YUUNIVARSIITII DIRREE DHAAWAATTI KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA
FI NAMOOMAA MUUMMEE AFAANIIFI OGBARRUU OROMOO.
QAACCESSA ADEEMSA SIRNA FUUDHAAFI HEERUMA DHAALAA KAN GODINA
WALLAGGAA LIXAA AANAA GIMBII IRRATTI XIYYEEFFATE.
QORATAAN: ASTEER BALAAY.
GORSAAN: MUUSXAFAA H. (MA)
WARAQAA QORANNOO DIGIRII JALQABAA ITTIN GUUTACHUUF KAN
QOPHAA'EE MUUMMEE AFAANIIFI OG-BARRUU OROMOOTIIF DHIYAATE.
DIRREE DHAAWAA, HAGAYYA
BAFATA FUULA
BAFATA ....................................................................................................................................................... i
BOQONNAA TOKKO ................................................................................................................................. 1
1. SEENSA ............................................................................................................................................... 1
1.1. Seenduubee Qorannichaa............................................................................................................. 1
1.2 Ka’umsa Qorannichaa ................................................................................................................... 1
1.3 Kaayyoo Qorannichaa ................................................................................................................... 2
1.3.1 Kaayyoo Gooroo .......................................................................................................................... 2
1.3.2 Kaayyoo Gooree ........................................................................................................................... 2
1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa ......................................................................................................... 2
1.5. Daangaa Qorannichaa ....................................................................................................................... 3
1.6 Ibsa Naannoo ..................................................................................................................................... 3
BOQONNAA LAMA .................................................................................................................................. 4
2 SAKKATTA’A BARRUU........................................................................................................................ 4
2.1. Maalummaa Fuudhaafi Heerumaa................................................................................................. 4
2.2. Gosoota fuudhaafi Heerumaa .......................................................................................................... 5
2.2.1. Fuudhaa fi Heerumaa Gabbaraa ................................................................................................. 5
2.2.2. Fuudhaa fi heerumaa walgaraa .................................................................................................. 5
2.2.3. Fuudhaa fi Heerumaa Adda Baanaa........................................................................................... 5
2.2.4. Fuudhaafi Heerumaa Buttaa (Butii) ........................................................................................... 5
2.2.5. Fuudhaafi Heerumaa Aseennaa ................................................................................................. 6
2.2.6. Fuudhaa fi Heerumaa Hawii ....................................................................................................... 6
2.2.7. Fuudhaa fi Heerumaa Beenbatoo (bakka buusa) ....................................................................... 6
2.2.8. Fuudhaafi Heerumaa Gursummeettii ......................................................................................... 6
2.2.9. Fuudhaa fi Heerumaa Mataa Dibaa ............................................................................................ 7
2.2.10. Fuudhaa fi Heerumaa Biidhaa ................................................................................................. 7
2.2.11. Fuudhaa fi Heerumaa dhaalaa ................................................................................................ 7
2.1.12. Maalummaa Dhaalaa ............................................................................................................. 7
BOQONNAA SADI ..................................................................................................................................... 9
3. MALLEEN QORANNICHAA ............................................................................................................. 9
3.1 Saxaxa Qorannichaa ............................................................................................................................ 9
3.2 Gosa Qorannichaa ............................................................................................................................... 9
3.3 .Irraawwatama qorannichaa ............................................................................................................... 9
i
3.1.1. Iddattoo Qorannichaa ............................................................................................................... 9
3.2. Iddatteessuu .................................................................................................................................... 10
3.2.1 Mala Iddatteessuu ..................................................................................................................... 10
3.3. Madda Ragaalee ........................................................................................................................... 10
3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaa ....................................................................................................... 10
3.4.1. Afgaaffii ..................................................................................................................................... 10
3.4.2. Marii Garee ............................................................................................................................... 10
3.5. Mala Odeeffannoo hiikuufi Qaaccessuu ......................................................................................... 11
3.6. Naamusa Qorannichaa(Sakkoo Qorannichaa) ................................................................................. 11
3.7 Karoora yeroofi baajetaa .................................................................................................................. 11
3.7.1 Karoora yeroo qorannichaa ....................................................................................................... 12
WABIILEE ................................................................................................................................................. 13
ii
BOQONNAA TOKKO
1. SEENSA
1.1. Seenduubee Qorannichaa
Lubbu qabeeyyii lafarraa jraatan keessa dhalli nama isa tokkoodha. Dhala namaa kanas lubbu
qabeeyyii kaan irraa wanti adda isa godhu, waliin jireenya hawaasummaa waliin gaggeessuu isaati.
Waliin jireenya hawaasummaa kanas, afoolaafi aadaa isaatti fayyadamee geggeeffata. Ummanni
Oromoos ummata jireenya hawaasumma kanas afoolaafi aadaa isatti fayyadamee gaggeeffata.
Ummanni Oromoo aadawwaan inni qabuu keessa sirnii fudhaaf heeruma tokkodha
Akka Daaniyaan (2000:397) ibsutti “fuudhaa fi heerumni (gaa’elli) hariiroo namoota walitti
dhufeenya yookiin dhalootan waliirra hin qabne ta’ee safuu fi heera hawaasichaa eegatee haala
aadaan kan gaggeeffamuudha” jedha.
Yaada kanarra waan hubatamu gaa’ela jechuun namootni dhiigoma yookiin firooma hin qabne
seera aadaa hawaasa naannoo eeguun kan raawwatamu ta’uu isaa ibsa.
