Location via proxy:   [ UP ]  
[Report a bug]   [Manage cookies]                

Azzanee Indaalammaa Abdii Tasfaa Askaalee Tarfaa : Hundeeffama Mana Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 46

Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.

1, 2021]

HUNDEEFFAMA MANA MURTII AADAA NAANNOO OROMIYAA

Azzanee Indaalammaa*
Abdii Tasfaa**
Askaalee Tarfaa****
ABSTRACT

Traditional justice systems are normally community-level dispute resolution


mechanisms with non-state origins, even if subsequently recognized and regulated by
the state. Some states retain a vertical structure, with the traditional system forming the
lowest levels of the court system while others have a parallel system, with the
traditional forum and the formal court serving alongside one another and providing the
parties with a choice of forum. The Federal Democratic Republic of Ethiopia’s
Constitution under Art.34 (5) stipulates that the House of Peoples’ Representatives and
State Councils can establish or give official recognition to religious and customary
courts. And added under the same provision that religious and customary courts that
had state recognition and functioned prior to the adoption of the Constitution shall be
organized on the basis of recognition accorded to them by this Constitution. The same
provision is enshrined under Art.62 of Oromia Regional National State Constitution.
Even though, it is about three decades since these Constitutions come to effect, there is
neither any customary court that is established, nor recognized by Oromia State
Council. This article is about to address the opportunities and challenges there for
establishment of customary court and the possible structure the customary court need to
have in case of establishment. Meanwhile, qualitative research method that includes
review of literature, about 67 in-depth interviews, about 36 focus group discussions and
about 80 open-ended questioners are employed. And it is found that as there is good
opportunity, Customary Court at kebele level and customary appellate court at Woreda
Level, with its decision to be reviewed at regular court, shall be established through out
the region.

Key Words: Customary Law, Customary Court, Customary Appeallate Court, Regular
Court, Justice.

* Barruun kun qorannoo ILOQHQSO tin bara 2012 gaggeeffame keessaa gabaabbatee kan
dhiyaate dha.
**LL.B (Yunivarsiitii Haaromayaa), LL.M (Yunivarsiitii Haaromayaa); duratti, Abbaa
Seeraa Mana Murtii Aanaa, amma Qorataa Seeraa ILOQHQSO
*** LL.B (Yunivarsiitii Baahir Daar), LL.M (Yunivarsiitii Arsii); Duratti, Abbaa Seeraa
Mana Murtii Aanaa, amma Qorataa Seeraa ILOQHQSO
**** BA (Yunivarsiitii Wallagaa), MA (Yunivarsiitii Addis Ababaa); Qindeessituu Garee
Afaanii BATO

160
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

1. SEENSA

Dhaabbilee tajaajila abbaa seerummaa kennan amalaa fi kaayyoo adda addaa


qaban kan jran yoo ta’u dhaabbilee kunneen keessaa tokko Mana Murtii
Aadaa ti. Manni Murtii Aadaa tajaajila abbaa seerummaa jiraattoota ykn
hawaasaaf kennuu keessatti, keessumaa ardii Afrikaa keessatti gahee olaanaa
qaba.1Tajaajjilli abbaa seerummaa mana murtii kanaan kennamu seerota
mootummaadhaan tumamanii jiran irratti hundaa’ee otuu hin taane aadaa fi
duudhaalee hawaasa keessa jiran bu’uura godhachuunidha.
Tajaajila abbaa seerummaa Mana Murtii Aadaatin kennamu ilaalchisee
yaadota wal faalleessan lama gama hayyootaan yoo ka’an ni mul’ata. Inni
tokko yeroo sochiin siyaasa diinagdee addunyaa ammayyaa’ee jiru kanatti
Manni Murtii Aadaa tajaajila abbaa seerummaa kennuuf ga’umsa hin qabu
kan jedhu yoo ta’u, inni biroo ammoo yeroo ammayyaa kana keessatti
adeemsi salphaa wal dhabdee hiikuu danda’u kan akka Mana Murtii Aadaatu
hawaasa qaroomeef mala kan jedhani dha.2
Sababoota garagaraa eeruun Manni Murtii Aadaa biyyoota Afrikaa keessatti
jajjabaachuu akka qaban qaamoleen garagaraa ni ibsu. Sababni inni jalqabaa
maanguddoota Afrikaa fi hayyoota barnootaatin/ academician/ kan ka’u yoo
ta’u, isaanis Manni Murtii Aadaa qabeenya aadaa/ cultural heritage/ Afrikaan
qabduu fi Afrikaanoonni harka caalmaan jiran qabatamaan kan itti
gargaaraman waan ta’eef jajjabaachuu qaba kan jedhu dha.3 Tajaajilli abbaa
seerummaa Manni Murtii Aadaatin kennamu salphaa, baasii xiqqaa fi
dhaqqabamaa (accessibility) ta’uu isaatiin akkasumas sirna haqaa salphaa /
simple justice sytem/ ta’uu isaatiin jajjabeeffamuu qaba kan jedhu dha.4
Yaadni inni biroo tajaajjilli abbaa seerummaa Mana Murtii Aadaatiin
kennamu hanqinaalee kan qabu yoo ta’es, hanqinni kunneen kan sirrachuu
hin dandeenye /beyond repair/ waan hin taaneef; akkasumas, xinsammuu
qabatamaa hawaasaa fi sanada mirga namoomaa waliin foyyeessuun waan
danda’amuuf cimsuu ni danda’ama kan jedhu dha.5

1
South African Law Commission Act,Traditional Courts and the Judicial Function of
Traditional Leaders, 1999, F 1, http://www.justice.gov.za/salrc /ipapers/ip12 prj108_ 1998.
pdf gaafa 11/03/2012kan ilaalame.
2
Akkuma lak. 1ffaa
3
Akkuma lak. 2ffaa
4
Akkuma lak. 3ffaa
5
Akkuma lak.4ffaa, F2.

161
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

Falmii biroo Mana Murtii Aadaatiin wal qabatee ka’u manni murtii aadaa
akka Mana Murtii idileetti /courts of law/ ilaalamee kabajnii fi eegumsi
seeraa taasifamuufi qaba moo miti kan jedhu dha.6 Gareen tokko, kaayyoon
Mana Murtii Aadaa wal dhabdee wal falmiitootaa irratti murtii kennuun
tajaajila abbaa seerummaa laachuu hanga ta’ettii fi murtiin Mana Murtii
Aadaatin kenname oliyyannoodhaan mana murtii idileetti waan ilaalamuuf
Manni Murtii Aadaa akka mana murtii seeraa ykn idileetti ilaalamuu qaba
jechuudhaan dhiyeessu.7
Gareen kaanis, Manni Murtii Aadaa kun mana murtii seeraa ykn mana
murtii idilee otuu hin taane jarmiyaa aadaa irratti hundaa’ee wal dhabbii
hawaasa keessaatti uumamu bifa al-idilaa’aa ta’een /informal traditional
dispute resolution tribunals/ kan hiiku dha. Maanguddootni ykn jaarsoliin
biyyaa Mana Murtii Aadaa keessatti murtii kennan hojiin isaanii tajaajila
abbaa seerummaa qofa irratti kan daanga’e otuu hin taane hawaasa keessatti
seera aadaa kan tumanii fi kan raawwachiisani dha. Hojimaatni kun immoo
qajeeltoo heeraa qoodinsa aangoo /separation of power/: seera hiiktuu, seera
raawwachiiftuu fi seera tumtuu jedhu waliin kan wal faalleessu dha.
Dabalataan, Manni Murtii Aadaa tajaajila abbaa seerummaa kennuuf ragaa
kurfeessuun kan qabatu miti. Tajaajilli haqaa kenname /justice is done/ kan
jedhamu adeemsi seeraa fi murtiin kenname galmaa’ee kurfaa’ee kan jiruu
fi manni murtii oliyyannoo kana dhaga’u ragaa barruu ilaaluun kan dhaga’u
yoo ta’e dha. Mana Murtii Aadaadhaan wal qabatee garuu, manni murtii
idilee oliyyannoo dhaga’u falmii wal falmitootaa guutummaadhaan irra
deebi’ee dhaga’uu baatus ijoo falmii adda baasee hubachuuf falmii Mana
Murtii Aadaatti taasifame irra deebiin dhaga’a. Kun mana murtii idilee
keessatti kan baratame waan hin taaneef Manni Murtii Aadaa mana murtii
idileeti jechuun hin danda’amu jechuun kaasu.8Yaadota hayyoota garee
lamaan ka’u kana wal simsiisanii deemuun biyyootni Afrikaa baay’een
Mana Murtii Aadaatiif Heera isaanii keessatti beekamtii kennuun yoo itti
fayyadaman mul’ata.
Heerri Mootummaa Rippaabliika Dimokraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa
(kana booda, Heera Mootummaa RDFI jechuun ibsama) kew. 34 jalatti
dhimmoonni seera dhuunfaa fi seera maatiin /personal and family law/

6
Akkuma lak. 5ffaa,F11.
7
Akkuma lak. 6ffaa, FF.11-12
8
Akkuma lak. 7ffaa, F15

162
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

ilaalaman seera aadaatiin furmaata argachuu akka danda’an ni kaa’a.


Dabalataanis, heerumti kun kwt. 78 jalatti, Manni Maree Bakka Bu’oota
Uummataa Mootummaa Federaalaas ta’e kan Mootummaa Naannoo Mana
Murtii Aadaa hundeessuuf ykn hundaa’ee kan jiruuf beekamtii kennuu akka
danda’u aangeessee jira. Heerri Mootummaa Naannoo Oromiyaas (kana
boodaHeera MNO jedhamuun ibsama) bifuma Heera RFDIwal fakkaatuun
Mana Murtii Aadaatiif beekamtii kennee jira.9
2. SEERA AADAA FI SIRNA HAQAA ITIYOOPHIYAA

Itiyoophiyaa keessatti seerotni ammayyaa idileeffamuun duras ta’ee booda,


wal dhabdee hawaasa keessatti uumamuuf furmaata kennuun wal qabatee
sirna haqaa idilee /formal justice system/ caalatti aadaa fi duudhaa hawaasa
keessatti argamu gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu barreessitootni
baay’ee ni kaasu.10Keessummaa, baadiyyaa keessatti sirni jaarsummaa aadaa
sirna jalqabatti wal dhabbii hawaasaa furu ta’uudhaan tajaajila. 11 Duudhaan
wal dhabbii jaarsummaadhaan furuu kun nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf
akkasumas hawaasa gidduu hariiroon kabaja qabu akka jiraatu kan
taasisudha.
Itiyoophiyaan biyya uummata aadaa fi afaan tokko dubbatuun kan ijaaramte
otuu hin taane biyya mallattoon ishee sab-daneessummaa taatee dha.
Sabootni Itiyoophiyaa ijaaran kunneen aadaa fi afaan mataa isaanii saboota
biraa irraa adda isaan taasisu kan qabani dha. Kanaaf, Itiyoophiyaa keessatti
qorannoo fi qo’annoon seera aadaa irratti taasifamu kamiyyuu waa’ee seera
aadaa saboota Itiyoophiyaati jechuu dha. Fkf: Oromoo, Amaara, Tigeree,
Guraagee, Silxee fi kkf. Sabootni kun aadaa fi afaan mataa isaanii kan qaban
waan ta’eef, waa’een seera aadaa Itiyoophiyaa yoo qoratamu dhimma seera
aadaa saboota kanneeniti jechuu dha. Aadaa fi duudhaan hawaasummaa
uummatni Oromoo qabu kan uummatni Tigree ykn Guraagee qabu irraa adda
ta’uu mala.

9
Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyya’ee Bahe, Labsii Lak. 46/1994,Kwt. 62
10
Ayalewu Getachaw, Customary Law in Ethiopia: A Need for Better Recognition, Danish
Institute for Human Right, 2012, P9 available at https://menneskeret.dk/files/media/
dokumenter/udgivelser/ayalew_report_ok.pdf.
11
World Bank: Legal Vice Presidency, Ethiopia Legal and Judicial Assessment, 2004, P16
available at http://siteresources.worldbank.org/ INTLAWJUSTINST/ Resources/ Ethiopia
SA. pdf.

163
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

Ijaarsa biyya Itiyoophiyaatin wal qabatee walitti dhufeenyi seera aadaa fi


biyya ykn mootummaa Itiyoophiyaa gulantaa sadiitti hiruun ilaaluun ni
danda’ama jechuun hayyootni kaa’an ni jiru. Inni jalqabaa, bara
ammayyummaa dura /pre modern era/ kan jedhamu yoo ta’u, inni lamaffaa
bara ammayyummaa (modern era) ykn bara sirni seeraa amayyaa / formal
legal system/ diriirfamuu eegale ta’ee bara mootii Haayilasillaasee fi Dargii
kan hammatudha. Inni sadaffaan, bara ammayyummaa booda kan jedhamu
yoo ta’u, yeroo sirni federaalizimii sab-daneessaa hojiirra ooluu jalqabeen
booda yeroo jiru kan ilaallatu dha.12
Bara ammayyummaan dura/ pre-modern era/ sirni mootummaa amantaa
giddu galeessa taasifate iddoo muraasa bulchaa yoo tures hawaasni ykn sabni
baay’een garuu seera aadaatin jireenya hawaasummaa isaa gaggeessaa kan
ture dha.13 Yeroon kun yeroo mootiin Haayila Sillaasee Seerota garagaraa
ka’uumsa isaanii biyyoota Lixaa taasifatan biyya kanatti beeksiisuu eegaleen
dura yeroo jiru kan ilaallatuu dha. Bara kanatti, uummatnis aadaa mataa
isaatiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, mootummaan giddu-galeessaa sirna
amantaa bu’ureeffateen hoogganamaa tureera. Dhibbaan sirni mootummaa
giddu galeessaas naannoo muraasa qofatti kan daanga’e ta’uu isaatin
waldhibdeen hawaasa keessatti uumamu baay’een isaa seeraa fi duudhaa
aadaa irratti hundaa’uun hawaasuma keessatti kan xumuramu dha.
Gulantaan inni lammaffaa bara ammayyummaa kan jedhamu yoo ta’u, bara
sirni seeraa idilee (formal legal system) sadarkaa guutummaa biyyatiitti
mootummaa giddu-galeessaan diriirfamuu jalqabe dha.14 Itiyoophiyaan sirna
seeraa ammayyatti of madaksuu kan eegalte heera biyyattii isa jalqabaa bara
1931 ALA raggaassisuun yoo ta’es, Heerri kunii fi Heera kana fooyyeessuun
Heerri bara 1955 ALA bahe waa’ee aadaa sabootaa ilaalchisee callisuu
dhaan bira darbeera.15Mootiin Haayilasillaasee sirna seeraa ammayyaa
biyyattii keessatti diriirsuuf Heera biyyattii isa jalqabaa beeksisuu bira
darbuun seerota dhimmota hariiroo hawaasaa, dhimmoota yakkaa fi
dhimmoota daldalaa hoogganaan bifa koodiitiin baasuun hojiirra

12
Muradu Abdo & etals, Customary law : Teaching Material, 2009, F111
13
Akkuma lak. 12ffaa
14
Akkuma lak. 13ffaa, F114
15
The Place of Customary and Religious Laws and Practices in Ethiopia: A Critical Review
of the Four Modern Constitutions, Social Sciences Journal (2015), Vol. 4, No. 4, P92

164
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

oolcheera.Seeronni bifa koodiitiin yeroo sana bahan adda durummaan


amaloota seera biyyoota dhihaa kan giddu galeessa taasifatanii dha.
Sirna seeraa ammayyaa’aa diriirsuun wal qabatee seerota walakkeessa
jaarraa 20ffaa keessa tumaman keessaa Seerri Hariiroo Hawaasaa isa
tokko.Bu’uura seera kanaatin seera aadaa irratti hundaa’uun waldhabbiin
akka hiikamuuf iddoon kennameef xiqqaa ture. Yaadni kun jiraachuu isaa
immoo Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 3347(1) irraa hubachuun ni
danda’ama.
Unless otherwise expressly provided, all rules whether written or
customary previously in force concerning matters provided for in this
Code shall be replaced by this Code and are hereby repealed.
Akka tumaa keewwata kanaatti, haala addaatiin seera kana keessatti yoo
ibsameen ala seerotni aadaa kanneen barreeffamanii fi hin barreeffamne
hojiirra jiran seera hariiroo hawaasaa kanaan akka geeddaraman ykn
haqaman (replaced and repealed) ni ibsa.
Tumaan keewwata kanaa seera aadaa dura waldhabbii hiikuuf tajaajilaa turan
Seera Hariiroo Hawaasaa waliin kan walfaallessanis ta’e wal siman
dhimmichi Seera Hariiroo Hawaasaatiin haguugameera taanaan dhimma ykn
wal dhabbii sana ilaalchisee kan hojiirra oolu seera aadaa otuu hin taane
Seera Hariiroo Hawaasaa ta’uu kan akeeke dha.
Hariiroo seera aadaa fi mootummaa ilaalchisee gulantaan inni sadaffaa yeroo
ammayyummaa booda jedhamuun kan ibsamuufi, diriirfamuu federaalizimii
sab-daneessa booda yeroo jiru dha.16 Gulantaan kun raggaasifamuu Heera
Mootummaa RDFI bara 1995 ALA kan jalqabu yoo ta’u, Heerri kunis seera
aadaa fi Mana Murtii Aadaatiif beekamtii kennuun kan eegale dha.17
Beekamtii seera aadaa fi Mana Murtii Aadaatiif gulantaa seenaa biyya kanaa
keessatti bu’uura Heera 1995 ALA baheen kenname mata dureewwan
armaan gadii keessatti kan ilaallu ta’a.
2.1. SEERA AADAA FI MANA MURTII AADAA: HEERA RDFI
FI HEERA NAANNOO OROMIYAA
Heera RDFI keewwata 9(1) jalatti, heerri kun seera olaanaa biyyitti akka ta’e
kaa’a. Seerri, barmaatileen aadaa kamiyyuu, hojii yookiin murteen qaama
16
Olitti yaadannoo lak 12ffaa, F116.
17
Akkuma lak. 16ffaa

165
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

mootummaa kaminiyyuu kennamu heera kanaan kan walfaallessu taanaan


raawwatiinsa akka hin qabne kaa’a.
Heerri RDFI kutaa garagaraa keessatti dhimma seera aadaa fi Mana Murtii
Aadaatiif haguuggii kennee jira. Bu’uura keewwata 39/2/ tin sabootni
hunduu afaan isaanii dubbachuu, barreessuu fi guddisuuf, akkasumas aadaa
isaanii guddisuu fi beeksisuuf mirga akka qaban Heerri kun ifaan ni kaa’a.
Heerri kun gaa’ila bu’uura aadaatiif raawwaramaniif keewwata 34 jalatti
beekamtii kennuu dabalatee dhimmootni martii seera idileetiin qofaan
ilaalamuu akka hin qabnee fi mana murtii aadaa fi mana murtii amantaa akka
filannoo birootti kan akeeku dha. Waldhabbiiwwan dhuunfaa fi maatii fedhii
gareewwanii giddu-galeessa godhachuun mana murtii aadaa yookiin mana
murtii amantaatiin ilaalamuu akka danda’an heerri mootummaa keewwata
34(5) jalatti akka filannoo birootti kaa’ee jira.18
Heera RDFI kw.78/5/ jalatti Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa
Federaalaas ta’e, Manni Maree Mootummaa Naannolee Manneen Murtii
Amantaa (Religious Court) fi Mana Murtii Aadaa (Customary Court)
hundeessuu ykn beekkamtii kennuu akka danda’aan ni kaa’a. Bu’uura kw.34
(5) tiin waldhabbiiwwan dhuunfaa fi maatii bu’uura aadaatiin ykn bu’uura
seera amantaatiin ilaalamuu akka danda’an kaa’ee jira.
Heerri Mootummaa Naannoo Oromiyaas yoo ilaalamu, bifuma Heera RDFI
tiin wal fakkaatuun seera aadaa fi Mana Murtii Aadaatiif beekamtii kennee
jira.Heerri MNO Keewwata 62 jalattis Caffeen Mootummaa Naannoo
Oromiyaa Manneen Murtii Aadaa hundeessuu ykn beekamtii kennuufii akka
danda’u kaa’eera. Heerri MNO kwt.34 jalatti gaa’ila bu’uura aadaatiin
raawwatameeef beekamtii kennuu dabalatee dhimmootni seera maatii fi
seera dhuunfaadhaan ilaalaman bu’uura seera aadaatiin ilaalamuu akka
danda’an ni addeessa. Kunis kan ta’u wal falmitootni dhimma isaanii gama
seera aadaatiin xumurachuuf yoo walii galani dha.
2.2. SEERA AADAA FI SEERA HARIIROO
HAWAASAA ITOOPHIYAA
Sirna seeraa ammayyaa Itiyoophiyaa keessatti diriirsuun wal qabatee seerota
ykn koodii bahan keessaa Seerri Hariiroo Hawaasa Itiyoophiyaa bara 1960
ALA bahe isa tokkoo dha. Hariiroo seerri aadaa fi kuusaan seera hariiroo

