Location via proxy:   [ UP ]  
[Report a bug]   [Manage cookies]                
Jump to content

Kalee

Wikipedia irraa
Blausen 0592 KidneyAnatomy 01.png
Renal cortex = Qaamtuu kalee Renal Medulla = handhuurkalee Renal papilla = xossee kalee Renal pyramid =muxxata kalee Renal columns = tarjaawwan kalee Fibrous capsule = qalqala qaajjisoo Renal pelvis = koonnoo kalee Calyx = kokii Hilum = dhooqa kalee

Kaleen (Afaaningiliiziin: Kidney) qaama lafee dugdaa keessatti argamu yoo ta'u, boca akka baaqelaa fi halluu diimaa-buraa'aa kan qabu yoo ta'u, dheerinni isaa gara metir-dhibbisee 12 ta'a. Kaleen dhiiga summii fi xurii nadheefaa irraa calaluu fi qulqulleessuuf itti gaafatamummaa qaba. Dhiigni karaa dhiigraabsituu kaleetiin kalee seenee karaa dhiigdeebistuu kaleettiin ba’a. Tokkoon tokkoon kalee  xuruurinca(ureter), ujummoo fincaan gara afuuffee fincaanii geessuun walqabatee jira.Saayinsiin waayee kalee fi dhukkubota kalee qo'attu nephrology (nephro - kan Afaan Giriik nephros jedhamu irra dhufee kalee jechuu yoo ta'u renal jechuun immo Laatinii irra kan dhufee yoo ta'u renes jechuun kalee jechu dha.

Kaleen qabee dhangala’oo qaamaa adda addaa, madaallii dhangaggeefi beezii (pH), cuuqooma elektiroolayitii adda addaa fi summii balleessuu ni to’ata. Dhiiga kalee seenu keessaa tilmaamaan harka shan keessaa tokko ni calalama. Fakkeenyonni wantoota tiruu irraa gara dhiigaatti deebi’anii xuuxaman bishaan, soodiyemii, baaykaarbooneetii, gilukoosii fi amiinoo asiidota yoo ta’u, wantootni akka haayidiroojiinii, amooniyeemii fi dhangaggee yuuriik fincaan waliin kan baafaman ta’a.

caasaalee kalee

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kaleen qaamolee boca baaqelaa kan qaban yoo ta’u, qaawwa garaa lafee dugdaa gama lamaanuu, dilshoo jalatti argamudha. Tokkoon tokkoon kalee dheerinni isaa tilmaamaan seentimeetira 11-14, bal’inni isaa seentimeetira 6 fi furdina seentimeetira 4 qaba. Guddinni isaanii xiqqaa taʼus, hojiiwwan murteessoo fayyaa qaamaatiif barbaachisan raawwatu. Dalagaalee kanneen raawwachuuf caasaalee dhaaqamaa(Anatomical) kanneen akka qaamtuu(cortex),handhuurkalee(medullaa),dossoo kalee(renal pyramid), koonnoo kalee(renal pelvis) fik.k.f. caasaalee shifargaawaa kanneen akka: kalettii,Xuruurtoo maramaa dhiyoo,luuppii helenii,Xuruurtoo maramaa fagoofi shaandaa funaansaafaadha.

Caasaalee dhaaqamaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  1. Qaamtuu(cortex):-Naannoo alaa kalee, baqqaana rukkataa, diimaa-magaala bakka dhiigni itti calalamudha. Toora ujummoo dhiigaa fi dhuyumxinnoo(glomeruli) bal’aa kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis sadarkaa jalqabaa dhiiga calaluuf murteessaadha.
  2. handhuurkalee(Renal Medulla):- Qaamtuu jalatti hundhuurtni kalee kan argamu yoo ta’u, inniis baqaana keessoo kalee gara dossoo kaleetti qoodama.
  3. Dossoo ykn muxxata kalee(renal pyramid):- Dossooleen kalee gumeewwan boca bilaalee qaban kanneen handhuurkalee keessa jiranidha. Fincaan qaamtuu irraa gara kokiileetti(calyces) geessu. Fiixeen tokkoon tokkoon dossoo, xossee(papilla) kalee jedhamu, gara koonnoo kaleetti akeeka.
  4. Koonnoo kalee:- Koonnoon kalee (renal pelvis) caasaa boca dhullee qabuu fi fincaan kokiilee irraa walitti qabuun gara xuruurincha (ureter) tti kan geessudha. Sana booda fincaan gara afuuffee fincaanii geessuun akka kuufamuu fi dhuma irratti akka bahu taasisa.