Gaa’ela jechuun sirna adeemsa ilmaan namaa hormaata haaraa ittiin argatuu fi dhalootni haqa
qabeessa ta’an ittiin dabaree yookaan qooda isaanii bahan misgaanu (2011:8).Akka yaada kanatti
gaa’elli kan dhiirri tokko fi shamarreen takka wal fuudhuudhaan tokkummaan waliin jiraatanii
dhala argachuuf jecha mirgaa fi dirqama isaanii waliin bahan ta’uu kan nama hubachiisudha.
Gama qoqqooddii sirna gaa’elaatiin yoo Huseen (2000:102-103) akka ibseetti”gosoonni fuudhaa
fi heerumaa oromoo Arsii fuudhaa walgaraa,fuudhaa miiltoo, fuudhaa adda baana, fuudhaa
gursummeetti jedhamuun qoqqoodamu” [Link] wal fakkaatuun Gammachuu fi Assafaan
(2000) tti “gosoota fuudhaaf heerumaa oromoo giddaa fuudhaaf heerumaa aseenna,
kaadhimanna, irra dhaaba, buttifi dhaalatti qoqqoodamu” jedhan. Kanaafuu kanumaa bu’
uureeffachuun gosa fuudhaa fi heeruma keessaa sirna dhaaltummaa kennuu gosa oromoo Godina
wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Asaabiitti qorannoo adeemsiseera.
Yaada kanarra waan hubatamu gaa’ela jechuun namootni dhiigoma yookiin firooma hin qabne
seera aadaa hawaasa naannoo eeguun kan raawwatamu ta’uu isaa ibsa.
1.2 Ka’umsa Qorannichaa
Ummanni Oromoo durii kaasee aadaa, duudhaafi falaasama eenyummaa isaa afoola isaatiin
ibsachaa kan tureefi ibsachaa kan jiruudha. Afoolliifi aadaan isaa bareedaan kun akka hin
banneefi immoo qoratamee bifa barreeffamaan yoo kaa’ame akkuma dura afaaniin dhaloota
dhalootatti darbaa ture bifa kanaanis dabarsuu ni danda’ama.
Aadaan Oromoon qabu keessaa tokko sirna fuudhaafi heerumaati. Sirni fuudhaafi heerumma
kunis, jireenyaa hawaasummaa Oromoon qabu keessatti iddoo guddaa kan qabuudha. Kana
jechuun immoo hawaasni kun jireenya hawaasummaa gaggeessuu keessatti, maatii, ollaa, gosaafi
1
fira isaa waliin gaggeeffata. Kanneen keessaa maatiin hundee(jalqabbii) hawaasa tokkooti. Maatiin
kunis kan inni ittiin hundeeffamu sirna fuudhafi heeruma kanaani. Sirni fuudhaafi heerumaa
kunis, gosoota fuudhaafi heerumaa hedduu of jalaa kan qabu yoo ta’u, xiyyeeffannoon qorannoo
kana immoo sirna adeemsa fuudhaafi heeruma dhaalaati.
Sirna fuudhaafi heeruma dhaalaa gosoota fuudhaafi heerumaa keessaa isa tokko ta’ee hawaasichi
yeroo dheeraadhaaf, itti fayyadamaa kan tureedha. Haata’uu malee, sirni fuudhaafi heeruma
dhaalaa kun yeroo ammaa kana Oromoo wallagaa lixa Aanaa Gimbii keessatti irraanfatamaa jira.
Sababni isaas, babal’achuu amantiileen walqabatee hawaasicha keessatti sirni kun liqinfamaafi
badaa dhufeera. Kanamalees, adeemsa sirna fuudhaafi heeruma dhaalaa kanarratti qorannoo
adda addaa sakattaa'ee hamman ilaalleetti qorannoon mata duree adeemsa sirna dhaalaa irratti
gaggeeffame hin jiru. Akkasumas, akka waajjirri aadaafi tuurizimii aanichaa naaf ibsettis
qorannootti kanaan dura adeemsa sirna fuudhaafi heerumaa dhaalaan wal qabatee bifa
qorannootiin ta’e akka hin jirre ibsa. Sababoonni kunniin wantoota mata duree kanarratti
qorannoo akkan gaggeessuuf na kakaasaniidha.
Adeemsa qorannoo kanaa keessatti gaaffilee deebii ni argatu jedhaman kanneen armaan gadiiti.
1. Adeemsi sirna fuudhaafi heerumaa dhaalaa Godina wallaggaa lixaa Aanaa Gimbii keessatti
haala akkamiitiin raawwatama?
2. Faayidaan fuudhaafi heerumaa dhaalaa akka hawaasa Godinaa wallaggaa lixa Aanaa Gimbii
qabu maali?
3. Yoomessi fuudhaafi heerumaa dhaalaa akka Godina wallaggaa lixa Aanaa Gimbiitti yeroo kam
adeemsifama?
4. Fuudhaafi heeruma dhaalaa namoota akkamii gidduutti raawwata ?
1.3 Kaayyoo Qorannichaa
1.3.1 Kaayyoo Gooroo
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa qaaccessa adeemsa sirna fuudhaafi heeruma dhaalaa godina
wallagaa Lixaa Aanaa Gimbii irratti kan xiyyeeffatuudha.
1.3.2 Kaayyoo Gooree
Kaayyoo gooreen qorannoo kanaa kanneen armaan gadiiti.
1, Adeemsi fuudhaafi heeruma dhaalaa haala kamiin akka adeemsifamu ibsuu.
2, Faayidaa fuudhaafi heeruma dhaalaa ibsuu.
3, Yoomessa sirni fuudhaafi heeruma dhaalaa keessatti raawwatamu adda baasuu.
4, Namoonni waldhaaluu danda’an eenyuufaa akka ta’an ibsuu.