18
Heera Mootummaa RDFI, Kwt. 34(5)

166
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

Hawaasaa qabu kallattii lamaan ilaaluun ni danda’ama. Inni jalqabaa


kuusaan or koodiin seera hariiroo hawaasaa hangam seerota aadaa kan
saboota Itiyoophiyaa of keessatti hammatee bahe kan jedhu yoo ta’u,
kallattiin inni biraa kuusaa seera hariiroo hawaasaa raawwatiinsa seera
aadaatiif hangam iddoo kenne kan jedhu dha. Qaphxii jalqabaa ilaalchisee
mormii wal falleessan lamatu mul’ata. Inni jalqabaa, Kuusaan ykn Koodii
Seera Hariiroo Hawaasaa seerota aadaa biyyattii keessa turanii
hammachuudhaan kan tumame otuu hin taane, aadaa fi dhuudaalee biyyoota
lixaa biyyattii keessatti kan madaksuuf diriirfamee dha kan jedhan dha.
Qaamoleen yaada kana kaasan yeroo seerri hariiroo hawaasaa
wixineeffamuus ta’e, sana dura seerotni aadaa qoratamanii barraa’anii
jiraachuu isaaniitin; akkasumas, kaayyoonumti seera haariiroo hawaasaa
qopheessuu seera ammayyaa beeksisuu waan tureef, seerri aadaa bakki
kennameefii hin jiru jechuun mormu.19 Yaadni inni biroo wixineessaa kuusaa
Seera Hariiroo Hawaasaa kan ta’an Piroofeesar Reenii Deeviidin kan
balbaloomsamu dha. Wixineessaan kun kuusaan Seera Hariiroo Hawaasaa
seerota aadaa hawaasa keessa jiran hammachuun /incorporate/ qophaa’e
jechuun falmu.20 Malootaa fi adeemsa kan akka: seerota aadaa hammachuu
(incorporation) gochuu, dhimmoota muraasa gara aadaatti qajeelchuu /explit
reference to custom/, dhimmoota seeraan hin haguugamne seerri aadaa akka
haguuguuf dhiisuu /gap-filling/ fi mala kanneen birootin seera aadaatiif
bakki kennamee jira jechuun kaasa.21
Kallattiin inni lamaffaa fi qorannoo kanaaf rogummaa qabu kuusaan Seera
Hariiroo Hawaasaa raawwatiinsa seera aadaatiif hangam bakka kennee jira
kan jedhu dha. Akkuma armaan dura kaafameetti seeraa aadaa ilaalchisee
Kuusaan Seera Haariiroo Hawaasaa kew.3347/1/ jalatti dhimmoota kuusaa
Seeraa Hariiroo Hawaasaatiin haguuggii argatan ilaalchisee, haala ifa ta’een
yoo kaa’ameen alatti, seerri kana dura barreeffamaniis ta’e seerri aadaa
dhimma wal fakkaataa bulchaa turan seera kanaan kan bakka bu’amanii fi
kan haqamani dha jechuun kaa’eera. Bu’uura tumaa seera kanaatiin
dhimmoota kuusaa Seera Hariiroo Hawaasaa keessatti haguuggii argatan
ilaalchisee seerri raawwatiinsa qabu seera hariiroo hawaasaa qofa ta’uu
isaati. Dhimmoota kunneen ilaalchisee seerri aadaa jiru seera hariiroo

19
Olitti yaadannoo lak.12ffaa, F122
20
Akkuma lak. 19ffaa , F 123
21
Akkuma lak.20ffaa, FF.123-124.

167
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

hawaasaa kana waliin wal simuu fi wal falleessuun akka ulaagaatti otuu hin
kaa’amiin dhimmoota haguuggiin kennameef ilaalchisee seerri hariiroo
hawaasaa guutummaadhaan seera aadaa bakka bu’ee jira. Dhimmoota
hariiroo hawaasaatin haguuggii hin arganneen wal qabatee yoo jiraateef ta’e
hojiirra oolmaa seera aadaa kuusaa seera hariiroo hawaasaa dhorkee kan hin
jirre ta’uu tumaa seeraa kana irraa kan hubatame dha. Haa ta’u malee, tumaa
seera kanaa qixa Heera RDFI tin yoo ilaalamu humni dirqisiisummaa isaa
haqameera. Heerri RDFI kw.34 jalatti dhimmoota seera dhuunfaa fi seera
maatiitin ilaalaman hanga wal falmitootni waliigalanii jiranitti bu’uura seera
aadaatin ilaalamuu akka danda’u ni kaa’a. Kanaaf, dhimma seera dhuunfaa fi
seera maatiin ilaalamu ilaalchisee tumaa Seera Hariiroo Hawaasaa armaan ol
caqasame humna raawwatiinsaa hin qabu.

2.3. SEERA AADAA FI SEERA MAATII


Seera aadaa ilaalchisee tumaawwan Seera Maatii Mootummaa Rippabliika
Dimookraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa (kana booda, Seera Maatii RDFI
jedhama) fi Seera Maatii Mootummaa Naannoo Oromiyaa (kana booda,
Seera Maatii MNO jedhama) keessatti ibsamanii jiru.Tumaawwan kunneenis
agarsiiftuuf akka mijataniif armaan gaditti ibsamuuf yaalamee jira.
Akka Seera Maatii RDFItti fuudhaa fi heerumni bu’uura aadaa
walfuutotaatiin raawwatamuu akka danda’u ni kaa’a.22 Fuudhaaf heerumni
sirna aadaa irratti hundaa’e raawwatame kan jedhamus dhiiraa fi dubartiin
tokko akkaataa aadaa naannoo jiraataniitti yookiin akkaataa aadaa lamaan
keessa tokkootti sirna fuudhaafi heeruma fudhatama qabu yoo raawwatani
dha.23 Haalli raawwatiinsa gaa’ila sirna aadaatiin raawwatamus kan murtaa’u
bu’uura aadaa naannoo sanaatiin ta’a jechuu dha.24
Seerri Maatii MNO haala raawwatiinsa fuudhaaf heerumaaf beekkamtii
kenne keessaa tokko fuudhaaf heeruma aadaa walfuutotaa irratti hundaa’ee
raawwatamu dha.25 Fuudhaaf heerumni sirna aadaa irratti hundaa’e
raawwatame kan jedhamus dhiiraa fi dubartiin tokko akkaataa aadaa
naannoo jiraatanitti yookiin akkaataa aadaa lamaan keessa tokkootti sirna

22
Seera Maatii Rippabilika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa, Labsii Lak.213/
2000, Kwt.1 (2).
23
Seera Maatii RDFI, Labsii Lak.213/200, Kwt.4
24
Seera Maatii RDFI, Labsii Lak.213/200, Kwt.27
25
Seera Maatii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Labsii Lak. 69/1995 & 83/1996, Kwt. 19

168
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

fuudhaaf heeruma fudhatama qabu yoo raawwatani dha.26Haala raawwatiinsa


sirna walkaadhimmachuus ilaalchisee akkaataa baratama iddichaatiin
raawwatamuu akka danda’u Seerri Maatii MNO beekkamtii kennee jira.27
Bu’uura Seera RDFI fi Seera Maatii MNO tin adeemsa diiggaan gaa’ilaa
gaafatamu keessaa tokko iyyata garee tokkoon ykn wal falmitoota lamaaniin
dhiyaatuun yoo ta’u, Manni Murtii hanga danda’ametti wal falmitootni ykn
qaamni iyyata diiggaa gaa’ilaa dhiyeesse yaada isaa akka kaasuuf yaaluu
akka qabu tumu.28 Yaaliin gama Mana Murtiitin dhaddacha irratti taasifame
yoo hin milkoofne wal fuutootni wal dhabdee isaanii gama jaarsaatiin akka
ilaallaniif ni qajeelcha jechuun tumeera.29 Kunis wal dhabbiin maatii
keessatti uumame hiikuu keessatti hirmaannaa jaarsolii biyyaa fi sirna aadaa
kan akeekudha.
Akka waliigalaatti, tumaawwan kunnenii fi kanneen biroo kan agarsiisan
Seerri Maatii Mootummaa RDFI fi Seerri Maatii MNO seera aadaatiif
beekkamtii bifa kenneen bocamuu isaaniiti.
3. CAASSEEFFAMA MANA MURTII AADAA FI ITTI
FAYYADAMA SEERA AADAA: XIINXALA DAATAA
Manni murtii aadaa mana murtii idilee waliin yoo madaalamu dhaqqabamaa,
adeemsa salphaa fi filatamaa kan hordofu, duudhaa fi aadaa hawaasni
beekuun tajaajila haqaa kan kennu, wal falmitoota nagaan gara haariiroo
isaanii duraatti kan deebisuu fi hawaasa biratti miira abbummaadhaan kan
ilaalamu dha. Kanumarraan kan ka’e biyyoota baay’ee keessatti sadarkaa
Heeraatti beekamtii kennuun mana murtii idilee cinaatti tajaajila haqaa
idilaa’aa kennaa kan jiru dha.
Bu’uura tumaa Heera RDFI fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin
fedhii wal falmitootaa hanga ta’etti falmii seera maatii fi seera dhuunfaan
ilaalamuu danda’aan seera aadaatiin xumurachuu danda’u.30 Dabalataanis,
Heerronni lamaanuu qaamni seera baastu sadarkaa mootummaa
Federaalaattii fi sadarkaa naannootti argaman mana murtii aadaatiif

26
Seera Maatii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Kwt.22
27
Seera Maatii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Kwt.11
28
Seera Maatii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Kew.105(1) fi Seera Maatii Mootummaa
Naannoo Oromiyaa, Kwt.82
29
Seera Maatii RDFI, Kew.82 (2) fi Seera Maatii Mootummaa Naannoo Oromiyaa,
Kwt.105(2)
30
Heera Mootummaa RDFI, Kwt.34(5)fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Kwt.34(5)

169
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

beekamtii kennuu ykn hundeessu akka danda’an ni ibsu.31 Kunis kan


agarsiisu, wal dhabdee hawaasa keessatti namoota gidduutti uumamuu malu
mana murtii idilee fi seera mootummaan tumamu qofaan furuuf itti deemuu
irra mana murtii aadaa fi seera aadaa akka filannoo dabalataatti kaa’amuu
dha.
Heerronni lameen armaan olitti caqasaman kunneen beekamtii ifa ta’e mana
murtii aadaa fi seera aadaatiif kan kennan yoo ta’ees sadarkaa naannoo
Oromiyaatti hundeeffama mana murtii aadaa fi itti fayyadama seeraa aadaa
dhugoomsuuf hojiin hojjatame hanga ammaatti hin jiru. Kana jechuun garuu
wal dhabdee hawaasa keessatti namoota dhuunfaas ta’e garee gidduuttii
uumamu marti gama mana murtii idileetiin furmaata argachaa jira jechuu
miti. Aadaan jaarsummaa fi sirni Gadaa hawaasa keessatti argamu wal
dhabdee namoota gidduu jiru furuun hariiroo namootaa fi gareewwan gidduu
jiru tasgabaa’aa gochuu fi tajaajila haqaa kennuu keessatti shoora olaanaa
taphataa akka jiru hubachuun ni danda’ama.
3.1. HUNDEEFFAMA MANA MURTII SEERA
AADAAF CARRAALEE JIRAN
Hundeeffama mana murtii seera aadaatiin wal qabatee carraawwan jiran
adda baasanii beekuun tarkaanfilee itti aanuun fudhatamuuf baay’ee
murteessaa dha.Carraawwan hundeeffama mana murtii seera aadaa
hundeessuuf jiran hedduu ta’uu qorannoo kanaan adda bahuun yaalamee jira.
Manni murtii aadaa akka hundeeffamuu fi kanneen hundeeffamanii jiraniif
beekamtiin kennamuufii akka qabu heera mootummaan ibsamee jiraachuunii
fi sirnii fi aadaan waldhabdee hiikuu hawaasa keessa jiraachuun carraa
guddaa hundeeffama mana murtii aadaaf haala mijeessu dha.Godinaalee fi
aanolee daataan irraa funaaname itti fayyadama isaa garaagarummaa
qabaatus iddoon sirna aadaatti tajaajilamuun waldhabdee isaanii itti hin
hiikanne hin jiru. Godina Booraa fi Gujii Bahaa guutummaatti, Godina
Shawaa Bahaa keessaa Aanaa Fantaallee (uummata Karrayyuu) fi Aanaa
Dugdaa, Godina Baalee keessaa Aanaa Sawweenaa fi Raayituu, Shawaa
Lixaa keessaa aanaa Tokkee Kuttaayee (sirna moyee bokkuu) keessatti
uummatni dhimma isaa sirna aadaatiin xumurataa kan jiru dha.32

Heera Mootummaa RDFI. Kwt.78(5) fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Kw.62(1)


31

Af-gaaffiiwwan Obbo Wandoosan Doonii, Perezidantii MMO Go/Booranaa, waliin gaafa


32

02/07/12, Obbo Sisaay Mul’ataa, Qindeessaa KTAS, MMO Go/Gujii, waliin gaafa 17/06/12,

170
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

Fakkeenyaaf, dhimmoota Mana Murtii Aanaa Libaniin ilaalaman keessaa


kan jiraattoota baadiyyaa 5%-10% qofaa,33 Mana Murtii Olaanaatti immoo
10% kan hin caallee34 fi dhimmoota Mana Murtii Aanaa Yaabeellootti
dhiyaatan 70% - 80% ta’an kan jiraattoota magaalaa akka ta’eetti kaafama.35
Aanaa Fantaallees bifuma wal fakkaatuun manni murtii aanaa dhimmoota
jiraattota magaalaa kan ilaaluu fi uummatni baadiyyaa dhimma isaa aadaan
xumurachaa jiraachuu hooggansi mana murtii ibsaniiru.36 Godina Baalee
aanaa Sawweenaa fi Raayituu,37 fi Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee
Kuttaaye fi Aanaa Amboo keessatti uummanni waldhabbii isaanii sirna
aadaatiin xumurachaa akka jirani dha.38Akka waliigalaatti heera
mootummaan beekkamtiin kennamuunii fi sirnii fi hojimaatni waldhabbii
aadaan hiikuu hawaasa keessa jiraachuun isaa hundeeffama mana murtii
aadaatiif haalawwaan mijatoo jiran keessaa jalqabatti ka’uu danda’u.
Hawaasni mana murtii aadaatiin tajaajilamuuf fedhiin jiraachuu carraa biroo
hundeeffama mana murtii aadaatiif haala mijeessu dha.Hawaasni fedhii osoo
qabuu qaamni xiyyeeffannoo kennu dhabamuu fi dogongoraan gahee mana
murtii aadaa fi mana murtii hawaasummaa akka tokkotti ilaaluu hanga
ammaatti manni murtii aadaa hundeeffamuu dhabe kaafama.39Haa ta’u
malee, yeroo ammaa fedhiin gara aadaa ofiitti deebi’uu qabatamaan hawaasa

Obbo Joonii Bantii, Perezidaatii MMO G/Shawaa Bahaa, waliin gaafa 08/07/2012, Obbo
Kabbuu Mul’ataa, Pirezedaantii Mana murtii Aanaa Amboo,Obbo Sandaabaa Hordofaa,
Ogeessa Waajjira Aadaa fi Turiizimii A/T/Kuttaayee fi Obbo Caalaa Fayisaa, Dursaa Garee
A/T/A/T/Kuttaayee, waliin gaafa 20/06/2011 waliin taasifame. Akkasumas, marii garee
Obbo Musbahaa Abduwahaab, Du/Garee Misooma Sona Aadaa W/A/T/Go/Baalee, Aadde
Abbabachi Wandimmaaganyi (Dursaa garee M/Turizimii, W/A/T/Go/Baalee), Obbo Huseen
Sulxaan, Ogeessaa Afaanii W/A/T/Go/Baalee, waliin gaafa 24/06/12 taasifame.
33
Af gaffii Obbo Dhadacha Guuyyoo, Peresidantii MMA Liiban, waliin gaafa 17/06/12
taassifame
34
Af gaaffii Obbo Wandoosan Doonii, Pirezidantii MMO Go/Booranaa, waliin gaafa
02/07/12 taassifame
35
Afgaaffii Obbo Tokkummaa Caalaa, Pirezidantii Mana Murtii Aanaa Yaabelloo, waliin
gaafa 02/07/12 taassifame
36
Af gaaffii Obbo Mohaammad Sayiid, Pirezidantii MMA Fantaallee, waliin gaafa 09/07/12
taassifame
37
Marii Obbo Jeeylaan Kadir, Pirezidantii M/M/Aanaa Sinaanaa, fi Obbo Getaahuun
Baqqala, Gaggeessaa KTAS Mana Murtii A/Sinaanaa, waliin gaafa 24/06/12 taassifame
38
Af-gaaffiiwwan Obbo Geetuu Tolasaa, Itti Aanaa Dura-taa’aa Abbootii Gadaa Magaalaa
Amboo, waliin gaafa 20/06/2012; Injiguu Guutaa Abbaa Gadaa fi Abbaa Murtii Bokkuu
Cittuu Aanaa Tokkee Kuttaayee waliin gaafa 01/07/2012 taasifame
39
Af-gaaffii Obbo Isaa Boruu, Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Bulchiinsaa fi Seeraa Caffee
Oromiyaa, waliin gaafa 16/08/12 taasifame

171
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

keessa waan jiruuf manni murtii aadaa hundeeffamuu qaba jedhaniiru.40


Keessumaa, godinaalee Gujii fi Booranaatti uummatni jireenya
hawaasummaa isaa lolaa fi tola hundumaa aadaan xumurataa jiraachuu
kaasuun yeroo ammaatti uummatni seera idilee irra kan aadaa akka fedhu
kaasaniiru.41Abbootiin gadaa fi jaarsoliin biyyaa qorannoo kanaan
dubbifamanis yaada kaasaniin ilaalchi ‘otuu aadaatti deebinee waaqatu nutti
deebi’a’ jedhu uummata keessa jiraachuu ibsuun hundeeffamni mana murtii
aadaa fedhii fi gaaffii keenya jedhaniiru.42Keessumaa, diiggaa gaa’ilaan wal
qabatee rakkoo hawaasa keessatti uumamaa jiruuf seerrii fi sirni aadaa kufuu
isaati jechuun diriirfamuu sirnaa fi seeraa aadaatiif uummata bira fedhii
gaabbii irraa maddeetu jira jedhu.43
Jaarsooliin waldhabdee hiikan dandeettii fi fudhatamummaa qaban hawaasa
keessa jiraachuun carraa biroo hundeeffama mana murtii aadaaf haala
mijatoo uumani dha.Daataan funaaname akka agarsiisutti jaarsoliin biyyaa fi
abbootiin gadaa akkasumas, ragoonnis jecha ragaa kennuuf dhaddachatti
dhiyaatan kaka’uumsa mataa isaaniitiin abbootii dhimmaa yeroo walitti

