Location via proxy:   [ UP ]  
[Report a bug]   [Manage cookies]                
100% found this document useful (13 votes)
5K views34 pages

Dubbii Fayyinnaa Final

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1/ 34

DUBBII FAYYINAA

QOPHESSAAN: D/N. MIINDAA TAASHOMEE

HAGAYYA, 2012/2019

ADDAAMAA

1
GALATA

i
BAAFATA

GALATA ........................................................................................................... i

BAAFATA ........................................................................................................ ii

BOQONNAA TOKKOO ..................................................................................... 1

SEENSA DUBBII FAYYINAA ............................................................................ 1

1.1. FAYYINA ........................................................................................... 1

1.2. KUUFATII ADDAAM .......................................................................... 1

1.3. BAALLI YKN MUKTI ITSA BAALAAS MAALIF UUMAMTE? ................. 2

1.4. KUfAATTII ADDAAM YOO JENNUU MAAL JECHUU KEENYA? .......... 5

1.4.1. kennaan isaa irraa fudhatame. ................................................... 5

1.5. FAYINNA ADDAAMIIF KAN BARBAACHISU EENYU? ......................... 8

1.6. WAAQAYYOO MAALIF NAMA TA’EE? .............................................. 10

1.7. WAAQAYYOO NAMA AKKAMITTI FAYYISEE .................................... 11

1.8. WAAQAYYOO NAMA TA’EE YOO JENNU AKKAMITTI? .................... 12

1.9. Gooftaan maaliif tawahidoodhaan nama ta’ee nama fayyise?........... 18

BOQONNAA LAMA ........................................................................................ 20

DUBBII MAARIYAAM DUBBII FAYYINAA KEESSATTI .................................... 20

2.1. Kanfaltuu cubbuu heewaan ta’u ..................................................... 20

2.2. Kanfaltuu cubbuu Addaam ta’u ishe ............................................... 21

2.3. Haadha jiraatotaa ........................................................................... 22

ii
BOQONNAA SADII ........................................................................................ 24

DUBBII FAYYINNAA KEESSATTI GAHEEN ILMA NAMAA ............................... 24

3.1. AMANTAA ....................................................................................... 25

3.2. CUUPHAA....................................................................................... 26

3.3. QURBAANA .................................................................................... 26

3.4. GOCHAA GAARII ............................................................................ 27

3.5. JIREENYAA HAFUURAWWAA ......................................................... 27

3.5.1. SOOMAA................................................................................... 28

BOQONNAA AFUUR ...................................................................................... 29

GUDDUNFAA ................................................................................................ 29

WAABIILEE ................................................................................................... 30

iii
BOQONNAA TOKKOO

SEENSA DUBBII FAYYINAA

Jechi ‘’Dubbii’’ inni jedhu akka barsiifata mana Amantaa keenyaatti ibsa waan
tokkoof kaa’ameedha.

Fakkeenyaaf dubbii maariyaam yoo jenne waa’ee haadha teenya Qulqulleettii


Dubroo Maariyaam Ilma namaatif eeyyama waaqayyootiin kan ibsameef hunda
kan ittiin barannuudha.

1.1. FAYYINA

Akka barsiifata mana Amantaa keenyatti fayyina jechuun cubbuu irraa bilisa
ta’anii dhaaltuu mootummaa waaqayyoo ta’uu jechuudha.

‘’Isheen ilma ni deessi atis maqaa isaa’’yesus’’jettee ni moggaafta,inni ofii isaatii


saba isaa cubbuu isaaniitii isaan ni fayyisa’’ Mat;1;21 dubbiin barumsaa
fayyina keessattii kallattii tokkoon abbaan kenyaa addaam akkamitti akkaa
fayyee ilalla.

Kallattii biraatiin immoo nuti ijoollee isaa akkamiti fayyina.

Ka’umsi dubbii fayyinaa inni Jalqabaa sababa kufaatii Addaam akkasumas


namani cubbuu hojetteef dhiifaamnii akka taasifamuuf nama jalqaba waadaan
seenameef.barumsa kenyaas kan egallus isa kana irraa ta’a.

1.2. KUUFATII ADDAAM

Waaqayyoo goftaan keenya addunyaa kana Guyyaa 5nif uumamtoota gara


garaa uumudhaan addunyaa kana erga bareechee booda garuu guyyaa
dhumaa guyyaa 6tti keessummaa haaraa Ilma namaa uumee.Abbootii fi
Beektonnii mana amantaa keenyaa akka ibsanitti ‘’yoo kessummaan namnii
haroofti tokko waamamu mannii,nyaanii,dhugaatiin fi.k.k.f… akkuma

1
qopheesinu waaqayyoo gooftaan keenyaa dursee qilleensaa ,bishaan
dhugnu,nyaata nyaannuu,gannat keessaa jiraanuu,kan gaalataafi kabajaaf
ta’an erga Qopheesee booda Addaam uumee’’.

Addaam kan uumameef bilisummaadhaan bitaa ,bulchaa fi ajajaa ta’ee akka


jiraatuuf.akka bifaa fi fakkeenyaa waaqayyoottii kan uumame uumama addaa
ta’eedha.

‘’kana booddee waaqayyoo koottaa akka bifa keenyaatii akka fakkaattii


keenyaattiis nama ni uumna isaan qurxummii galaana irratti,simbiraa fi
allaattii qilleensa keessaa balali’an irratti horii qe’ee irraati munyuuqaa lafa
irra munyuuqu irrattii mootummaa haa qabatan jedhe’’.S.Uum 1;26.

Waaqayyoo jaalala Addaamiif qabu uumamtoota hundaa erga uumee xumuree


booda addaam akka bifaa fi fakeenya isaatii uumuun fi ofii gaditti akka bitu
gochuu isatiin beekamera.

1.3. BAALLI YKN MUKTI ITSA BAALAAS MAALIF UUMAMTE?

I. Addaam jaalala waaqayyoof qabu akka muul’isuufi

Namooni gara laaffesii tokko tokko ‘’osoo mukti ajajaa/itsaa baalaas/


uumamuu baate addaam hin dogongoruu ture ‘’jechudhaan gadda
gowwummaa ofitti gaddu.

Waaqayyoo jaalalli inni addaamiif qabu uumuu irraa ka’ee hanga nyaachisee
jiraachisutti muul’ateera.

Jaalalli addaam immoo kan muul’atu seeraa fi ajaja isaatii kennameen yoo
eegeedhaa.

Gooftaan keenyaa fayyisaan keenya iyesuus kiristoos ‘’namni abboommii koo


qabu ,inni rawwatus,isa kan jaallatu,immoo abbaan koo isaa jaallachuuf

2
jira,anis isaa naan jaaladhaa,ofii koos isatii muul’isufan jira’’ jedhe YOH
14;21.jechudhaan akkuma nu barsise.

Jaalattoota waaqayyoo jedhamuuf waa lamatu nu barbachisa

1’’.kan ajaja koo isa bira jirtu ’’kan ajaja waaqayyo qabu

2.’’kan eeguus’’ ajaja waaqayyoo kan eegus

Waaqayyoo jaalalli Addaam haa mul’atuuf ajaja kennuu,fi addaamis eeguu


qaba ture. Ta’us mukti ykn balli itsaa baalaas baala seeraa taatee kenamtee
jirtii.

‘’yommus gooftaa addaam abboomee ‘’ija mukattii iddoo dhaabaa kana keessaa
hundumaa irraa ni nyaata,ija mukichaa hin nyaatanii hamaa fi garii ittiin
beekaan sana irraa garuu hin nyaatin gaafa isa irraa nyatte garuu Dhuguma
duuta’’ jedhe S.Uum 2;16-17.

Addaamis ajajicha kabajuudhaan kabajni isaa osoo hin hir’atin kennan isaaf
kenamee osoo irraa hin fudhamin fi irraa hin hir’atin waggaa 7 torbaaf
jirachuu isaa abbootin nu barsisu.

‘’Namni abboomotaa isaa eeguu isaa keessaa ni jiraata ;innis namicha keessaa
ni jiraata Hafuura inni nuuf kenneenis nu kessaa jiraachuu isaa ni hubbanna’’
1Yoh 3;24 akkuma jedhamee addaam mana waaqayyoo keessa waaqayyo
laphee addaam keessaa jiraate.