1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa
Qorannoon tokko geggeeffamuun isaa faayidaa mataa isaa [Link] kun,akkaataa itti
fayyadama fuudhaa fi heerumaa dhaalaa Oromoo Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Gimbii irratti
kan xiyyeefatu ta'ee qaamota adda addaaf faayidaa gara garaa [Link] keessaa,barreessitoonni
adda addaa akkaataa itti fayyadama fuudhaa fi heeruma dhaalaa Oromoo irratti hubannoo akka
argataniif ni [Link] biroo ammoo aadaan kun akka kabajamuu fi dhalootaa dhalootatti akka
2
darbuuf tumsa kennuu danda'[Link] malees,namoota akkaataa fuudhaa fi heeruma Oromoo hin
beekne ni barsiisa. Akkasumas, namoonni mata dureen qorannoo isaanii mata duree kana waliin
walitti dhufeenya qabu qorannoo geggeessaniif bu'uura yookiin ka'umsa ta'uufii danda'a.
Qorannoon kun faayidaalee armaan gadii kenna.
Waraqaa qorannoo kana waajjira aadaafi tuurizimii aanichaatiif kooppii tokkoon waan
kenneenuuf akka namoonni dubbisanii adeemsa sirna kanaa irraa baraniif ni tajaajila.
Namoota qorannoo kana fakkaatu gaggeessaniif bu’aa qorannoo kanaa yoo dubbisan akka
madda wabiitti nifayyada.
Gama aadaa kana kunuunsuufi akka hin banne gochuu keessatti hawaasaaf faayidaa
guddaa qaba.
Aadaa hawaasa Oromoo ni ibsa; ni barsiisas.
1.5. Daangaa Qorannichaa
Daangaan qorannoo kun naannoo Oromiyaa Godina WallagaaLixaa Aanaa Gimbii irratti kan
[Link] isaatiin adeemsa sirna fuudhaafi heeruma dhaalaa Godina wallaggaa
lixa irratti kan [Link] kan irratti daangeffame godina wallagga lixaa aanaa Gimbii
[Link] isaas hanqina yeroofi baajataa mudatu irraa kan ka'[Link] daangaan
qorannoo kanaa aanaa kanaan akka daanga'uuf sababa ta'ee
1.6 Ibsa Naannoo
Aanaan Gimbii Aanoota godina Wallagaa Lixaa keessaa isaa tokkoodha. Kan inni daangeffamee
jiru, bahaan Arjoo Guddattuu, Dhihaa Aanaa laaloo Assaabii, kaabaan, Aanaa mana sibuu
Kibbaan Aanaa Haaruudhaan kan daangeffamuudha. Aanaan kun gandoota baadiyyaa Kudhaa
Sadeetiif(18) gandoota magaalaa Sadii (3) of keessatti kan hammattuudha. Baay’inni uummata
aanichaa dhiirri 37, 210fi dubarri 34,934dha. Waluma galatti, baay’inni ummata aanichaa 72,144
kan of keessatti qabuudha. Magaalaan guddoon aanichaa Gimbii yoo taatu, maqaa kanaas kan
argatte haala sagada hawaasa naannoo sanaa waliin wal qabatee kan itti moggaaffameedha.
Akkasumas, magaalaan kun kan hundeeffamte bara 1890 yoo ta’u, magaalaa Finfinnee irraa
441km kan fagaattuudha.
Haalli qilleensa aanaa kana badda dareedha. Haalli qilleensa kanas paarsantiidhaan badda dareen
42% ta’a. Haala qilleensaa mijataa kanarraa kan ka’e aanichi oomisha midhaan gosa adda addaa
oomishuudhaan kan beekamuudha. Kanneen keessaa qamadii, boqqolloo, xaafii, garbuu,
bishingaa, boloqqee, baaqelaa, atara fi kkfdha. Akkasumas, aanichi horsiisa looniitiinis ni
beekama. Itti dabalees, iddoolee seena qabeeyyii fi hawwata Turizimiif oolan kanneen akka
Tulluu Tuuppii jedhamu of keessa qaba.
3
BOQONNAA LAMA
2 SAKKATTA’A BARRUU
Sakatta'insi barruu firoomina mata duricha wajjin kan wal qabatan irratti kan
[Link] maalummaa fuudhaafi heeruma, qabiyyee fuudhaafi heeruma, faayidaa
fuudhaafi heeruma fi yoomessa fuudhaafi heeruma kan ibsuudha.
2.1. Maalummaa Fuudhaafi Heerumaa
Fuudhaafi heeruma jechuun: Adeemsa dhalli namaa dhaloota isaa itti fufsiisuuf saala walii
faallaa giddutti kan geggeeffamuudha.
Akka aadaa Oromoottis, fuudhaafi heeruma jechuun Adeemsa ilmi namaa fuudhaaf gahee fi
intalli (dubarri) heerummaaf gesse bifa seera qabeessa ta’een walitti heerumaan( dabalamanii)fi
mana ittiin ijaarataniidha Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa (2003:155) Yaada kana yoo
ibsu<< gaa’illi hariiroo dhiiraa fi dubara gidduutti abbaa manaa fi haadha manaa uummuuf
walitti dhufeenya uummaniidha. Kunis haala aadaa, duudhaa, amantaafi seera hawaasichaa
irratti hundaa’ee fudhatama kan argatuudha>>, jedha.
Yaada kanarraa kan hubannuu fuudhaafi heerumni (gaa’elli) hariiroo ilma dhiiraa gahee fi intala
(dubaraa) heerumaaf gesse gidduutti sirna raawwatamu (gaggeeffamu) yemmuu ta’u, seera mataa
isaa kan qabu haala seera qabeessa ta’een kan raawwatuudha. Kunis kallattii aadaa, amantii fi
duudhaa seeraa hawaasichaa irratti hundaa’uun kan raawwatuudha.