40
Afgaaffii Obbo Sandaabaa Hordofaa, Ogeessa Waajjira Aadaa fi Turiizimii
A/T/Kuttaayee fi Obbo Caalaa Fayisaa, Dursaa Garee A/T/A/T/Kuttaayee, waliin gaafa
20/06/2011; Marii garee, Dambii Turcee, Dursaa Garee So/Aadaa Go/Gujii, Baay’isaa
Bayyana, Ogeessa Afaanii W/A/T/Go/Gujii, Samarroo Waaree, Qorataa fi Qindeessaa Sirna
Gadaa Go/Gujii, Barrisoo Olaanaa, Dursaa Garee Aadaa fi Aartii Wa/A/T/Go/Gujii, Af
gaaffii Obboo Dirribaa Tarrafaa, Daayireektara Giddu Gala Aadaa Oromoo, Waliin gaafa
5/08/2012 taassifame, Afgaaffii Obbo Alamaayyoo Haayilee, Qorataa Aadaa fi Seenaa
G/Gala Aadaa Oromooo waliin gaafa 5/08/2012 taasifame
41
Marii garee, Dambii Turcee, Dursaa Garee So/Aadaa Go/Gujii, Baay’isaa Bayyana,
Ogeessa Afaanii W/A/T/Go/Gujii, Samarroo Waaree, Qorataa fi Qindeessaa Sirna Gadaa
Go/Gujii, Barrisoo Olaanaa, Dursaa Garee Aadaa fi Aartii Wa/A/T/Go/Gujii,
Mag/Nageellee Booranaatti, waliin gaafa 18/08/12 taassifame. Akkasumas, marii garee
Obbo Atilaabaachawu Aabbaabbuu, Pirezidantii MMA O/Shaakisoo fi Obbo Diiiqqaa
Abdii, Gaggeessaa KTAS MMA O/Shaakisoo waliin gaafa 19/06/12 taasifame
42
Marii garee Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, Walitti Qabaa Abbootii Gadaa Oromiyaa,
Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa, Abbaa Gadaa Maccaa fi miseensa Gumii Abbootii
Gadaa Oromiyaa fi jaarsa biyyaa Obbo Kadir Abdii Nuur, waliin magaalaa Finfinneetti
gaafa 16/08/12 taasifame. Marii: Obbo Jaarsoo Boonaa, Abbaa Gadaa Gujii duraanii fi
yeroo ammaatti Yuuba, fi Obbo Ejarsa Bulgee, Jaarsa biyyaa Aanaa Gooroo Doollaa, waliin
gaafa 18/06/12 taasifame. Akkasumas, marii garee Obbo Aloo Baalshoo, Miseensa Gumii
Odaa Roobaa fi Walitti Qabaa A/Gadaa fi Jaarsa biyyaa Aanaa Sinaanaa fi Addee Shukurii
Kadir, Haadha Siinqee, Aanaa Sinaanaa Magaalaa Roobee waliin gaafa 28/06/12 taassifame.
43
Mariiwwan garee Obbo Jaarsoo Boonaa, Abbaa Gadaa Gujii duraanii fi yeroo ammaatti
Yuuba, fi Obbo Ejarsa Bulgee, Jaarsa biyyaa Aanaa Gooroo Doollaa, waliin gaafa 18/06/12
taasifame. Akkasumas, marii garee Obbo Aloo Baalshoo, Miseensa Gumii Odaa Roobaa fi
Walitti Qabaa A/Gadaa fi Jaarsa biyyaa Aanaa Sinaanaa fi Addee Shukurii Kadir, Haadha
Siinqee, Aanaa Sinaanaa Magaalaa Roobee, waliin gaafa 28/06/12 taasifame.

172
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

araarsan jiraachuu eeraniiru.44 Hooggansi mana murtii Godinaalee fi


aanaalee garagaraa yaada kennaniin abbootiin gadaa fi jaarsoliin biyyaa wal
dhabdee namoota gidduutti uumamu furuuf dandeettii fi miira tajaajiltummaa
akka qaban kaasuudhaan sirna haqaa keessatti otuu hammatamanii hojiitti
galan gaarii akka ta’etti kaasu.45Abbootiin Gadaa fi jaarsoliin biyyaa
dubbifamanis wal dhabdee hawaasa keessatti dhalatu hiikuun wal qabatee
ilaalchaa fi amantaa isaanii dubbii namaa jaarsummaadhaan ilaaluun daandii
waaqaati jechuun kaasuun akka dirqama rabbi irraa itti kennameetti ilaalu.46
Sirnii fi seerri aadaa waldhabdee hiiku hawaasa keessa jiraachuun akka
manni murtii aadaa hundeeffamuuf caarraa bal’aa kan uumu dha. Marii
Abbootii Gadaa fi jaarsolii biyyaa godina garagaraatti argaman waliin
taassifame irratti wal dhabdee jireenya hawaasummaa keessatti uumamuu
danda’u furuuf seerrii fi sirni aadaa gahaa tahe jiraachuu kaasu. Waan
maraaf: mukaaf, bineensaaf, margaaf, waaqaafii kkf hundaaf seerri
waldhabdee hiiku akka jiru eeru.47 Ogeessotni fi qorattootni aadaa Biiroo
Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa sadarkaa Aanaa hanga Naannoo jiranis
yaaduma Abbootii Gadaa fi jaarsolii biyyaatiin kenname haala cimsuu
danda’uun seerri aadaa gahaa fi gabbataa tahe wal dhabdee gosa kamiyyuu
hiikuu danda’u hawaasa keessa kan jiru tahuu ibsaniiru.48

44
Af gaaffiiwwan Obbo Sisaay Mul’ataa, Qindeessaa KTAS, MMO Go/Gujii waliin gaafa
17/06/12, Obbo Abdurroo Aloo, Pirezidaantii MMA Diinshoo waliin gaafa 26/06/12
taasifame
45
Afgaaffiiwwan Obbo Badriitamaan Umar, Pirezidantii MMO Go/Gujii waliin gaafa
17/06/12; Obbo Maammoo Tusii, Piredaantii MMO G/Baalee waliin gaafa 28/06/12; Obbo
Wandoosan Doonii, Pirezidantii MMO Go/Booranaa waliin gaafa 02/07/12; Obbo
Maatiyoos Yiggazuu, KTAS Mana Murtii Olaanaa G/L/Shawaa waliin gaafa 19/06/2012
taasifame
46
Marii garee Obbo Jaarsoo Boonaa, Abbaa Gadaa Gujii duraanii fi yeroo ammaatti Yuuba,
fi Obbo Ejarsa Bulgee, Jaarsa biyyaa Aanaa Gooroo Doollaa waliin gaafa 18/06/12
taasifame; Af gaaffii obbo Aagaa Xiinxanoo, Abbaa Gadaa duraanii fi yeroo ammatti Yuuba
Magaalaa Shaakkisoo waliin gaafa 19/06/12 taasifame.
47
Af gaaffii Obbo Aagaa Xiinxanoo, Abbaa Gadaa duraanii fi yeroo ammatti Yuuba
Mag/Shaakkisoo, waliin gaafa 19/06/12; Marii garee Obbo Moonaa Godaanaa, Abbaa
Gadaa Gujii duraanii fi yeroo ammaatti Yuuba fi Obbo Saafee Dullachaa, Jaarsa biyyaa
Aanaa Wadarraa waliin gaafa 18/06/12; Marii garee Obbo Jaarsoo Boonaa, Abbaa Gadaa
Gujii duraanii fi yeroo ammaatti Yuuba, fi Obbo Ejarsa Bulgee, Jaarsa biyyaa Aanaa
Gooroo Doollaa waliin gaafa 18/06/12 taasifame.
48
Marii garee Dambii Turcee, Dursaa Garee So/Aadaa Go/Gujii;Baay’isaa Bayyana,
Ogeessa Afaanii W/A/T/Go/Gujii; Samarroo Waaree, Qorataa fi Qindeessaa Sirna Gadaa
Go/Gujii;Barisoo Olaanaa, Dursaa Garee Aadaa fi Aartii Wa/A/T/Go/Gujii waliin gaafa
18/08/12 taassifame. Af-gaaffiiwwan Obbo Abrahaam A/Macaa, Aadde Maari’am Abdo,

173
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

Jijjiirrama hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa muudatu waliin deemuuf


seerotni mootummaan fooyya’uu ykn haqamuu danda’u. Seerrii fi sirni aadaa
amala isaatiin qaama tokkoon tumameen kan labsamu otuu hin taanee turtii
yeroo dheeraan hawaasa keessatti lafa qabataa kan dhufu dha. Kanaaf, seerri
aadaa haala salphaa taheen amala jijjiramuu qabaaachuu dhiisuu
mala.Dhimma kana ilaalchisee Abbootiin Gadaa fi Yubootni yaada
kennaniin sirna Gadaa keessatti seera boodatti hafaa ta’e Gumii Gaayyootti
ykn Me’ee Bokkuu irratti fooyyeessuu ykn haquudhaan seera haaraatiin
bakka buusuun akka danda’amu ibsaniiru.49 Abbaa Gadaa Gujii fi walitti
qabaa Abbootii Gadaa Oromiyaa kan turan Abbaa Gadaa Aagaa Xiinxanoo
yaada kennaniin bara aangoo isaanii seera digdamaa ol Yubaa fi haayyuu
walitti qabuun akka fooyyessan kaasaniiru.50 Duudhaa ykn aadaa haala
qabatamaa hawaasa keessa jiru waliin kan hin adeemne akkaataa haala yeroo
waliin deemuu danda’uun ni fooyya’a jedhaniiru.51Kunis, hundeeffamaa
Mana Murtii Aadaa fi itti fayyadama seera aadaatiif akka carraa ykn haala
mijaawaatti ka’uu mala.
Murtiin mana murtii idileetiin kennamu kan raawwatamu waliigaltee
araaraatiin yookiin manni murtii dirqisiisuun akka ta’e beekamaa dha.
Murtiin jaarsoleen ykn Abbootii Gadaatiin kennamu garuu, kanaan adda
dha.Abbootiin Gadaa ykn jaarsoliin biyyaa murtii bu’uura seeraa fi sirna
aadaatin kennan raawwachiisuuf dandeettii fi sirni kan jiruu fi abbootiin

Ogeessa Induustirii Aadaa fi Aadde Ikiraam Ahmad Ogeeyyii Afaanii W/A/T/G/Jimmaa


waliin gaafa 26/06/2012; Aadde Nagaasee Shifarraa Ogeessa Misooma Sona Aadaa fi Obbo
Zarihun Baqqalaa Qindeessaa Garee Hojii Misoomaa A/T/G/W/Bahaa waliin gaafa
27/06/2012 taasifame
49
Af gaaffii Dr. Borbor Bulee, haayyuu seenaa fi sirna gadaa Booranaa, Magaalaa Dubulluq,
walii gaafa 02/07/12 fi marii garee Jaarsoo Boonaa, Abbaa Gadaa Gujii duraanii fi yeroo
ammaa Yuuba, fi Obbo Ejarsa Bulgee, Jaarsa biyyaa Aanaa Gooroo Doollaa waliin gaafa
18/06/12 taasifame.
50
Marii garee Wuddee Indashawuu, Dursituu Garee Sona Aadaa, Daani’eel Isheetuu,
Dursaa Garee Industirii Aadaa fi Aartii, Zawuddinash Baqqala, Ogeessaa Aadaa
Wa/Aad/Tu/Go/Sh/Bahaa, waliin gaafa 16/08/12 taasifame. Af-gaaffiiwwan Obbo
Abrahaam A/Macaa, Aadde Maari’am Abdo, Ogeessa Induustirii Aadaa fi Aadde Ikiraam
Ahmad Ogeessa Afaanii W/A/T/G/Jimmaa waliin gaafa 26/06/2012, Aadde Nagaasee
Shifarraa Ogeessa Misooma Sona Aadaa, Obbo Amsaaluu Tolasaa Qorataa seenaa fi sirna
Gadaa, Obbo Zarihun Baqqalaa Qindeessaa Garee Hojii Misoomaa A/T/G/W/Bahaa waliin
gaafa 27/06/2012 taasifame.
51
Marii garee Obbo Aloo Baalshoo, Miseensa Gumii Odaa Roobaa fi Walitti Qabaa
A/Gadaa fi jaarsa biyyaa Aanaa Sinaanaa fi Aaddee Shukurii Kadir, Haadha Siinqee Aanaa
Sinaanaa waliin gaafa 28/06/12 taasifame.

174
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

dhimmaas fedhii isaaniitiin murtii raawwachaa kan jirani dha. Abbootiin


Gadaa Godina Gujii fi Booranaa yaada kennaniin namni biyyaan, namaa fi
uummataan bula yaada jedhu kaasuudhaan dhalataan Gujii fi Booranaa
murtii Abbaa Gadaa fi jaarsa Gujii ykn Booranaa fudhachuu fi raawwachuu
didu hin jiru jedhu.52 Duudhaa hawaasa bira jiruun nama murtii Abbaa
Gadaa dide qoqqobbiin waan irra kaa’amuuf Abbaa Gadaa kabaja guddaa
qabdi jedhu.53Marii jaarsolii biyyaa Godina Jimmaa, Baalee fi Wallagga
Bahaa waliin taassifameenis hawaasni duudhaa fi aadaa isaatiif kabaja
guddaa qabaachuu isaatiin namni dubbii jaarsatti erga kennatee murtiin
kenname raawwachuun wal qabatee rakkoon akka hin jirree kaasu.54
Haaluma wal fakkaatuun, jaarsolii fi abbootii Gadaa Godina Shawaa Lixaa
waliin taasifameen nama murtii jaarsoliin ykn Abbootiin Gadaa kennan
raawwachuu dide isaan quunnamee akka hin jirre ibsu. 55 Ogeessotnii fi
qorattootni aadaas yaada kennaniin duudhaan hawaasa keessa jiru waliin
jireenya irratti kan hundaa’e ta’uu isaatiin kabajni Abbootiin Gadaa fi
jaarsolii biyyaatiif kennamu olaanaa waan ta’eef, murtiileen kennaman
raawwachuutu qabatamaan hawaasa keessa jira jedhu.56 Murtii Abbootii
Gadaa fi jaarsolii biyyaatin kennamee jiru ofii raawwachiisuu sirni aadaa
isaan dandeessisu jiraachuu fi duudhaan murtii Abbootii Gadaa kabajuu
hawaasa keessa lafa qabatee jiraachuun isaa hundeeffama mana murtii
aadaaf haala mijataa kan uumu dha.

52
Mariiwwan garee Obbo Moonaa Godaanaa, Abbaa Gadaa Gujii duraanii fi yeroo ammaa
Yuuba fi Obbo Saafee Dullachaa, Jaarsa biyyaa Aanaa Wadarraa, waliin gaafa 18/06/12
Liiban Jaldeessaa, Yuuba Guuyyoo Gobbaa, Doorii Guyyoo Boruu, Doorii Jaarsoo Bokkoo,
Jaarsa biyyaa Kottool Gobbaa, Godina Booranaa Magaalaa Areeroo waliin gaafa 03/07/12
taasifame
53
Akkuma 52ffaa.
54
Marii Garee Jaarsoolee Magaalaa Jimmaa: Obbo Zaakir Abbaaboor, Obbo Nagaash
Nagawoo, waliin gaafa 24/06/2012 taasifame, Marii : Obbo Aloo Baalshoo, Miseensa Gumii
Odaa Roobaa fi walitti qabaa A/Gadaa fi jaarsa biyyaa Aanaa Sinaanaa fi Aaddee Shukurii
Kadir, Haadha Siinqee Aanaa Sinaanaa, waliin gaafa 28/06/12 taasifame.
55
Af-gaaffii Obbo Injiguu Guutaa, Abbaa Gadaa fi Abbaa Murtii Bokkuu Cittuu Aanaa
Tokkee Kutaayee waliin gaafa 01/07/2012 , Shuumee Tasammaa, Abbaa Gadaa A/Diggaa,
waliin gaafa 30/06/2012 taasifame
56
Afgaaffiiwwan Obbo Mallasa Masqalaa, W/A/T/Go/Baaleetti Du/Garee Mirkaneessa
Dh/Turizimii, Obbo Amaan Nashaa, W/A/T/Go/Baaleetti Du/Garee In/Aadaa fi Aartii,
Obbo Shibbiruu Abdoo, W/A/T/Go/Baaleetti Og/Misooma Turizimii, waliin gaafa 24/06/12
taasifame. Marii garee Dambii Turcee, Dursaa Garee So/Aadaa Go/Gujii, Obbo Baay’isaa
Bayyana, Ogeessa Afaanii W/A/T/Go/Gujii, Obbo Samarroo Waaree, Qorataa fi Qindeessaa
Sirna Gadaa Go/Gujii, Obbo Barrisoo Olaanaa, Dursaa Garee Aadaa fi Aartii
Wa/A/T/Go/Gujii, waliin gaafa 18/08/12 taassifame.

175
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

Manni murtii idilee xiinxala ragaa fi seeraa irratti hundaa’uun murtii


kenna.Tumaa seera deemsa falmii fi seera yakkaa keessaa tokko dhugummaa
jecha ragaa cimsuudhaaf jecha ragootni dhaddachatti sirna kakuu akka
raawwatan taasisuu dha.57Qaamni raga sobaa kennes adabbii akka
hordofsiisu seerri keenya ni kaa’a.58 Haa ta’u malee, tumaaleen seeraa
kunneenii fi kanneen biroo dhibbaa ragaa sobaa ittisuuf sadarkaa garagaraatti
bocamanis gabaasa raawwii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Mana Hojii
Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa ragaan sobaa rakkoo sirna haqaa tahee
kan jiru tahuun ni himama.59 Dhimmoonni sirna aadaa giddugaleessa
godhachuun kennaman garuu haqa baasuu irratti murtii mana murtii idilee
akka caalu ni kaafama. Yaada Abbootiin Gadaa fi jaarsoliin biyyaa kaasaniin
aadaan keessatti dhugaan kan abbaa dhugaati, mana murtiitti garuu dhugaan
kan abbaa ragaati. Uummatni kakaa Abbootii Gadaa ykn jaarsolii biyyaatin
taasifame baay’ee sodaata jechuun kaasaniiru.60 Yaada hooggansi Mana
Murtii fi Biiroo Aadaa fi Turizimii kaasaniin keessuma dhimma ragaa hin
qabne gama Abbootii Gadaa fi jaarsoliitin xumurama akka jiruu 61 fi murtiin
sobaan mana murtii idileetti murtaa’e jaarsoliin deebi’anii nannoo isaaniitti
ilaalanii yoo murtii mana murtii idileetiin kenname diiguun dhugaa irratti
hundaa’aanii abbaa mana murtii idileetti itti murtaa’eetti yoo murteessan
akka jiru kaasaniiru.62Murtii mana murtii aadaatiin haqni argamuun carraa
hundeeffama isaatiif kanneen haala mijatoo uumani dha.