II. Uumamaa ta’uun isaa akka bekamuufii

Seyxaanni ykn diyaabiloos uumamaa ta’uu isaa dagatee akkuma umaan


keessaa ana jedhee dubachuu isaatiin kufe. Kanaafuu waaqayoo addaam
umamaa ta’uu isaa fi uumaa qabachuu isaa akka beekuuf waaqayyoo
addaamif fakeenya/milikita/ kenneefii. ajaja kennaan ajajama qabaachuu isaa
beekamadhaa.hundumaayyuu waaqayyo gaditti biti kan jedhamu kennameef.

3
III. Heeyyama ykn bilisuummaan akka jiru ibsuuf

Bilisummaan nama tokkoo kan beekamu yoo mirgi filaachuu isaaf


kennameedha.yoo kana hin ta’in ajaja malee bilisummaa hin ta’u.waaqayyo
addaamif ‘’Firii gannata kana keessaa hundaa ni nyatta garuu gaarii fi yaraa
kan gargar baasi,gaafa isa irraa nyatte du’a du’aa ni duta S.Uum 2;17.

Addaamif filaanoo lamatu kennameef innis muka akka nyattu ajajameefi hin
nyaatiin jedhame itsabaalas.

Baalaa/firii/mukaa biroo yoo nyatte garuu lubbuun jiraatta.Itsabalas yoo


nyaatte garuu ni du’a.bishaanii fi ibidda isa durattii dhiyaateef irraa isa keessa
kan filate keessattii harka isaa gatuun filaanoo fi gahee addaam.har’a yoo
ilaallu fuldura kenyaatti gaarummaan,hammeenyummaan nu ful-durattii
kenname jira.lubbuun akka jiraatuf,akka baay’atuuf,iddoo bor itti galtu
waaqayyoo akka siif eebbisuuf,waaqayoo goofta kee akka jaalattuuf daandii
isaa irraa akka deemtuuf ajaja ,seeraa fi murtii isaa akka eegnuuf har’a ani
isin ajajeera.Garuu garaan keessan isaaf yoo dhaga’uudhabaattan,waaqayyoo
ol kan i birootiif sagadudhaaf , isaanif hojeechudhaan isa gara isaanitti yoo
harkifamtan,isin ni baddu kanas ani har’a isiniti himeera; S.K.D 30;15-18.
Fuldura keessanitti jireenyaa fi du’a eebbiffamuu fi abaraamuu akka isiniif
kaa’ame lafaa fi samiin sinitti faradu/ragaa/ ba’u.

Ani har’a jireenyaa fi du’a, eebbaa fi abaarsa isin dura akkan kaa’e waaqaa fi
lafa waamee isin irratti dhugaa naan baasisa;kanaaf isin ijoolleen keesssanis
akka jiraataniif jireenya fo’adhaa,waaqayyoon gooftaa keessan jaaladha sagalee
isaas dhaga’aa isattis maxxanaa/hirkadhaa/ inni jireenya S.KES.D 30;19-20.

Itsabalas kan uumamte sababoota kana saddeenif malee Addaamin


dogongorsisuufi miti.waaqayyoo addaam haa kufuuf dabarsee hin kennine
barsisee gorsee malee.osoo waa’ee itsabalas dura barsiisuu baate osoo hin
beekin dogongore jenna.

4
Addaam feedhi isaatiin jaalatee waaqayyo akka tajaajiluuf ajaja isaatiif akka
bitamuuf waaqayyoo mirga kennefi itsabalas osoo uumuufi baate fedhii isaatiin
jaalatee filatee ajajamuu hin beeku ture.

1.4. KUfAATTII ADDAAM YOO JENNUU MAAL JECHUU


KEENYA?

Addaam kufe yeroo jennu kennaan isaa irraa fudhatamee aangoon isaa jalaa
hir’ate jechudha.

1.4.1. kennaan isaa irraa fudhatame.

A. Qullaa ta’e

Addaamii fi hewaaniif uffata kennaa uumamaa qabanii ture .yeroo itsabalas


/baala ajajaa/sana nyaatani ajaja diiganii booddee garuu qullaa isaanii
ta’an.ijji jara lamaanitu ni baname qullaa akka ta’anis of-baran/beekan. Kana
irratti isaan baala harbuu walittii hulluuqsisaanii marxoo isaa hojetatan.
S.Uum 3;7.

B. Humna dhabee

Heeyyamni lubbuu kan heeyyama foonii irratti humna qabdu dhabde.


Dubartittiinis ijji mukichaa nyaataaf gaarii ta’uu isaa ,ija namaatti kan
tolu,ogeessa nama gochudhaafis gomjaasisaa/dharrasisaa/ ta’uu argitee ija
isaa kutattee ni nyaatte abbaa manaa ishee waalin tureefis immoo ni laatte
innis in nyaate.S.Uum 3;6

‘’Namni ulfina isaatti jiraachaa hin hafu, namni horiitti yookinis bineensatti
fakkeeffame M.FAR,49;12

Bineensota maqaa kan mogasaa ture Addaam, bineensota maqaa mogaaseef


ture sana debi’ee sodaate.waaqayyoo ummaa isaa jalaa ni

5
dheefe/dhokate.gurra sagalee jaalala ittiin dhageeffatu dhabe. Cubbuu waan
ta’eef osoo namni tokko kootu jedhee hin waamin ofiin baqachuun dheefuu
eegale.M.Fakk.28;1

Nama jal’aa wanta innii sodaatutu itti dhufa,nama qajeelaaf garuu wanti inni
hawwu ni kennaamafii.M.Fakk.10;24

C. Keessummaa ta’e

Abbaa qabenyaa lafa jaannataa kan ta;e ilmi namaa laficha dhabuun
keessummaa ta’e.lafti sunis kan isa yadchistuu ykn hawwii namaf
tateedha.Sababa kanaaf ture Abbootii Bara kakuu moofaa keessa turan nutii
kessummaadha kan jedhanii dubbaataniif.

Fara’oonis ya’iqoobiin umrii bara jireenyaa kee hangam? jedhee gaafate.


Ya’iqoobis fara’ooniin barri keessummaa koo umrii dhibba tokkoof sodoma
/130/jedheen .S.Uum47;8

D. Amalli isaa ni jijjiirame

Nageenya isaa isa dura qabu ni dhabe.Addaam jal-qaba guyyaa uumamu


nageenya guutuu wajjin uumame haa ta’u malee garuu guyyaa seera
waaqayyoo diige irraa ka’een booda nageenya dhabe,ni dhiphate,ni rifate,ni
baqate.namni cubbuu hojjete nagadhaan jirachuun waan itti ulfaatuuf iddoo
itti dhokatu barbaade.

E. Bilisummaa dhabe

Addaam uumama bilisummaan keessaa uumama adda ta’e


uumameedha.mirga jireenya fi du’a filachuu kennameefi ture.amma garuu
du’a filate du’a filate du’a qabamee jira.sababni isaas waan duutni irratti
barumsa godhateefi dutiis bitama isaa waan godhateefi.

6
‘’haa ta’u iyyuu malee bara Addaamii jalqabee hamma bara museetti duuni
nama hundummaa irratti moo’e; ROM;5;14 warruma sanyii irraa-daddarbaa
addaamiin hin yakkiin irraattii iyyuu mo’era,Addaam fakkeenya isa dhufuuf
jedhu sana ture’o.Akkumaa jedhe qulqulluun Phawuloos addaam motii ta’un
hafe addaam du’aaf bitame.

F. Jireenya dhabe

Addaam jiraataa bara baraa ta’ee uumamus ; du’aa harka isaatiin ofittii
fidudhaan du’aaf of kenne.

Akkaa bineensota du’anii foon isaani tortoraan foon isaas akka du’e tortoruu
dirqama itti ta’e.heeyyama kana akkuma fudhateen harka diyaabiloosiin gara
ibiddaatti darbame.

G. Fakkii Waaqayyoo of-irraa dhabe

‘’Ani illee isin waaqayyoo olii dhaa isin hundumti keessan ilmaan isaa
hundumaa gara rraa jiruutti’ jedhee dubbadheera M.Far 81;6 Yoh.10;34

Namni kennaa waaqayyoo kenneeffiin waaqayyoo fakkaata.garuu akka


diyabiloos kufuu isaatiin kabaja waaqaa fakkaachu isaa dura san dhabe.

H. Abbaa idaa/cubbamaa/ta’e

Addaam amaalummaa isaatiin nama qulqulluu ture.Amma garuu harka


isaatiin idaa/cubbuu ofitti fide. Idaa du’a fakkaatu ofitti fudhate akkasumas
idicha/cubbuu isaa of-irraa balleessuu hin dandenye.