Huseen(2000:101) Yaada Kana yoo ibsu,< Intala nigurguran ilmatti ni fuudhan>, jedha. Akka
ibsa kanaatti intala ni gurguran jechuun mallaqatti jijjiran jechuu osoo hin taane intala heerumaaf
gesse ni heerumsiisan, ilma fuudhaa gahe ni fuusisaan jechuudha. Kunis ilmaafi intalli gesse
gaa’ela waliin raawwatani bultii ijaarrachuu ni danda’u jechuudha.
Haaluma walfakkaatuun Haall(2003:514) Yaaduma kana yoo ibsu,<< Marriage isa arelation
ship between one or more men (male or female) one Or more women who are recoginized
by society as having countinuins claim to the right of sexual access to one an other,>> jechuun
ibsa. Akka Yaada kanatti gaa’ela jechuun walitti dhufeenya saala faallaa yookiin jidduu dhiiraafi
dhalaa tokko yookiin isaa oliif kan yeroo dheeraadhaaf, mirga walqunnamtii saalaa argatan,
akkasumas, hawaasa keessatti walfuudhuudhaan kan beekamu jechuudha. Kana malees,
fuudhaafi heerumni walitti dhufeenya dhiiraa fi dubaraa haala dhaabbataa fi walta’iinsa qabuun,
kan saala waliif faallaa lama gidduutti rawwatamuudha.
Walumaa galatti, fuudhaafi heerumni kennaa dhala namaaf kenname kan dhiiraa fi dubarri
sirna walitti dhufeenyaan rawwataniidha. Kunis kan bu’uurri bultii ijaarrannaa irraa jalqabu
jechuudha.
4
2.2. Gosoota fuudhaafi Heerumaa
Hawasa Oromoo biratti fuudhaafi heerumni gosa hedduutu jira. Isaanis. Gabbaraa (Baaltokkee)
walagaraa, Bultii (Buttaa), Aseenaa, Mataa dibaa ( tasee), Hawwii, Beenbantoo, Gursummeettii,
Adda baanaa, Dhaalaa, fi kkfdha. Huseen (2000:102.3) Yaada kana yoo ibsu, << Fuudhaa
Gabbaraa (Baaltokkee), walgaraa, Butii (Buttaa) Aseenaa, Hawwii, Beenbantoo, Garsummeetti,
Adda baanaa, Dhaalaa, Biidhaa fi Mataa dibaa Gursummeetti>>, jechuudhaan tarreessee jira.
2.2.1. Fuudhaa fi Heerumaa Gabbaraa
Fuudhaafi heerumni gosa kanaa kun gosti gurbaa warra intala irraa fuudhusaniif (gosa
intalaatiif) kennaa akka loonii, qarshii fi qabeenya birooillee warra intala irraa fuudhusanii
kennuudhaan fuudhaafi heeruma raawwatamuudha.
Yaada kana ilaachisee Huseen (2000:104) irratti akkas jedha << Gabbarri akkuma fuudhaafi
heeruma Beeltokkee ta’ee Kan loon walgabbaraniidha>>, Jedha. Akka yaada hayyuu kanaatti
adeemsifuudhaafi heerumaa Kun qabeenya guddaa baasuudhaan fuudhafi heerumaraawwatamu
akka ta’e nu hubachiisa. Kan gabbaramus maatiifi gosa intalaa akkasumas, firoottan isaaniiti.
2.2.2. Fuudhaa fi heerumaa walgaraa
Gosti fuudhaa fi heeruma wal garaa kun kan maatiin mucaa fuudhuu fi intala heerumtuus intala
walitti heerumsiisuudhaan kan raawwatamuudha. Kana jechuun Kan warri intala heerumsiisu
waraa intala itti heerumsiisu sana irraa deebi’ee obboleettii mucaa itti heerumsiisee ykn fira isaa
irraa intala fuudhu jechuudha. Misgaanuun(2011:40) yaada kana yoo ibsu << Kaayyoon
fuudhaafi heerumma gosa kanaa, ilmi gosatokkoo intal gosa biraa yoo fuudhu obboleettiin ykn
firri isaa immoo warraa inni irraa fuudhetti kan heerutuudha>> , jedha. Akka yaada hayyuu
kanaatti wal garaa jechuun obboleettii isaa obboleessa intala irra fuudhu sanaatti kan heerumsiisu
jechuudha.
2.2.3. Fuudhaa fi Heerumaa Adda Baanaa
Adeemsi fuudhaa fi heeruma kana kan rawwatamu, adeemsa intala kadhatamtee/maatiin ishee
gaafatame tokko otuma kadha irraa jiranii osoo intalli fi gosti intala sanii quba hin qabaatiin kan
raawwatamuudha. Huseen(2000:224)Yaada kana yoo ibsu. <<Warrii tokko intalatakka osoo
kadhatuu tasuma warra intalaatiin waliigaluudhaan fuudhaa fi heeruma rawwatamudha>> jedha.
Kana jechuun adeemsa maatiin lamaan waliigalani osoo intalli heerumtu hin beekin kan
heerumsiisaniidha. Sababni isaas intalli kadhatamte kun bareedduu yootaatee namni biroo na jalaa
fuudhuu danda’a jedhee, mucaan fuudhu kun maatii ofii waliin kan raawwattaniidha.
2.2.4. Fuudhaafi Heerumaa Buttaa (Butii)
Gosti fuudhaa fi heeruma buttaa (butii) kun kan rawwaatamu fedhii mucaa fuudhuu qofa irratti
hundaa’ee osoo maatiin gara lachuu quba hin qabaatiin raawwachuu danda’a.
