuf nama gargaara. Akkasumas, odeeffannoo bal’aa ta’e tokko argachuudhaaf
daawwannatti gargaaramuun barbaachisaadha. Karaa birootiin immoo, daawwannatti
gargaaramuun wanta jaarsoliin waltajjii irratti afaaniin dubbatuu cinatti eebbaawwan adda addaa
kan ergaa adda addaa dabarsuu danda’an kan jaarsonni sirna eebbaa sana irratti itti fayyadaman
funaanachuudhaaf nu gargaara. Kana waan ta’eef anis ragaa af-gaaffiin argamu irratti dabalataan
ragaa qorannichaa cimsuuf jecha yeroo sirni eebbaa maanguddootaan raawwatamu si’a heddu
daawwachuufi sirriitti dhaggeeffachuun ragaa qorannoo kanaaf ta’u fanaanamaniiru
Page 34
3.5. Mala Xiinxala Ragaalee
Qorannoo kana keessatti qorataan maloota jiran keessaa mala akkamtaatti gargaaramuun hiikaafi
ibsa itti kenneera. Kunis odeeffannoowwan afgaaffii, daawwannaafi marii gareetiin argaman
gadi fageenyaan xiinxalluun hiika itti [Link] mala kanatti gargaaramee
odeeffannoowwan walitti qabatuun [Link] qorataan qorannoo kanaaf walitti
qabate tooftaalee garagaraatiin xiinxalleera. Tooftaaleen kunis qoqqooddiifi irra deddeebiidhaan
kan dhihaateedha.
Odeeffannoon qorannoo kanaaf barbaachisu erga funaannamee boodas bakka adda addaatti
qoqqoodamuun ibsameera. Yeroo qoqqoodamus bifa tokko qofaan osoo hintaane bifa
garagaraatiin ilaalamuun qoqqoodameera. Odeeffannoowwan afgaaffiifi marii gareetiin
funaannaman akkaataa wal fakkeenya isaaniitiin walitti guuramanii ibsamaniiru. Ibsi itti
kennamus haaluma namoonni odeeffannoo kennaniin sababa isaanii waliin taa’eera.
Odeeffannoowwan Eebba Sikkoo- Mandoo gosoota, qabiyyee, faayidaafi yoomessa akkamii
keessatti raawwatamuu akka qabutu xiinxallameera.
Page 35
BOQONNAA AFUR: XIINXALA EEBBA OROMOO SIKKOO-MANDOO
Boqonnaa kana keessatti xiinxalla ragaalee maddawwan gara garaa irraa mala funaansa ragaa
garagaraan walitti qabamantuu walduraa duubaan xiinxallame. Jalqabarratti Gosoota Eebba
Oromoo Sikkoo Mandoo eebbisu, itti aansuun qabiyyee eebba Sikkoo-Mandoo akkasuma
faayidaa eebba Sikkoo- Mandoofi dhumarrattis xiinxala yoomessa eebba Oromoo Sikkoo-
Mandoottu dhawaataan dhiyaate.
Abbaan Gadaa Qaabatoo Fanjaajaa jiraataan Ganda Gannata Haraa afgaaffii gaafa Ebla 08,205
isaan waliin taasifame keessatti baay’ina nama eebba yaa’aa eebbisuu haala kanaan ibsaniru.
Haaluma yaa’ichaatiin hayyootiin eebbisan nama sadi ykn shan ta’u. Lakkoofsi qeenxee
ta’u qaba. Sadi,shaniifi ka isaan fakkatan yoo ta’u lakkoofsi guutuun hin ta’u. Sababbiin
isaa sadii yoo ta’an afraffaan Waaqa, shan yoo ta’an jahaffaan Waaqa/Rabbi jedhanii
waan amananiif malee Oromoon waan guutuu malee hirdhuu hin jaalatu. (Abbaa Gadaa,
Qaabatoo Fanjaajaa)
Yaada Abbaan Gadaa Sikkoo-Mandoo kan duraanii Qaabatoo Fanjaajaa armaan olitti kennan
irraa kan hubatamu, eebba yaa’aa namni eebbisu lakkoofsaan muraasa ta’uu, kunis, sadii-
shaniiti. Lakkoofsi kunis qeenxee ta’a malee guutuu hinta’u. Sababni guutuun Waaqa jedhamee
waan amanamuuf akka ta’e irraa hubatama.
Page 36
Suuraa 1: Eebbi Yaa’aa yoo gaggeeffamu agarsiisu
Manguddoonni filaman dabaree dabareen yemmuu eebbisan namoonni yaa’a/ jila sana hirmaatan
waan isaan jedhan san jedhaa jalaa qabu. Dhiira qofaan ka geggeeffamu ta’a. Eebbi Oromoo
Arsii Dhiltee dhinnaan jalqaba. Sababnisas duudha hawaasa Oromoo Arsii keessatti woyyooma
bokkuu ykn hookkaa, ateetee, qaalicha, hangafaafi maandhaan haala duudha hawaasa kan
ganamaa keessatti ulfinaafi kabajaa guddaa waan qabaniif eebbaan eegaluun dura hoffoltii
gaafachuun dirqama. Hofoltii gaafatee erga hoffaaltii argachuu isaa mirkaneeffateen booda
eebbatti seena (Manguddoo, Waaqoo Nuuree 10/07/2015).
Page 37
Dhibaayyuun sii dhagayi…..Dhagayi
Uumaan sii dhagayi…..Dhagayi
Uumeen sii dhagayi…..Dhagayi
Page 38
Mootii ambaa si godhi ……Godhi
Ejersa gaaraa si godhi ……Godhi
Page 39
hiikamu na hoffolchaa jechu. Erga hoffoltii gaafatee booda immoo ijarraa hafaa nu hambisaa
jedhee eebba isaa itti fufa. Seensa irrattis;
Sirna Gadaa keessatti namniifi Waaqni kan wal qunnaman karaa qaalluutiini. Qaalluun immoo,
Waaqaan kan walqunnamuun karaa Ayyaanaatiin. Kanaafuu, dhibbi dhagahi dhibaayyuun
dhagahi jechuun yaa Waaqa tokkicha kan maqaa dhibbaa nuu dhagahi, yaa ayyaana Oromoofi
qaalluufi Waaqa walitti fiddu siif dhibaafannee kadhaa nurraa fuudhi akka jechuuti.
Gadabitti si galchi,
Gadaa si hulluuqsisis
Seenaa Oromoo Arsii keessatti Aanaan Godina Arsii lixaa keessatti argamtu Gadabiifi Godina
Arsiitti tan argamtu Aanaan Sirkaa bakka/lafa hormaataafi bultumaati. Oromoon Arsii Sikkoo-
Mandoo yoo eebbifatu Gadabitti gali gadaa hulluuqi sababni jedhuuf, sababbii mataa isaa
danda’e kan armaan gadii kana qaba. Akka manguddoonni Caakkuu Waaqoo Bariisoofi Roobee
Maammaa jedhanitti dur dur Booranatti hoongeen dhalatee jennaan hayyuufi maanguddichi
Booranaa kan maqaan isaa Gadabichoo jedhamu Boorana irraa baqatee gara Arsii naannawa
har’a burqaa laga Hasaasaa jedhamutti qubate. Jaarsi kun gaafa Boorana irraa gara Hasaasaa
dhufu loon tokkos hin qabu ture. Hasaasa dhufee waggaa muraasatti horee loon bakka oolchuuf
bulchu dhabe. Arsiinis nama kana Abbaa karraafi qe’ee godhee muudate. Akka manguddoonni
Page 40
kun jedhanitti jaarsi kun waggaa 100 ol Gadabiin ture. Gaafa Boorana dhufuyyuu jaarsa waggaa
100tti kalaahu ture. Guutumatti jaarsi kun waggaa 200 ol jiraate jedhan.