I. Danataa dhabe

Addaam iddoo lafa ganataa dura kennamteef irraa arii’amee.ganatiin itti


cufamte ,baqataas ta’e.waaqayyoo waqaa Uumamtootaatti malee waaqaa
du’aatii miti.’’Ani waaqayyo isa kan Abrahaam,waaqa yisahaaq,waaqaa

7
yaaqoob malee inni waaqayyo warra du’anii miti Mat.22;32.Addaamifi heewwan
garuu du’a baatani.

1.5. FAYINNA ADDAAMIIF KAN BARBAACHISU EENYU?

Fayyinna Addaamiif kan barbaachiisuu eenyuu dhaa? Raajjii dhaa? Ergama


dhaa? Uumama biraa dhaa? Moo waaqaayyoo dha?

Addaam abbaan keenya kennaan isa irraa fudhatame, qullaa isaa ta’e,humna
dhabe,keessummaa ta’ee jira,nageenya dhabeeraa,bilisummaa isaa dhabee fi
abbaa cubbuu/idaa ta’e kana irraa eenyutu isaa fayyisuu danda’aa?

a) RAAJII DHA?

Raajoonnii kan gara ilma nama ergamaniif sababoota gurguddaa lamaafi.inni


jalqaba barumsa barsiisuufi fayyisaanif.Musee fi Saamu’eel saba isaanii akka
gorsaniif akka bulchaniifi .kallattii biraatin immoo ummanni dheekkama
waaqayyoo akka isaan irratti hin buune ummataaf akka kadhataniif.

Daani’eel, Ermiyaas, Isaayyaas fi Hizqi’eel rakkkoo saba Isra’eel irraa ga’u


kaasaanii hanga Addunyaa irrattii mul’atutti kitaaba isaanii irratti
barreessaniiru.Raajoonni bara baraan rakkoo ga’anii fi rakkoowwan ga’an
barumsa isaanitin ,kadhannaa isaanitiin,araarsummaa isaanitiin ummata
balaa/dhekamaa fi du’a irraa hambisaaniru M.Far 106;23

Raajoonni tola ool-tummaa of-kennanis Addaamin garuu ganatitti deebisu hin


dandenyee, xintaa abbisoo/cubbuu hin haqamne/ akkasumas idaa cubbuu
isa irraa kafaluu hin dandenye. Kanafuu addaamiif kan raajota caaluu isaa
barbachisa.

b) ERGAMOOTA?

8
Ergamoonni namoota fi waaqayyoo gidduutii kan ergamaniidha Luq 1;18-19
kadhaa keenya kan ol-nuf baasaniidha Mul’ata Yoh.8;1-5 cubbuu namootaaf
kan araarsaniidha Zak.1;12-17 akkasuma ilma namaa rakkoo fi dhiphina irraa
kan bilisa baasaniidha S.Uum 48;16 Gaabbi/qalbii jijiirachuu namootaatti kan
gammadaniidha Luq 15;7-10 ergama isaani kana hunda keessatti ilma namaa
yeroo gannat turanittis ta’e erga arii’amee booda garagaraa turan kana hunda
gochaa turaniis addaam si’oolii keessaa baasanii gara gannat galchuu hin
dandeenye akasuma xalayaa du’aa sana balleessu hin dandeenye. Sababni
isaas:-

i. Adunyaan yeroo waaqayyoon waal-dhabdu wanta kan waaqaa ta’e


hundumaan wan waal-dhabdeef.Ergamoonni waaqaa gara addaam
deemaa turan malee addaam gara isaani deemuu hin dandeenye.
ii. Addaam irrattii murtii du’aa kan murteesse waaqayyoo waan ta’eef
murtii waaqayyoo ergamoonnii kaasu hin dandeenye.
iii. Kan gannatiidhaa addaam baasee fi seeyfii/billawa ergamootaatiin kan
gannat eegsise waaqayyoo addaam kan gannatii waaqni baasee
ergamoonni deebisuu hin dandeenye.

c) WAAQAYYOO DHA?
Addaam kan biyyoo irraa uume uf-jechudhaan hafuura jireenyaa kenneef
waaqayyoo.’’Addaam ati biyyoo irraa uumamte gara biyyoos ni debita’’ jedhe
kan itti murteessees waaqayyoo.addaam nama isa jiraataa ture murtii du’aas
kan kennef waaqayyoo.kanaafuu kan biyyoo irraa harka ofiitiiin uumee
hafuura jireenyaa kenneef gara biyootti deebisuun biyyoo akka ta’uufi akka
ka’u gochuu kan danda’u waaqayyoo qofa,ilmaa namaaf kan waanjoo du’aa
bachisee fi kan waanjoo du’aa kana irraa buusuu danda’us waaqayyoo
qofa.Namni jal-qaba abbaan keenya addaam waaqayyoon kan jaalatameefi
kabajame ture. Waaqayyoo jal-qaba guyyaa addaam uumu enyuyyu hin
mariisisne akkasuma guyyaa itti murtesuus enyuunuu hin mari’anne.akka itti

9
uumee fi akka itti murteesse kan beeku waaqayyoo qofa waan ta’eef.addaam
fayyisuuf iddoo kabajaa isa duratti deebbisuuf bekumsa fi ogummaa kan qabu
isa qofa waan ta’eef. Addaamif seera ittiin bulmaata dura kan kenneef
waaqayyoo. Addaam yeroo seericha cabsuu kan itti murteesees
waaqayyoo.kanaafuu addaam fayyisuudhaafi iddoo kufee jiru irraa isa duratti
deebbisuuf addaam essa jirta jedhe kan gafate waaqayyoo.kanaafuu uumama,
ergama,raajii osso hin taane waaqayyoo.

1.6. WAAQAYYOO MAALIF NAMA TA’EE?


Inni kun iccitiidha.Uumamtoota kessaa gutumaa gututti kan qoratee beekuu
danda’e hin jiru. Ta’us hafurrii qulqulluun irra bulun kaan abbootin keenya nu
barsiisanii fi nutti himan kunooti
 waaqayyoo yeroo nama uumu’’ nama akka bifaa fi fakkeenya keenyaatti
haa uumnu’’ jechuudhaan biyyoo irraa nama uume.Laphee Abbaatiin
yaaduun,jecha Ilmaan dubachuun ,hafuura qulqulluudhaan hafuura
kan itti uuman namni yoo kufu kottaa yaa uumnu jechii jedhu gara
addaam dhufe.harki biyyoo irraa uumame ni diriire.
 -‘’addaam biyyoo irraa uumamte gara biyootti deebita’’jechuun sillaseen
Laphee Abbaatiin yaaduun ,jecha ilmatiin murteessuun,jireenya hafuura
qulqulluutiin kan murteessanii ka’aniin san addaam irraa kaasuuf gara
addaam dhufe.
 Adunyaan sababa cubbuu isaa waaqayyoon sodaatee jirachaa ture
S.Uum 3;10-13 Waaqayyoo Isra’eel yeroo gara siinaa irratti itti
dubbatettii musee dhaan ‘’atii dubbadhu,nuti ni dhageenya,akka
dhufunu garu waaqayyoo nutti hin dubbatin’’ S.Ba’u 20;18.

Sodaa cubbuu kana nama irraa akka fagaatuuf waaqayyoo nu waliin wal-
fakkaatee nama ta’ee muul’ate.Amanu’eel afaan keenya dubbachuudhaan
amala namatiin deddebi’e. Sagalee isaa dhageesisuun addaam balas jalaa
dhokate barbaade.argates.

10
 -Ilmi namaa seeraa ajajaan kennameef ba’achuu hin dandeenye hojjetees
kan agarsiises hin jiru. Waaqayyoo garuu gara keenya dhufuun seeraa
haaraa misiraachoo/wangelaa/ nuuf kenne. Kan hafe hafurri qulqulluun
nuuf yaa ibsu.

1.7. WAAQAYYOO NAMA AKKAMITTI FAYYISEE

Abbootiin waaqayyoo Ogummaa inni ittiin addunyaa tana uumee irraa,


Ogumaan inni ittiin nama ta’e nama fayyisetu caalaa jedhu.sababni isaas
sa’aati yadaan hundattii namaaf wanti dinqii ta’ee umamee waan
ta’eef.idaa/cubbuu addaam kana Uumamtoonni irraa baleessuu hin
dandeenye.waaqni ilma bakka keenya bu’uun idaa keenyaanuuf
kafale.rakkinaa fi dhiphina addaam of-irratti fudhachuun addaam faayyise.