57
Seera Deemsa Falmii Haariiroo Hawaasaa Itiyoophiyaa, 1956, Kwt. 261
58
Seera Yakkaa Rippabilika DImokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Fooyya’ee bahe,
1996, Kwt. 453
59
Gabaasawwan Koree Fooyya’iinsa Sirna Haqaa, Gabaasa Mana Hojii Abbaa Alangaa
Waliigala Oromiyaa.
60
Af gaaffii Obbo Aagaa Xiinxanoo, Abbaa Gadaa duraanii fi yeroo ammaa Yuuba
Mag/Shaakkisoo, waliin gaafa 19/06/12; marii garee Obbo Dambii Turcee, Dursaa Garee
So/Aadaa Go/Gujii, Obbo Baay’isaa Bayyana, Ogeessa Afaanii W/A/T/Go/Gujii, Obbo
Samarroo Waaree, Qorataa fi Qindeessaa Sirna Gadaa Go/Gujii, Obbo Barrisoo Olaanaa,
Dursaa Garee Aadaa fi Aartii Wa/A/T/Go/Gujii Mag/Nageellee Booranaa waliin gaafa
18/08/12 taassifame
61
Marii Garee Obbo Dambii Turcee, Dursaa Garee So/Aadaa Go/Gujii, Obbo Baay’isaa
Bayyana, Ogeessa Afaanii W/A/T/Go/Gujii, Obbo Samarroo Waaree, Qorataa fi Qindeessaa
Sirna Gadaa Go/Gujii, Obbo Barrisoo Olaanaa, Dursaa Garee Aadaa fi Aartii Wa/A/T/Go/
Gujii Mag/Nageellee Booranaa waliin gaafa 18/08/12 taassifame
62
Marii garee, Akkuma lak. 61ffaa

176
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

3.2. HUNDEEFFAMA MANA MURTII AADAATIIN WAL QABATEE


SODAAWWAN JIRAN
Uummatni Oromoo bara durii kaasee sirnaa fi seeraa Gadaatiin bulaa tureera.
Mootummaan giddu-galeessaa hanguma humni isaa dabalaa deemu itti
fayyadamni sirnaa fi seera aadaa sadarkaa garagaraatti ni hir’ata jedhameeti
tilmaamama. Bakka sirni gadaa hawaasa keessatti hanga ammaatti lafa
qabatee jirutti wal dhabdee sochii hawaasummaan wal qabatee namoota
gidduutti uumamu aadaa fi duudhaa naannoo irratti hundaa’uun haala
salphaa taheen furamuu mala.Bakka sirni gadaa qabatamaan hawaasa keessa
hin jirreetti wal dhabdeen uumamu bifa idilaa’aa taheen aadaa fi duudhaa
irratti hundaa’uun hiikuun carraa bal’aa qabaachuu dhiisuu
mala.Hundeeffama mana murtii aadaa ilaalchisee sodaawwan jiran haala
armaan gadiitti xiinxalamanii jiru.
Hundeeffama mana murtii aadaatiin walqabatee sodaawwan jiran keessaa
bakka muraasatti seera aadaatiin tajaajilamuuf fedhiin gad-aanaa ta’uu
qorannoo kanan adda baheera. Fedhiin kunis haala sadiin ilaalamuu kan
danda’u dha. Innis sochii hawaasummaa magaalaa waliin dhufu, dhiibbbaa
amantaa fi fedhii dargaggoota sadarkaa barumsaa garagaraa keessa darbanii
jechuun kaasu.Naannoo magaalaatti hawaasa aadaa fi duudhaa garagaraa
keessaatti dhalatee fi guuddateetu jiraata waan taheef wal falmii jiraattoota
keessatti dhalatu aadaa irratti hundaa’uudhaan xumuruuf fedhiin jiru gadi
aanaa dha.63Haaluma walfakkaatuun, amantaa fi dargaggoonni sirna
barnoota idilee hordofan biratti fedhiin gad-bu’uu akka danda’u sodaa jiru
kaasu. Abbootiin Gadaa, ogeessotnii fi qorattootni aadaa rakkoon sirnaa fi
seera aadaatti fayyadamuu kan gadi bu’ee ta’uu kaasuun sirna cimaa
hojimaataa fi seera aadaa jajjabeessuu danda’u diriirsuun fedhiin hawaasaa
dhimma isaa aadaadhaan xumurachuu yeroo gabaabaatti hubannoo
uumuudhaan fooyyeessuun ni danda’ama jedhu.64

63
Afgaaffiiwwan Obbo Hajiib Abbaa Jabal, B/b Hoogganaa A/T/M/Jimmaa, Aadde
Hindiyaa Abbaa Foggee Dursaa Garee Misooma Aadaa waliin gaafa 26/06/2012 taasifame
64
Af-gaaffii Obbo Aagaa Xiinxanoo, Abbaa Gadaa duraanii fi yeroo ammaYuuba
Mag/Shaakkisoo waliin gaafa 19/06/12 taassifame, Marii garee Wuddee Indashawuu
Wa/Aad/Tu/Go/Sh/Bahaa, Dursituu Garee Sona Aadaa, Daani’eel Isheetuu Wa/ Aad/ Tu/
Go/ Sh/Bahaa, Dursaa Garee Industirii Aadaa fi aartii, Zawuddinash Baqqala Wa/Aad/Tu/
Go/ Sh/Bahaatti -Ogeessaa Aadaa, Shaambal Kaasuu, Wa/Aad/Tu/ Go/ Sh/ Bahaa, Ogeessa
Misooma Afaanii, Soofiyaa Mohaammad , Wa/ Aad/Tu/Go/Sh/Bahaa, Ogeettii Haambaa
Socho’anii, waliin taasifame.

177
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

Abbootiin Gadaa fi jaarsoliin biyyaa naamusa gaarii qaban akkuma jiran


darbee darbee, kanneen gosaan, firoomaan, fayidaan hojjachuun danda’an
kan jiran ta’uu ogeessotni aadaa fi hoogansi mana murtii akka sodaatti
kaasu.65 Hooggantootni biroos yaada kennaniin Abbootii Gadaa olaanoo
biratti rakkoon naamusaa xiqqaa ta’us, jaarsolii biratti garuu bal’inaan ni
mul’ata jedhaniiru.66 Rakkoon naaamusaa kun jiraachuu Abbootiin Gadaa fi
jaarsoliin biyyaa illee ni kaasu.67 Dur Abbaa Gadaatu uummata sodaata,
amma uummatatu Abbaa Gadaa sodaata jechuun rakkoo naamusaa mul’atu
ibsu.68Ogeessootni fi qorattootni aadaa sadarkaa Aanaa fi Godinaa irratti
argaman yaada kennaniinis dur dubbii gaaddisa jalati fixuutu; amma garuu
hoteelatti jaarsummaaf taa’ama.69 Iddoo birootti Jaarsoliin waan gaaddisaa
jedhanii abbootii dhimmaa irraa waa barbaaduun ni jira.70 Baasiin kun yeroo
tokko, tokko dhimma isaanii gara mana murtii idileetti otuu fidan kan
baasanii ol ta’a jechuun rakkoo naamusaa jiru ibsaniiru.71 Rakkoon kun akka
sodaatti adda bahuu isaatiin irratti hojjatamuu kan malu dha.

65
Afgaaffiiwwan Obbo Badriitamaan Umar, Pirezidaantii MMO Go/Gujii waliin gaafa 17/
06/12; Obbo Sisaay Mul’ataa, Qindeessaa KTAS, MMO Go/Gujii waliin gaafa 17/06/12
Obbo Ismaa’eel Abbaa Boor B/b Prezidaantii MMO G/Jimmaa, waliin gaafa 24/06/2012
taasifame.Marii Garee Waajjira Aadaa fi Turiizimii G/Sh/Lixaa waliin gaafa 19/06/2012
taasifame.
66
Afgaffii Obbo Dhadacha Guuyyoo, Piresidaantii MM A Liiban, waliin gaafa 17/06/12
taasifame. Akkasumas, marii garee Obbo Mallasa Masqalaatti W/A/T/Go/Baaleetti
Du/Garee Mirkaneessa Dh/Turizimii, Amaan Nashaa, W/A/T/Go/Baaleetti Du/Garee
In/AAdaa fi Aartii, Obbo Shibbiruu Abdoo W/A/T/Go/Baaleetti Og/Misooma Turizimii
waliin gaafa 24/06/12 taasifame.
67
Afgaaffii Abbaa Gadaa Naahim Hasan, Walitti Qabaa Abbaa Gadaa Magaalaa Jimmaa,
waliin gaafa 26/06/2012 taasifame
68
Af-gaaffii Jaarsa biyyaa Dok. Kabajaa Borbor Bulee, Magaalaa Dubulliq, waliin gaafa
02/07/12 taasifame
69
Afgaaffii Obbo Musbahaa Abduwahaab, Du/Garee Misooma Sona Aadaa
W/A/T/Go/Baalee, Aaddee Abbabachi Wandimmaaganyi, Dursaa Garee M/Turizimii
W/A/T/Go/ Baalee, Obbo Huseen Sulxaan, Ogeessaa Afaanii W/A/T/Go/Baalee, waliin
gaafa 24/06/12 taasifame, Marii garee Obbo Biraanuu Wayyoo, Qorataa Seenaa
W/A/T/A/O/Shaakisoo fi Aadde Faanayee Lammaa, Ogeeesa Afaanii
W/A/T/A/O/Shaakkisoo waliin gaafa 19/06/11 taasifame.
70
Marii garee Obbo Jeeylaan Kadir, Pirezidantii MMA Sinaanaa fi Obbo Geetaahun
Baqqalaa, Gaggeessaa KTAS MMA Sinaanaa waliin gaafa 24/06/12 taasifame. Marii garee
Obbo Aloo Baalshoo, Miseensa Gumii Odaa Roobaa fi Walitti Qabaa A/Gadaa fi jaarsa
biyyaa Aanaa Sinaanaa fi Aaddee Shukurii Kadir, Haadha Siinqee Aanaa Sinaanaa, waliin
gaafa 28/06/12 taasifame.
71
Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyya’ee Bahe, Labsii Lak. 46/1994, Kwt.62

178
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

3.3. MANA MURTII AADAA FI HAWAASA MAGAALAA


Uummata magaalaa ilaalcha, duudhaa fi afaan garaagaraa qaban irraa
ijaarame jiru keessaatti hundeeffamni mana murtii aadaa bu’a qabeessa ta’uu
danda’a kan jedhu sodaa dha. Bakka hawaasni waliigalaa namoota ilaalcha,
duudhaa fi afaan garagaraa qaban irraa ijaaramee jiruutti hundeeffamni mana
murtii aadaa haala kamiin tahuu qaba kan jedhu qaphxii qorannoon kanaan
xiyyeeffannaan itti kennamee dha. Marii hoggansa mana murtii, Biiroo
Aadaa fi Turizimii sadarkaa aanaa hanga naannoo jiran, ogeessota fi
qorattoota aadaa akkasumas Abbootii Gadaa fi jaarsolii biyyaa waliin tureen
ilaalchi sadii calaqqiseera. Manni murtii aadaa Heera Mootummaa
naannootiin beekkamtiin kennamee jira. Heerri kun jiraataa magaalaa fi
baadiyyaa jechuun addatti hin qoodne. Jiraataan magaalaas ta’e baadiyyaa
Heera kana kabajuuf ykn ittin buluu mirgaa fi dirqama wal fakkaataa qaba.
Manni murtii aadaa labsii Caffeen baasuun hundeeffame jiraattootni
magaalaas baadiyyaas ittiin buluu fi kabajuu qabu kan jedhu dha. Kanaaf,
addatti dhimma jiraattoota magaalaa ilaalamuu hin qabu ijannoo jedhu dha.72
Yaadni biroo Abbootii Gadaa fi jaarsolii biyyaa biratti kan calaqqisu dha.
Abbootiin Gadaa fi jaarsoliin, biyyaa keessumaa Godina Gujii fi Booranatti
argaman namni kamiyyuu iddoo barbaadee haa dhufu akka dhalataatti
mirgaa fi dirqama walqixa ta’e qaba. Jiraattootni magaalaa jiraniis iddoo
biraatillee kan dhufan yoo tahe akkuma Booranaatti ykn Gujiitti ofi ilaalanii
dhimma isaanii nutti kennatanii ilaalaafii jirra. Kanaaf, manni murtii aadaa
haala adda taheen fedhii hawaasa magaalaa haalli itti keessummeessu hin
jiraatu jedhu.73
Yaadni inni dhumaa kan calaqqisu hawaasni magaalaa namoota aadaa fi
duudhaa akkasumas ilaalcha garagaraa qaban irraa kan ijaarame tahuu
ibsuun tajaajila haqaa kennamuuf yaadame seeraa fi sirna aadaa kamiin
kennamuu mala gaaffi jedhu kaasuun manni murtii aadaa fedhii jiraattoota
magaalaa addatti hin keessummeessu taanaan jiraattootni magaalaa aadaa fi
duudhaa kan isaanii hin taaneen tajaajila haqaa akka argatan taassisuu taha.
Kun immoo gaaffii mirgaa kaasuu mala jedhu.74 Ogeessotni ijannoo kana
mormaniis yaada kaasaniin uummatni magaalaas tahe baadiyyaa mana murtii
72
Af-gaaffii Obbo Maammoo Tusii, Pirezidaantii MMO G/Baalee waliin gaafa 28/06/12
taasifame
73
Afgaaffii,Obbo Musbahaa Abduwahaab faa, Olitti yaadannoo lak.69ffaa
74
Af gaaffii Obbo Wandoosan Doonii, Olitti yaadannoo lak 34ffaa

179
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

idileetti tajaajila haqaa argataa kan jiru seera aadaa fi duudhaa isaa irraa
maddeeen sababa hin taaneef qofaa hanga ammaatti komii tahee dhiyaatee
kan hin jirre tahuu caqasuun mana murtii aadaa sirnaa fi seera aadaa
uummata bal’aa keessaa maddeen tajaajila haqaa kennu hundeessuun komii
fida jedhamee hin tilmaamamu jedhu.75
Abbootiin Gadaa sadarkaa naannootti yeroo ammaa tajaajilaa turanii fi yeroo
tajaajila isaanii xumuran yaadota kan waliin madaaluun gaaffii dhiyaateefii
yoo yaada kennan aadaan dhugaa qofa irratti hundaa’ee hojjata; aadaa biratti
sobni hin jiru. Namni immoo kan sodaatu haqni yoo dabe dha. Fedhiin
uummata magaalaas fedhii dhugaa fi haqaati. Muuxannoo jiruunis falmii
guddaa wal falmitoota saba Oromoo hin taane gidduutti uumamee dhimma
isaanii ilaallee hiikne qabna. Kanaaf, uummatni magaalaa addatti fedhii qaba
jedhamee ilaalamuu hin qabu jedhaniiru.76Ogeessootni yaada kana cimsaniis
jiru.77Dabalataanis, ogeessootni biroo yaada kaasaniin magaalaa keessatti
manni murtii aadaa bifa abbootiin murtiii sabaaf sablammoota biroo
hirmaachisaa taheen haala ijaaramu irratti hojjachuu dha malee haala adda
taheen ilaaluun hin barbaachisu jedhu.78 Akka waliigalaatti, hawaasa
magaalaa ilaalchisee uummatni ijaarsaa sab-daneessa ta’e kan qabu tahuun
isaa qofti seeraa fi sirna aadaatiin wal dhabdee hiikachuu dhorkee kan hin
jirre yoo ta’u, gurmaa’iimsi mana murtii aadaa bifa sabaa fi sablamoota
magaalaa keessa jiran hirmaachisee fi haqummaa isaa kan mirkanaa’e yoo
ta’e caalatti komii ka’uu malu hambisuun amantaa uummataa kan dabaluu
tahuu qorannoo kanaan adda bahuu danda’eera.

75
Akkuma74ffaa.
76
Marii garee Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, Walitti Qabaa Abbootii Gadaa Oromiyaa,
Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa, Abbaa Gadaa Maccaa fi Miseensa Gumii Abbootii
Gadaa Oromiyaa fi jaarsa biyyaa Obbo Kadir Abdii Nuur, waliin magaalaa Finfinneetti
gaafa 16/08/12 taasifame. Akkasumas, afgaaffiiwwan Nuur A/Fiixaa Abbaa Gadaa fi Qaadii
Abbaa Boor, Jaarsa Biyyaa Aanaa Deedoo waliin gaafa 25/06/2012; Abbaa Gadaa Naahim
Hasan, Walitti Qabaa Abbaa Gadaa Magaalaa Jimmaa waliin gaafa 26/06/2012; Obbo
Xilahun Olaanii, Jaarsa biyyaa A/G/Giddaa waliin gaafa 30/06/2012 taasifame.
77
Afgaaffiiwwan Obbo Sandaabaa Hordofaa, Ogeessa Waajjira Aadaa fi Turiizimii
A/T/Kuttaayee fi Obbo Caalaa Fayisaa Dursaa Garee A/T/A/T/Kuttaayee waliin gaafa
20/06/2011 taasifame; marii garee ogeessota A/T/A/G/Giddaa waliin gaafa 30/06/2012
taasifame.
78
Marii garee Obbo Atilaabaachawu Aabbaabbuu, Pirezidaantii MMA O/Shaakisoo fi
Obbo Diiiqqaa Abdii, MMA O/Shaakisootti Gaggeessaa KTAS waliin gaafa 19/06/12
taasifame.

180
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

3.4. MANA MURTII AADAA FI MIRGA DUBARTOOTAA


Seera aadaatiin wal qabatee hanqinni barruuleen tokko tokko kaasaan wal
qixxummaa koornayaatti ilaalchisee hanqina qaba kan jedhu dha. Kunis
ibsamuu kan danda’u murtii kennamu keessatti dhiiraaf looguu fi kenniinsa
murtii keessatti hirmaanna dubartootaa ti. Ogeeyyiin fi qorattootni aadaa
yaada kaasaniin dhimma koornayaa aadaa keessa jiru ilaalchaa fi aadaa
dhuma sana irratti hundaa’uun safaramuu qaba malee dhimma aadaa
qorachaa duudhaa fi hojimaata aadaa keessa jiru qixa aadaa ykn qaroomina
biyyoota lixaatin safaramuu hin qabu. Dhimmi kornayaas qixuma kanaan
ilaalamuu qaba. Sirna Gadaa keessatti falmii dhiiraa fi dubartii gidduutti
taasifamuus dubartiidhaaf yoo looge malee kan dubartii miidhu miti.79
Kenniinsa murtii keessattis dhimma hirmaannaa dubartootaa kan kaafnu yoo
ta’e kabaja dubartiitiif yaa’ii hin dhaabbatiin jedhamti. Dhiirri haadha siinqee
akkuma hin taane dubartiinis abbaa gadaa hin taatu. Kun immoo wal
qixxummaa mulquu otuu hin taane safuudhuma aadaa keessa jiruu dha
jedhu.80 Ogeessootni biroo garuu murtii kennuun hirmaannaan dubartootaa
sirna gadaa keessatti argamuu dhiisuu isaa wal qixxummaa dubartootaatti
kan hin amanne waan taheef mirga duabrtii miidha jechuun kaasanii jiru.81
Yaada Abbootiin Gadaa kaasaniin falmiidhaan wal qabatee sirni gadaa
dubartiif iddoo addaa kennee akka jiru eeru.Dhimma dubartiin keessa jirtuu
hayyuu addaa cimina qabutu filatamee ilaala.Dubartiin yaa’ii dhaabuu
dhiisuuf dhimma isaanii dursa ilaalama.Sirna mootummaa irra sirna gadaatu
dubartiif caalatti kabaja qaba.82Ragaa yoo taate dubbii dubartii dhugummaa

79
Marii garee Dambii Turcee, Dursaa Garee So/Aadaa Go/Gujii, Baay’isaa Bayyanaa,
Ogeessa Afaanii W/A/T/Go/Gujii, Samarroo Waaree, Qorataa fi Qindeessaa Sirna Gadaa
Go/Gujii, Barrisoo Olaanaa, Dursaa Garee Aadaa fi Aartii Wa/A/T/Go/Gujii waliin gaafa
18/08/12 taasifame. Akkasumas, af-gaaffii Obbo Abrahaam A/Macaa, Aadde Maari’am
Abdo, Ogeessa Induustririi Aadaa fi Aadde Ikiraam Ahmad Ogeessa Afaanii
W/A/T/G/Jimmaa waliin gaafa 26/06/2012 taasifame
80
Marii garee Dambii Turcee, Dursaa Garee So/Aadaa Go/Gujii, Obbo Baay’isaa Bayyana,
Ogeessa Afaanii W/A/T/Go/Gujii, Samarroo Waaree, Qorataa fi Qindeessaa Sirna Gadaa
Go/Gujii, Barrisoo Olaanaa, Dursaa Garee Aadaa fi Aartii Wa/A/T/Go/Gujii, waliin gaafa
18/08/12 taassifame. Akkasumas, af-gaaffiiwwan Aadde Nagaasee Shifarraa, Ogeessa
Misooma Sona Aadaa, Obbo Amsaaluu Tolasaa, Qorataa Seenaa fi Sirna Gadaa fi Obbo
Zarihun Baqqalaa, Qindeessaa Garee Hojii Misoomaa A/T/G/W/Bahaa waliin gaafa
27/06/2012 taasifame
81
Af-gaaffii Dr. Tashoomaa Egeree, Daarikteera Inistiitiyuutii Qorannoo Oromoo
Yunivarsiitii Jimmaa waliin gaafa 24/06/2012 taasifame
82
Mariiwwan garee, Olitti yaadannoo lak. 43ffaa

181
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

qaba jedhameeti tilmaama.Yoo himattes dhugaa qabdi jedhameeti jalqabuma


tilmaamni fudhatama.83Hirmaannaa dubartootaa ilaalchisee bakka abbaan
gadaa yaa’iif yoo ta’e haati manaa biraa hin haftu. Akka murtiitti hin
hirmaanne kan taasifameef garaa lafti kan jedhuuf malee miidhuuf miti
jedhu. Dubartii kunuunsuuf malee miidhuuf akka hin taane kaafama.84
Haadholiin siinqee yaada kaasaniin dubartii kan miidhu seeraa fi sirna Gadaa
otuu hin taane ilaalcha duubatti hafaa Gadaan hin beekne akka ta’etti
kaasu.85
Gama biraatiin, bu’uura sirna gadaatin seera haaraa tumuun ykn labsuun
waan danda’aamuuf dubartiin keenniinsa murtii keessatti akka hirmaattu itti
amannaan yaa’ii waliigalaatti bakka hayyuun, luubnii fi Abbaan Gadaa
jiruutti labsamee hirmaachisummaa dubartootaa mirkaneessuun akka
danda’amu Abbootiin Gadaa ni kaasu.86 Kunis kan agarsiisu hirmaannaa fi
wal qixxummaa dubartootaa ilaalchisee komii sirnaa fi seera aadaa irratti
mul’atu hambisuun akka danda’amu dha.

