Location via proxy:   [ UP ]  
[Report a bug]   [Manage cookies]                
Jump to content

Kolestroolii

Wikipedia irraa

Koolestirooliin ykn Fordhooftuun gosa foroo(lipid) lubbiyyoo binneeldota hunda keessatti argamudha.Qaamni namaa koolestiroolii muraasa hormoonii, vaayitaamin D fikkf oomishuuf ni barbaada. Qaamni keenya koolestiroolii barbaadu hunda ofii oomishata.Dhiigni dhangala’aa bishaan irratti hundaa’ee fi kolestrooliin dhangala’aa zayita irratti hundaa’e waan ta’eef kolestrooliin dhiiga keessatti hin bulbulamu. Kanaaf kolestrooliin akkuma dhiiga keessa seeneen jabaatee gara karannee(lumps) ta’a, kunis qulxa (plaque) jedhama.

Koolestrooliin waan gaagaawaa cooma fakkaatudha, kunis maddoota gurguddoo lama- tiruufi nyaata keenya irraa argama. Koolestrooliin biqiltootaas ta’e nyaata bineensota irratti hundaa’e kan akka aannan, bu’aa aannani, hanqaaquu, midhaan guutuu, fuduraalee, loozii, kuduraalee fi kkf keessatti argama.

Koolestrooliin foroo jaalallamee (amphipathic  lipid) dha. Foroo keessatti, yaa'a dhiigaa fi lubbiyyoo qaama keenyaa keessatti argama. Sabaga lubbiyyoo fi danqaa gogaa namaa uumuuf kan ooludha. Kana malees, bullaa'insa nyaataa keessatti gahee barbaachisaa qaba, hormoonota oomisha.