 Addaam sababa cubbuu isaatiin gannat ari’amus, fayyisaan addunyaa


kana kiristoos badii isaa malee fakkeenyaa gannat kan tatee fi kana’aan
fakkeenya si’oolii kan taate gibtsi/liibiyaattii baqate/godaane.
 Addaam biyya/jireenyaa ergamootaa irraa baqatee horii keessatti
argamus, fayyisaan keenya garuu iyyasuus kiristoos mooraa horii
keessati dhalate.

Addaam lafa qulqulluu irraa uumamee dogongorus, fayyisaan keenya immoo


qulqulleettii dubroo maariyaam irraa dhalachuun nu fayyise.

 Addaam lafa qulqulluu abaarsaa hin qabne irraa argamee dogongorus,


kiristoos garuu abaarsa foonii, abaarsa lubbuu kan hin qabne haadha
teenya qulqulleetti dubroo maariyaam irraa dhaalachun nu fayyisee.
 Addaam nama umrii/30/ soddomaa ta’ee uumame, waggaa torbaaf
gannat jiraate.gorsa diyaabiloos dongongoree ijoollummaa dhabus
fayyisaa keenya kiristoos waggaa /30/soddomatti cuuphamuudhaan
fayyise.

11
 Addaam nyaatan kufee gannat ba’us, fayyisaa keenya kiristoos ‘’namni
bideena qofaan hin jiraatu sagalee waaqayyoo wajjiin malee’’jechudhaan
fedhii foonii gad-aanaa ta’uu isaa dubbate.
 Diyaabiloos addaam lafa kan irraa addatti baatee argamtu gannat
keessatti nyaataan moo’atus ,gooftaanis diyaabiloos magaalaa irraa
fagaattee kan argamtu gadama qoronxoos keessatti soomii dhaan
angummaa seexanni addaam irratti qabu irraa kaasee/ moo’ate.
 .Harkii fi milli addaam gara itsabalas yoo demuus ,kiristoos Madihaane
alem garuu harki fi miilli isaa garuu gara fannotti deemuun fannifame.
 Fayyisaan keenya gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos Waaqni ilma ,ilmi
waaqayyoo iddoo keenya bu’e idaa /cubbuu keenyaaf beenyaa nuuf
kaffalle.
 Iddoo lafee mataa addaam itti argamu gologotaa ‘gologotaa’ jechuun
iddoo lafee mataa jechudha Mat.27;33 fannifamee waraansa du’aa
balleesse,humna du’aas balleesse.

Gannat ni cufamte ni banamte, umrii isaa guutuu cubbuudhaan deddeebi’aa


kan ture fayyaatidhaaf missiraachoo akkana jedhu itti hime’’Dhuguman sitti
himaa har’a ana wajjin jaannata keessatti ni argamta jedheen Luq.23;43
jaannatni warra kara mirga isaa dhaabbataaniif banamuu isaa nutti
hime.duunii du’aan du’ee.

1.8. WAAQAYYOO NAMA TA’EE YOO JENNU AKKAMITTI?

Kana dura akkumaa ilaaluuf yaalletti dubbii faayyina jechuun dubbi fayyuu
jechudha.yookin nuti akkamitti akka fayyina arganne kan nu
barsiisuudha.icciitii kana itti aansudhaan kan ball’inaan ilaallu waa’ee icciiti
foonummaa kan keessatti ilaallu ta’a.

Waaqayyoo nama ta’ee akkamitti isa jedhu kana sirritti ilaluu fi beekuun
dirqama ta’a.Waaqni ilma gara biyya lafaa kana dhufee fooniin dubree

12
maariyaam irraa dhalachuu isaa yoo dubbannuu wantoonni ilaluu qabnu
hedduu fi bal’inaan ni argamu.

Addunyaa duraa hadha malee abbaa irraa dhalachuu,booddee garuu abbaa


malee dubre maariyaam irraa fooniin dhalatee iyyasuus kiristoos fooniin
dhalachuu isaa akka qulqullichi phaawuloos dubbatetti icciitiidha’’
1xim.3;16.kanaafuu isa kana haala gaariidhaan hubachuu qabna. Kana yoon
jedhu kallattii ofii keenyaan hiiknuun/philosophy/ osoo hin ta’in Kitaabni
qulqulluun akka nuuf ibsametti kan hubannu jechuudha. Gooftaan keenya
Pheexroosin’’Ati dhagaadha; anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo
nan ijaraa ‘’ Mat.16;18 jedhe amantaa isaati bu’uura ta’uu isaatin kan
dubbateef

‘’Ati masichaa ilma waaqayyoo jiraataa ti’’ Mat.16;16 jedhe. Kan ful dura isaa
dhabee ilma waaqayyoon jiraataa ilma waaqa jedhe waamuu isaatiin
‘’pheexiroos ati kan ayyanomteedha’’ jedheen. Har’as akkuma shakkitoonni
jedhan haala dogongoreen iyyasuus kiristoosiif maqaa addaa kenninee
waamuu irraa of-eegnee yoo deemne fi waaquma foon uffachuutti yoo amannee
fi kiristoos waaqa nama ta’ee fi abbaadhaan wal-qixa ta’uu isaa yoo amannee
ni fayyinaa waaqni ilma namaa ta’ee yoo jennu akkaamitti?kan jedhu beeku
qabna kanatti aansee yaada kana bal’inaan hubachuu kan dandeenyu haala
kitaaba qulqulluu keessatti barreeffameefi abbootiin nu barsiisaaniin yaa
ilaallu.

1) OSOO HIN JIJJIRAMINI: jechuun foon gara waaqummaa ykn

waaqummaan gara foonummaa jijjiiramee, ykn inni tokk isaa tokkoon bade
jechuudha.

Fakeenya uleen musee gara bofaatti,haatii manaa loox gara ashabootti akka
jijjiiraman S.Uum 7;8-13 S.Uum 19;26 wanti tokko jijjiirame yoo jennu
amala isa dura qabu gad-dhiisee amala isa biroo qabachuu jechuudha.garuu

13
icciitii waaqayyoo foon uffachuu isaa jijjiiramuudhaanii miti.kana jechuun
yeroo foon uffatee deddeebi’aa tures amalli waaqummaa isaa hin baane
jechuudha.sababni isaas waaqummaa gara foonnummaatti jijjiirame yoo jenne
amala waaqummaa dura qabu sana dhabe jechuudha kana jechuun addaam
har’a illee hin faayyine jechuudha.kanas kan ilaluu qabnu amalli
foonnummaa, amala waaqummaa osoo hin ballessin waliin jiraatan
‘’Tewahidoo’’ jechuudha.Waaqayyoo nama ta’e yoo jennu amala lamaanu waliin
qabaachuu jechuudha innis amala namummaa fi waaqummaa.kiristoos
waaqayyoo nama ta’e jennee hin fudhanne ykn hin amanne yoo taane foon
jijjiirame yoo jenne rakkoo kan fudhate waaqayyoo qofa nu jechisiisa.inni kun
immoo dogongora,waaqummaan harkan qabamu,faannifamu,awwalamu hin
danda’u. Garuu dirqama rakkoo kana of- irratti fudhachuuf amala foonnumaa
sana amala isaa godhatee fudhachuu waan qabuf. Walumaagalatti yoo ilallu
foonnummaan gara waaqummaa, waaqummaanis gara foonummatti osoo hin
jijjiiramin ‘’waa-eeguudhaan’’ wal-eegan tokko ta’an. Waaqayyoo amaluma
isaatiin jijjiiramuu waan hin qabne Mil.3;6 fooniin amalummaadhaan
jijjiirame jechuun dogongoradhaa. Iyyasuus kiristoos har’as, kalleessas hanga
bara baraa hin jijjiiramu. Ibr.13;6

2) BULTOO MALEE Yaadni kun kan dhufe lamanummatti kan amanan bara
kuma dhibba lama keessaa shakkittoota turanii dha. Isaanis waaqa lama
qabna jedhanii amanu inni tokko waaqa gaarii fi waaqa hamaa qabna
jedhani amanu. Waaqni hamaan addunyaa /foon/ uumee. Innii gaariin
addunyaa hin mul’anee, qilleensa uume.kanaafuu lubbuu gaaridhaan, foon
hamadhaan kan uumamman ta’u isaani lamaanuu wal hin jaalatan.
Lubbuun foniin hidhamte rakkachaa jiraatti, waaqayyoo ishee bilisa
gochuuf dhufe.foon irra bulee deddeebi’e garuu foon walii hin fudhanne ykn
tokko hin taane sababni isaas foon hojii harka waaqa hamaa waan ta’eef
kan salphateedhaa jedhu.