Kanaafuu, Gadabitti gali jechuun horii buli akka jechuuti. Sababiin isaa namni gadabitti gale ni
hora jedhamee waan yaadamuuf. Gadaa hulluuqi jechuun umrii Harraagessaa argadhu akka
jechuuti. Sababni isaas; namni Gadabitti gale akkuma Gadabichoo jaarraa lamaa ol bula
jedhamee waan yaadamuuf. Kanumaaf Aanaan Gadab Hasaasaa maqaa Gadab jedhu kan argatte
manguddicha Booranaa kan Gadabichoo jedhamu kanarraati.
‘Dololoo yaasi”
Yaa’a gabbisi
Dololoo jechuun gololee ykn sulula Bishaan dirsaa hamaa roobee gaarreen irraa gadi gara
maansa gogaa bonni dhukkeessee roobee lolaan biyyee, mukaafi citaa guuree deemu jechuudha.
Lolaa jechuun galoodha. Lolaa kana keessa balaan dhaqqabu mala. Dololoo yaasi, yaa’aa
gabbisi jechuun malkaa (maansa) gogeessa yaasi, waan yaa’u ykn margu gabbisi
[Link] rooba keessa dhufu nurraa oolchi [Link] yaa’uu jechuun waan lafaa
marguu fi waan lubbuu qabu lafa irra deemu jechuudha.
Diina huqqisi jechuun, diina namaafi sa’a kee keessaa si baasuuf deemu humnaafi qabeenya
dhoowwachiisi, qaama irraa fixi, humna dhabsiisi jechuudha. Huqqaa sanuu ajjeesi jechuun
immoo, diinni namaafi horii keenyaa lubbuun isaatuu akka hin jiraanne godhi ykn dhabamsiisi
jechuudha.
Page 41
(Maddi : Obboo Qaabatoo Fanjaajaa 08/07/2015).
Cinii balleessi …Cima deebisi …jechuun Ciniin raammoo horii irratti maxxanuun dhiiga horii
san xuuxuun huqqistu waan taateef ishee san balleessi jechuu yoo ta’u, Cima deebisi jechuun
Horii gabbisi jechuudha.
Page 42
qabaachuu, abba farda lafaan dhaye deemuu dhabuufi nama farda sangaa ajjeeseefi hate
fixachuun beekkama. (Maddi : Waaqoo Nuuree 10/07/2015).
Jaarsaafi jaartii woliin bulchi jechuun hormaata namaa itti fuufsisuufi akka qacceen Sikkoo-
Mandoo bal’atuufi Haftuu Guntutaan bulchi jechuun hanga bultii ijaarattutti dhiira kaminiyyuu
akka wolitti hindhihaanneefi safuufi kabajji maatii, gosaafi sabaa akka eegamuuf akkas jechuun
eebbisu.
Deettuu Qanafaan bulchi jechuun dubartiin yeroo deettu Qanafaa kallacha irratti godhatti, kana
jechuun deettuun eddoo deemtu, eddoo teettufi nyaattu hundatti kabaja godhamaaf, kun immoo
deettu akka itti fuuftuuf hormaata dheeressuuf, isii qanafaan jirtu abbaan worraallee dhahuu hin
danda'u kanaaf akkasitti eebbisu.
(Maddi : Waaqoo Nuuree 10/07/2015).
4.1.2. Qabiyyee Eebba Loonii
Akka Manguddoon Gadaa Jaarraa jiraataan ganda Gannataa Haraa Ebla 12,2015 afgaaffii isaan
wajjiin taasifame irratti ragaa bahanitti eebbi loonii gosoota eebbaa keessa tokko ta’ee uummanni
Oromoo diinagdee isaa keessatti horsiisa looniitiin kan beekkamu loon isaa eebbaan falata. Loon
faloo qaba. Kana jechuun faloon yookiin eebba looniitiin loon isaa horsiifata. Kan loon dhibe
akka aadaa Oromoo Arsiitti ni falchiifata. Erga falchiifatee loon horaaf jechuun ragaa bahu.
Page 43
Suuraa 2: Eebbi Loonii yemmuu gaggeeffamu agarsiisu
Diinagdeen uummata Oromoo jiruufi jireenya isaa harka irra jireessaan qonna irratti kan
hundaa’eedha. Qonna lafaa bifaa aadaafi ammayyaan qotaa ittiin jiraataa tureen duratti horsiisa
looniitiin beekama. Keessattuu loon gaafaa horsiisuun beekama. Looniin jiraata waan ta’eef loon
isaaf kabaja qaba. Bonaa-Ganna akkasuma Birraa-Arfaasaa loon isaa bakka bulfatu beeka. Akka
itti tikfatus beeka. Hora obaafata. Akka horuuf, Bonni akka hin miineef, hoongeen akka itti hin
buuneef dhukkubni hamaan akka itti hin dhufneef Oromoon loon isaa ni falata. Kanaafuu, loon
faloo qaba. Falaa-faloo tanatuu eebba looniiti. Akka Oromoo Sikkoo-Mandootti loon kan
eebbisu yookiin kan falu gosa hundaa miti. Gosa muraasa. Baala muka Anshaa jedhamuu
qabatee mooraa keessatti eebbisa. Ni anshisa jechuudha. Eebba loonii fala xumuranii gara manaa
yeroo deebi’an shifaa gola keessatti dhaabanii /xiribbaa dhaaban. Achii booda shanoon xiribbaa
wolitti kennaa aannan dhibaasaa eebbisan: qabiyyeen eebbichaas akka armaan gadiitti
dhiyaateera.
Page 44
Baattoo baadhu sabbadhu!
Nama baadhu, sa’a baadhu!
Waatii baadhu, maatii baadhu!
Waan Waaqaa bu’e lafaa sifeessi!
Waan lafaa baye sa’aa sifeessi!
Waan sa’aa baye namaa sifeessi!
Gu’aa taadhessi!
Dhaltii aanessi!
Korma baroochisi, falfala hadoochisi !
Cinii sangoomsi, korma wondabsi !
Goondee balleessi ,marga horii sifeessi !
Tinni nagayaan haa galu
Foolataan nagayaan haadhalu
Elellee quubsi, quufa deebisi
Fala deebisi, falfala balleesi
Sa’aa misa deebisi
Sanyii atootaa deebisi
Namaa mirga deebisi
Doloodhoo yaasi, yaa’a gabbisa !
Baatuu deebisi ,baaduu deebisi !
Abbaa mooressi ,haadha coonessi !
Baasoo gabbisi , raasoo gabbisi !
Page 45
Loowwan horaa, Qeerroo gudeedessaa !
Loowwan horaa, Haftuu guntuteessaa !
Loowwan horaa, Saalaa wixaa !
Loowwan horaa, Falfaltuu fixaa !
Loowwan horaa, Horaa gabbisaa !