3.5. CAASEFFAMAA FI GURMAA’IINSA MANA MURTII AADAA:


MUUXANNOO BIYYOOTA AMBAA FI YAADA OGEESSOTAA
Manni murtii aadaa sirnaa fi seera aadaa giddu-galeessa godhatee tajaajila
abbaa seerummaa kennuuf gurmaa’iinsaa fi caaseeffama sirnaan deeggarame
qabaachuu qaba.Gurmaa’iinsi fi caaseeffami mana murtii aadaa tajaajila
kennamu bifa ifaa, salphaa fi dhaqqabamaa taasisuun qindaa’uu
qaba.Gurmaa’iinsi fi caaseeffamni kunis duudhaa hawaasa keessaa madduu
irratti hundaa’uu qaba. Kanuma giddu-galeessa godhachuudhaan manni
murtii aadaa Naannoo Oromiyaatti hundeeffamu gurmaa’iinsaa fi
caaseeffama akkamii qabaachuu qaba kan jedhu mata-duree gara garaatti
qooduun daataa funaanamee fi muuxannoo biyyoota ambaa waliin akka
armaan gadiitti xiinxalameera.

83
Afgaaffiiwwan Abbaa Gadaa Nuur A/Fiixaa fi Qaadii Abbaa Boor, Jaarsa Biyyaa Aanaa
Deedoo, waliin gaafa 25/06/2012 taasifame
84
Mariiwwan garee, Olitti yaadannoo lak. 52ffaa
85
Af-gaaffii Addee Shukurii Kadri,Haadha Siinqee Aanaa Sinaanaa, waliin gaafa 28/06/12;
Aaddee Faaxumaa Maammaa Sheekaa, Aanaa Gobbaa, waliin gaafa 27/06/12 taasifame
86
Af-gaaffiiwwan Dok.Kabajaa Borbor Bulee, Jaarsa biyyaa Magaalaa Dubulliq, gaafa
02/07/12; Obbo Aagaa Xiinxanoo, Abbaa Gadaa duraanii fi yeroo ammaYuuba Mag/
Shaakkisoo waliin gaafa 19/06/12 taassifame.

182
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

3.5.1. Filaannoo Abbootii Seeraa Mana Murtii Aadaa


Galma gahiinsa kaayyoo hundeeffama mana murtii aadaatiif shoorri
abbootiin seeraa aadaa taphatan olaanaa dha.Kanaaf, filannoo isaaniitiif
xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaa dha.Biyyoonnis garagaraa namoota
mana murtii aadaatti abbaa seeraa ta’anii tajaajilan filachuuf haala qabatama
naannoo isaanii giddugaleessa godhachuun ulaagaa garagaraa yeroo kaa’atan
mul’ata. Biyyi Maalaawwii nama umrii waggaa 35 fi isaa ol, waraqaa ragaa
barnootaa kan qabu, beekumsa aadaa bakka manni murtii itti hundaa’ee jiru
kan qabuu fi Afaan naannoo sanaa sirnaan beekuu akka ulaagaatti
kaa’ataniiru. Manni murtii aadaa kun dhimma hariiroo hawaasaa irratti akka
gorsaatti kan isaan gargaaru paanaalii ykn gumii qabu. Miseensoonni
paanaalii kanaa ulaagaadhuma filannoo abbootii seeraa mana murtii aadaa
ta’ee, sadarkaa barnootaa kan hin barbaachifnee fi umrii waggaa 50 ta’uu
qaba kan jedhu akka ulaagaatti teessifamee jira.
Biyya Naayijeeriyaa yoo ilaallu walitti qabaa abbootii seeraa mana murtii
aadaa ta’anii filamuuf ogummaa seeraan muuxannoo waggaa shanii kan
gaafatuu yoo ta’u, abbootiin seeraa hafan garuu miseensa hawaasaa ta’anii
namoota barnoota hin qabne illee ta’uu danda’u. Biyya Zimbaabuwee
keessatti immoo namoota aadaa uummataatti sirriitti hidhata qabanii fi
hawaasa baadiyaa waliin hariiroo qaban akka ulaagaatti kaa’uun filatu.
Muuxannoowwan biyyoota armaan olii irraa hubachuun kan danda’amu
ulaagaa dhaabbataan akka hin jirree fi haala qabatama naannoo isaanii giddu-
galeessa godhachuun abbootii seera manneen murtii aadaa filachaa akka
jirani dha. Garuu kan isaan walfakkeessu abbaa seeraa aadaa ta’ee filatamuuf
aadaa fi duudhaa naannoo sanaa beekuu akka qabu dha.
Mana murtii aadaa hundeeffamu keessatti abbootii seeraa tajaajilan filachuuf
ulaagaa barbaachisan adda baafachuuf odeeffannoon abbootii gadaa,
jaarsoolee biyyaa, qorattootaa fi hooggantoota manneen murtii irraa maloota
adda addaatti gargaaramuun funaanamee jira.Bakkeewwan ijaarsi
hawaasummaa wal dhabdee hiiku ijaaramee jiru keessatti filannoon abbootii
seeraa mana murtii aadaa ijaarsa hawaasummaa fi aadaa dursa lafa qabatee
jiru irratti hundaa’uu akka qabu Abbootiin Gadaa fi ogeessootni aadaa
Godina Gujii Bahaa, Godina Booranaa fi Aanaa Fantaallee ni kaasu.
Jaarsoliin biyyaa, ogeessootni fi qorattootni aadaa, hooggansi manneen
murtii baay’inaan yaada kennaniin filannoon abbootii seeraa kallattiin

183
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

sadarkaa gandaatti jiraattoota gandaatiin ta’ee namoota aadaa fi safuu


uummata Oromoo sirnaan beekan, abbootii amantaa walqixa hirmaachise,
hirmaannaa dubartootaa keessattuu haadha siinqee kan qabu87, umrii giddu-
galeessa kan godhate88, namoota hawaasa keessatti fudhatama qaban, jiraataa
gandaa, Abbootii Gadaa fi jaarsolee biyyaa keessaa abbootiin seeraa aadaa
filatamuu akka qabu kaasu.89
Hirmaannaa nama barnoota qabu ilaalchisee barbaachisummaa fi hirmaannaa
isaa hooggansi manneen murtii afgaaffiin taasifameef yeroo kaasan ni
mul’ata. Yeroo seera aadaan hojjetamu mirgoota namoomaa kanneen heera
mootummaa fi seerota idila addunyaatiin beekkamtiin kennamee fi biyyi
keenya mallatteessitee jirtu sarbamuu danda’a. Qaamoleen tajaajila gorsa
seeraa kennaan maamilli isaanii carraa xiqqaachuu waan jiraatuuf hanqina
dandeettii abbootii seeraa aadaa kanatti gargaaramuun kaayyoon isaanii akka
hin milkoofne gochuu danda’u.90Kanaaf, abbootii seeraa aadaa filataman
keessa namni barate jiraachuu akka qabu eeru.Abbaan seeraa barnoota qabu
kunis murtii kennamu barreessuuf akka tajaajilu ibsu.91 Akkasumas, nama
aadaa naannoo sanaa beeku ta’ee eegumsa mirga namoomaa heera keessatti
taa’an akka kabajamaniif hubannoo barbaachisaa abbootii seeraa hafaniif kan
kennu ta’uu akka qabu kaasu.92

87
Marii garee Obbo Musbahaa Abduwahaab, Du/Garee Misooma Sona Aadaa
W/A/T/Go/Baalee, Aaddee Abbabachi Wandimmaaganyi, Dursaa Garee M/Turizimii,
W/A/T/Go/Baalee, Huseen Sulxaan, Ogeessaa Afaanii W/A/T/Go/Baalee, waliin gaafa
24/06/12 taasifame
88
Marii garee Obbo Dajanee Kabbadaa, Obbo Alamuu Kumalaa, Aadde Ayyalech
Maammoo Ogeessota Waajjira Aadaa fi Turiizimii M/Amboo waliin gaafa 19/06/2012
taasifame
89
Afgaaffiiwwan Obbo Rattaa Immaa, B/b Waajjira A/T/A/Deedoo, Aadde Natsannet
Malaakuu, Ogeessa Misooma Aadaa fi Obbo Taaddasee Baatuu, Ogeessa Misooma
Turiizimii Aanaa Deedee, Obbo Nuur A/Fiixaa, Abbaa Gadaa fi Qaadii Abbaa Boor, Jaarsa
Biyyaa Aanaa Deedoo,waliin gaafa 25/06/2012 ; Obbo Maatiyoos Yiggazuu, KTAS MMO
G/L/Shawaa ; Obbo Dirribaa Olii, Abbaa Seeraa Mana Murtii Olaanaa G/Sh/Lixaa waliin
gaafa 19/06/2012 taasifame
90
Afgaaffii Obbo Guyyoo Waariyoo, I/A/P/MMWO waliin gaafa 16/08/2012 taasifame
91
Afgaaffiiwwan Obbo Badriitamaan Umar, Pirezidantii MMO Go/Gujii, Obbo Dhadacha
Guuyyoo, Piresidaantii MMA Liiban waliin gaafa 17/06/12 taasifame.
92
Af-gaaffii Obbo Sisaay Mul’ataa, Qindeessaa KTAS MMO Go/Gujii, waliin gaafa
17/06/12 taassifame

184
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

3.5.2. Itti Waamama Mana Murtii Aadaa


Manni Murtii Aadaa gahee hojii seeraan isaaniif kennamee qixa sirriin
hojjechuu isaanii mirkaneessuuf qaamni yeroo, yeroon madaaluun kallattii
kaa’u jiraachuu qaba.Manni murtii aadaa qaama itti waamamuuf qabaachuu
qaba jechuu dha.Biyyoonni adda addaa itti waamama manneen murtii aadaaf
qaamolee garaa garaatiif kennanii jiru. Biyya Afrikaa Kibbaatti manneen
murtii aadaa sadarkaa baadiyaatti hundeessanii kan jiranii fi itti waamamni
isaanii immoo hayyu duree gandaa ykn bulchitoota gandaa jedhamaniifi.
Biyyoota akka Zaambiyaa fi Naayijeeriyaa keessatti immoo itti waamamni
isaanii mana murtii waliigala biyyittiifi.
Akka Naannoo Oromiyaattis, manni murtii aadaa osoo hundaa’ee, itti
waamamni isaanii qaama kamiif ta’uu akka qabu adda baafachuuf
odeeffannoon ogeessota fi qorattoota aadaa, Abbootii Gadaa fi jaarsolii
biyyaa, hooggansa mana murtii irraa funaanamee jira. Qaamoleen daataan
irraa funaaname kunis itti waamama manneen murtii aadaatiif yaadota adda
addaa kaasaniiru.
Manni Murtii Aadaa yeroo hundeeffamu akkuma sekteroota mootummaa
biroo of danda’ee ganda irraa hanga naannootti hundeeffamuu qaba
jedhu.93Ogeessonni yaada kana deeggaran akka sababaatti kanneen kaasan
uummanni Oromoo durii kaasee osoo dimokraasiin ammayyaa hin
hundeeffamiin sirna gadaatiin of bulchaa waan tureef sirnuma kana of
dandeessisuun gahaa dha jedhu. Manni Murtii Aadaa bu’uura sirna gadaatiin
hundaa’uu akka qabu dha. Kunis dhiibbaa qaamolee adda addaa irraa itti
dhiyaatu hambisuuf gargaara. Mana Murtii Aadaatiif beekkamtii kennuun

Mariiwwan garee Obbo Abbabaa Fiixaa, Obbo Faanaa Qajeelaa fi Obbo Darajjee
93

T/Maaram, Ogeessota Waajjira Aadaa fi Turiizimii G/Sh/Lixaa; Obbo Dajanee Kabbadaa,


Obbo Alamuu Kumalaa, Aadde Ayyalech Maammoo, Ogeessota Waajjira Aadaa fi
Turiizimii M/Amboo, waliin gaafa 19/06/2012 taasifame. Akkasumas, af-gaaffii Obbo
Biraanuu Alamuu, Misooma Sona Aadaa fi Aadde Baalayinesh Cammiruu, Ogeessa
Misooma Afaanii Waajjira A/T/A/Diggaa, waliin gaafa 30/06/2012; Obbo Sandaabaa
Hordofaa, Ogeessa Waajjira Aadaa fi Turiizimii A/T/Kuttaayee fi Obbo Caalaa Fayisaa,
Dursaa Garee A/T/A/T/Kuttaayee waliin gaafa 20/06/2011; Obbo Hajiib Abbaa Jabal, B/b
Hoogganaa A/T/M/Jimmaa, Aadde Hindiyaa Abbaa Foggee, Dursaa Garee Misooma Aadaa,
waliin gaafa 26/06/2012; Shuumee Tasammaa, Abbaa Gadaa A/Diggaa, waliin gaafa
30/06/2012; Af-gaaffii Obbo Injiguu Guutaa, Abbaa Gadaa fi Abbaa Murtii Bokkuu Cittii
Aanaa Tokkee kutaayee waliin gaafa 01/07/2012; Obbo Nuur A/Fiixaa, Abbaa Gadaa fi
Qaadii Abbaa Boor, Jaarsa Biyyaa Aanaa Deedoo, waliin gaafa 25/06/2012; Obbo Sisaay
Mul’ataa, Qindeessaa KTAS MMO Go/Gujii waliin gaafa 17/06/12; Obbo Tokkummaa
Caalaa, Pirezidantii Mana Murtii Aanaa Yaabelloo waliin gaafa 02/07/12 taassifame.

185
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

aadaa uummata Oromootiif beekkamtii kennuu akka ta’etti kaasu. Mana


Murtii idilee jala galchuun kaayyoo kana akka galmaan hin geenye isa
taasisa jedhu.Kanaaf, Manni Murtii Aadaa caasaa Sirna Gadaa jalatti
hundaa’uu akka qabuu fi itti waamamni isaa immoo Gumii Abbootii
Gadaatiif ta’uu qaba jedhu.Manni murtii aadaa mana murtii idilee irraa
amala addaa waan qabuuf itti waamamni isaas mana murtii idilee jalatti ta’uu
akka hin qabne eeru. Ejjennoon kunis irra caalaa Abbootii Gadaa, jaarsoolee
biyyaa, Ogeessota Aadaa fi Turiizimii fi Qorattoota seenaa fi aadaa biratti
kan calaqqisu dha.
Mana murtii aadaa of dandeessisuun bu’uura Sirna Gadaatiin hundeessuun
itti waamamni isaa immoo Gumii Abbootii Gadaatiif taasisuuf haala
qabatama amma jiruun rakkoolee adda addaas qaba. Naannoo Oromiyaa
hunda keessatti haala walfakkaataa ta’een waldhabbiin Sirna Gadaatiin
hiikamaa akka hin jirre dha. Fakkeenyaaf, Godina Jimmaa keessatti Sirni
Gadaatiin waldhabbii hiikuun baay’ee baratamaa miti.Dhimmoonni
jaarsummaa fi sirna amantaatiin kakuu raawwachuun furmaata argachaa
akka jiran eeru.94 Akkasumas, Godina Baalee, Godina Wallaga Bahaa fi
G/Shawaa Lixaa Aanolee hedduu fudhachuun ni danda’ama. Kanaaf,
bu’uura Sirna Gadaatiin of dandeessisuun ammatti baay’ee bu’a qabeessa
akka hin taane kaasu.
Qaamoleen biroo yaada kaasaniin, Manni Murtii Aadaa hundeeffamu itti
waamamni isaa mana murtii idilee jalatti ta’uu akka qabu kaasu.95 Kanaafis
akka sababaatti kan eeran Sirni Gadaa caaseffama ammayyaa Ganda, Aanaa,
Godinaa fi Naannoo kan hin qabne dha. Akkasumas, qabatama amma jiruun
Sirni Gadaa haala walfakkaataa ta’een naannoo Oromiyaa hunda keessatti
lafa qabatee waan hin jirreef of dandeessisanii hundeessuun itti waamama

94
Marii garee Obbo Getaachoo Gurmuu, Dursaa Garee W/A/T, Birhaanuu Ayyalaa, Qorataa
Seenaa fi Afaanii, Obbo Gammachuu Warquu, Dursaa Garee Misooma
Aadaa,W/A/T/Aanaa Guutoo Giddaa, Obboo Xilahuun Olaanii, Jaarsa biyyaa aanaa
G/Giddaaa waliin gaafa 30/06/12 taasifame.
95
Marii garee Aadde Wuddee Indaashawu, Aadde Soofiyaa Mohaammad, Obbo Daani’eel
Isheetuu, Ogeessota W/A/T/G/Shawaa Bahaa, waliin gaafa 08/07/2012 taasifame.
Akkasumas, afgaaffiiwwan Abbaa GadaaNaahim Hasan, Walitti Qabaa Abbaa Gadaa
Magaalaa Jimmaa, waliin gaafa 26/06/2012; Obbo Dirribaa Olii, Abbaa Seeraa Mana Murtii
Olaanaa G/Sh/Lixaa, waliin gaafa 19/06/2012; Obbo Taarikuu Abbabaa, Pirezidaantii Mana
Murtii A/T/Kuttaayee fi Obbo Tsasfaayee Guddisaa, Abbaa A/Dh/Yakkaa Mana Murtii
Aanaa T/Kuttaayee, waliin gaafa 20/06/2012 fi Obbo Kennaa Daammanaa, A/S MMA
Deedoo fi Obbo Yohaannis Yifiruu, A/S MMA Deedoo waliin gaafa 26/06/2012 taasifame.

186
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

isaanii Gumii Abbootii Gadaatiif kennuun bu’a qabeessa akka hin taasifne,
to’annoo fi hordoffii isaanii irratti illee rakkoo mataa isaa qabaachuu akka
qabu kaasu. Kaayyoon Mana Murtii idilee fi mana murtii aadaa waldhabbii
uumamee jiruuf furmaata kennuun haqa argamsiisuu dha. Dhimmoonni
sirnaan mana murtii aadaatti keessummeeffamuun murtii haqa qabeessi
kennameera taanaan dhimmoonni mana murtii idileetti dhiyaatan ni
xiqqaatu. Hanga kaayyoo fi galmi isaanii tokko ta’ee jirutti mana murtii
aadaa hundeeffamu itti waamamni isaa mana murtii idileef ta’uu akka qabu
kaasu.
Itti waamama Mana Murtii Aadaa ilaalchisee yaadotni adda addaa eeramanii
kanaa fi muuxannoo biyyoota Mana Murtii Aadaatiin bu’a qabeessa ta’anii
walfaana ilaaluun barbaachisaa dha.Itti waamama Mana Murtii Aadaa
ilaalchisee muuxannoo biyya Naayijeeriyaa ilaaluun gaarii dha. Biyyi kun
mana murtii aadaa sadarkaa gadjallaatti kutaalee biyyittii hunda keessatti
maqaa adda addaa kennuun kan hundeessitee jirtu dha. Dabalataanis, Mana
Murtii Aadaa hundeessuun biyya bu’a qabeessa taatee jirtu dha.Itti
waamamni Mana Murtii Aadaa isaaniis seeraan Mana Murtii Waliigala
biyyittiif taasisuunii jiru. Kun immoo hordoffii fi deeggarsa adda addaa
kennuuf haala mijataa kan uume dha. Haala qabatama ammaa naannoo
keenyaas yoo ilaalle Manni Murtii Aadaa sirna Gadaatiin of danda’ee
hundaa’ee itti waamamni isaa Gumii Abbootii Gadaatiif taasisuun ammatti
bu’a qabeessa ta’uu dhiisuu danda’a.Kanaaf, itti waamama Mana Murtii
Aadaa Gumii Abbootii Gadaatiif kennuun sirna cimaa ijaaruu fi itti
gaafatamummaa mirkaneessuu irratti hanqinni ga’uumsaa mul’achuu
danda’a waan ta’eef Mana Murtii Aanaatiif osoo ta’ee irra caalaa bu’a
qabeessa ta’a.