14
Inni kun shakkitoota duraan turan waaqa lama jira jedhani amanan kan
eegalame barumsa bultoo jedhu dhuma irratti ‘’waaqa tokkotti ni amanna’’
shakiitoota warra jedhan biras ga’e. kanaafuu mana amantaa keessaa kan
ka’an Misxiroosiis waaqayoo dubre maariyaam irraa kan dhalate iyyasuus irra
bulee ayyantummaa waqaa kenneef malee fooniin tokko hin taane’’ hin
tawaahadne’’ jedhani./Misxiroos bara 431 Guba’ee Efesoon irrattii shakkaa
mana amantaa keessaa ari’ameedha/.shakkaan kun daawwit akkaa bultoo
isaa irra bulu , ilma maariyaam iyyasuus irratti waaqayyoo irratti bule. Dubre
maariyaam kan deesse nama.boodde irratti kan dubree maariyaam desse
irratti ija jabinaan dubbii sobaa barsiisaa ture. Barumsa sobaa kana qabatani
iyyasuus kiristoos amala lama qabu jedhu. Foonii fi waaqummaa wal-hin
simanne shakkitoonni jedhan har’as ni jiru.yaadni akkanaa kun garuu
gonkumaa dogongora. Sababni isaas;

 Shakkitoonni kun akka jedhanitti haati teenyaa dura nama deesse


boodde garuu waaqayyoo dhufee irra bule yoo jenne,ulfa irraa ka’ee
hanga guyyaa dhalootatti kan godhame jecha dubbatameef jijjiiruu waan
nutti ta’uufi. Issayyaas ‘’dubri ni ulfoofti ilmas ni deessi, maaqa isaas
Amanu’eel jettee ni moggaafti’’ Isa.7;14 .Amanu’eel jechuun hiikaan isaa
“waaqayyoo nu waliin’’ jechuudha jedhe dubbateera. Mat.1;23 ilmi
dhalate amanu’eel kan jedhame yeroo dhalatus waaqayyoo ta’uu isaa
foon fudhatee nama ta’u isaa ibsuuf ture.kana malees kan biroo ammas
raajidhaan ilmi nuuf dhalateera ilmi dhiiraas nuuf kennameera
buichuumaa harka isaa irra taa’a,maqaan isaa aja’ibsiisaa waaqa
gorsa,waaqa guddaa ,waqaa bara baraa ,abbaa nageenyaa jedhamee
waamama jedhu Isa.9;6 .goda beeteliheemitti dubree maariyaam kan
deesse saba sagal warqii,ixaanii,saaxin,kennanif kennaa godhaanii
da’imni kennaanif iyyasuus kiristoos mootii bara baraa waaqayoo
isaadha. ‘’Da’imma kana elsaabet gadaamessa ishii keessa osoo jiruu
gooftaakoo jettee waamte’’ luqas 1;43 kanaafuu akka shakkitoonni

15
jedhan dubroo maariyaam haadha namaa 0soo hin taane haadha
waaqaati. Iyyaasuus kiristoos dura nama kan ture sana boodde kan
ayyaanoome osoo hin taane dursees waqaa kan ture dha.waqaa foon
dubroo maariyaam uffattee nama ta’eedha.

 Waaqummaa fi foonummaa wal-hin simne yoo jenne ammas addaam hin


fayyine jechuudha. Waal-simanaadhaan’’tawahidoo’’dhaan foonii fi
waaqummaa tokko yoo hin taane isaayyaas ‘’dhuguma dhukkuba keenya
nurraa fuudhee, waaliif ta’uu dhabuu kenyaaf madaa’ee, sababa badii
keenyaa fannifamee, rukutame,… Isa.53—irratti dubatee barreessee
jira.isaayyaas hanga hafurri qulqulluun isaaf ibseen fooni fi waaqummaa
waal-simachuu dubbateera. foon kophaa isaa rakkoo fudhate yoo jenne
ammas gara sobaatti nu fida.namni namaan fayyuu hin danda’utii
ammaas gara kallaatti addaam hin fayyine jedhuu nu fudhata.akka
mana amantaa keenyaatti foonummaan waaqummaa osoo hin balleessin
,waaquummaan fonnummaa osoo hin balleessin wal-
simanaan’’tawahidoo’’dhaan waliin jiraatan.walumaagalatti barumsi
bultoo jedhu kun barumsa dogongoraati.

 Waaqni abbaa waa’ee isa dhalatuu waaqa ilmaa akka jechuun’’kanan


jaaladhu ilmi Koo isadha’’jechuun ragaa ba’eera.

3) TUSA’EE /WALITTII MAKAMUU/MALEE


Tusa’ee jechuun walitti makamuu jechuudha.inni kun akka fakkeenya
dammaa fi bishaan,dammii fi bishaan yeroo walitti makaman giduu isaaniitii
waan addaatu uumama.

16
Icciitii foonnummaa keessatti garuu waaqummaa fi foonumaan walitti
makamudhaani miti.kana jechuun waaqummaan amala waaqummaa isaatiin
foonis amala foonummaa isaa osoo gad-hin lakkisin jechuudha.

FKN.baala mukaa osoo ibiddi irraa bobba’uu hin gubanne ishee museen
arge.inni kunis baalli ibiddicha hin balleesine ,ibiddichis baalattii osoo hin
gubin waliin jirachuu isaati.

4) TIDAMAART/IRRATTI DABALAMUU/ MALEE

Tidamart jechuun irratti dabalamuu jechuudha.inni kun akka uffataa


jechuudha. Uffaanni yoo dabaltee uffate ni dabalama, waaqummaa garuu
foonummaa irratti haala kanaan waalitti hin dabalamne. Sababni isaas walitti
dabalamuu yoo ta’e yeroo barbaade irraa kaasna jechuudha.

5) BU’ADEE/GAR-GAAR BAASUU/MALEE
Bu’adee jechuun gar-gaar baasuu jechuudha. Bu’adee jechuun wanti lama yoo
wal-irra jiraate gar-gar baasuu jechuudha. Fakkeenya boqoolloo fi qamadii
egaa walitti makamee boda gargar basuu ni danda’ama. Foonummaa fi
waaqummaas ergaa wal-simataanii booda gargar baasuun hin danda’amu.fkn
akka ibiddaa fi sibiila ibidda keessa turee, ibiddaa fi sibiilicha gargar baasuu
hin dandeenyu.

6) TAWAAHIDOO/WAL-SIMANNAA/DHAAN

Tawahidoo jechuun waaqummaan foonummaa osoo hin


balleessin,foonummaanis waaqumaa osoo hin balleessiin wal-simanaadhaan
waliin jiraachuu jechuudha. Tawahidoon walitti dabalamuu, gargarba’uu,
isaan kana caalaatti waaqni nama ta’uu nu ibsa.

Tawahidoo jechuun fayyinni raawwate jechuudha. Icciitii foonnummaa Qaama


lammaa (qaama Waaqaa fi qaama nama) irraa qaama tokko ta’uu.
Amala lamaa (Amala Waaqaa fi qaama nama ) irraa amala tokko qabaachuu

17
gooftaa keenyaa iyyessuus kirstoosi dubbachu, barsiisu, amaanuu jechuudha.
Gooftaan keenya Amala lama irraa amala tokko ta’uu isaa barumsa abbootii
keenyaa abbaa Qeerloos 78;19 irratti ni arganna.

Tawahidoodhaan qamnii fi amalooni kun erga tokko ta’anii booda garuu inni
kun foon, inni kuun waaqa jennee gonkumaa gargar baasuu hin dandeenyu.

FKN 1. Dinqiiwan gooftaan hojetee akka fakkeenyaatti ilaluu ni dandeenya.