Loowwan horaa, Caancoo maddisaa !
jedhanii eebbisu. Obbo Hullee Jawaaroo fi obbo Nageessoo Bariisoo (Ebla 18/8/2015).
Hiikaafi ibsi qabiyyee eebba loonii armaan olitti dhiyaate akka itti aanu kanatti ibsameera.
Baattoo baadhu sabbadhu! Nama baadhu, sa’a baadhu! Bo’oon kun walitti yoo qabamu
hammenya irraa eegii namaafi sa’aas jiraachis jechuudha. Waatii baadhu, maatii baadhu! Waan
Waaqaa bu’e lafaa sifeessi! Kunis haaluma walfakkaatuun jabbiifi maatiifis toli akka jechuuti.
Waan lafaa baye sa’aa sifeessi! Wanti lafaa bahu maddaafi marga looniif taasisi jechuudha.
Waan sa’aa baye namaa sifeessi! Waan sa’aaf ta’u namaafis taasisi jechuudha.
Gu’aa taadhessi! Sa’a aannan dhabe akka deebi’ee fuudhu/dorrobu godhi akkasuma Dhaltii
aanessi! kan jedhu sa’a aannani sirritti akka kennu godhi jechuudha.
Korma baroochisi, falfala hadoochisi ! Kormi qilleensaafi marga gaarii argatee goobee yoo
baroodu tola akkasuma yeroo sana hamaan/ ijji badduun akka hin argine godhi jechuudha. Cinii
sangoomsi, jechuun ciniin loon nyaattu akka wal horre godhi korma wondabsi! jechuun kormi
akka goobuufi hormaataaf taasisi jechuudha. Goondee balleessi , Goondeen gosa margaa laga
ykn sulula giddutti margu yoo ta’u loon yemmuu dheedan bokoksee ajjeesa. Kanaaf akka baduuf
eebbaan kadhatan. marga horii sifeessi! kana jechuun margi loon dheedan sifaayeefii akka
gabbisuuf eebba godhamuudha.
Tinni nagayaan haa galu kana jechuun loon eegumsa qaba. Oromoon “ Tika nagayaan galee
tiksichi aananan dhuga” jedha. Kana jechuun akkuma eebba keesssatti kaafame eegduun loon
sanaa nagaan eegee nagaayaan haa galchuu jechuudha. Foolataan nagayaan haadhalu foolataan
sa’a dorrobee dhaluu gayee yoo ta’u nagaan haa dhaluu jechuuf akkasitti eebbifama. Elellee
quubsi, quufa deebisi Elelleen maqaa sa’aati akka marga dheedee quufu akkasuma quufni akka
deebi’utu eebbaan kadhatame.
Fala deebisi, falfala balleesi Eebbaafi nagaya looniif deebisi ija hamtuu ykn hammeenya
balleessiif kadhatame. Itti aanees Sa’aa misa deebisi sa’aaf gabbini akka deebi’uuf yoo ta’u
Sanyii atootaa deebisi sanyiif misatu eebbaan dhiyaate. Ammas haaluma walfakkaatuun Namaa
Page 46
mirga deebisi namaaf mirga Doloodhoo yaasi, yaa’a gabbisa ! doololloon rooba roobeen lagni
goge deebi’ee akka yaa’utu eebbifame .Baatuu deebisi ,baaduu deebisi ! Baatuun marga rooba
deebi’aan deebi’ee bifa haaraan marguudha. Baaduun immoo aannan raafamee dhadhaan yoo
keessaa bahuuti.
[Link]. Qabiyyee Eebba Yoo Horii Dhaletti Dhufanii
Oromoon aadaa qaba safuu-safeeffata beeka. Uummata guddaa duudhaa qabuudha yoo jedhame
gurra guddisuu hintaatu. Akkasuma Oromoon Sikkoo-Mandoo karaa yoo deemu ta’ee olla isaatti
sa’a dhaletti yoo dhufu warra saani dhaleef sana callisee bira hindarbu ni eebbisa. Qabiyyeen
eebba kanaas akka itti aanuu kanaan taasifama.
Page 47
[Link]. Qabiyyee Eebba Nama Farda Bitatee
Hariiroon Oromoon beeyladoota wajjiin qabu xiinxalla olii keessatti akkuma ibsame Fardi
Oromoota biratti kabajaafi jaalala guddaa qaba. Sikkoo-Mandotti namni farda sangaa yaabbii
bitatee eebba qaba. Qabiyyeen eebba sanaa akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Page 48
4.1.3. Qabiyyee Eebba Fuudhaa-Heerumaa
Aadaa Oromoo keessaa inni tokkoofi beekamaan aadaa fuudhaafi heerumaati. Sirni kun yoo
gaggeeffamu adeemsa isaa keessatti eebbaan jalqabama eebbaan gaggeeffama. Eebbumaan
goolaabama. Kanas manguddoonni Oromoo Arsii Sikkoo-Mandoo yemmuu ragaa bahan:
Akka aadaa teenyaatti ilma gayetti ni fuuna;intala geette ni heerumsiifna. Kun immoo gaafa
warri gurbaa dubbataan mana warra intalaa adeemee walitti warra fuudhuufi heerumsiisu fiduuf
jalqabu irraa kaasee hanga sirni fuudhaa-heerumaa kun dhumutti eebbatu sadarkaa sadarkaan
mul’atu. Gaafa intala walii kennan ( gaafa naqataa), ayyaana qabatan eebbaan sirnicha
[Link] gaa’ilaa sadarkaa garagaraatti eebbatu qajeelcha. Kanatu eebba gaa’ilaati.
Page 49
[Link]. Qabiyyee Eebba Yoo Hamoommotatti Dhufanii
Aadaa Oromoo kessatti tokko sirna fuudhaa-heerumaati. Sirni kunis akkuma Oromoota kutaalee
biroo Oromoota Sikkoo-Mandoo birattis beekamaadha. Warra intala fuudhu irraa gareen gurbaa
fuudhu waliin qe’ee warra intalaa deemee misirrittiin galatu hamoommota jedhama.
Hamoommonnis wayta fuudhaaf bahu eebbaafi offoltii fudhatee gara warra qe’ee intalaatti
bobba’a. Qabiyyeen eebba hamoommotaas bifa itti aanuun dhiyaateera.
Page 50
jechuun immoo, kan waliigalteen hojjatan, tan afaanii ardaafi gosa beektu haa taatu jechuun
Oromoo Arsii Sikkoo-Mandoo biratti beekkameedha. Ijaa arrabarraa hafaa jechuun hamtuun
ijaan isin hinargin. Akkasumas, Ta faana qabbanaa sii haa taatu jechuun tan hinsokkine, ta
baate hinlixine, tan mana biroo hinilaalle sii haa taatu jechuudha.
[Link]. Qabiyyee Eebba Intala Heerumtee
Intalli heerumtu akkuma gurbaa fuudhuu eebba qabdi. Warri eebbisee geeggessa. Akkuma
Oromoota kutaa biroo Oromoon Sikkoo-Mandoos intala heerumtu gaafa baasu eebbaan
gaggeessa. Eebbi kunis qabiyyeen isaa bifa itti aanuun dhiyaateera.
Page 51
Hiikni “Rabbi nagayaan si haa hiiku, dhala fardaa sii haa godhu, hololiif shololii sii haa godhu,
ollaan si hindhagayin salphumatti cinqii malee hoffoli jechuudha. Akka obbo Hullee Jawaaroo
12/06/2015 jedhanitti ”deetti si hin dhibin, dahaakka fardaa sii haa godhu ykn deetti si haa laaftu.