- Karaa biraatiin immoo osoma isheen quba hin qabaatiin dirqamaan, bakka isheen qoraan
gurtutti, bishaan dhaqxutti, jabbilee tiskitutti fa’a dirqisiisanii kan butanii dha jechuudha.
5
Huseen (2000:224-5) Yaada kana yoo ibsu << intala takka duraan kadhatanii yoo diddee, immoo
kan hin kadhataminis yoo taate itti himanii ykn osoo itti hin himin tasuma bakka isheen
deemtutti eeggattuudhaan fuudhaafi heeruma rawwatamuudha,>> jedha.
2.2.5. Fuudhaafi Heerumaa Aseennaa
Adeemsi gosa fuudhaafi heeruma kanaa intalli takka jaalala gurbaa tokko yoo qabattee, osoo
gurbaan hin beekin qe’ee warra gurbaa deemuudhaan kan itti heerumtuudha. Husseen(2000:226-
27) yaada kana yoo ibsu <<intalli takka jaalala isheetiin nama barbaadde sana manuma isaa
dhaquun itti heerumti>>, jedha. Yaada kanarraa wanti hubatamu fuudhaafi heeruma akkanaa kun
kan geggeeffamu fedhii intalaatiin yoo ta’uu ishenis kan ofii isheetii jaalatte sana osoo namni
sun quba hin qabaatiin qe’ee warra isaatii dhaqxee kan itti heerumtu ta’uu nu hubachiisa.
Adeemsa kana keessatti Huseen(2000:26) akkaataa isheen itti heerumtuun yoo ibsu << Intalli
takka yoo Aseennaa deemtu, siin qee harkatti qabattee, garbuu, okaya (marga) jiidhaa harkatti
qabattee warra gurbaatti seenti>>, jedha.
Yaada kanarraa kan hubannu intalli aseennaa seentu wantoota kana harkatti qabattee kan
deemtuuf ulaagaa aseennaan qabu kan ittiin guuttu ta’uu nu hubachiisa.
2.2.6. Fuudhaa fi Heerumaa Hawii
Gosti fuudhaa fi heeruma kanaa kunis gosa fudhaafi heeruma oromoo keessaa tokko yoo ta’u,
Adeemsa fedhii intalaafi gurbaa qofa irratti hundaa’ee kan geggeeffamuudha. Kana jechuun
osoo maatiin jara lamaanii quba hin qabaatiin illee geggeeffamuu danda’a jechuudha.
Misgaanuun (2011:37) Yaada kana yoo ibsu adeemsa fuudhaafi heerumaa kana keessatti fedhii
ijoollee lamani malee ga’een maatii iddoo guddaa hin qabu,” jedha. Yaada kanarraa kan
hubatamu fedhii intala heermtuufi gurbaa fuudhuu kan giddu galeeffate ta’uu nu hubachiisa.
2.2.7. Fuudhaa fi Heerumaa Beenbatoo (bakka buusa)
Fuudhaafi heerumni beenbatoo kan gaggeeffamu yoo haati mana takka nama jalaa duuteedha.
Adeemsa kana keessattis, yeroo haati manaa nama tokko jalaa duute obbooleettii intala duutee
san deebisanii namicha jalaa duute sanitti heerumsiisuu jechuudha. Kunis kan raawwatamuuf
maatiin sun akka hin miidhamneefi soddummaan (firummaan) gara lamaanii akka addaa hin
cinneefidha. Misgaanuun(20011:41)Yaada kana yoo ibsu <<Fuudhaafi Heerumni kun kan
raawwatamu soddummaan isaanii akka hin laafneefi, ijoolleen ishee duutee guddistuu dhabdee
akka hin rakkanneefidha,>> jedha.
2.2.8. Fuudhaafi Heerumaa Gursummeettii
Fuudhaafi heeruma gursummeettii jechuun dubartii takka iddoo (nama jalqaba itti) heerumte jalaa
baatee sababa gargaraatiin nama birootti yoo heerumteedha. Sababni isaas dubartiin takka abbaa
warraa jalqabaatiin waldhabdee kan biroottii yoo heerumte qursumeetti jedhamti.
Misgaanuun(2011.41) Yaada kana yoo ibsu <<Fuudhaa fi heeruma gursummeettii jechuun
dubartiin takka abbaa warraa jalqabaa jalaa baatee abbaa warraa lamaaffaa fi sanaa olitti yoo
heerumtu jechuudha>>, jedha.
6
2.2.9. Fuudhaa fi Heerumaa Mataa Dibaa
Adeemsi fuudhaa fi heeruma mataa dibaa kun kan raawwatu yoon namni tokko intala tokko
jaalaltee kadhatee kennaa isarraa barbaachisu sana yoo guutuu dhadhabee akkasumas,
maatiin intalaas, intalli isaanii kadhatamtee yoo waan heerumsiisuun dhabe, adeemsa mataa
dibaa kanaan heerumsiisuu danda’a jechuudha. Huseen(2000:233) yaada kana yoo ibsu<<
Fuudhaa fi heerumni kun kan rawwatamu yoo abban intala waan heerumsiisuun dhabeefi
akkasumas, kan fudhus, yoo waan fuudhuun dhabe kan raawwatamuudha,>> jedha
Yaada kanarraa kan hubannu maatiin gara lachuu rakkoo isaanii kanarraan kan ka’e intaluma qofa
dhadhaa mataa dibuudhaan fuudhaafi heeruma dhoksaan walii galtee maatti lamaanii giduutti
raawwatamu akka ta’e hubanna jechuudha.