Warra ijaan arguu hin dandeenyeef hancufa ofii tufuudhaan biyyoo sanaan ija
itti uumuu isaa. Hancufni kan fooni ta’us, humna/dandeetii fayyisuu hin
qabu.kanaafuu fayyisuuf humna waaqummaa of-irraa qabaachu qaba.yoo
foonii fi waaqummaan wal-simatan ‘’tawahidoo’’ yoo ta’an garuu ijaa san ni
ibsu.FKN 2.Gooftaan osoo duuka buutoota isaa waliin adeemuu yabala irratti
hirribni fudhate/ni rafe/. Yaa goofta dhumne jedhanii bakka inni rafuu isa
kasaan, ka’ee obnoboleessa/bubbee Sana isaan irraa qabee dabarse. As
irraatti kan ilaallu waaqummaan foon waan uffateef rafu isaa.akkasumas
foonummaa waan obonboleessa sana of-irra dabarsuu hin dandeenyeef gooftaa
ka’ii nurra dabarsi jedhanii gaafatan.

Walumaagalatti yoo ilallu tawaahidoo jechuun akka nisxiroos walitti


dabalamun osoo hin jedhin, akka shakkitoota biroo walitti makaamuun osoo
hin jenne waaqummaan foonummaadhaan walsimate (Tawaahade) tokko ta’e
jenne raga ni baana.

1.9. Gooftaan maaliif tawahidoodhaan nama ta’ee nama fayyise?

Akka Qulqulluu Atinatiyoos dubatetti:

 Du’a nu waliin walitti dhufeenya godhate ture Sana balleesuuf


waaqayyoo ilma namaa waliin walitti dhufee nama fayyise.
 Diyaabiloos foon bofaa keessa dhokatee addaami fi hewaan
dogongorsisee ture, akkasuma waaqnis foon namaa uffatee moo’e.icciitii

18
icciitiidhaan deebisuun ogummaa waaqaa waan ta’eef.gooftaan keenya
iyesuus kiristoos yeroo biyya lafaa kana barsiisaa tureetti du’aa kaasa,
dhukubsataa fayyisaa, fi…….k.k.f gochaa ture. Hojiin akkanaa kun
garuu uumamaaf hin danda’amu. kara birootiin immoo
bela’aa,dhoobochaa,rakkina keesuma ture.waaqni garuu kan hin
dheebonne, kan hin beeloofnee fi rakkoo hin agarreedha.inni garuu
namas,waaqas ta’ee yeroo turetti heeyyama isaatin jiraachaa ture.inni
kun waaqa, inni kun nama jenne gargar baasu hin dandeenyu.garuu
ilmi waaqayyoo ykn ilmi dubroo maariyaam inni sagaleen nama ta’e
jechuu ni dandeenya.inni garuu amala foonummaa fi waaqummaa wal-
siman ‘Tawahidoo’ dhaan tokko ta’uun hojii namaa fi waaqaa
hojjete.waa’ee gooftaa keenyaa qulqulluun phawuloos yeroo
dubbatu’’mana amantaa ykn waldaa kiristiyaanaa waaqayyoo dhiiga
ilma isaati ijaare eegaa…..’’HOJ.Erg.20;28 waaqummaan amaluma
isaatiin amala dhiiguu hin qabu garuu amala foonii amala isa waan
godhateef dhiige.

19
BOQONNAA LAMA

DUBBII MAARIYAAM DUBBII FAYYINAA KEESSATTI

Namoota tokko tokko yeroo manni amantaa keenyaa waa’ee dubree maariyaam
irra deddeebitee barsiistu faallaa itti ta’utu jira. “Namni barsiisu nama barate’’
akkuma jedhamu waa’ee dubroo mariyaam hanga barsiisan waa’ee gooftaa
qofa hin barsiisaan warri jedhan hin dhabaman. Manni kiristiyaanaa keenya
garuu waa’ee Qulqulleetti dubree Maariyaam yeroo barsiistu waa’een gooftaa
keenyaa dhumate osoo hin taane jaalala dubroo maariyaam irraa qaban qofaafi
akkasumas bu’uurri dubbii fayyinaa fi jalqabni dubbii fayyinnaa dubroo
maariyaam waan ta’eefi.

Kadhaannaa keenya irratti,qiddasee irratti,faaruu keenya irratti,seera


irratti,uffannaa keenya irratti iddoo kam irrattuu iddoon barumsi fayyinaa fi
waa’een gooftaa keenyaa ittiin hin ibsamne gonkumaa hin jiru.isa kana irratti
qofa osoo hin ta’in sirna awwalchaa kiristanaa tokko irratti barumsi fayyinaa
ni kennama. Manni amantaa keenya sababni isheen yeroo hundaa hordoftoota
amantaa kiristiyaanaa hundaaf waa’ee dubroo maariyaam barsiistuuf dubbii
fayyinaa waliin icciitii cimaa fi walitti hidhata cimaa waan qabuufi. Dubbii
fayyinaa beekuufi hubachuuf jal-qabnii fi bu’uurrii dubbii maariyaam beekuu
qabna. Icciitii kanaaf kan ta’u fakkeenya muraasa yaa ilaallu

2.1. Kanfaltuu cubbuu heewaan ta’u

Haatii teenyaa hewwaan sababa dogongora,sababa du’aa waan tateef abaarsi


irraa ga’ee ture.mukti isheen nyattee jaannata kan ishee ariisisu waan tureef
dhalli hunduu ni hammeessaa ture.

Hewaan lammataa kan tate haati teenya dubroo maariyaamin garuu sababa
faayyinaa taate.firiin isheen nuuf kennite garuu kan nyaatamu,kan

20
dhugamu,fi kan jireenya bara baraa kennuudha. YOh ;’36. Haadha teenya
garuu dhaloonni hunduu ni galateefata. LUq.1; 48.

Qulquluchi soriyaa abbaa Efreem kadhannaa guyyaa kamisa irratti’’sababa


hewaan balballi jaannata cufamee ture sababa dubree maariyaam
baname‘’baala jireenya akka nyaannuuf nu gargarte jechuudhaan barreesse.

 Hewaan seexanaan gorsamtee cubbuu ulfoofte.du’as deesse.


 Haati teenya garuu misiraachoo Qulqulluu Gabri’eeliin jireenya deesse.
LUQ. 1;28-38
Duuti dubartiidhaan dhufe dubartiidhaan kufe.haadha teenyaas qoricha
hewaan kan ishee jechisisees isuma kanaadha.

2.2. Kanfaltuu cubbuu Addaam ta’u ishe

Addaam kan dhalate lafa irraa hi. Lafti addaam duraa addaam boodaas ilmaa
biraa hin qabdu. Addaam kan argamsiiste ogummaa hafuura qulqulluu fi
heeyyama sillaasee ,malee sanyiidhaan hin argamne.icciitii dhokataa fi
aja’ibsisaa ta’e kanaan kan dhalate addaam offuma isaatii kufaati offitti
fiduun kufe. Gooftaan keenya iyesuus kiristoos sababni inni ijoonii fi jalqabaa
addunyaa kanaaf of-dabarse kennuudha. Gooftaan keenya yommuu dhalatu
sanyii malee, hafuura qulqulluudha haadha teenya dubroo maariyaam irraa
dhalate. Ta’uus lafti addaam duraas addaam boodaas lafti ilmaa biroo hin
qabdu kanaaf dubri dubrummaadhaan deessi kan jedhameef. Haati teenya
gooftaa dahuudhaan duraas erga deesse booddees dubrummaan ishee hin
jijjiiramne. kanaanis dubree bara baraa jedhamtee waamamti. Abbaan faaruu
daawwit akkas jedhe “dhugaan lafa keessaa biqiltee Gaarummaa fi
amanamummaa waal ni argu’’ F.Daw.85;10-11.

 Dhugaan gooftaa keenyaa fayyisaa keenya iyesuus kiristoos. Yoh 14;7

21
 Gaarummaa fi amanamummaan kan itti waliigalan dhaloota kiristoos
irratti.

Addaam kan argame lafa abaarsi irra hin geenye irrayi.lafti abaarsa kan
biqilchite sababa cubbuu ilma ishee addaamini. Haadha Waaqaa Qulqulleetti
dubroo Maariyaam irraa abbaarsii fi baadiin ishee irra hin geenye.
Qulqulleettiidha.cubbuun addaam ishee biraa hin geenye.

Warren tokko tokko haati teenya’’cubbuu addaam irraa kan bilisoomte


misiraachoo Gabri’eelitiin jedhu.akkana ta’e taanan du’uun kiristoos hiika hin
qabu jechisiisa.misiirachoon ergamoota cubbuu irraa kan bilisummaa kennuu
osoo ta’e M.ABBOOTII FIRDII 13;1-20 fi Zak fi LUQ.1;13-20 .kallattii birootin
immoo misiraachoon ergamoota cubbuu/xinta abbiissoo/ irraa bilisaa
baasuun danda’ame ergamoonni baay’inaa isaanii lakkawuun hin danda’amne
addaami fi gosa isaa hunda cubbuu irraa bilisa baasuu ture.misiraachoon
Qulqulluu Gabri’eele cubbuu irraa bilisa baase jechuun du’a kiristoosin wal-
qixa jechuudha. nuti garuu kana gonkumaa hin jennu.waaqayyoo dhiifama
isaaniif haa godhu.