Homaa si hin dhibin jechuudha.
[Link]. Qabiyyee Eebba Deettuu
Akkuma aadaa Oromoo kutaalee birootti Oromoon Arsii Sikkoo-Mandoo waytii gammachuu
deettuu eebbatu jira. Kanas odeef-kennitoonni dubartii keessaa haala armaan gadii kanaan ibsite.
Akkuma guyyaa fuudhaafi heeruma misirroowwan, maatiifi firri gammadu gulantaa jireenyaa
keessattis misiroonni walfuudhan kunneen waytii finna/dhala godhatan gammachuun eebbaan
ibsama. Dubartoonni deettuu marsanii gammachuun ililchu. Aanaafi aaliin ollaan gumaata itti
dhufanii gammachuu qaban eebbaan ibsu. Gumaata fidanis dhandhamanii dhandhamsiisu/
unaanii unsiisu.
Akkuma xiinxalla olii dubartii ulfaa irratti ibsame dubartiin gaafa deettus nagayaan offoluun
gammachuu guddaadha. Eebbaafi gumaata qabdi. Qabiyyeen eebba dubartii deettee ulmaan
jirtuu akka itti aanutti dhiyaateera.
Baga hoffolte………………………..Amiin
Bagaa Rabbiin nagaa si hiike …..Amiin
Waan dhalate si haa guddisu …….Amiin
Aayyaaf aabba haa jedhu …………Amiin
Eda’ee sii haa kennu ……………….Amiin
Harkaa harma sii haa urgeessu.…..Amiin
Dabalee siif haa kennu……………..Amiin
Siree cabsii ka’i…………………….Aamiin
Hiikni Baga hoffolte, jechuun rakkoo tokko malee baga nagaan hikkamte, baga Rabbiin nagaan
si hiike jechuun baga milkoofteedha. Waan dhalate siif haa guddisu jechuun gurraa siif haa
ciniinu, akkasumas siif haa urgeessu jechuun eebbifama. Aayyaafi aabba haa jedhu jechuun
immoo, daa’imni guddatee maqaa haadhaafi abbaa kan yaamu haa ta’u jedhamee
[Link]’ee sii haa kennu,harkaa harma sii haa urgeessu jechuu, dabalee finna sii haa
kennuu, qaama harkaafi harmaa kee kan daa’ima tajaajilaaf ooluuf nagaa siif haa kennu. Siree
Page 52
cabsii ka’i jechuun immoo,dubartiin deesse takka akka aadaa ummata Oromoo Arsii Sikkoo -
Mandootti; kabajaa guddaa waan qabduuf soorata barbaachisoo re’ee ykn hoolaa qaluufi waan
dhadhaa nyachisuun qaamni ishee kan furdateedha.
(Maddi : obbo Gadaa Jaarraa 12/08/2015).
[Link]. Qabiyyee Eebbaa Namni Gumaata Fide Eebbisu
Gumaanni kennaadha; kennaa kabajaati. Oromoon Sikkoo-Mandoo sababa garagaraatiif waliif
gumaata fida. Sababoota kanniin keessaa dubartii deessuuf, mucaa dhaqna qabateef, goota
jabduu dalageefi kkf gummaachu. Yemmuu gumaata fidan dhandhamanii dhandhamsiisu. Unanii
unsiisu. Gosti gumaataa korma, jibicha, re’ee, hoolaa, gosa dhangaa keessaa immoo marqa,
micciirraa, damma,dhadhaa dhugaatii keessaa aannan, daadhiifi wkf ta’a. Qabiyyee eebba
gumaataa haala itti aanu kanaan dhiyaate.
Gumaanni gumaata haa waamu
Arjaa garaa sii haa raasu
Dondha ciqilee sii haa dhayu
Gumaanni durduuraa siif haa ta’u
Hiikni. Gumaanni gumaata haa waamu, aannanii dhadhaan ykn kennaan siif kennamu wali
duukaa haa ta’u, arjaa garaa sii haa raasu jechuun immoo,garaa siif haa laaffisu, akkasumas,
dondha ciqilee sii haa dhayu jechuun, kennaan siif haa [Link] durduuraa siif
haa ta’u jechuun gumaanni walirraa hin citini ykn kennaan sirraa hindhaabbatin.
(Maddi: Gadaa Waayyuu 10/06/2015)
4.1.5. Qabiyyee Eebba Ijoollee Dhiiraa Dhaqna Qabatanii
Ce’umsa sadarkaa hawaasummaa jireenya ilmaan Oromoo keessatti tokko gadooma. Kunis
ijoolleen dhiiraa dhalatanii waggaa muraasa booda ni kittaanatu. Kun ce’umsa sadarkaa
agaarsiisa. Ijoolleen dhiiraa guyyaa dhaqna qabatan irraa jalqabee hanga madaan fayyeefi lafaa
ka’anitti gumaataafi eebba argatu. Eebba fudhatanii gumaata nyaatanii gulantaa dhiirummaa
isaanittis gammadanii lafaa ka’u.
Page 53
Suuraa 4:Eebba gumaataa agarsiisu
Akka aadaatti mucaan dhiiraa tokko dhalatee waggaa muraasa booda gulantaa tokkoo kan itti
aanutti ce’uuf dhaqna qabaniif. Kunis gumaataafi eebba qaba. Akka itti aanutti dhiyaateera.
Manni ka milkii,
ka nagayaa,
Page 54
ka maatii ka waatii haa ta’u
Ka itti hortaan,
ka itti bultan haa ta’u
Ka fuudhaa heerumaa haa ta’u
Hiikni Manni ka milkii, ka nagayaa, ka maatii ka waatii haa ta’u ka itti hortaan, ka itti bultan
haa ta’u Ka fuudhaa heerumaa haa ta’u, akka waliigaalatti, manni haaraan isin ijaarattan kun
kan nagaa, kan maatii, kan waati, kan hormataa, kan milkii, kan keessatti hortan isin haa ta’u
jechuudha..
(Maddi : Obbo Hullee Jawaaroo 12/06/2015)
4.1.7. Qabiyyee Eebba Imalaa
Imalaan yookiin karaa deemaan ayyaana laallatee offoltii gaafatee eebbaan karaa baya. Kun
faayidaan qabu imala isaa keessatti rakkoon akka isa hinmudanne nagaan bayee nagayaan akka
galuuf eebba godhamuudha. Qabiyyeen isaa kan itti aanu kana.
Abbaan uchumaa uchuma irbee adamoo sanaaf Waaqa kadhata. Uchumni muka dikii jedhamu
irraa tolfama.
Page 55
Uchuma qaroo qarii si galchi-Galchi!
Diinatti qari-Qari!
Reebbataa hisachiis_Hisachiis! Reebbataa gudeeda bani-Bani!
Arfii allaaddoo godhi-Godhi!
Anba irraa qabii diinatti qabi-Qabi!
Diinatti qarii alaa si galchi-Galchi!