3.5.3. Faayidaa Abbootii Seeraa Mana Murtii Aadaa

Abbootii seeraa mana murtii aadaa yeroo fi humna isaanii aarsaa gochuun
tajaajila ummataaf kennan faayidaa isaanii eeguun barbaachisaa dha.
Muuxannoon biyya Zimbaabuwee fi Zaambiyaas kanuma agarsiisa.
Kaffaltiiwwan adda addaa kanneen abbootii seeraa mana murtii aadaatiif
kennamu akka qabu heerri biyya Zimbaabuwee ni dirqisiisa. Biyya
Zaambiyaa keessattis abbootiin seeraa kun miindeeffamaa dhaabbataa yoo
ta’u, baatanuu hanga hojjetaniin kaffalamuufii akka qabu seerri isaanii ni
ibsa.

187
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

Akka Naannoo Oromiyaattis, abbootii seeraa Mana Murtii Aadaa ciccimoo


horachuuf, miira tajaajiltummaa uumuu fi itti gaafatamummaa
mirkaneessuuf Abbootii Seeraa Aadaatiif jajjabeessituun osoo kennameefii
caalaa bu’a qabeessa ta’uu danda’a.

3.5.4. Bara Hojii Abbootii Seeraa Mana Murtii Aadaa


Bara hojii abbootii seeraa Mana Murtii aadaa haalota adda addaa irratti
hundaa’uun yeroo daangessan mul’ata. Biyya Naayijeeriyaa keessatti yeroon
turtii waggaa shaniif yoo ta’u, sana booda illee irra deebiin muudamuu ni
danda’u. Biyyi Zimbaabuwees bara tajaajila abbootii seeraa Mana Murtii
Aadaa seera isaaniitiin daangessanii jiru. Akka naannoo keenyaattis, barri
hojii abbootii seeraa mana murtii aadaa daangeffamuu akka qabu
hooggantootni manneen murtii fi ogeessonni Waajjira Aadaa fi Turiizimii
afgaaffiin taasifameef ni kaasu. Daanga’uun bara hojii isaanii abbootiin
seeraa hojii isaanii sirnaan akka raawwatanii fi bara hojii isaaniin boodatti
maqaa badaa akka hin horanneef of eeggannoo akka taasisaniif isaan akka
gargaaru eeru.96
Haa ta’u malee, namoota hawaasa biratti fudhatamummaa olaanaa qabanii fi
tajaajila kennuuf fedhii qaban marsaa tokkoo ol haala tajaajiluu danda’aniis
kaa’amuu akka qabu dha.97 Barri tajaajila isaanii kunis haala ifaa ta’ee
seeraan kaa’amuu akka qabu namoonni af-gaaffiin taasifameef tokko, tokko
ni kaasu.98Haala addaatiin garuu, abbootiin seeraa miira tajaajiltummaa
qaban, naamusa gaarii agarsiisan, umriin isaanii hojii sirnaan akka hojjatan
isaan taasisu fi kanneen biroo tajaajila abbaa seerummaa kennisiisu danda’an
guutan marsaa biroof illee irra deebiin filatamuu danda’u.

96
Marii garee Obbo Musbahaa Abduwahaab, Du/Garee Misooma Sona Aadaa
W/A/T/Go/Baalee, Aaddee Abbabachi Wandimmaaganyi, Dursaa Garee M/Turizimii
W/A/T/Go/Baalee, Obbo Huseen Sulxaan, Ogeessaa Afaanii W/A/T/Go/Baalee, waliin
gaafa 24/06/12 taasifame.Akkasumas, af-gaaffiiwwan Obbo Kabbuu Mul’ataa,
Pirezedaantii MMA Amboo waliin gaafa 19/06/2012; Obboo Badriitamaan Umar,
Pirezidaantii MMO Go/Gujii, waliin gaafa 17/06/12; Obbo Dirribaa Olii, Abbaa Seeraa
MMO G/Sh/Lixaa waliin gaafa 19/06/2012 taasifame.
97
Marii garee Aaddee Maakiddaa Waaqoo, Dursituu Garee Aadaa, Wasanee Bajigaa,
Ogeettii Misooma Aadaa, Haabtaamuu Asfawuu fi Massalachi Tafarraa,Ogeessota Aadaa
Aanaa Gobbaa waliin gaafa 27/06/12 taasifame. Akkasumas, af-gaaffii Obbo Awwal
Amaan, Ogeessa Aadaa Aanaa Diinshoo waliin gaafa 28/06/12 taassifame
98
Afgaaffii Obbo Rattaa Immaa, B/b Waajjira A/T/A/Deedoo, Aadde Natsannet Malaakuu,
Ogeessa Misooma Aadaa fi Obbo Taaddasee Baatuu, Ogeessa Misooma Turiizimii Aanaa
Deedoo waliin gaafa 25/06/2012 taasifame

188
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

3.5.5. Bilisummaa fi Itti gaafatamummaa Abbootii


Seeraa Mana Murtii Aadaa
Biyyoonni garaa, garaa abbootiin seeraa Mana Murtii Aadaa aangoo seeraan
isaaniif kennamee jiru qixa sirriin hojiirra yoo hin oolchine itti
gaafatamummaa akka hordofsiisuu danda’u seera isaanii keessatti ibsanii
jiru. Biyya Naayijeeriyaa keessatti abbootiin seeraa aadaa hojiirraa kan
gaggeeffaman tajaajila abbaa seerummaa kennuuf sammuudhaan yoo
dadhaban, dandeettii yoo dhaban, yakkaan balleessaa yoo jedhamanii fi badii
naamusaa yoo agarsiisani dha.
Biyya Zimbaabuwee keessatti immoo abbaan seeraa, seera aadaa giddu-
galeessa godhachuun dhimmoota akka ilaalu dirqamni itti kennamee jiru yoo
bahachuu baate hojiirraa gaggeeffama.Adeemsa itti hojii irraa gaggeeffamuu
qaban heeraa fi seera isaanii keessatti kanneen tarreeffamanii jiran qofaan
raawwatama.Yeroo hojii isaanii raawwatan garee hundumaa walqixaa fi
haala sirnaawaa ta’een ilaaluu akka qaban seerri dirqama kaa’ee jira.
Abbootiin seeraa kun miseensa dhaaba siyaasaa kamuu ta’uu akka hin qabne
seerri ibseera. Yeroo dhimma isaanitti dhiyaate ilaalan wantoota akka sanyii,
bakka dhufaatii, gosaa, saala, ilaalcha yookiin siyaasa giddu galeessa
godhachuun garee addaan baasuu hin qaban. Kan heerrii fi seerri jedheen ala
bahuun looganii yoo argaman hojiirraa kan gaggeeffaman ta’u.
Naannoo keenya keessattis bilisummaa fi itti gaafatamummaan abbootii
seeraa mana murtii aadaa maal ta’uu akka qabu adda baafachuuf daataan
funaanamee jira. Dhimmi muudama irraa gaggeessuu sirna aadaa keessaa
madduu akka qabu hooggantootni manneen murtii afgaaffiin taasifameef ni
kaasu. Gochaawwan akka aadaa naannoo sanaatti safuu hawaasaa tuqu
dalagee argameera taanaan hojiirra gaggeeffamuu akka qabu kaasu.99
Muudama isaanii irraa gaggeessuun seeraan adda bahee kaa’amuu akka
qabus ogeessonni Waajjira Aadaa fi Turiizimii afgaaffiin taasifameef ni
kaasu.100 Haaluma kanaan, gochaawwan abbootii seeraa aadaa muudama

99
Af-gaaffiiwwan Obbo Sisaay Mul’ataa, Qindeessaa KTAS MMO Go/Gujii waliin gaafa 17
/06/12 taasifame. Akkasumas, marii gare Obbo Atilaabaachawu Aabbaabbu, Pirezidaantii
MMA O/Shaakisoo fi Obbo Diiiqqaa Abdii, KTAS MMA O/Shaakisoo waliin gaafa
19/06/12 taassifame.
100
Afgaaffiiwwan Obbo Rattaa Immaa, B/b Waajjira A/T/A/Deedoo, Aadde Natsannet
Malaakuu, Ogeessa Misooma Aadaa fi Obbo Taaddasee Baatuu, Ogeessa Misooma
Turiizimii Aanaa Deedoo, waliin gaafa 25/06/2012 taasifame.

189
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

irraa kaasan bu’uura aadaatiin iddoo, iddootti garaagarummaa yoo


qabaateyyuu wantootni akka yakka raawwachuu, amanamummaa dhabuu,
fedhii hojii dhabuu, ganda gadhiisee bahuu, sababa dhibeetiin dirqama bahuu
dadhabuu fi kanneen biroo seeraan ifatti kaa’amaniin osoo bara hojii isaanii
hin xumuriin hojii isaanii irraa gaggeeffamuu qabu.

3.5.6. Caaseffama Sirna Oliyyannoo Mana Murtii Aadaa


Manni Murtii Aadaa akka naannoo keenyaatti hundeeffamu mana murtii
aadaa oliyyannoo dhagahu qabaachuu fi dhiisuu isaa irratti odeeffannoo
Abbootii Gadaa, jaarsoolee biyyaa, ogeessota, qorattootaa fi hooggantoota
mana murtii idilee irraa funaanamee jiru haala armaan gadiitiin muuxannoo
biyya hambaa waliin xiinxalamuu yaalameera. Kanaafis, yaadotni adda
addaa akka jiru kaasaniiru.
Qorattoota seenaa, ogeessota aadaa fi turiizimii akkasumas abbootii gadaatiif
afgaaffiin taasifameen manni murtii aadaa akka naannoo keenyaatti
hundeeffamuuf jiru caasaa oliyyannoo sadarkaa aanaa irratti qabaachuu akka
qabu eeru.101 Qaamni oliyyata dhaga’u of danda’ee mana murtii idilee irraa
adda kan ta’e hundaa’uu akka qabu kaasu.102Manni murtii idilee oliyyataan
dhimmicha ilaala taanaan aadummaan isaa hafuu akka danda’u soda qaban
kaasu.
Qabatamaanis, Godinoota tokko tokko keessatti murtiiwwan aadaan
kennaman oliyyata mata isaanii qabachuun yeroo ilaalaman mul’ata.
Fakkeenyaaf, Godina Baalee keessatti dhimmoonni bifa jaarsummaan kan
xumuramanii fi namni murtii jaarsoolee irraa komii qabuuf caasaan
oliyyannoo akka jiru kaasu. Dhimmoonni jalqaba irratti gara warraatti
dhiyaatu.Dhimmoota warraan furmaata argachuu hin dandeenye gara
gosaatti geeffamu. Murtii gosaa fudhachuu kan dide irratti qoqqobbiin

101
Afgaaffiiwwan Jaarsa biyyaa Dok. Kabajaa Borbor Bulee, Magaalaa Dubulliqiitti gaafa
02/07/12; Aadde Nagaasee Shifarraa, Ogeessa Misooma Sona Aadaa, Obbo Amsaaluu
Tolasaa, Qorataa Seenaa fi Sirna Gadaa, Obbo Zarihun Baqqalaa, Qindeessaa Garee Hojii
Misoomaa A/T/G/W/Bahaa, waliin gaafa 27/06/2012; Obboo Badriitamaan Umar,
Pirezidantii MMO Go/Gujii waliin gaafa 17/06/12; Obbo Sisaay Mul’ataa, Qindeessaa
KTAS MMO Go/Gujii, waliin gaafa 17/06/12 taassifame.
102
Af-gaaffiiwwan Aadde Nagaasee Shifarraa, Ogeessa Misooma Sona Aadaa, Obbo
Amsaaluu Tolasaa, Qorataa Seenaa fi Sirna Gadaa, Obbo Zarihun Baqqalaa, Qindeessaa
Garee Hojii Misoomaa A/T/G/W/Bahaa waliin gaafa 27/06/2012; Obboo Badriitamaan
Umar, Pirezidantii MMO Go/Gujii; Obbo Sisaay Mul’ataa, Qindeessaa KTAS MMO
Go/Gujii waliin gaafa 17/06/12 taassifame

190
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

hawaasummaa irratti akka dabarfamu kaasu.103 Dhimmi isaa gosatti kan


ulfaatu yoo ta’e immoo gara waayyuutti dabarfama. Dhimmoonni sadarkaa
kanatti furmaata hin arganne gara Abbaa Gadaatti dabarfamaa akka jiran
eeru.104
Boorana keessattis jalqaba irratti dhimmi jaarsa ollaatiin ilaalama.Kan jaarsa
olla irra darbe hayyuun ilaalama.Dhimmoonni hayyuudhaan furmaata hin
arganne gara Abbaa Gadaatti dabarfamu.Hayyuun dhimmicha ilaalee murtii
osoo hin kenniin garuu oliyyachuun hin danda’amu.Hayyuun yakka
ciccimoo kanneen akka ajjeechaa yoo Abbaan Gadaa qajeelche malee ofii
isaa hin ilaalu.Kallattiidhaan Abbaa Gadaatu ilaala.105Abbaa Gadaa irraa
gara Gumii Gaayyootti oliyyanni fudhatama. Murtiin dhumaa kan Gumii
Gaayyooti.106 Gumiin Gaayyoo waggaa saddeetitti kan raawwatu muudama
dha. Kanaan ala yaa’ii yeroo garagaraatti waan ta’uuf dubbii ilaalee murtii
kennuu danda’a.107
Karrayyuunis sirna oliyyannoo akka qaban kaasu.Dhimmooni ciccimoon
gosaan kanneen sasalphaa ta’an immoo jaarsaan ilaalamu.Waldhabbiin
kamuu aadaan furmaata argachaa jira.Karrayyuun gosa qaba.Gosti immoo
bulchaa ykn gaggeessaa qaba.Dhimmoonni sasalphaan jaarsaan araara
argata.Dhimmoota sasalphaa ta’anii kanneen jaarsaan furmaata argachuu hin
dandeenye gara bulchaatti ergamu.Bulchaan immoo yaa’ii gosaa walitti
qabee mariisisuun murtii dabarsa.Waldhabbiin namoota gosa adda addaa

103
Marii garee Obbo Musbahaa Abduwahaab, Du/Garee Misooma Sona Aadaa,
W/A/T/Go/Baalee, Aadde Abbabachi Wandimmaaganyi, Dursaa Garee M/Turizimii,
W/A/T/Go/Baalee, Obbo Huseen Sulxaan, Ogeessaa Afaanii, W/A/T/Go/Baalee waliin
gaafa 24/06 /12 taasifame
104
Marii garee Obbo Aloo Baalshoo, Miseensa Gumii Odaa Roobaa fi Walitti Qabaa
A/Gadaa fi Jaarsa Biyyaa Aanaa Sinaanaa fi Aaddee Shukurii Kadir, Haadha Siinqee Aanaa
Sinaanaa, waliin gaafa 28/06/12; Obbo H/Huseenii K/Husee fi Awwal Amaan, Jaarsa biyyaa
Magaalaa Diinshoo waliin gaafa 27/06/12 taassifame.
105
Af-gaaffii Injiguu Guutaa, Abbaa Gadaa fi Abbaa Murtii Bokkuu Cittuu Aanaa Tokkee
kutaayee waliin gaafa 01/07/2012. Akkasumas, marii garee Jaarsoolee Magaalaa Jimmaa:
Obbo Zaakir Abbaa Boor, Obbo Nagaash Nagawoo, Aadde Abbabech Amanee, waliin gaafa
24/06/2012 taasifame.
106
Afgaaffiiwwan Obbo Musbahaa Abduwahaab, Du/Garee Misooma Sona Aadaa
W/A/T/Go/Baalee, Aaddee Abbabachi Wandimmaaganyi, Dursaa Garee M/Turizimii
W/A/T/Go/Baalee, Obbo Huseen Sulxaan, Ogeessaa Afaanii, W/A/T/Go/Baalee, waliin
gaafa 24/06/12 taasifame. Akkasumas, marii garee Biraanuu Wayyoo, Qorataa Seenaa
W/A/T/A/O/Shaakisoo fi Faanayee Lammaa, Ogeeesa Afaanii W/A/T/A/O/Shaakkisoo,
waliin gaafa 19/06/11 taassifame.
107
Afgaaffiiwwaniifi marii garee, Akkuma106ffaa.

191
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

lama gidduutti yoo ta’e immoo bulchaan gosa isa miidhee yookiin
himatamaa walitti qabuun mariisisee dhimmicha ilaalu. Jaarsa gosa sanaa hin
taanes ni waamamu. Gosti dhimma sana ilaalanii waan irra gahan jaarsoleef
ibsuun nuti gama keenyaan kana murteessinee isin immoo waan isinitti
fakkaate murteessaa jedhama. Badiin jiraannaan badii raawwateera jedhamee
itti murtaa’ee qaama waldhabe walitti araarfamaa kan jiru ta’uu isaa nuuf
kaasaniiru.108
Gujiittis haalli dhimmoonni itti ilaalaman sadarkaa kan qabani dha. Dursa
jaarsatu ilaala.Namni murtii jaarsoolee irraa komii qabu gara Abbaa Gadaa
Hookkuutti dhimma isaa dabarfata.Namni Abbaa Gadaa Hokkuutti hin
quufne Abbaa Gadaa maatiitti geeffata. Qaamni murtii Abbaa Gadaa
Maatiitti walii hin galle Abbaa Gadaa Uraagaatti geeffata. Murtiin Abbaan
Gadaa Uraagaa isaa dhumaati. Namni murtii Abbaa Gadaa kana dide irratti
qoqqoobbiin hawaasummaa kan taasifamu dha.109Gareen yaada kana
deeggaran dhugaa hawaasa keessa jiru kana akka fakkeenyaatti kaasuun
manni murtii aadaa hundeeffamuuf jiru caasaa oliyyannoo dhaga’u yoo
xiqqaate sadarkaa aanaatti qabaachuu akka qabaatu kaasu.
Yaadni biroo manni murtii aadaa caaseffama oliyyannoo qabaachuu akka hin
qabne kaasu. Yaadni kun irra caalaa hooggantoota mana murtii fi abbootii
seeraatiin kan calaqqisaa jiru dha.110Murtii mana murtii aadaatiin kennamee
jiru irraa qaamni komii qabu oliyyataan gara mana murtii idileetti fudhachuu
akka qabu kaasu. Gama birootiin immoo Murtiin Mana Murtii aadaatiin
kennamee jiru bifa oliyyannoo osoo qabaachuu baatee yaadni jedhus kan jiru
dha. Dhimmoonni erga sirna aadaatiin ilaalamanii booda bifa oliyyannootiin
mana murtii idileetti dhiyaachuu akka hin qabne dha.Qaamni murtii
kennamee jiru irraa komii qabu bifa oliyyannootiin osoo hin taane
kallattiidhumaan himannaa isaa mana murtii idileetti dhiyeeffachuu akka

108
Marii garee, Olitti yaadannoo lak. 103ffaa
109
Afgaaffiiwwan Moonaa Godaanaa , Abbaa Gadaa Gujii duraanii fi yeroo ammaatti
Yuuba fi Obbo Saafee Dullachaa, Jaarsa biyyaa Aanaa Wadarraa waliin gaafa 18/06/12
taasifame
110
Af-gaaffiiwwan Obbo Maatiyoos Yiggazuu, KTAS MMO G/L/Shawaa; Obbo Dirribaa
Olii, Abbaa Seeraa MMO G/Sh/Lixaa waliin gaafa 19/06/2012; Obbo Ismaa’eel Abbaa
Boor, B/b Prezidaantii MMO G/Jimmaa waliin gaafa 24/06/2012; Obbo Kabbuu Mul’ataa
Pirezidaantii MMA Amboo waliin gaafa 19/06/2012; Obbo Taarikuu Abbabaa PMM
A/T/Kuttaayee fi Obbo Tasfaayee Guddisaa, Abbaa A/Dh/Yakkaa MMA T/Kuttaayee
waliin gaafa 20/06/2012 taasifame.