2.3. Haadha jiraatotaa

Addaam haadha manaa isaatiin ‘’haadha jiraatotaa’’ jedhee maqaa baasef.


S.Uum 3;20. Garuu isheen dhugaadhaan haadha jiratotaa hin turre. Isheenis
ijoolleen ishees garbicha du’aa waan turaniif.’’ Addaam hanga museetti duuti
irraatti leenji’e’’ abboomamuu diduu nama tokkootiin baay’een cubbamoota
ta’an ROM.5;19,

Ilmi namaa sababa cubbuu isaatiin haadhummaa fi abbummaa dhabe.Abbaan


keenya Addaamii fi haati teenya hewaan jaannataa ari’amanii ,nu’iif garuu
bakka bu’aa ykn dhabbatoo keenyaa miti ofii isaanitiifuu bakka bu’aa
barbaachisa ture.Sababa kanaaf Gooftaan keenya fayyisaan keenyaa iyyesuus
kiristoos foon addaam irraa dhalate.gooftaan keenya yoo of-bakka addaam of

22
kennu bakka hewwaan immoo haadhaa teenya qulqulleetti dubroo maariyaam
kenne.’’ Abbaa Abbaa jennee akka waamnuuf kennaa abbummaa nuuf kenne
akkuma jedhe Qulqulluun Phaawuloos. Yaa Abbaa keenya jennee kan
waamnuuf kabajni kun waan nuuf kennameef.Iddoo hewwaan immoo haadha
jiraatootaa akka taatuuf haadha nuuf kenne. Ilmi namaa jaannataa fi haadha
kan dhabe yeroo tokko ta’us, deebisee jaannataa fi haadha kan argates yeroo
tokko.haati teenya baay’ina kadhannaa keenyaatin, gaarummaa fi
qulqullummaa keenya osoo hin ta’in waan nu barbachistuuf kan nuuf
kennamteedha. Inni kun gooftaa keenya fannoo irratti duuka bu’aa isaa
jaalatu Qulqulluu Yoohanisiin ‘’ kunoo haati tee’’ yeroo jedhetti bekkameera .
YOH 19;19 Raajichi daawwitis dursee’’ ilmi namaa haadha teenya tsiyoon’’
jedhaan jedhee dubbateefi ture FAR.86 /87;5. Haati jiraatoota dubree
maariyaam jedhamte. Ilmi ishee du’a moo’atee nuti ijoolleen ishee kan ittiin
mo’annu aangoo akka nuuf kenne, isheenis du’a moo’aterti.akkattis ni amana
,ragaas ni baana. Ta’uu bannaan garuu ilmi nama iddoo kabaja duraatti debi’e
jechuu hin dandeenyu. Kanaafis fakkeenyoota xiqqoo kana keessatti dubbii
maariyaam hangam bu’uura dubbii fayyinaa akka ta’e ilalle jirra. Dubbii
maariyaam haala sirrii ta’een kan hin hubanneefi,of-hin eegane dubbii
fayyinnaas ta’ee dubbii waaqummaa hubachuu hin danda’u.bu’urumarraa
dhagaan tokko yeroo ka’ee adeemu mannichis haguma sana socha’a
ademuu,Dubbii maariyaam irratti dogongora tokko yoo dabalee waa’ee
barumsa dubbii waaqummaa ta’e amantaa keenya hanguma sanaan kan
dogongora ta’a.qulqullummaa qulqulleettii malee hin argamu.

Manni amantaa keenya dubbii maariyaam guyyaa guyyaadhaan kan barsiistuu


shakkii,wal-jibbiinsaa,wal tuffii malee kan amantuu ,bu’uura fayyinnaa ta’uu
ishee waan hubataniif.Fakkii keenyaan,kadhannaa keenyaan,kitaboota,faaruu
keenyaan ,sirna keenya keessaa gatani ‘’fayyinni kan argamu kennaa qofa
jedhu’’inni kun garuu ajajaa fi sagalee waaqayyoo kan faallessu barumsa
sobaati.

23
BOQONNAA SADII

DUBBII FAYYINNAA KEESSATTI GAHEEN ILMA NAMAA

Waaqayyoo nama akkaa fakkeenya isaatti akka yaaduuf ,erga uume booda
baala jaannataa hunda ni nyaatta garuu baala gaarii fi yaraa kan si beeksisu
irraa hin nyaatin ,isa irraa guyyaa nyaattee du’a du’aa ni dutaa ajaja jedhu
kenneefii jaannata keessa jiraachise.ajajni kun garuu lamaan keessa tokko
filachuun ,jaalatee fi dirqameti malee yeroo hundaa akka beeknutti osoo hin
ta’in isa kana godhi kana dhiisii miti.waaqayyoo jaannata gidduutti baala
jireenya gaarii fi yaraa kan nama beeksisu yoo biqilchu dursee ilmi namaa
akka yaaduu fi hubatu godhee umee.kana irraa kan ka’ee gaarii fi yaraa
beekuu kan dandeesisu saammuu isaa erga kenneefi booda mirga bilisummaa
isaa fayyadamee baala jireenyaa fi baala du’aa/itsabalas akka nyaatuuf mirgaa
fi bilisummaa guutuu ilma namaaf kenne.mirga bilisaa jechuun namni tokko
mirga innii waan tokko balleessudhaafis ta’ee tolchudhaaf itti
fayadamuudha.bilisummaa kanatti fayyadamudhaan galetteeffamuu ykn
hammeeffamuu,bu’aa buuffachuu ykn adabamuu,miidhamuu ykn
fayyadamuu,fi k.k.f …. gochuuf nu danda’a.gocha tokko namni tokko osoo hin
dirqisisiin fedhidhaan gochuudha.isaa kana ilalchisee seera oorit keessatti’’ilaa
ani har’a wanta gaarii fi jireenya,wanta hamaa fi du’a isin dura kaa’era’’
S.K.De.30;15.

Fayyina ilma namaa keessatti akkuma waaqayyoo ga’ee qabu namnis


fayyuudhaaf ga’ee mataa isaa qaba.waaqayyoo dhiiga isaa dhangalasuun idaa,
cubbuu du’aa fi gabrummaa diyaabiloos irraa adda nu baase.fayyuudhaaf
bilisummaa nuuf kenne malee nu hin dirqisiifne.carraa bilisummaa kanaan
yihudaa fi deemaas yoo ittiin miidhaman duuka bu’ootni tola oltonni fi
Qulqullonni itti fayyadamuun fayyina argatanii jiru.

24
Fayyinni dubbii waaqumaa kessatti hiikkaa fayyisaa keenyaa iyesuus kiristoos
amalumaan waaqa ta’uu isaa amananii barumsa isaan barsiseen hojiitti
hiikuudhaan jireenya ittiin jiranuudha.

Gooftaa keenya yeroo barsiisaa ture keessatti “Kan isatti amane jireenya bara
baraa akka jiraatuuf malee akka hin baaneef waaqayyoo akkanumatti
addunyaa jaalachun ilma isaa tokkichaa kenne’’Addunyaan akka ilma isaa
kanaan fayyituu fi malee akka itti murta’uuf hin ergine.

‘’ilma isaa kanatti kan amanu itti hin murta’uu, isatti kan hin amanne
garuu,maqaa tokkicha ilma waaqayyootiin waan hin amaniniif amumaa itti
faradameera. YOH.3;16-18.