Ajjeessaa, Booji’aa, Darbaa tumaata bayaa
Dhaqaa gala hoffolaa,
Irra aanaa,ari’a dhaqqabaa
Dheessaa jalaa bayaa
Mirgaan gala
Diinni duqushaa isin jalatti haa ta’u
Hiikni Ajjeessaa, Booji’aa, Darbaa tumaata bayaa, diina irra aanaa, moo’adhaa galaa,gamtaan
lolaa,naghaan bahaa galaa, irra aanaa injiffannoon galaa,dheessa jala bahaa,jechuun eebbisu.
(Maddi: Obbo Caakkuu Waaqoo 18/08/2015).
Jiraadhu
Lubbuu buli
Utubaa sibiilaa ta’i
Laalanii si haa dadhaban
Ijji hamtuun si hin argin
Qoreen si hin woraaniin
Ka si ilaale nama aduu laale haa ta’u
Arraba diimaa ija gurraattii hofoli
Page 56
Ijaa ininnaasaa jalaa bayi
Hiikni eebbawwan armaan olitti ibsaman kunniin akkaataa armaan gaditti xiinxallamaniiru.
Jiraadhu, Lubbuu buli,Utubaa sibiilaa ta’i, jechuun, umriin kee haa dheeratu, beekkumsaan jaari,
dhalli kee haa beeku,jechuun eebbisu. Akkasumas,Laalanii si haa dadhaban, Ijji hamtuun si hin
argin, qoreen si hin woraaniin, Ka si ilaale nama aduu laale haa ta’u. jechuun si ilaalanii hin
danda’in,homtu si hin argin jechuun eebbiffamu.
Bunni qophaayee ollaan waamamee gaafa jedhu bunni jabanaan qophaa’e osoo hin bu’in eebbi
abbaa warraa yookiin angafaan [Link] eebba godhamuus bifa armaan gadiin
[Link] eebbi godhamee bitaafi mirgatti buna jabanaa xiqqoo dhangalaasuun gara buna
dhuguutti seenu.
Qawaataan jaba-Jaba!
Gama hiikaafi ibsa qabiyyee afwalaloo eebba sirna seensa buna dhugaatii armaan olii akka itti
aanu kanatti ibsameera. Qawaataan jaba kan jedhu jabina yookiin guddina Waaqaa jalqaba irratti
ibsuuf kan dhiyaateedha. Itti aansuun jabanaan meeshaa bunni itti [Link] nu
Page 57
baasiin immoo waan hammaataa nu oolchi ykn irraa nu hambisi jechuudha. Baalee baatee…
Dalloo baatee kan jedhu lafa kamiiyyuu haa bahuu balaa dhufe nu oolchi jechuudha. Namaaf
dalla nuu ta’I jechuun nama keenya nuu eegi jechuudha. Bunni faataa barri waadaa-waadaa!
Dhibaayyuun gara lafaa dhibdeen gara adawaa bo’oon lamaan kun bunni faataan bunni eebba
qaba barri waadaa kan barri bara kan dubbatame itti galma gayu akka ta’u hawwii qaban eebbaan
ibsan. Dhibaayyuun gara lafaa kan jedhu buna eebbi godhamee jabanaa irraa bitaafi mirgatti
(Bahaa-Dhihatti) garagalchuun xiqqoo dhangalaasuu kanatu dhibaayyuudha. Ni dhibaafatan
jechuudha. Dhibdeen gara adawaa kan jedhu immoo dhukkubni rakkoon ykn falfalli gara
diinaatti haa deebi’u jechuudha.
Sirni buna dhuguu eebbaan akkuma jalqabame eebbaan [Link] akka aadaa
Oromootti buna ollaa dhuganii callisanii hindeeman. Ni [Link] isaa akka armaan
gadiitti dhiyaateera.
Page 58
4.1.11. Qabiyyee Eebba Nama Aannan Nama Obaasee
Oromoon Arsii akkuma Oromoota kutaa biroo arjummaa qabuun akkuma rakkataa gargaaree ykn
hirpheefii rakkinaa baasu karaa deemaan tokko dheebotee yoo mana isaatti goree bishaan
dheebuu gaafate bishaan osoo hin taane aannan obaasee dheebuu baasa. Imalaan dheebuun isa
waxalte aannaniin wayta garaasaa qabbaneeffatee callisee hindeemu. Maatii aannan isa obaase ni
eebbisa. Qabiyyeen eebba gosa kanaa akka itti aanu kanatti dhiyaatee jira.
Looniin jaaraa
Loon haa horan
Bonaa Ganna haa dhalan
Taadhii haa dhalan
Bonaafi Ganna aannan hin dhabina
Hiikni Horiin isin harkaa haa turu, loon isin haa aanayuu, horii qabaadhaa, horiin keessan tibba
Bonaa Gannaa aannan hin dhabin, dachaa haa dhalan, jechuudha.
Nuti Oromoon akkuma gammachuu waliin gammannee qoodannu galteen gaddaas yemmuu nutti
galte akka itti waliif gaddinuufi eebba ittiin waljajjabeessinu [Link] gaddi galtee akka
du’aa nama gaddisiisuufi rifaasisu hinjiru. Kana immoo akka aadaa teennatti maatiifi fira galteen
itti galte kana eebbaan cinaa dhaabachuun jajjaabeessina. Kan du’e sanaafis akkuma amantaa
isaatti Rabbiin kadhannaaf.
Page 59
[Link]. Qabiyyee Eebba Yoo Daa’imti Nama Jalaa Deebitee
Daa’imti carroomuu yookiin eebbifamuudha. Akka carraa ta’ee yoo maatii tokko jalaa daa’imni
dhalate/tte deebitee boqatte haala armaan gadii kanaan maatii sana eebbisu.
Page 60
Isinuu bulaa
Hamtuun akkanaa isinitti hin deebi’in
Ibidda oo’aa isinii haa baasu
Hiikni Haadha manaa biroo Rabbi isinii haa kennu, badduun akkanaa isinitti hin deeb’in, ibidda
hoo’aa ykn haadha manaa gaarii isinii haa kennu jechuun eebbisu.
[Link]. Qabiyyee Eebba Yoo Maanguddoon Boqatee
Manguddoon umuriin waare tokko maatii tokko keessaa yemmuu boqatu eebbi gadda kanaaf
taasifamu haala itti aanu kanaan dhiyaateera.
Duuti akka malee isin hin argin
Duuti akkanaa isinhin dhiisin
Eebbaa fi beekkumsa isinitti haa dhiisu
Biifa isaa isinitti haa dhiisu
Haya isinitti haa dhiisu
Hiikni qabiyyee eebba gaddaa olitti dhiyaatee, duuti akka malee isin hin argin,duuti akkanaa isin
hin dhiisin kana jechuun duuti tasaa isin hin mudatin,umrii malee duuti isin hin tuqin,akkasumas
umrii duulummaa gahaa ykn Umrii dheeradhaa jechuun eebba eebbifamuudha. Eebbaa fi
beekkumsa isinitti haa dhiisu,biifaisaa isinitti haa dhiisu, haya isinitti haa dhiisu. Beekumsi
isaanii abba torbaatti haa taru, gaachenni isaanii isinitti haa hafu, jaalala isinii haa kennu,
jechuun eebba eebbifamuudha.
(Maddi:abbaa Gadaa obbo Qaabatoo Fanjaajaa 08/07/2015).
Page 61
Hiikni qabiyyee eebba olitti dhiyaatee,waatiin biroo isin haa dhalattu,rabbi isin bakka haa buusu,
xoosaa keessan haa fudhatu, tanumaan haa cittu,jechuun namoota horiin jala du’e eebbisu.