2.2.10. Fuudhaa fi Heerumaa Biidhaa
Gostii fuudhaafi heeruma kanaa kunis, gosoota fuudhaafi heeruma Oromoo keesaa tokko yoo
ta’u, kan rawwatamuufis namni tokko intala takka gaafatee yoo intalli sun jalaa heerumte
fuudhaafi heeruma raawwatamuudha. Kana jechuun matiin warra ilma fuudhuu intala sana
dura warra ishee gaafatanii yoo warri intalaa gosa birootti heerumsef (fedhaa isheetiinis) kaatee
nama birootti ykn gosa birootti yoo jalaaheerumte fuudhaafi heeruma gaggeeffamuudha.
Misgaanuun (2011:41) yaada kana yoo ibsu.<<Namni tokko intala takka fuudhuuf kadhatee yoo
jalaa heerumte haaloo sana bahuuf jecha nama intala geessuu qabu iyyaafatee guyyaa gaafa
sanaa fuudhee kan galuudha,>> jedha. Yaada kanarraa wanti nuti hubannu intala takka
kadhatanii nama dura kadhate sana jalaa gosa biraatti (Nama birootti) yoo jalaa heerumte,
fuudhaafi heeruma gaggeeffamudha.
2.2.11. Fuudhaa fi Heerumaa dhaalaa
2.1.12. Maalummaa Dhaalaa
Dhaala jechuun: wanta nama tokko karaa seera qabeessas ta’een karaa mana murtii, haata’uu
karaa aadaatiin qabeenya ofii godhatanii fudhachuu, horoonfachuu fi abboomuu jechuudha.
Fuuti Dhaala immoo gosa fuudhaafi heerumaa keessaa isa tokkodha. Haata’uu malee, gosa
fuudhaafi heerumaa kaan irraa waan adda isa godhu qaba.
Dhaalli kunis , dubartii heerumtee abbaan manaa irraa du’e tokko deebisanii ilma haadhaa
namicha du’ee dhaalchisuu (itti heerumsisuu) jechuudha. Gosti fuudhaafi heerumaa dhaalaa kunis
gosa fuudhaafi heerumaa Oromiyaa keessatti beekamudha. Husseen (2000:229)yaada kana yoo
ibsu<< Dhaalli gosa fuudhaafi heerumaa haa ta’uu malee, fuudhaafi heeruma kaawwan irraa
adda, Dhaalii Gimbii qofa osoo hin taane oromoo hunda biratti illee aadaa beekamaadha.
Haata’uu malee, maaliifi Illee akka jalqabamee kana jedhamee wanti baldhinaan himame
jiraatuu baatullee yaada gaarii akka ta’e ni dubbata>>, jedha.
Akka ibsa yaada kanaattif fuudhaa fi heerumni dhaalaa yoomessi isaa fi eenyuun akka jalqabame
yoo beekamuu baate llee waan gaarii barbaachisaa akka ta’e ibsa jechuudha. Akkasumas,
dhaalli qabeenya nama du’ee ilma haadha namicha du’ee keessaa akka aadaa Oromootti
7
namichi du’e maatii isaa keessaa hangafa yoo ta’e kan namicha du’e kanatti aanee dhalatu kun
haadha manaa namichaa du’eefi qabeenya namicha du’ee sana seerri waan isaa eeyyamuuf gahee
dhaaluu qabachuudha
8
BOQONNAA SADI
3. MALLEEN QORANNICHAA
Malli qorannoo karoora qorannoon tokko ittiin adeemsifamuudha. Kutaa kana keessatti wixinee
qorannoo kanaa fiixaan baafachuuf tooftaaleef malootan ittiin odeeffannoo qaaccessuuf walitti
funaannadhudha. Isaanis haala armaan gadiin dhiyaatu.
Qorannoon kun qaaccessa adeemsa sirna fuudhaafi heeruma dhaalaa godina Wallagaa Lixaa
Aanaa Gimbii irratti kan xiyyeeffateedha. Adeemsa qoranichaa kanin dhimma ba'eefis
dhimmoonni qorannichaa keessatti dhiyaatan hundi jechaan waan ibsamaniifidha.
3.1 Saxaxa Qorannichaa
Qorannoo kana keessatti malli hojii irra oola jedhee karoorfadhe qorannoo akkamtaadha. Sababni
isaas odeeffannoon qorannoo kanaaf barbaachisu jechaan waan funaanamuuf gosa qorannoo
akkamtaa keessaas addeessattin dhimma baha. Addeessaatti dhimma bahuun adeemsa sirna
fuudhaafi heeruma dhaalaa irratti hawwasni Oromoo keessattu hawaasni aanaa Gimbiii akka
hubaatu gochuu naan yaala jedheen yaada.
3.2 Gosa Qorannichaa
Qorannoon kunis , gosoota qorannoo keessaa akkamtaatti dhimma bahuuf kan
[Link] isaas, odeeffannoon funaanamu lakkoofsaan osoo hin taane jechaan
waan ibsamuufi. Mala qorannoo keessaa immoo,mala ibsaatti dhimma bahamuun kan
qaacceffamuudha. Yaada kana bifa cimsuu danda’uun Addunyaan,(2011:10) irratti yoo
ibsu,“Qoraannoon akkamtaa dhimmoota qorannichaa keessatti dhihaatan maraa jechaan kan
ibsudha. Qorattoota haala jiruu fi jireenya hawaasaa irratti qorannoo gaggeessuu barbaadan
odeeffannoof furmaata ta'aa’’ jedha. Kana irraa kan hubannu, malli qorannoo akkamtaa haala
jiruu fi jireenya hawaasichaa akkaafi maal jechuu akka ta'e kan xiinxaludha.