192
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

qabu kaasu.111 Sodaan gama kanaan jiru immoo murtii mana murtii aadaa
firii dhabsiisuu danda’a kan jedhu dha. Dabalataan gareenis murtii mana
murtii aadaatiif iddoo kennuu dhiisuu danda’a.Kun immoo Manni Murtii
Aadaa kaayyoo isaa galma akka hin geenye taasisuu danda’a.
Waliigalaatti, Manni Murtii Aadaa caasaa oliyyannoo mataa isaa qabaachuu
irratti garaagarummaan yoo jiraateyyuu muuxannoo biyya ambaa fi haala
qabatama jiru ilaaluun barbaachisaa dha. Akka fakkeenyaatti, muuxannoo
biyya Maalaawwii ilaaluun ni danda’ama. Yaadotni, keessattuu qorattoota
seenaa fi aadaa, ogeessota aadaa fi turiizimii fi Abbootii Gadaatiin
kennamanis Manni Murtii Aadaa caasaa oliyyannoo qabaachuu akka qabu
dha.Kanaaf, Manni Murtii Aadaa akka naannoo keenyaatti hundeeffamuuf
deemu caasaa oliyyannoo of danda’e sadarkaa Aanaatti qabaachuu akka
qabu dha.

3.6. MIRGA MURTII MANA MURTII AADAATIIN KENNAME


GARA MANA MURTII IDILEETTI DHIYEEFFACHUU
Hundeeffama Mana Murtii Aadaa ilaalchisee dhimmoota falmii kaasan
keessaa tokko murtii isaanii manni murtii idilee irra deebiin ilaaluu
danda’amoo hin danda’u kan jedhu dha. Dhimmoota kana ilaalchisees
muuxannoowwan biyyootaa kan sakatta’amee fi daataan qamolee adda addaa
irraa funaanamee jira. Biyya Zimbaabuwee keessatti murtiin mana murtii
aadaatiin kenname irraa qaamni komii qabu gara mana murtii idileetti
oliyyata fudhata. Murtiin Mana Murtii Aadaatiin kennamee jirus akka murtii
rikoordiitti hin ilaalamu. Kana jechuun, qaamni murtii kana irraa komii qabu
oliyyataan gara mana murtii idileetti yeroo fudhatu manni murtii oliyyata
ilaalu dhimmichi akka waan dura murtiin kennamee jiruutti hin ilaalu jechuu
dha. Dhimmicha akka haaraa mana murtii sanatti banameetti ilaala.
Biyya Maalaawiitti immoo murtii mana murtii aadaatiin kennamee jiru irraa
komii kan qabu oliyyata gara mana murtii aadaa oliyyata dhaga’uutti
fudhata. Garuu, dhuma irratti murtii manneen murtii aadaa kanaan kennaman
mirgi dhala namaa fi haqummaan uumamaa kan mulqan yoo ta’an mana
murtii idileen irra deebi’amee akka ilaalamuuf sirna diriirfatanii jiru. Biyya
Zaambiyaa keessatti immoo gareen murtii kennamee jiru irraa komii kan

Afgaaffiiwwan Obbo Jeeylaan Kadiir, Pirezidantii MMA Sinaanaa fi Obbo Geetaahuun


111

Baqqalaa, KTAS MMA Sinaanaa waliin gaafa 24/06/12 taasifame.

193
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

qabu oliyyannoo isaa gara mana murtii idileetti fudhachuu ni danda’a. Manni
murtii idilee garuu, oliyyannoo kana ijoo seeraa qofaa akka ilaaluu qabu
seerri isaanii daangessee jira. Biyya Afrikaa Kibbaattis gareen murtii
kenname irraa qaamni komii qabu oliyyannoo gara mana murtii aanaa, mana
murtii aanaa gara mana murtii olaanaattii fi dhuma irratti gara mana murtii
waliigalaa oliyyannootti yookiin firiin dubbii dhimmicha gaaffii heeraa kan
kaasu yoo ta’e, gara mana murtii heeraatti fudhachuu ni danda’a.
Muuxannoowwan biyyoota armaan olii kana irraa hubachuun kan danda’amu
murtii mana murtii aadaatiin kennaman dhimmoota ofitti fuudhee
keessummeessu irratti garaagarummaa yoo qabaateyyuu akka waliigalaatti
garuu, carraa manni murtii idilee oliyyannoon ofitti fuudhee ilaalu jiraachuu
isaati.
Heera Mootummaa RDFI fi Heera naannoo Oromiyaa keessatti Manni
Murtii Aadaa akka hundeeffamu yookiin immoo beekamtiin akka kennamuuf
kaa’uun alatti hariiroon inni mana murtii idilee waliin qabaachuu qabu
ibsamee hin jiru.Akkasumas, abbootiin dhimma hanga fedhii qabanitti
waldhabdee dhimmoota seera maatii fi seera dhuunfaatiin furmaataa
argachuu danda’an mana murtii aadaatiin furmaata argachuu akka qaban
mana murtii idilee cinaatti filannoo kaa’ee jira.Murtii kana ilaalchisees
qaamni komii qabu eessatti oliyyata fudhachuu akka qabu waan ibsame hin
jiru.Kana ilaalchisee ogeessonni aadaa fi seenaa, Abbootiin Gadaa fi
jaarsolee biyyaa; akkasumas, hooggantootni manneen murtii yaadota adda
addaa kennanii jiran haala armaan gadiitti xiinxalameera.
Murtii Mana Murtii Aadaatiin kennamee jiru mana murtii idileetiin
oliyyannoon ilaalamuu hin qabu yaada jedhu dha. Kanaafis, akka sababaatti
kan eeran kaayyoo hundeeffama mana murtii aadaa keessaa tokko hawaasni
naannoodhuma jirutti haqa akka argatan gochuu dabalataan aadaa saba sanaa
guddisuu dha. Hundeeffamni isaa ganda irraa ka’ee murtii kana irraa qaamni
oliyyata dhaga’us walumaan hundeeffamuu akka qabu kaasu. Qaamni
oliyyata dhaga’u of danda’ee mana murtii idilee irraa adda kan ta’e
hundaa’uu akka qabu dha.112Manni murtii idilee oliyyataan dhimmicha ilaala
taanaan aadummaan isaa hafuu danda’a jechuun sodaa jiru kaasu.113

112
Af-gaaffiiwwan Aadde Nagaasee Shifarraa, Ogeessa Misooma Sona Aadaa, Obbo
Amsaaluu Tolasaa Qorataa Seenaa fi Sirna Gadaa, Obbo Zarihun Baqqalaa, Qindeessaa
Garee Hojii Misoomaa A/T/G/W/Bahaa waliin gaafa 27/06/2012; Obboo Badriitamaan

194
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

Qaamoleen biroo yaada kennaniin murtii manneen murtii aadaatiin kenname


carraa manni murtii idilee oliyyannoon ilaaluu qabu jiraachuu akka qabu
kaasu.Manni murtii idilee yeroo oliyyataan dhimmoota ilaalus akkuma
dhimmoota biroo osoo hin taane haala addaan ilaaluu akka qabu
dha.Oliyyannoon yeroo gara mana murtii idileetti dhiyaatus dogongora
adeemsa kenniinsa murtii keessatti mul’ate qofaa irratti daanga’uu akka qabu
eeru.114Kanneen mirga namoomaa heera, seerota idila addunyaan biyyi
keenya malletteessitee fi qajeeltoowwan bu’uura haqaa sarban qofaa ilaaluu
akka qabu dha. Ulaagaan kunis qajeeltoo haqaa bu’uuraa kan akka mirgi
deebii dhiyeeffachuu, ragaa dhiyeeffachuu fi kkf kan mulqu yoo ta’e qofaa
ilaaluu akka qabutti daanga’uu qaba jedhu.115Kallattiin dhimmoota hunda
irratti oliyyannoon gara mana murtii idileetti fudhatama taanaan bu’a
qabeessummaa aadaa miidhuu danda’a.116Kanaaf, murtii manni murtii aadaa
kennee jiru oliyyataan manni murtii idilee ilaaluu akka qabu kaasu.
Akka waliigalaatti, muuxannoowwan biyyootaa armaan ol caqasaman
akkuma agarsiisuutti sadarkaan itti mana murtii idileetti dhiyaatu garaa
garummaa yoo qabaateyyuu, murtii mana murtii aadaatiin kennamee jiru
manni murtii idilee oliyyannoon ilaaluu akka qabu dha.Kanaaf, murtii mana

Umar, Pirezidaantii MMO Go/Gujii fi Obbo Sisaay Mul’ataa, Qindeessaa KTAS MMO
Go/Gujii waliin gaafa 17/06/12 waliin gaafa 17/06/12 taasifame.
113
Marii garee Obbo Dajanee Kabbadaa, Obbo Alamuu Kumalaa, Aadde Ayyalech
Maammoo, Ogeessota Waajjira Aadaa fi Turiizimii M/Amboo, waliin gaafa 19/06/2012;
Afgaaffiiwwan Obbo Sandaabaa Hordofaa, Ogeessa Waajjira Aadaa fi Turiizimii
A/T/Kuttaayee fi Obbo Caalaa Fayisaa, Dursaa Garee A/T/A/T/Kuttaayee, waliin gaafa
20/06/2011;Dr. Tashoomaa Egeree, Daarikteera Inistiitiyuutii Qorannoo Oromoo
Yunivarsiitii Jimmaa, waliin gaafa 24/06/2012; Obbo Hajiib Abbaa Jabal, B/b hoogganaa
A/T/M/Jimmaa, Aadde Hindiyaa Abbaa Foggee, Dursaa Garee Misooma Aadaa, waliin
gaafa 26/06/2012; Obbo Rattaa Immaa, B/b Waajjira A/T/A/Deedoo, Aadde Natsannet
Malaakuu, Ogeessa Misooma Aadaa fi Obbo Taaddasee Baatuu, Ogeessa Misooma
Turiizimii Aanaa Deedoo waliin gaafa 25/06/2012 taasifame.
114
Afgaaffiiwwan Obbo Guyyoo Waariyoo, I/A/P/MMWO waliin gaafa 16/08/2012; Obbo
Maatiyoos Yiggazuu, KTAS MMO G/L/Shawaa waliin gaafa 19/06/2012; Obbo Dirribaa
Olii, Abbaa Seeraa MMO G/Sh/Lixaa waliin gaafa 19/06/2012; Obbo Ismaa’eel Abbaa
Boor, B/b Prezidaantii MMO G/Jimmaa, waliin gaafa 24/06/2012 ; Obbo Kabbuu Mul’ataa,
Pirezedaantii MMA Amboo waliin gaafa 19/06/2012; Obbo Taarikuu Abbabaa, Pirezidaantii
MMA/T/Kuttaayee, fi Obbo Tasfaayee Guddisaa, Abbaa A/Dh/Yakkaa MMA T/Kuttaayee,
waliin gaafa 20/06/2012 taasifame.
115
Afgaaffiiwwan Obboo Badriitamaan Umar, Pirezidantii MMO Go/Gujii waliin gaafa 17/
06/12;Obbo Dhadacha Guuyyoo, Pirezidaantii MMA Liiban waliin gaafa 17/06/12; Obbo
Atilaabaachawu Aabbaabbuu, Pirezidaantii MMA O/Shaakisoo fi Obbo Diiqqaa Abdii,
Gaggeessaa KTAS MMA O/Shaakisoo waliin gaafa 19/06/12 taasifame.
116
Marii gareefi Afgaaffiiwwan, Olitti yaadannoo lak.97ffaa

195
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

murtii aadaatiin kennamee jiru kanneen dogongora adeemsaa qabanii fi


qajeeltoo bu’uura haqaa faalleessan yoo ta’e qofa manni murtii idilee
oliyyannoon ofitti fuudhee ilaaluu qaba.

3.7. AANGOO MANA MURTII AADAA


Tumaan Heera RDFI Mana Murtii Aadaatiif ifatti haguuggii kenneefii jiru
kew.34 fi 78 dha. Keewwatni 34(5) fi 78(5) kaayyoon isaa daangaa aangoo
Mana Murtii Aadaa tarreessuudha moo dhimmoota falmiiwwaan dhimma
maatii fi gaa’ilaan wal qabatan hiikuuf sirna deemsa falmii seeraa idileen
alatti adeemsa filannoo biraa dhiyeessuu dha kan jedhu xiinxalamee adda
bahuun isaa aangoo Mana Murtii Aadaa tarreessuuf ykn akeekuuf
murteessaa dha.

Kutaa Heera RDFI kew.34’f mata dureen ykn maqeessi kenname ‘Mirga
Gaa’ilaa, Dhuunfaa fi Maatii’ jedha. Tumaa keewwata kanaa yoo ilaallu
dhiirrii fi dubartiin umurii gaa’ilaa seeraan kaa’ame irra gahaan
garaagarummaa gosaa, sabaa fi amantaa tokko malee wal fuudhanii maatii
hundeessuu akka danda’an,117 gaa’illi fedhii wal fuutotaa qofa irratti
hundaa’uun ijaaruu akka qabu, gaa’illi bu’uura hawaasummaa fi uumamaa
ta’uu isaatiin gama mootummaa fi hawaasaatiin eegumsi taasifamuufii akka
qabu kaa’a.118 Kanaan alatti, gaa’ilatti yeroo galanis ta’e gaa’ila keessatti,
akkasumas gaa’ila booddee yoo diiggaan gaa’ilaa kan jiru ta’e wal fuutootni
mirga wal qixa ta’e akka qaban ni kaa’a.119 Dabalataanis, gaa’ila bu’uura
amantaa ykn aadaatiin ijaaramaniif seerri beekamtii kennuuf akka tumamu
danda’us keewwatni kun ni kaa’a.120 Tumaa keewwata kana jalatti gaa’ilaaf
akka duudhaa hawaasummaatti, maatiif akka dhaabbata hawaasummaatti,
abbaa warraa, haadha warraa fi daa’immaniif immoo akka nama dhuunfaatti
mirgii fi eegumsi kennameefii jira. Jecha biraatin, duudhaa fi dhaabbileen
haawaasummaa akkasumas namoota dhuunfaa kunneeniin alatti dhaabbileen
ykn duudhaan hawaasummaa akkasumas namootni dhuunfaa biroo daangaa
xiyyeeffannaa keewwata kanaatiin ala dha.

117
Heera Mootummaa RDFI, Kwt.34(1)
118
Heera Mootummaa RDFI, Kwt. 34 (1)
119
Heera Mootummaa RDFI, Kwt. 34 (1)
120
Heera Mootummaa RDFI, Kwt. 34(4)

196
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

Tumaan keewwata 34(5) wal dhabdeen sirna haqaa idilee keessatti bu’uura
seera dhuunfaa fi seera maatiitiin ilaalaman hanga fedhii wal falmitootaa
ta’eetti bu’uura seera amantaatiin ykn seera aadaatiin hiikamuu akka
danda’anii fi kanas Heerri kun dhorkee hin jiru jechuun ibsa.121 Tumaan
kew. 34(5) jalatti hammatame ilaalamuu kan qabu qixa kaayyoo waliigalaa
keewwata kanaa fi qixa dhaabbataa fi duudhaa hawaasummaa; akkasumas,
namoota dhuunfaa keewwata xiqqaa (1)-(4) caqasamaniitiin qofa tahuu qaba.
Tokkoon, tokkoo tumaalee keewwata kana keessatti hammataman irraa kan
hubatamu kaayyoon jalqabaa keewwata kanaa duudhaa fi dhaabbata
hawaasummaa kan ta’an gaa’ilaa fi maatiif akkasumas namoota dhuunfaa
dhaabbata kana keessatti hammataman abbaa warraa, haadha warraa fi
daa’immaniif beekamtii kennuu fi eegumsa gochuu dha. Yaadni keewwata
kana keessatti hammatame inni biraa dhimma gaa’ilaa, maatii, wal fuutotaa
fi daa’immaniin wal qabatee wal dhabbii uumamu furuuf adeemsa idilee fi
seera idileetiin alatti sirna hiikkaa wal diddaa filannoo dhiyeessuu dha.
Filannoon kunis amaluma wal dhabdee uumamu irraan kan ka’e seeraa fi
sirna seeraa idileen caalatti seera aadaa ykn seera amantaatin yoo ilaalaman
bu’a qabeessa taha amantaa jedhu irraa kan madde dha.

Dimshaashatti, tumaa Heera kanaa akka waliigalaattii fi sanada marii tumaa


Heera (constitutional minute)122 irraa akka hubatamuutti keewwatni
dhaabbataa fi duudhaa hawaasummaa akkasumas namoota dhuunfaa
dhaabbata kana keessatti hammatamaniif eegumsa malu kaa’uu fi wal
dhabdee uumameef hojiirra oolmaa seera aadaa fi seera amataa kaa’uun alatti
daangaa raawwatiinsa seera aadaa ykn seera amantaa kaa’uu miti.

Heerri RDFI keewwatni 78 waa’ee bilisummaa fi caasseeffama Manneen


Murtii Mootummaa Federaalaa fi Mootummaa Naannoo irratti kan
xiyyeefatee dha. Qaamni abbaa seerummaa bilisaawaa ta’e Heera kanaan
dhaabbachuu123, aangoon abbaa seerummaa inni olaanaan sadarkaa
Mootummaa Federaalaatti Mana Murtii Waliigalaatiif kennamuu124,
Mootummaan naannoolee Mana Murtii Waliigala, Olaanaa fi kan Sadarkaa
Jalqabaa hundeessuu akka qaban akeekuu akkasumas Manni Murtii Addaa

121
Heera Mootummaa RDFI, Kwt.34(5)
122
Sanada Marii Tumaa Heera RDFI jildii 3ffaa, sadaasa 8-13/1987 ALI, fuula 000024-
000038
123
Heera Mootummaa RDFI, Kwt.78(1).
124
Heera Mootummaa RDFI, Kwt.78(2).

197
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

ykn kan Yeroo Manneen Murtii idilee ykn dhaabbilee biroo aangoon abbaa
seerummaa seeraan kennameef irraa kan aangoo abbaa seerummaa fudhatu
fi adeemsa abbaa seerummaa seeraan tumame hin hordofne hundeeffamuu
akka hin dandeenye tumee jira.125 Dhuma irrattis, keewwatni kun keewwata
xiqqaa (5) jalatti akkaataa tumaa Heera kew. 34(5)’tiin Manni Maree Bakka
Bu’oota Uummataa ykn Manni Maree Mootummaa Naannoo Mana Murtii
Aadaa ykn Mana Murtii Amantaa hundeessuu ykn dursa hundaa’ee kan
jiruuf beekamtii kennuu akka danda’u ibsa. Sanada marii tumaa Heera
mootummaa irraa akka hubatamutti yaadni ijoo kew.78(5) jalatti kaa’ame
wal dhabdee seera aadaa fi seera amantaatiin akka ilaalamaniif kew. 34(5)
akeekaman kunneen gama Mana Murtii kamiin hojiirra ooluu ykn ilaalamuu
qabu kan jedhu deebisuuf kan tumamee dha.126 Jecha biraatiin, keewwatni
kun waa’ee daangaa aangoo Mana Murtii Aadaa kan murteesse otuu hin
taane, falmiilee seera dhuunfaa fi seera maatiin ilaalamuu danda’an bu’uura
seera aadaatin akka ilaaluuf Mana Murtii Aadaa kan aangeessee fi Manni
Murtiii kun immoo qaama kamiin hundeeffamuu akka qabu ifatti kan kaa’ee
dha.