Uummanni Oromoo akkuma baayina isaatti aadaafi duudhaalee hedduu qaba. Gosoota afoolaa
afwalaloo Oromoo keessaa eebbi immoo isa tokkoodha. Eebbi kun uummata Oromoo biratti
faayidaa hedduu qaba. Uummatni Oromoo yeroo nyaatu, yeroo dhugu, yeroo fuudhaa, sirna
garagaraa yemmuu gaggeeffatu, akkasumas jila irratti yeroo hirmaatu, yemmuu ba’u, akkasumas
yemmuu galu eebbaan ba’ee eebbaan gala. Eebbi jalqaba waan hundaati waan ta’eef waan tokko
hojjechuuf eebbaan jalqabu.
Haaluma kanaan eebbi faayidaa hedduu qaba. Oromoon Sikkoo-Mandoo akkuma Oromoota
biroo walgorsuuf, walbarsiisuuf, aadaaf safuu hawaasaa eeguuf, wantoota hawaasa biratti
fudhatma hin qabne qeequuf, walii yaaduuf waljajjabeessuuf itti fayyadamu. Daa’imniifi
akkasumas qabeenyi isaan qaban marti ni eebbifama.
(Maddi: Obbo Caakkuu Waaqoo18/08/2015)
Nagayaan achitti wolarguu isaaniitiif Waaqa [Link] sun rakkoo tokko malee
galma barbadame akka gahuuf. Nagaafi badhaadhina biyyaa jireenya isaaniitiif eebbaan uumaan
kadhatama. Milkii gaariin waltajjiin sun akka dhumatuuf akkasuma dhartiniifi dhabdi akka
fagaattuuf, dhugaan akka mootuuf eebbi gargaara (Bonsamo,2021,162-179).
Page 62
(Maddi:Caakkuu Waaqoo, 18\08\2015)
Akkuma maalummaa eebbaa keessatti eerametti, eebbi kan tolfamu Waaqa ittiin kadhachuuf yoo
ta’u, namallee qabeenyaasaallee Rabbitu eega. Waan cufa Waaqatu ofirkaa qaba. Kanaafuu,
eebbaan kadhannaan Waaqa yeroo tokko kadhatanii yeroo biraa immoo dhiisan miti. Yoomessa
eebbaatti yoo dhufnu immoo eebbi akkuma gosa garagaraa qabu yoomessa garagaraas qaba.
Yoomessa jechuun akkuma beekamu sirni sun “yoomii?” “Eessatti?” akka gaggeeffame deebii
Page 63
kenna. Yoomessi eebba Oromoo Sikkoo-Mandoos iddoo adda addaatti gaggeeffama. Iddoolee
kunnenis mana, galma, ardaa jilaa, malkaa, tulluufi iddoo kkf ta’a jechuudha. Yeroofi iddoo
eebbaa kan murteessu gosa eebbaa sana jechuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf, eebba yaa’aa yoo
fudhanne ardaa yookiin malkaa itti gaggeefamuun iddoo jechuu dandeenya. Akkasuma marsaan
yaa’iin sun waggaa keessatti ittiin gaggeeffamu yoom gaaffii jedhuuf deebii kenna. Gosoonni
eebbaa biroos kanuma bu’uura godhatanii adeemu jechuudha.
Namni tokkichi qofaa ofii mana isaatti ni eebbifata yookiin kadhannaa nitaasifata. Bakka gumii
jilaattis ni eebbisu. Eddoo cufattis ni eebbisu. Eebba bakka itti eebbisan ilaalchisee, obbo
Qaabatoo Fanjajaa rageeffachuun akkas jedhee ibse. Eebba mana ofii taa’aniillee ni eebbifatu.
Yoo kora gosaa jedhan fulaa gosti jirtu sanatti deemanii eebbifatu jechuun [Link] kan
hubatamu eebbi mana ofiitti ta’ee alattis (korattis) akka danda’amuudha. Bakka eebbi itti
raawwatu iaalchisee akka waliigalaatti waan ka’amuu qabu bakka namni yookaan jilli jiru
tokkotti kan isa waliin jiru ta’uusaati. Ebbisuuf yeroon murtaa’e tokko jira jechuuf rakkisaadha.
Garuu eebbi waan akka fuudhaafi heerumaa jilaa, gumii, yoo qaallicha yookaan qaallittii dhaqan
sirna buna qalaaf ni qophaa’a yookaan niraawwatama.
Haaluma kanaan eebbi sirna fuudhaafi heeruma irratti raawwatamu, sirnicha faana raawwatama
jechuudha. Kana jechuun sirni fuudhaafi heerumaa kadhaa bakka jirutti eebbi sirnicharratti
raawwamus ni jira [Link] baayyee sirni fuudhaafi heerumaa kan gaggeeffamu Birraa
barii ji’a Amajjiiti. Sababni isaas yeroo midhaan itti sassaabamee xumuramu waan ta’eef yeroo
quufaati. Sirna fuudhaafi heeumaa irratti qaamni eebbisu nijira. Innis Abbaa Gadaa yookaan
jaarsa biyyaati. Bakka lamaan hinjirretti immoo nama maatii keessaa hangafa ta’etu eebbisa.
Walumaagalatti, yoomessi eebbaa kan murtaa’uun gosa eebbaa sanirrattiidha. Kanaaf, yoomiifi
eessatti gaggeeffamee kan dursu eebbi sun kan maaliiti kan jedhu ilaalutuu dursa argachuu qaba
jechuudha.
Page 64
BOQONNAA SHAN: CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO
Boqonnaan kun cuunfaa, argannoofi yaboo qorannoo kanaa ofkeessatti hammata. Isaanis akkuma
itti aanutti duraa duubaan dhiyaataniiru.
5.1. Cuunfaa
Uummanni Oromoo Arsii Sikkoo-Mandoo akkuma Orommota kutaalee biroo afoola isaatiin
fayyadamuun dhimmoota hawaasummaa, dinagdee, siyaasafi kkf dhalootaa dhalootatti dabarsaa
tureera. Ammas dabarsaa [Link] uummanni Oromoo qabu keessaa tokko kan ta’e eebba.
Eebbi akkuma maqaa isaarraa hubatamu mana dhuunfaa jalqabee kanneen akka yaa’a/ waltajjii
namoonni baay’een irratti argamaniin kan eebbifamuudha.
Kaayyoon gooroo kanaa eebba Oromoota Sikkoo Mandoo biratti raawwatamu xiinxalluudha.
Qorannoo kanaan gosa afoola afwalaloo Oromoo Arsii Sikkoo- Mandoo kan ta’e qabiyyee
eebbatu xiinxallame.
Haaluma kanaan qorannoon kunis gosa qorannoo akkamtaa keessaa tokko kan ta’e qorannoo
ibsaatiin qaacceffameera. Odeeffannoon/ragaan barbaachisaan immoo, madda ragaa tokkoffaa
irraa kan argameedha. Maddi ragaa tokkoffaan namoota afoola Oromoo keessaa eebba irratti
muuxannoo gahaa qaban maanguddoota yookaan jaarsolii biyyaa kan hirmaachiseedha. Malleen
funaansa ragaa afgaaffii, marii gareefi daawwannaan suur-sagaleefi yaadannoo qabachuun walitti
qabameera. Haaluma walfakkaatuun qorannichi kaayyoo gooreefi gaaffilee bu’uuraa irratti
hundaa’uun odeeffannoon madda ragaa irraa argames xiinxallamee ibsaafi hiikni itti
kennameera. Dhuma irrattis argannoofi yaboon kaa’amuun qorannichi goolabameera.