3.3 .Irraawwatama qorannichaa
Irraawwatamni qorannoo kanaa hawaasa oromoo godina wallagga Lixa Aanaa Gimbii
[Link] kun aanaa kana qofarratti akka xiyyeeffatuuf sababa kan ta,e hawaasa
naannoo kanaa wajjiin hariiroo waanan qabuuf odeeffannoo bal,aa naaf kennuu danda,u jedhee
waanan yaaddeef gama yerootinis ta,ee gama bajataan hanga tokko dadhabbii ni salphisa jedhee
waanan yaadeefidha
3.1.1. Iddattoo Qorannichaa
Qorannoon kun kan irratti raawwatamu, kutaalee Oromiyaa jiran keessa, hawaasa oromoo
godina Wallagaa Lixaa Aanaa Gimbii irratti kan xiyeeffatudha. Sababniin aanaa kanaa
filadheefis aanaa kanatti dhaladhe waanan guddadheefi aadaa hawaasichaas waanan
beekuufidha.
9
3.2. Iddatteessuu
Aanaan Gimbii Aanota Godina Wallagaa Lixaa keessatti argaman keessaa tokko yoo taatu,
gandoota baadiyyaa kudha sadeetiif (18) fi gandoota magaalaa sadii (3) kan qabdudha. Walumaa
galatti gandoota diddami tokko (21) kan of keessatti hammattuudha. Aanaa kana keessas,
manguddoota,jaarsolii,biyyaa,manguddootaafi dubartoota adeemsa dhaalaa kanarratti beekumsaa
fi muuxannoo gahaa qabu jedhamanii yaadaman mala iddateessuu kaayyeffataa fayyadamuun
Iddattoowwan filadhe [Link] isaas yeroo ammaa kana adeemsa fuudhaafi heeruma dhaalaa
kanarratti namoonnin filadhu kun muuxannoo fi beekumsa bal’aa qabu jedhamanii kanaan
yaadu ta'uu qabu.
3.2.1 Mala Iddatteessuu
Malli iddatteessuu ani filadhe immoo mala iddatteessuu Akkaayyoo(miti carraa
kaayyeffataati).sababni isaas gandoota aanaa kanaa hundaa waliin gahuun rakkisaa waan
[Link]. sababni ani Akkaayyoo fayyadameef odeeffannoo barbaachisoo namoota waa'ee
adeemsa sirna fuudhaafi heeruma beekanirraa nan argadha jedhee kanaan yaadu ulaagaa mataa
kootiin kan naaf ta'u filadhee Iddatteessuu waanan barbaadee godha. Walumaa galatti namoota
kudha shan kanan filadhuudha. Namoonni kunneenis Jaarsoliifi Harmooliifi namoota
beekumsaadeemsa Siena fuudhaaf heeruma qabaan irra walitti nan sassabadha.
3.3. Madda Ragaalee
Maddi raga qorannoo kana keessatti dhimma itti baa'u madda raga tokkoffaati. Maddii Ragaa
tokkooffaan kunis, manguddoota Aanaa Gimbii keessatti argamaniidha. Manguddoonni kunis,
waajjira Aadaa fi Turizimii aanichaa waliin ta’uudhaan kan hojjetan yoo ta’u, adeemsa fuudhaafi
heeruma dhaalaa kana irraattis beekumsa ga'aa naaf kennuu jedheen [Link]
kanas, qaamaan hawaasa keessa dhaquudhaan adeemsa sirna fuudhaafi heeruma dhaalaa irratti
odeeffannoo na barbaachisu kana irraa deemee nan funaannadha.
3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaa
Qorannoo kana keessatti meesheen funaansa ragaan dhimma itti ba'uu, afgaafi fi marii gareeti.
Meeshaalee funaansa raga kanatti fayyadamuunis odeeffannoo qorannoo kootiif na
barbaachisani jaarsoolii fi dubartoota irraa qaamaan bira dhaquudhaan raga hedduu fi
amaansiisaa ta’e nan funaannadha.
3.4.1. Afgaaffii
Afgaaffiin meeshaalee funaansa ragaa keessaa tokko yoo ta’u, anis qorannoo kana jaarsolii
fi dubartoota adeemsa fuudhaa fi heeruma dhaalaa irratti beekumsa qaban, afgaaffii banaa ta’an
shan gaafachuudhan odeeffannoo kana nan funaannadha.
3.4.2. Marii Garee
Malli kun tooftaa namoota garee gareetti qooduun mala odeeffannoon ittiin funaanamu
keessaa isa [Link] kana tooftaa kana gargaaramuudhaan garee miseensota shaan
shaan of keessa qabu mariisisuun, Waluma galatti namoota kudha shaan (15) gaaffii torba (7)
10
irratti ergan marisisee booda, namoota kudha shaan(15) kana keessaas, sagaal (9) jaarsoolii yoo
ta’an jaha (6) immoo dubartota gaafachuudhan odeeffannoo bal’aafi murteessaa isaan irraa nan
funaannadha.
3.5. Mala Odeeffannoo hiikuufi Qaaccessuu
Ragaaleen ykn meeshaaleen funaansa ragaalee maloota lamaan ( af gaaffiifi marii gareen) namoota
filataman irraa odeeffannoo funaannadhee mala akkamtaatti fayyadamuudhaanin sakatta'a.
Odeeffannoon qorannoo kanaaf, argamaniifi barbaachisan malleen qorannoo madda qorannoofi
meeshaalee odeeffannoo ittiin funaannadhuun ergan funaannadhee booda, haala gaariin kan
qaacceffamuufi hiikamuudha kunis jechaan kan qaaccefamuudha.