Waliigalaatti, tumaan Heeraa RDFI kew.34(5) fi 78(5) yaada daangaa


aangoo Mana Murtii Aadaa duguugee murteessee kan hin jirree ta’uu
xiinxala kanaan hubachuun ni danda’ama. Kanaaf, Manni Murtii Aadaa
dhimmoota akkamii irratti aangoo abbaa seerummaa qabaachuu akka
danda’u akka armaan gadiitti ibsamuuf yaalameera.

1ffaa falmii kallattiidhaan Mana Murtii Aadaatin akka ilaalamaniif Heera


Mootummaa kew.34 (5)tiin eeraman. Falmiiwwan seera dhuunfaa fi maatiin
fedhii wal falmitootaa giddugaleessa godhachuun dhiyaatan kanneen akka
falmii gaa’ilaa, qallabaa, guddistummaa, abbummaa fi dhaaltummaa ilaaluuf
manni murtii aadaa aangoo kan qabu dha.

2ffaa falmiiwwan Mana Murtii Aadaatiin ilaalamuu danda’an aangoo seera


tumuu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Mootummaa Naannoo
Oromiyaa ykn Caffeef kenname irraa kan maddu ta’a. Akkuma armaan dura
kaafne kaayyoon Kew.34 fi 78 aangoo Mana Murtii Aadaa duguuganii
tarreessuu otuu hin taane falmii gaa’ila fi maatii keessatti uumamu sirna

Heera Mootummaa RDFI, Kwt.78(4).


125

Sanada Marii Tumaa Heera RFDI jildii 5ffaa, Sadaasa 21-24/1987 ALI, Finfinnee,
126

FF 000043-000055

198
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

seeraa idileen alatti akka ilaalamuuf deemsa filannoo kaa’uu dha. Jecha
biraatiin, Manni Murtii Aadaa falmii dhimma gaa’ilaa fi maatii waliin wal
qabatu qofa ilaaluu danda’a kan jedhu miti. Kanaaf, aangoon Mana Murtii
Aadaa gama Heeraatiin duguugamnee kaa’amee hanga hin jirreetti Caffeen
aangoo ofii qabu irratti hundaa’uun127 fedhii wal falmitootaa eeguu otuu hin
barbaachifne dhimmoota sadarkaa jalqabaatti ilaaluu danda’an aangessuu
danda’a. Muuxannoo biyyootaa irraa hubachuun kan danda’amu manni
murtii aadaa dhimmoota gaa’ilaa ala jiran illee ofitti fuudhee
keessummeessaa kan jiru ta’uu isaati. Muuxannoo biyya Zimbaabwee,
Afrikaa Kibbaa fi Maalaawwii fudhachuun ni danda’ama. Muuxannoon kun
kan agarsiisu, Manni Murtii Aadaa biyyoota kunneenii dhimma gaa’ilaa fi
maatiin alatti dhimmi lafaa, abbummaa qabeenyaa fi kaffaltii beenyaa hangi
isaa seeraan daanga’e ilaaluuf aangoo kan qabu ta’uu isaaniiti.

Xiinxala muuxannoo biyyoota hambaa fi bargaaffii irraa ka’uun Caffeen


Mootummaa Naannoo Oromiyaa fedhii wal falmitootaa mirkaneessuun otuu
hin barbaachifne falmii qabeenya socho’uus ta’e hin sochoone tilmaamni
isaa seeraan kaa’ame, falmii hidda fi damee mukaa ollaatti darbuu, falmii
dallaa fi mana haaromsuu, qabeenya bade lafa ormaa keessa seenanii ilaaluu,
falmii daandii irra deeman argachuu, falmii mirga abbaa qabeenyummaa gar-
malee fayyadamuu, falmii bishaan bokkaarratti ka’u fi falmii bishaan
lagaarratti ka’u akka ilaaluuf Mana Murtii Aadaa aangeessuu kan danda’u
ta’uu isaati.

3ffaa yakkaa ilaalchisee Manni Murtii Aadaa aangoo akkamii qabaachuu


danda’a kan jedhu qorannoo kanaan sakatta’aameera.Imaammata yakkaa
Itoophiyaa kutaa 4.6.2 jalatti raawwii yakkaatiin wal qabatee hojiin itti
gaafatamummaa mirkaneessuu adeemsa idilee qofaan otuu hin taane
adeemsa al-idileetiinis filannoo dhiyeessee jira. Kunis faayidaa uummataa fi
mirga miidhamaa caalatti ni kabachiisa jedhamee yeroo amanameetti kan
raawwatamu dha.128Dabalataanis, sababoota himannaan yakkaa akka hin
hundeeffamne taasisanii fi gaalee ‘faayidaa uummataa’ jedhu hiikuuf akka
ulaagaatti kanneen imaammata kanaan tarreeffaman keessaa tokko yakkichi
hangam cimaa ta’uus, wal dhabbiin miidhamaa fi himatamaa gidduutti
uumame yakkichaaf ka’umsa ta’e gama adeemsa bulciinsa haqaa idileen

Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Kwt.49


127

Imaammata Haqa Yakkaa Mootummaa Federaalaa Bara 2003 Bahe, kutaa 4.2.6.6 (2).
128

199
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

caalatti gama seeraa fi dhaabbilee aadaatiin furmaata waarawaa kan


agarsiisu yoo ta’e dha jechuun tumeera.129 Tumaaleen Imaammata yakkaa
kun kan agarsiisan bu’uura seera aadaa fi dhaabbilee aadaatiin falmiiwwan
yakkaatiif furmaatni kennamuu akka qabu dha.

Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa bara 1954 ALI tumameen


haalawwan jalqabbii deemsa haqa yakkan bakka sadiitti qooduun
kaa’a.130Kunis yakka eeruu, iyyannoo dhuunfaa fi yakka harkaaf
harkaati.Yakki harkaaf harkaa gosa yakkaa eeruudhaan ykn iyyannoo
dhuunfaadhaan dhiyaatan tahuu dandaa’u. Yakkootni iyyannooo
dhuunfaadhaan akka dhiyaatan Seera Yakkaa kutaa addaa keessatti yeroo
ibsamee jirutti yakkoota kunneen ilaalchisee miidhamaa dhuunfaan ykn
bakka bu’aan isaa iyyata komii dhiyeessu malee kan hin himachiifne dha.131
Tumaa kana irraa kan hubatamu yakkoota kunneen ilaalchisee miidhamaa fi
shakkamaan dhimma isaanii araaraan xumuran yeroo ta’eetti Abbaan
Alangaa himannaa hundeessuu akka hin dandeenyee dha. Tumaa Seeraa
kana irraa ka’uun fedhii wal falmitootaa irratti hundaa’uudhaan Manni
Murtii Aadaa yakkoota iyyannoo dhuunfaadhaan dhiyaatan bifa jaarsummaa
qofaan akka ilaaluuf aangeessuun kan danda’aamu dha.132Muuxannoon
biyyoota akka Zimbaabuwee, Afriikaa Kibbaa fi Maalawwiis kanuma
agarsiisa.

129
Imaammata Haqa Yakkaa Mootummaa Federaalaa Bara 2003 Bahe, kutaa 3.12(c)
130
Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa, 1956, Kwt.11-21
131
Seera Yakkaa Mootummaa RDFI, 1996, Kwt.212
132
Wixineen Seera Deemsa Falmii Yakkaa Mootummaa RDFI Haaraan yakkoota iyyannoo
dhuunfaadhaan dhiyaataniin alatti kanneen eeruudhaan dhiyaatan illee gama dhaabbilee
aadaatin xumuramuu akka danda’an ni kaa’a. Wixineen kun ragga’ee jiraachuu dhiisuu
isaatiin yeroo ammaatti yakkootuma iyyannoo dhuunfaa dhiyaatan qofa Manni Murtii Aadaa
Naannoo Oromiyaa ilaaluu qaba.

200
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

4. YAADOTA GUDUUNFAA FI FURMAATAA

4.1. YAADOTA GUDUUNFAA


Heera RDFI fi Naannoo Oromiyaatiin Manni Maree Bakka Bu’oota
Uummataa ykn Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa Mana Murtii
Aadaa hundeessuuf ykn beekamtii kennuu akka danda’u ifatti
tumameera.Haa ta’u malee, sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Manni Murtii
Aadaa sababa qaamni ykn seektarri mootummaa barbaachisummaa isaatti
amanee akka hundeeffamuuf dhabamuu fi dogongoraan hojii Manni Murtii
Hawaasummaa Gandaa fi Manni Murtii Aadaa akka tokkootti fudhachuu
dha.
Mana Murtii Aadaa yeroo ammaatti hundeessuuf carraalee fi sodaawwan
jiran qorannoo kanaan adda bahaaniiru. Hojimaatni wal dhabdee namoota
gidduutti dhalatu bu’uura aadaa naannootiin hiikuun qabatamaan hawaasa
keessa jiraachuu, yeroo ammaatti aadaa ofiitti fayyadamuuf fedhii fi
kaka’uumsi uummata bira jiraachuu, jaarsoliin ykn Abbootiin Gadaa wal
dhabbii hiikuuf dandeettii fi miira tajaajiltummaa qaban jiraachuu, seerrii fi
sirni aadaa gahaa tahe hawaasa keesssa jiraachuun, seerotaa fi sirna aadaa
duubatti hafoo ta’an haquuf ykn fooyyeessuuf sirni aadaa dandeessisu
jiraachuu, duudhaan murtii jaarsolii biyyaa ykn abbootii gadaa raawwachuu
hawaasa keessa jiraachuunii fi tajaajila haqaa bu’uura aadaatiin kennamu
biratti haqni argamuun hundeeffama Mana Murtii Aadaatiif akka carraatti
adda baheera. Sadarkaan itti fayyadamnii fi faca’iinsi aadaa wal fakkaataa
ta’uu dhabuu, darbee darbee jaarsolii biyyaa fi Abbootii Gadaa biratti
rakkoon naamusa jiraachuu fi kutaa hawaasaa tokko tokko biratti itti
fayyadama seera aadaatiif fedhiin gadi aanaa tahuun akka sodaatti adda
bahee jira.
Gama wal qixxummaa fi hirmaachisummaa dubartootaatiin hojmaataa fi
ilaalcha hawaasaa malee Sirna Gadaa keessatti duudhaan dubartii miidhuu fi
xiqqeessu kan hin jirre tahuu qorannoon kun agarsiisee jira. Haa ta’u malee,
rakkoon kun adeemsaa fi Sirna Gadaatiin fooyyeessuun tajaajila abbaa
seerummaa sirna aadaatiin kennamu keessatti wal qixxummaa fi
hirmaachisummaa dubartootaa mirkaneessuun kan danda’amu tahuun
hubatameera.

201
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

Gurmaa’insaa fi caaseeffama Mana Murtii Aadaa ilaalchisee filannoon


abbootii seeraa kallattiidhaan jiraattoota gandaatiin ta’uu akka qabu
dha.Tuuta abbotii seeraa Mana Murtii Aadaa biratti namni tokko kan
barreessuu fi dubbisuu danda’u dabalataan jiraachuu qaba. Gaheen nama
kanaas hojiilee teeknikaa kan akka dhaddacha qindeessuu, oolmaa fi murtii
dhaddachaa barreessuu fi kanneen biroo qofa irratti daanga’uu qaba.
Abbootiin seeraa Mana Murtii Aadaatiif kaffaltiin kan barbaachisuu fi barri
hojii isaanii daanga’uun caalatti bu’a-qabeessa kan taasisu ta’a. Daangaan
yeroo tajaajilaa kaa’ame xumuramuun dura rakkoo naamusaa, rakkoo fayyaa
fi umuriin akkasumas dandeettii fi gahuumsa barbaachisu dhabuun aangoo
irraa gaggeeffamuuf akka sababaatti seeraan tumamuu akka qabu
muuxannoon biyyoota garagaraa fi fedhiin qaamolee daataan irraa
funaanamee ni agarsiisa.
Aangoo Mana Murtii Aadaa haalawwan adda addaa irraa kan maddu ta’a.
Fedhii wal falmitootaa irratti hundaa’uun dhimmoota gaa’ilaa fi maatii,
fedhii wal falmitootaa irratti hundaa’uu otuu hin barbaachisiin gama Caffee
Mootummaa Naannoo Oromiyaa kallattiidhaan seera bahuu fi dhimma
yakkaa iyyannoo dhuunfaan dhiyaatu irratti aangoo sadarkaa jalqabaa kan
qabaatu ta’a. Dhimmoota yakkaan ala kanneen biroo irratti manni murtii
aadaa murtii dirqisiisoo kan kennu dha.

Sirna oliyyannoo ilaalchisee Manni Murtii Aadaa caasaa oliyyannoo


dhagahu kan mataa isaa qabaachuu akka qabuu fi qaamni komii qabu gara
mana murtii idileetti oliyyachuu akka qabu muuxannoon biyyoota biroo fi
daataan funaaname kan agarsiisuu dha. Gama tokkoon tajaajilli abbaa
seerummaa Mana Murtii Aadaatti kennamu aadaa qofa irratti hundaa’uu
isaatiin, gama biraatin immoo manni murtii idilee aadaa irratti otuu hin taane
seera qaama mootummaatiin tumamee labsame qofa irratti hundaa’uun
tajaajila kan kennu ta’uu isaatiin oliyyannoon Mana Murtii Aadaa irraa gara
mana murtii idileetti taassifamu sababoota seeraan ifatti kaa’aman qofa irratti
hundaa’uu qaba.

202
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

4.2. YAADOTA FURMAATAA


1. Carraawwaan hundeeffama Mana Murtii Aadaa jedhamuun adda
baafaman cimanii akka ittii fufanii fi sodaawwan adda bahaan hir’isuuf
Gumiin Abbootii Gadaa sadarkaa mara irratti argamuu fi Biiroo Aadaa fi
Turizimii Oromiyaa miidiyaa fi maloota birootti gargaaramuun irratti
hojjachuu qabu.
2. Gurmaa’insi Abbootii Seeraa Mana Murtii Aadaa wal qixxummaa fi
hirmaachisummaa saalaa fi amantaa bifa mirkaneesseen ulaagaa umrii,
naamuusaa fi jiraataa gandaa jedhu haammateen kallattiidhaan jiraattota
gandaatiin gaggeeffamuu qaba. Koreen filannoo kana qindeessu
miseensonni isaa Hooggansa Mana Murtii Aanaa, Bulchaa Gandaa fi Af-
yaa’ii Mana Maree Gandaa kan hammate ta’uu qaba. Manni Murtiis
qindeessaa koree kanaa ta’uu qaba.
3. Abbootiin seeraa baay’inaan sadii ta’anii dabalataan qindeessaa
dhaddachaa nama barreessuu fi dubbisuu danda’uu fi jiraataa gandaa kan
ta’e dabalamuu qaba. Namni kun murtii jaarsoliin ykn Abbootiin Gadaa
kennan barreessuu, dhaddacha qindeessuu fi hojiilee teeknikaa biroo
mijeessuun alatti murtii irratti hirmaachuu hin qabu.
4. Ammatti itti waamamni Mana Murtii Aadaa Mana Murtii Aanaatiif tahee
hojiilee gabaasa dhaga’uu, gamaggama raawwii hojii gaggeessuu, rakkoo
naamusaa qorachuu fi tarkaanfii fudhachuu gahee Mana Murtii Aanaa
tahuun kennamuu qaba. Gostii naamusaa fi tarkaanfiin naamusaa seeraan
kan bahu ta’a. Boodarra garuu, Manni Murtii Aadaa of danda’uun itti
waamamni isaa Gumii Abbootii Gadaatiif ta’uu qaba.
5. Itti gaafatamummaa abbootii seeraa mirkaneessuuf abbootii seeraa Mana
Murtii Aadaa irratti aangoon himannaa ykn iyyata komii dhiyeessuu
Bulchaa Gandaa ykn miidhamaa dhuunfaatiif kennamuu qaba. Haallii fi
daangaan yeroo komiin itti dhiyaatu seeraan kan tarraa’u ta’a.

203
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

6. Dhiibbaa gama diinagdeetiin Abbootii Seeraa Aadaa irra gahu


xiqqeessuu, itti gaafatamummaa mirkaneessuu, miira tajaajiltummaa
akka horatan gochuu fi namoota ciccimoo horachuuf kaffaltiin Abbootii
Seeraa Aadaatiif bifa jajjabeessituutiin kaffalamuu qaba.
7. Barri tajaajila abbootii seeraa waggaa 4’tti daanga’ee abbootiin seeraa
miira tajaajiltummaa qaban, naamusa gaarii agarsiisan, umriin isaanii
hojii sirnaan akka hojjatan dandeessisu irra deebiin filatamuu danda’u.
8. Abbootii seeraa Mana Murtii Aadaa aadaa duudhaa naannoo irratti
hundaa’uun murtii kennaniif akka itti hin gaafatamneef seeraan eegumsi
kennuufii qaba.
9. Aangoo Mana Murtii Aadaa bu’uura sadii irratti hundaa’uun
kennamuufii mala.
i. Inni jalqabaa, fedhii wal falmitootaa irratti hundaa’uun wal dhabdee
gaa’ilaa fi maatii waliin wal qabatan kan akka falmii diiggaa gaa’ilaa,
qooddaa qabeenya gaa’ilaa keessatti argame, qallabaa, guddistummaa,
abbummaa fi falmii dhaalaati.
ii. Inni lammataa, fedhii wal falmitootaa irratti hundaa’uu otuu hin
barbaachisiin gama Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
kallattiidhaan kan aangeeffamu. Kunis dhimmoota falmii qabeenya
socho’uus ta’e hin sochoone tilmaamni isaa seeraan kaa’ame, falmii
hidda fi damee mukaa ollaatti darbuu, falmii dallaa fi mana
haaromsuu, qabeenya bade lafa ormaa keessa seenanii ilaaluu, falmii
daandii irra deeman argachuu, falmii mirga abbaa qabeenyummaa gar-
malee fayyadamuu, falmii bishaan bokkaarratti ka’u fi falmii bishaan
lagaarratti ka’u dha.
iii. Inni Sadaffaa, falmiiwwan yakkaa iyyannoo dhuunfaan dhiyaatan.
Yakka iyyannoo dhuunfaan dhiyaatu ilaalchisee aangoon Mana Murtii
Aadaa wal falmitoota walitti araarsuu qofa. Bakka wal falmitoota

204
Joornaalii Seeraa Oromiyaa [Jiil. 10,Lak.1, 2013] Oromia Law Journal [Vol.10, No.1, 2021]

walitti araarsuu hin dandeenyeetti dhimmichi kallattiin gama sirna


idileetiin kan xumuramu taha. Qabiyyeen murtii araaraa beenyaa
dabalachuu danda’a. Murtiin araaraa murtii dhumaa ta’a.
10. Manni Murtii Aadaa akka naannoo keenyaatti hundeeffamuuf deemu
caasaa oliyyannoo Mana Murtii Aadaa Oliyyannoo sadarkaa aanaatti
qabaachuu qaba. Namni abbaa seeraa Mana Murtii Aadaa oliyyannoo
dhaga’uu kan filatamu kallattiidhaan Yaa’ii Abbootii Seeraa Mana Murtii
Aadaa sadarkaa gandaa tiin ta’uu qaba. Abbootiin seeraa kunneen yaa’ii
kanaan eeranii kaadhimamaan harka caalmaan filatame abbaa seeraa
Mana Murtii Aadaa oliyyannoo dhagahuu tahuun ramadama. Raawwiin
isaa seeraan kan bahu ta’a.
11. Murtii Mana Murtii Aadaa Oliyyannoo dhagahuun kennamee jiru
dogongora adeemsaa qabanii fi kanneen qajeeltoo bu’uura haqaa
faalleessan yoo ta’e qofa Manni Murtii Olaanaa oliyyannoon ofitti
fuudhee ilaaluu qaba. Qabiyyeen dogongora adeemsa seeraa fi qajeeltoo
bu’uura haqaa seeraan ifatti kan tarraa’ee ibsamu taha.
12. Manni Murtii Aadaa Murtii kenne kan ofii isaatii kan raawwachiisu ta’e
kanaan wal qabatee tarkaanfilee fudhatamuu malu seeraan kan bahu ta’a.

205

You might also like