3.1. AMANTAA

Aamantaa jechi jedhu kun bal’aa fi guddaa ta’us yoo gabaabsinee ilallu
addunyaa kanaaf nyaachisan,obasaan jira inniis tokkummaa fi sadanummaan
kan amanamu jedhanii fudhachuudha.namni daandii fayyinaa irraa adeemu
barbaadu tokko tokkummaa fi saddanummaa waaqayyootti
amanuu/sillaaseetti/ amanuu qaba. Kan abbaa, ilmaa,hafuura
qulqulluu,jechuun kan sillaaseetti amanu kan amantii dhugaa irraa
dhufeedha.Yoh 14;1 YOH 17;3 YOH,14;15-17, 2QOR.13;14 YOH 15;26 YOH
1;14. Akkuma manni bu’uura malee dhaabbachuu hin dandeenye bu’urri
fayyinaa bara baraa amantaadha. Amantaan bu’uura fayyinaati yoo jennu
Abbaa,Ilma,Hafuura Qulqulluuti sillaaseen qaamaan sadi waaqummaadhaan
tokko jedhanii amanuu yoo ta’u qulqulleetti dubree Maariyaam irraa foonin
kan dhalate gooftaan keenya fayyisaan keenya iyesuus kiristoos
amalummaadhaan waqaa ta’u fi dubree maariyaam haadha waaqaati jedhanii
amanuu dha.inni kara oliitti fakkeenya lamaan ilaalle kun akka barumsa
mana amantaa keenyaatti icciitii Waaqummaa ykn Foonummaa jedhama.

25
3.2. CUUPHAA

Cuuphaan furtuu balbala fayyinaati.gooftaan keenya baniinsa karra cuuphaa


barumsa isaa keessatti ‘’ dhuguma dhugaan isiintti himaa enyu illee bishaanii
fi hafuura qulqulluttii yoo dhalachuu dhaabaate mootummaa waaqayyootti
galuu hin danda’u’’ Yoh 3;5. Bishaanii fi hafuura qulqulluu irraa dhalachuu
jechuun icciitii cuuphaa raawachuu jechuudha.waaqayyoo akkana jedhe ‘’
Namni amane namni cuuphames ni fayya ,namni hin amanne garuu itti
faradama’’ MAR.16;16 jechuudhaan waaqayyoo namni akka cuuphaadhaan
amantaa isaa mirkaneessu kaa’e jira.Ayyaana isheetaa kabajuudhaaf biyya
hundaa irraa gara iyarusalem kan dhufan ayihudootaaf qulqulluun Pheexroos
jireenya bara baraa akka jiraataniif yeroo barsiisu barumsa isaatin lapheen
isaani cabudhaan ‘’maal haa goonu?’’ jedhani yeroo gafaatan fayyudhaaf
cuphamuun akka irraa jiraatu itti hime ‘’ yaada garaa keessanii
geeddaradhaa,cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf tokko tokkoon keessan
maqaa yesuus kiristoosiin cuuphamaa kennaa hafuura qulqulluus ni fudhattu
H.DUK.2;38 Haa fayyaniif barumsa duka bu’oota dhaga’uun waaqummaa
gooftaati kan amanan Liidiyaa,Qernalewoos ,fi egdotani balbala mana
hidhaa/gashire/ fayyadamaaniru. H.DUK.10;47. H.DUK 16;15 Fi 33 .Kanafuu
ilmi namaa fayyuuf maqaa Abbaa,Ilmaa, Hafuura qulqulluutti amanuun
cuuphaamu qaba. MAT.28;19-20

3.3. QURBAANA

Mootummaan waaqayyoo foonii fi dhiiga waaqayyoo malee galuu/dhaaluun hin


danda’amu.gooftaan keenya fayyisaan keenya iyesuus kiristoos foon isaa
nyaachuun,kabajama dhiigaa isaa dhugnee akka fayyinuuf barumsa isaa hin
dabareen nu barsiise.’’Utuu nyaachaa jiranii iyesuus buddeena

26
fuudhee,eebbisee cabsees baratoota isaatiif kenne ‘fudhadhaa nyaadha,kun
dhagna kootiidha’Xofoos fudhatee waaqayyoof galata galche isaanifis kenne ‘’
hundumti keessan kan ati dhugaa , kun dhigaa kooti dhiigni kun kakuu
dhaabate sana cimsuudhaaf dhiifamuu cubbuu namoota baay’eetif
dhangala’a.MAT 26;26-29.

Keennan Kun waaqa irraa waan ta’eef ilmi namaa fayyuudhaaf yoo barbadee
fudhachuun dirqama. ‘’Dhugaa dhugaan isiniin jedha foon namaa yoo hin
nyaane, dhiigaa isaa yoo hin dhugne jireenyaan hin jiraatan, Garuu kan foon
koo nyaate fi dhiiga koo dhugee jirenyaa bara baraa jiraata. Anis guyyaa
dhumatti du’aa nan kaasa.foon koo nyaata dhugaatii .kan foon koo nyaatu fi
dhiigaa koo dhugu ana waliin jiraata,Anis isaa wajjiniin jiraadha. YOH.6;32-
57Kana irratti wanti hubachuu qabnu fayyuuf dirqama foon dhiigaa isaa
fudhaachu qabna buddeenni dhugaa isa.

3.4. GOCHAA GAARII

Amantaa gochaa malee ,gochii Amanta male innii tokkoo iyyu kopha isaatii
akkaa fayyidaa hin qabne qulqulluun Ya’iqoob 2;26. Ka’e jira.kanaafuu
amantaan jireenyii kessattii argamu gochaan ala miti. Gochaan kan walitti
hidhamedha. Gochaa gaarii kan horanuu yoo ajeeja waqaa yoo fudhane inni
dandii dhugaaa fi dandii fayyinattii. 1YOH.2;29 1YOH 3;9-10.

3.5. JIREENYAA HAFUURAWWAA

JIreenyi hafuurawaa foon lubbudhaaf bitudhaan akkaa heyyaama


waaqayyootti jirachu jechudha.abboottin monoksooni fi hadhooliin dukkaa
bu’aan qulqullichi phawuloos ‘’Haxxummaa seexanaati mormu akkaa
dandessanitii mi’aa loolaa isaa kan waaqayyoo guutuumatti hidhaadha,nuyii
namoota foon uffatanii wajiin wal’aansoo wal qabna miti,’’ EFE.6;10-12
.Akkumaa jedhe buttutu uffaatani,fixxensa arabani,dhaga sochoosa diinaa
diyabiloos wajjin wal’aansoo gochaa kawwallaa/gaddami jiratan fayyinaa

27
argachuf. Garuu namooni tokko tokko jireenya hafurrumaa kana
sodachudhaan, jireenyii hafurumaa hala kanaan ossoo hin tane kenadhaan
jechun har’aas shakki of-kessatti horaan ni jiru. Jireenyii hafurrumaa
amantaa kiristana kessatii kan barbachisuuf dandiin ishee xiqoo/dhiphoo
waan tatefii. MAT 7;13-14. Faayyinnaa yaa argatuuf ilmii namaa mal-gochu
qaba?

3.5.1. SOOMAA

Soomni fedhii fooni kaan ballessitu, dhukkubaa lubbuu kan


faayyistu,dargagesaaf obsa kan barsistuu yoo tatu, hadhaa kadhana burqaa
imiimani bu’uraa garrumaas ni jedhamtii.

28
BOQONNAA AFUUR

GUDDUNFAA

Akkaa waaqayyoo naf ibseettii yoon barressu iccittii fonnumaa jechuun iccitti
waaqayyoo nama ta’u jechudha.garu kanas ta’ee namoonii bay’een waaqayyoo
addaam fayyissuuf yoo ta’e maal yoo achummaa ta’ee fayyisu maaltu dhorkee
jechudhan gafatu.waaqayyoo sabaabni inni dhuffef yoon anis irraa debi’ee
barresuu kan dhufee Abbaa kenyaa Addaam fi Hadhaa tenyaa Hewaan
sexxaani jireenyaa garrummaa isaan jaanata kessa jirataan saan ilaludhaa
waan ittii wanyeef bofaa irraa buludhaan dubartiiti gowwumsudhaan akkaa

jireenyaa jaanata waaqayyoo isaanif kene saan dhabsisee.

S.UUM;3;24waaqayyoo jirenyaa addaam isaa duraa sana debbisudhaaf foon


uffaate dhalate.foon uffachuu isaa kana garu namaa amanuu fi dandii gubbaa
dhabachuun alaa enyummaafuu bekun ni ulfataa.’’Akkumaa mi’aa dammaa
nama dhandhameettu beka’’ akkuummaa jedhamu nama ta’uu waaqayyoo
kaan beku naama amanee qofaadha.

Diyaabiloos ogummaa isaa cimsaate ergaa addaam kufisatee boddaa addaam


namni iddoo isaa duraatii debbiisuu ni dhabbamee.qulqulloonnii fi rajjoonii
yerroo gara garattii ka’aniss addaam iddoo dura isaattii debbisuu hin
dandenyee.

29
WAABIILEE

30

You might also like