Page 65
5.2. Argannoo
Odeeffannoo walitti qabamee qaacceffame irraa akka hubachuun danda’ametti qabiyyeen afoola
Oromoo keessaa qabiyyee eebba Sikkoo-Mandoo raawwatamuu isaanii haaluma kanaan,
qoratichi qorannoo eebba Sikkoo- Mandoo irratti gaggeesseen argannoowwan armaan gadii
argatee jira.
Oromoon Arsii Sikkoo-Mandoo gosoota eebbaa heddu kan qabu yoo ta’u gosoota
kanneen keessaa isaan gurguddoon bu’uuraa eebba yaa’aa, eebba loonii, eeebba fuudhaa
heerumaa, eebba deettuu, eebba imalaa, eebba sirna bunaa, eebba adamoo, eebba
gaddaafi gosoota eebbaa kanneen biroottis hawaasummaa isaa keessatti akka dhimma
bahu xiinxala taasifameen mirkaneessuun danda’ameera.
Afoola Oromoo waltajjii hawaasummaa irratti gaggeeffamu keessaa eebbi sirna raawwii
Sikkoo-Mandoo irratti raawwatamu haala jiruufi jireenya hawaasummaa keessatti
dhimmoota hedduu ofkeessaa akka qaban xiinxallii qorannoo kanaatiin bira ga’ameera.
Oromoon Arsii Sikkoo-Mandoo kanneen akka nageenyaa, kadhaa Waaqaa, hormaataa,
dinagdee, hawwaasummaafi kkf akka aadaa isaatti eebbaan akka qajeelfatu xiinxala
taasifameen mirkanaa’eera.
Afoola Oromoo keessaa eebbi Sikkoo-Mandoo irratti gaggeeffamu hawaasa itti
fayyadamuuf faayidaa hedduu akka qabu qorannoo kanaan hubatameera.
Faayidaa eebbi Oromoota Sikkoo-Mandoo qabu keessaa: kaayyoo milkeessuu, nageenya
waaraa buusuu, deega duroomsuu, dhibaa qajeelchuu, gaddaa obsiisuu /sabbarsiisuu/
gammachiisuu, arjaa gammachiisuu, goota mirgeessuu, imalaa milkeessuufi kkf akka
ta’an hubatameera.
Dhumarrattis, eebbi walitti dhufeenya hawaasummaa gidduu isaanii jiru kanneen akka
walii yaaduu, waljajjabeessuu, walkabajuufi waljaallachuu isaanii ittiin ibsatuudha.
5.3. Yaboo
Gosa afwalalaoo Oromoo kan ta’e eebbi Sikkoo-Mandoo irratti raawwatamu haala jiruufi
jireenya hawaasichaa, ilaalcha hawaasichi eebbaaf qabuufi walitti dhufeenya hawaasummaa
cimsuu isaa xiinxalla taasifameen hubachuun danda’ameera. Haa ta’uu malee, gosti, qabiyyee,
faayidaafi yoomessi afaanichaa qorannoo saayinsaawaan xiinxallamuun heddu hinmul’atu.
Page 66
Yaaxina garagaraa giddugaleeffachuun damee afwalaloo kanneen irratti xiinxala gaggeessuun
faayidaa mataasaa qaba. Qorannoo kanaanis wantoonni ilaalamuu qaban hundi bakka tokkotti
ilaaluuf waan bal’ataniif qorattoota dhimma kanaan walfakkaatu irratti qorannoo gaggeessuu
barbaadaniif qorannoo karaa saaquudha. Kun kanaan osoo jiruu dabalataaf qabxiileen qorannoo
kanaan akka yabootti ka’an bifa itti aanan kanaan dhiyaataniiru.
Aadaan eebba Sikkoo-Mandoo qabeenya hawaasaafi mallattoo eenyummaa sabichaa
ta’uu isaatiin, dagatamuu irraa eeguuf ga’een hawaasa hundaa murteessaadha. Kana
ilaalchisee hojiin hubannoo cimsuu bal’inaan hojjetamuu qaba.
Jaarsonni ykn maanguddoonni aadaa dagatamaa jiru kana akka hindagatamne ga’ee waan
qabaniif qorannoo bifa kanaan taasifamu keessatti diddaafi bu’aa dhuunfaa eeguun alatti
tumsa guddaa gochuun dirqamaafi ga’ee sabboonummaa isaanii bahuutu irraa eeggama.
Dhaloonni amma jiru kunis humna barateefi ammayyawaa waan ta’eef, dhiibbaa qaama
biraatiinis ta’ee qaqqabsiisuu danda’u mara gargar baasee hubachuudhaan haallan dhiibbaa
geessisuu malan adda baasee maqsuutu irraa eeggama.
Qaamni barateefi hayyoonni Oromoo dhimma kanarratti fedhii qaban qorannoo gadi
fageenyaa irratti gaggeessaniifi dhaloota itti aanuuf beekumsa argatan osoo dabarsanii
bayeessa.
Sirna barnootaa keessatti B.B.O.’n eebba Sikkoo-Mandoo gosa barnoota Afaan Oromoo
waliin wal qabsiisanii osoo qopheessanii, barsiisonnis barattoota osoo barsiisanii
gaariidha.
Waajjirri Aadaafi TurizimiiAanaa Dodolaas, kana keessatti gaheen isaanii guddaa ta’uu
qaba.
Qaamonni dhimmi kun ilaallatu, keessattuu Waajjirri Aadaafi Tuurizimii Aanaa Dodolaa
afwalaloo eebba Sikkoo-Mandoo walitti guuruun gara barreeffamaatti jijjiiruun dhaloota
boodaaf olkaa’uun osoo dabarsanii irra filatamaadha.
Dhumarrattis, qorannoo kanaan eebba Oromoo Sikkoo-Mandootu ilaalame. Kan
kutaalee Oromoo biroo bal’inaan hafee jira. Akkasuma kan Oromoo Arsiitu yaaxina
muraasaan ilaalame. Namoonni mata duree kanaan walfakkaatu irratti fedhii qaban waan
baay’ee hafu osoo xiinxallanii bareeda ta’a.
Page 67
Wabiilee
Addunyaa Barkeesaa. ( 2011). [Link] Qorannoo Hujoo. Finfinnee: Mega printing
press.
Amare Asgedom. (1998).Content Anaylis ,Methodology and Appliation to Curriculum
Evalution. IER Flamber. Institution of Education Research (IER).
Anderzejewski,B.W.(1985).Literature in Cushitic Languages Other than Somali. In
Literature in Africa Language. Cambridge: Cambridge University Press.
Asaffaa Tuuchoo (2008).Gumaata. Aadaa Oromoo kan Naannoo Lixa Oromiyaa.
[Link] trading PLC.
Ashenafi B. and Eba T.(2017). The Poetics of Oromo Blessing Expressions: A Stylistic Analysis
of a Verbal Art Genre. International Journal of Sciences: Basic and Applied Research
(IJSBAR)(2017) Volume 32, No 1, pp 92-120.
