Alkeenii
Alkeenonni tarree homologasii haayidrookaarboonotaa keessaa isaan tokkoo dha. falchi waliigalaa (gooroo) isaa Cn H2n+2 dha. As keessatti ‘n’ n lakkoofsa kaarbonii bakka bu’a. Innis lakkofsa tokko irraa eegaluun (1, 2, 3, ...) jechaa itti fufaa adeema. Fakkeenyaaf:- n = 1 yoo ta’e, C1 H2x1+2 = CH4 (miiteenii) ta’a, n = 2 yoo ta’e, C2 H2x2+2 = C2 H6 (iteenii) ta’a, haaluma kanaan C3 H8 , C4 H10, … jechaa itti fufa. CH4 (miiteenii) garee maatii alkeenii keesaa kan jalqabaafi salphaa ta’e dha.
Kompaawundoonni miseensonni isaanii walduraa duubaan walitti aananii jiraniifi kan garaagarummaa garee dhaabbataa ‘–CH2 –’ (garee mitaayiliinii) ta’e qaban homologasii (maatii) jedhamu.
CH4 + -CH2 - C2 H6 + -CH2 - C3 H8 + –CH2 –’ C4 H10
Karaa biraatiin yoo ibsamu, miseensa alkeenii kan jalqabaa CH4 irratti yommuu gareen ‘–CH2 –’ idaa’amu alkeenii itti aanu C2 H6 kenna, C2 H6 irratti gareen ‘–CH2 –’ yommuu idaa’amu ammoo miseensa alkeenii itti aanu C3 H8 kenna, bifa kanaan itti fufaa adeema jechuu dha. Adeemsi kun alkeenii jalqabaa irratti garee –CH2 - dabalaa deemuun alkeenii isa itti aanuu argachuun maatii alkeenii horachaa adeemuu dha.