Location via proxy:   [ UP ]  
[Report a bug]   [Manage cookies]                
Jump to content

Gaala

Wikipedia irraa
?Gaala

Gaala dhaltuu: hallaa
Gaala kormaa: dareena
Ilmoo gaalaa: Nyarqoo
sagalee: ni holola


odeeffannoo saayinsaawaa
mootummaa: Neefkoota
Murna: dugugguroo
Gita: Hootiyyee
Tartiiba: Kotteeyyii quba guutuu
Warra: kalasime
Qaccee: Dhufaala (Camelus)

Gaalli, dhaltuun "hallaa" jedhamti, ilmoolee ishee ''ogoree ykn nyarqoo'' jedhama kormaan immoo "dareena" jedhama, bineensa tartiiba Artiodactyla fi warraa kalasime (Camelidae) irraa kan dhufanidha. Cooma dugda isaa irratti argamuun "gooba ykn dilluu" jedhama kan beekamu yoo ta'u, rifeensi isaas "loofsa" jedhama. Gaalli bineensa baay’ee ajajamtuu yoo ta’u, fe’umsa ulfaataa qabate ka’ee waliin jilbeenfachuu danda’afi gaalli fe'umsaa kun roco jedhama. Gaalli Arabaa gooba tokko qofa yoo qabaatu, Gaalli Baaktiriyaan Kaaba Baha Eeshiyaa gooba lama qaba. Irra caalaa gammoojjii goggogaa keessa kan jiraatan yoo ta’u, baay’inaan Eeshiyaa Dhihaa, Eeshiyaa Giddugaleessaa fi Eeshiyaa Bahaa keessatti argamu. Ilmaan namootaa oomisha aannaniif, foon, rifeensa gaalaaf (keessattuu gaala Baaktiriyaan irraa) fi darbee darbee geejjibaaf mana keessa isaan galcha. dhakkali akka agarsiisutti horteen gaala ammayyaa Ameerikaa Kaabaa keessatti bara Paaliyoojiiniitti kan guddatan yoo ta’u, boodarra ammoo kutaalee Eeshiyaa irra caalaan akka babal’atan agarsiisa. Ilmaan namootaa Dh.K.D bara 2000 dura gaala madaqfatanii jiraatan.