Caasaalee shifargaawoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kalettii(nephron):- caasaa xiqqaa bu'uura dalagaa kalee.Kalettiin kutaalee gurguddoo lama irraa kan ijaarame yoo ta’u isaanis: dhagna kalee (renal corpuscle) fi xuruurtoo kalee (renal tubule) dha.

Xuruurtoo kalee

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Xuruurtoon kalee caasaa dheeraa fi walxaxaa dhuyumxinnoo keessaa kan ba’u yoo ta’u, dalagaa irratti hundaa’uun bakka sadiitti qoodamuu danda’a.

  1. Xuruurtoo maramaa dhiyoo:- Dhiigni tooyyeen kalee fide dhuyumxinnoon calalamee gara XMDhtti darba. Dabalxuuxamni irraa caalaan isaa kan raawwatamu XMDh kalettii keessatti.XMDh naannoo Xuruurtoo kalee bakka wantoota barbaachisoo ta’an kanneen akka gulukoosii, burqataa, dhangaggee amiinoo, kutaa guddaa elektiroolaayitiifi bishaan irra deebi’anii xuuxamuun itti raawwatamudha. Bal’inni dirraa irra deebiin xuuxuuf kan mijatu fo’aa epithelium kiyuubooyidii salphaa isaan keessa jiruuni. Irra deebiin xuuxamuun baasii anniisaatiin raawwatama, adeemsichi si'ataa qaba.PCT filannoodhaan ayoonota akka haayidiroojiinii, amooniyaa, fi pootaasiyeemii gara filtaraatti dhangalaasuun HCO3–irraa xuuxa. Haala kanaan, PCT madaallii elektiroolayitii fi asiidii-beezii dhangala’oo qaamaa ni eega.
  2. Ujummoo Hudhoo henelii:-qaama gadi bu’aa fi olka’aa qaba. Kutaa hudhoo(loop) tokkoo waan ta’aniif, qaamni gadi bu’aa fi olka’aa lamaan isaanii iyyuu dabarsoo adda addaa agarsiisu. Miilli gadi bu’u bishaan kan dabarsuu ta’us elektiroolayitii kan hin dabarsiine yoo ta’u, qaamni ol ba’u ammoo elektiroolayitii kan dabarsuu ta’us bishaan kan hin dabarsinee dha. Elektiroolayitoonni hudhoo olka’aa Henle irratti deebi’anii waan xuuxamaniif, calalliin(filtrate) gara qaama olka’aa yeroo socho’u ni diilalla’a. Garuu kutaa kana keessatti deebi’ee xuuxamuun daangeffamaadha.
  3. Xuruurtoo maramaa fagoo:- Xuruurtoo maramaa fagoon, kan qaamtuu keessatti argamu, irra deebiin xuuxuu fi gad-lakkisuu dabalataa keessatti hirmaata. Kaalsiyeemii, soodiyemii fi kilooraayidii irra deebi’ee xuuxuudhaan, akkasumas ayoonota pootaasiyeemii fi haayidiroojiinii dhangalaasuun ruqoolee fincaanii ni sirreessa.

Shaandaa funaansaan ujummoo dheeraa fi qajeelaa madaallii elektiroolayitii dhiigaa eeguuf ayoononni H+ fi K+ gad-lakkisuudha. Kunis naannoo deebisanii xuuxamuun bishaanii ol'aanaanaan fincaan cuunqoome oomishuuf itti raawwatamudha.

Dhagna kalee

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dhagni kalee dhuyumxinnoo qalqala Bowmaniin marfame of keessaa qaba. Dhuyumxinnoon go'aa fidduu irraa ka’ee gara go'aa(arteriole) fuutuutti duwwaa ta’a. Daayameetiriin go'aa fuutuu xiqqaa ta’uun isaa dhiibbaa dhiigaa dhuyumxinnoo keessatti akka olka’u gargaara.

Dhuyumxinnoo

Dhuyumxinnoon gurmuu rifeensoo dhiigaa seensa kalettii kalee keessatti argamani dha. Adeemsi calallii dhiigaa asitti jalqaba. Calalliin as keessaa baa'u qalqala Bowmanii seenuun adeemsi calallii dabalataa itti fufa.