3.6. Naamusa Qorannichaa(Sakkoo Qorannichaa)
Hojii dirree keessatti namuusni bu’uura. Kanaafuu , qorannoo kana yeroon gaggeessu haala
aadaafi safuu hawaasa qorannoo keessatti adeemsisuu nan [Link] aanaa anjii odeeffannoo
qorannoo kootii naaf kennan hunda hanga danda’ametti karaa aadaafi safuu hawaasaa hin
cabsineen odeeffannoo qorannoo kanaa irraa nan [Link] namoonni odeeffannoo
waa’ee qorannoo kanaa irratti naaf kennan osoo wal hin caalchisin dhaggeeffachuun yaada
isaanii tokko tokkoon nan [Link], wantoota hawaasnni akka
icciitiitti(dhoksaatti)natti himaa turan hunda eeguun qorannoo kanaaf kan na barbaachisan keessaa
[Link] gaaffii hawaasa Oromoo aanaa Gimbii waliin adeemsisus jechoota
safuufi laguu ta’an hin [Link] malees, yeroo odeeffannoo naaf kennan, akka maqaan
isaanii hin dhahamneefi sagaleen isaanii waraabbamuu hin barbaanne fedha isaanii eeguun
odeeffannoo koo haala isaaniif mijateen odeeffannoo koo nan guurradha.
3.7 Karoora yeroofi baajetaa
Karoorri kun yeroo qoranoof kenname keessatti akkaataa duraa duuba gochaalee QORANNOO
adeemsifamuun sadarkaa jalqabaa hanga dhuma faccisa dhiyeessuutt yeroo kennameen wal
simsiifamee karoora hojii irratti wixinee keessatti hammatamee dhiyaata.
11
3.7.1 Karoora yeroo qorannichaa
Lakk Hojii hojjetamu Yeroo raawwii gochaalee
1 Mata dure filachuu Amajji 3/2013
3 Ogbarruu sakatta'uu Amajji 10/2013
4 Wixinee qopheessuu Amajji 15/2013
5 Malleen Qorannoo cimsuu Amajji 18/2013
6 Meeshaalee funaansa ragaa qopheessuu Amajji 20/2013
7 Meeshaalee funaansa ragaa fooyyessuu Amajji 23/2013
8 Odeeffannoon qindeessuu Amajji 28/2013
9 Odeeffannoo qaaccessuuf hiiku Amajji 30/2013
2 karoora baajetaa
Lak Gosa meeshaalee Safara Baay'ina Gatii tokko
barbaachisuu Qar San Qar San
1 Waraqaa computeraa Dos 1 200 00 200 00
2 Waraqaa baayisaa 2 126 00 252 00
3 Kobbee Lakk 5 10 00 50 00
4 Gaanii Isteepileerii Lakk 1 150 00 150 00
5 Marfee Isteepilerii Pak 1 50 00 50 00
6 Pirintii gochuu 1 15 00 15 00
8 Geejjibaaf
10 Baasii walii galaaf 551 717
12
WABIILEE
Haveland (2003). Cutural anthropology. 10th edition. Addis
Abeba.
Husseen Badhaasoo(2000). Seera Fuudhaafi Heeruma Oromoo
Arsii Finfinnee: commercial PLC.
Masfiin Tashoomee(1995). Wiirtuu Jildii 6ffaa.
FInfinnee:commercial press.
Misgaanuu Gulummaa (2011). Dilbii Bu’uura Afoolaa,
ogafaanii fi Af walaloo Oromoo. Finfinee
_________(2011). Naatoo; Duudhaa Gaa’ela Oromoo
Ahmed Muhammed Yusuuf (2007).Violence against women and girls in the pastoralist
Communities of oromia and afar region: Addis Abeba university press.
Alemneh Aschenaki (2006).Assesment of sexual behavior related to HIV/AIDS in community
Practicing widow inheritance in Digalu Tijo, Arsi zone oromia, regional state,
Ethiopia: Addis Abeba university press.
Dajanee (2007).confilct and conflict resolution among wolliso eastern macha,the case of
guma:Finffinnee:Addis Abeba university.
Dani’el Deresse (2002); Contiunity and change in the status of women:the case of Arsi oromo
Living adjacent to upper Wabe valley (dodola):Addis Abeba university school
of graduate studies.
Dhaabasaa Jaatan fi kanneen biroo(2012),[Link],Oromiyaa:Sub Printing press.
Daaniyaa(2000),waldaa aadaa fi duudhaa oromoo Finffinnee;Kaahoo [Link] Galaan BFA
Dirribii Damussee (2012).Ilaalcha oromoo: Finffinnee: Finffinnee printing and publishing s.c
Enelopedia of sociology (2006).Marriage.
Eshetu Debaba (2000),Patriarchy in Ethiopia:A bridge English translation:Addis Abeba Ethiopia
(un published).
13
Gemmechu Beyene and Assefa Tolera (2006).Marriage practice among Gidda Oromo of
Ethiopia Jordic Journal of Africa studies:Addis Abeba University Press.
Huseen Badhaasoo(2000).Sirna Fuudhaa fi Heerumaa Oromoo Arsii(Arsi marriage custom):
Finfinnee Printed by Commercial.
Kalkidan Bekeie (2007).Cultural practices that is affected the status of Women in Benishangul
Gumuz Mandura Woreda:Addis Abeba University Press.
Meaza Ashenafi and Zenebe Worke Tadesse(2005),Women, HIV/AIDS, property and
inheritance rights:The case of Ethiopia.
Misganuu Guluummaa (2011),Naatoo:Duudhaa Gaa’ela Oromo Finfinnee, oromiyaa: Efficient
printing press.
Regatu Olana Negari (_).Culture and Traditional of the people before the Introduction of
Christianity the Area.
Tatek Abebe (2008), The Ethiopian”Family collective”and Child Agency Nork Center for
Bornefrsking.
Yonas Melaku(1998),Customarry marriages among the oromo of north Shawa, senior Essay,
Faculty of law, Addis Ababa University.
14