Barber .J .(1997). Poetry and Poetics. Cambridge : Harvard University Press.
Bascom.W. (1965). Four Funtictions of Folklore. In the study of [Link]
Cwlffs, SJ: [Link].
Biiroo Aadaaf Tuurizimii Oromiyaa. (1998).Seenaa oromoo hanga jaarraa 16ffaa. Finfinnee
Oromiyaa.
Brown Duncan (ed). (1999).Oral literature and Performance in Southern Africa. Athen,
Ohio University Press.
Borg.W. R. and Gall,M.D.(1997).Educatinal Research,3rd [Link] York: Longman.
Bukenya. A. (1994).Understanding Oral Literature. Nirobi: Nirobi University Press.
Dastaa Dassaalanyi. (2002).Bu’uura [Link]: Dhaabbata Manxxansa Boolee.
Diribii Damusee. (2011).Oromo Wisdom in Back Civilization. Finfine printing enterprise.
___________. (2012). Ilaalcha Oromoo. Barroo, aadaa, seenaafi amantaa oromoo.
Finfinne printing& publishing S.C
Dorson, M. R. (1972). Folklore and Folklife:An [Link]:The University of
Chicago Press.
Encyclopedia Britanica. (1993).Vol [Link]:Encyclopedia Britanica Inc.
Fekade Azeze (2013). Introduction to Oral Literature: Artistic Printing Enterprise.
Finnegan. R.(1970). Oral Poetry:It is Nature and Significance and Social Context. Cambridge:
Cambridge University Press.
Page 68
___________.(1970). Oral Literature in Africa. Oxford: Oxford University Press.
____________. (1976). Oral Poetry: Its Nature, Significance And Social Contexts.
___________.(1977).Oral Poetry:Composition Performance and Context. Cambridge:
CambridgeUniversity Press.
Fiixee Birrii .(2013). Seenaafi Aadaa [Link] maxxansaa: [Link] Dimts.
Flick, Uwe. (2002) .AnIntrodaction to Qualitative Research(SecondEdition).New Delhi: SAG P.
Gemeda Eshete. (2007). Oral Literature as a field of scholarship: Folklore Genres in Socio
Cultural and Political Environment.
Geetaachoo Rabbirra. (2005).Furtuu:Seerluga Afaan [Link] ababaa:Kurraz Int.
Hinseenee Makuriyaa. (2010).Gaachana Kormaa. Addis Ababaa: printed by Far East Plc.
Lammii Diroo. (2014).Qeerroofi Qarree. Finfinnee printing press.
Lammeessaa Kumarraa. (2009).Qaaccessa Qabiyyee Eebba Sirna Raawwii Fuudhaaf Heeruma
Kadhaa:Kan Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbayyaa. (Waraqaa MA kan hin
maxxanfamin).Finfinnee.
Maammoo Gadaa. (2009). Duudhaa. Finfinne printing & publishing S.C.
Masfiin Tashoomaa. (1993).Wiirtuu jildii [Link] waaltina Afaan Oromoo. Printed by
commercial PE.
Melakneh Mengistu. (2006).Fundamental of Literature:Addis Ababaa: Addis Ababaa
University
Misgaanuu Gulummaa. (2011).Dilbii: Bu’uura Afoolaa,Ogafaaniifi Afwalaloo Oromoo.
Finfinnee.
_________ (2012). Yandoo. Finfinnee.
Okpewho, Isidore. (1992). Africa Oral Literature:Background,Character and Continuity.
Bloomingto and Indianapolis:Indiana University Press.
Oring, E. (1986). Folk Group And Folklore Genres. An Introduction Logan Utaha: Utaha
University Press.
Preminger and Borgan. (1993).The New Principle on Encyclopedia of Poetry and Poetics.
NewJersey:Pricneetion University Press.
Rubin, David.C. (1995).Memory in Oral Traditions Retrieved from http:// en/Wikpedia.
org/wik/Oral Literture.
Samwitason .(2022). Characteristics/ Features of Oral Literature. Dar-es-salam, Tanzania.
Page 69
Sims C. and M. Stephens. (2005). Living Folklore: An Introdaction to the study of People and
their Traditions. Ohiho: The Ohiho state University, Utah University Press.
Sokolov, Y.M. (1971). Russian Folklore, Eng. Trans, Detorit: Folklore Associates.
Teferi Nugusse. (2006).“Development of Oromo Literature up to 1991 ”MA [Link] Ababa
University.
Wasanee Bashaa. (2007).Qorii Hamba. Finfinnee :Kalu priting Press.
Zarihun Asfaawu. (1992). Yesinetsihuf Meseretawiyan (Afaan Amaaraatiin kan barreeffame).
Addiis Ababa: Addis Ababa University.
Page 70
Page 71
DABALEE “A”
YUUNIVARSITII MADDA WALAABUU KOOLLEEJJII SAAYINSII
HAWAASAAFI NAMOOMAA MUUMMEE AFAAN OROMOOFI OG-
BARRUUAF-GAAFFII ODEEF KENNITOOTAAF DHIYAATU
Kabajamaa/ Kabajamtuu Kaayyoon guddaan afgaaffii kanaa waraqaa ittiin guuttannaa digirii
lammaffaa( MA) tiif, mataduree, Xiinxala Eebba Oromoo Sikkoo Mandoo Godina Arsii Lixaa
Haala Qabatama Aanaa Dodolaairratti kan xiyyeeffateedha. Kanaafuu, hirmaannaan keessan
milkaa’ina qorannoo kanaatiif murteessaa waan ta’eef, ragaa dhugaafi qabatamaa ta’e, akka
gumaachitan kabajaan isin [Link] isaas, dhimmuma qorannoo kana qofaaf, kanoolu
ta’uu isaa, isinii mirkaneessa.
Odeeffannoo Dhuunfaa
I- Maqaa odeef kennaa_________________________________
II- sadarkaa barnootaa__________________________________
III- Saala _______________
IV- Umrii _______________
Page 72
DABALEE “B”
YUUNIVARSITII MADDA WALAABUU KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI
NAMOOMAA MUUMMEE AFAAN OROMOO FI OGBARRUU
Page 73
Suuraa 1: Eebba Yaa’aa ykn Waltajjii
Page 74
Suuraa 2: yeroo maanguddoon eebba hiikan
Page 75
Page 76
Page 77
Suuraa 3: Eebba yeroo Intalli heerumtuu
Page 78
Suuraa 4: Yeroo eebba eebbisan
Page 79
Waraqaa Mirkaneeffannaa
Ani qorataan maqaafi mallattoon koo armaan gaditti eerame qorannoo kun hojii dhuunfaakoo
kanaan dura Yunivarsiitii kamiyyuu keessatti qorannoo eebbaatiif kan hin dhiyaanne ta’uusaafi
akkasuma wabiilee qorannoo kanaaf dubbisee seera qabeessa ta’een fudhadhee wabii keessattis
kaa’uu koo mallattoo kiyaan ni mirkaneessa.
Maqaa__________________
Mallattoo_______________
Guyyaa_________________
Barataan____________________qorannaa isaa haala seera qorannaa eegee qopheessuu isaaf
muummeef galchuu danda’uu isaa ani gorsaan maqaa fi mallattoo kiyyaan mirkaneessa.
Maqaa______________________
Mallattoo____________________
Guyyaa_____________________
Page 80