Qalqala Bowmanii

Qalqala Bowmanii, Qalqala dhuyumxinnoo jedhamuunis kan beekamu, qalqalloo finjaala fakkaatu kan jalqaba kalettii kalee keessatti argamudha. Innis qaamtuu kalee keessatti kan argamu yoo ta’u, glomerulus ykn dhuyumxinnoo marsee argama.Kaapsulaan Bowman adeemsa dhimbiibbaa kalee keessatti gahee murteessaa qaba. Glomerulus kan marsee fi tarkaanfii jalqabaa dhiiga calaluun fincaan uumuuf haala mijeessa. Dhiiga keessaa calallaa(filtrate) (bishaan, ayoonota fi molakiyuulota xixiqqoo) walitti qaba, sana booda xuruurtoo kalee keessa darba.

Dalagaa Kalee

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kaleen dhiiga keessaa fincaan calalee karaa ujummoo yuureeterii gara afuuffee fincaaniitti erga. Afuuffeen fincaanii caasaa fincaan amma bifa xuriin dhabamsiifamuutti yeroof keessa kuufamuu dah.To’annaa sirna narviitiin afuuffee kana keessaa fincaan ujummoo yuureetiraatiin gara alaatti dhabamsiifama. Xuriiwwan akka yuuriiyaa, asiidii yuurikii, albudootni ashaboo kanneen akka k+,Na+,Cl-, HCO3 - kkf ammi isaanii haalota adda addaa keessatti gargar ta’uu kan danda’uu fi bishaan bifa fincaaniin dhabamsiifamu. Kaleen adeemsa dhiiga keessaa fincaan calalee dhabamsiisu keessatti qabiyyee ayoonotaa fi bishaan dhiigaa haala madalamaa irratti akka eegamu waan taasisuuf usaansaa fi osmooriguleeshinii keessatti qaama murteessaa dha. Adeemsi dalagaa kalee waliigalaa armaan olii sadarkaalee sadiitti raawwata jechuun ni danda’ama. Kanneenis:

  1. Calaluu (‘filtration’),
  2. Deebisanii xuuxuu (‘Reabsorption’) fi
  3. Gadi lakkisuu (‘Secretion’).

Dalagaaleen kalee armaan olitti bakka gurguddaa sadiitti qoodaman akka armaan gadiitti ibsamuu danda’u. Dhiigni ujummoo dhiiga raabsituun gara kalee seene yeroo karaa dhiigdeebistuu qaqalloo (‘arterioles’) giloomeruulaayii keessa galu dhiibbaa guddaa waan qabaatuuf bishaan gara 90% olii fi wantootni akka ayoonotaa dhiibamanii qalqala Bowumaan keessa seenu.Sadarkaan calaluu ( ‘Filtration’) isa kana. Seelotni dhiigaa fi pirootiiniin garuu bishaan muraasa wajjin daandii ujummoo dhiigaa keessa yaa’uu itti fufu.Wantootni barbaachisoo ta’an dhiiga keessaa haala kanaan heddumminaan bahaanii yoo achumaan dhabamsiifaman jiraachuu hin dandeenyu. Kanaaf adeemsa geejiba koonnoo fi geejiba qopheetiin wantootni darbatamanii ujummoo kalee keessa galan filatamanii deebi’anii gara dhiigaa seenu. Bishaan akkuma jiruun dhiga seena jechuun ni danda’ama. Kun nama dabalatee bineeldotni lafa irra jiraatan kalee fayyadamuun rakkoo malee bishaan qusatanii jiraachuu danda’uu isaaniif wabii dha. Sadarkaan kun deebisanii xuuxuu (‘Reabsorption’) agarsiisa. Gara dhuma ujummooleetti yuuriyaa dabalatee wantootni fincaanii wajjin qaama keessa bahan dhiiga keessaa gara ujummoolee kanaatti bahuun daandii fincaanii qabatu. Inni kun immoo sadarkaa gadi lakkisuu (Secretion’) ti. Adeemsa kana keessatti qabee fincaanii fi cunqummaa dhiigaa madaluu keesatti hormooniin aldosteroonii gahee ol’aanaa taphata.