Location via proxy:   [ UP ]  
[Report a bug]   [Manage cookies]                
Jump to content

Gaalcha uumamaa

Wikipedia irraa

Mirdhaalma ykn Gaalcha uumamaa ykn Yaadumaa ykn wachisa jechuun Instinct qaama amala orgaanizimii ti. Dhalootaan (innate) malee kan barannotaa dhufuu miti. Haa ta'u malee, jechi kun dalagaa qaamolee miiraa kan hin dabalanne yoo ta'u, hojii idilee sirna narvii ofiinee hin dabalatu. Miirdhaalmoonni tarkaanfii maashaa mul’atu kan deebii gadhiisitootaaf kennamu waliin wal qabata. Gadi lakkiftoonni rifachiisoo(stimuli) funcaa amala uumamaan mul’atu kaa’aniidha. Miirdhaalmoonni kan hin baratamne ta’us, haala tokko tokko keessatti raawwiin isaanii muuxannoo fi shaakalaan fooyya’uu danda’a.Bineensonni sirna narvii qaban Miirdhaalmoonni qabatanii dhalatan.

fakkeenya:

Ilmoon kangaroo (ykn subbeeyyii (marsupial) kamiyyuu ) yeroo dhalatu, raammoo ykn micireediimaa xiqqoo fakkaata, malee kangaroo homaa hin fakkaatu. Haa ta'u malee, kangaroon gaalcha uumamaa cimaa waan qabuuf, akkuma dhalateen leenjii tokko malee gadameessa irraa gara kiisha ykn subba haadha isaatti imala. Harmi haadha kangaroo akka umurii daa'immaniitti aannan gosa adda addaa kan oomishu yoo ta'u, inni xiqqaan Micireen haaraan uumamnaan hanga inni dhalate guddatutti gadameessa keessa jiraata. Sagantaa Kangaroos kana keessatti, mirdhaalmi ilmoo kaangaarroo yeroo hunda murteessaadha. Saayinsiin ogummaan kun eessaa akka dhufe ifatti nutti himuu baatus, maqaan "instinct" ykn "miirdhaalmi" jedhu hafuura ykn miira warra irraa dhaalan ta'uu isaa hin agarsiifne.

Fakkeenya wal fakkaatuun, ilmoon qocaa galaanaa hanqaaquu sheeba ykn qarqara galaanaa tokkotti argamu keessaa ba’ee osoo yaadumaan gara galaanaatti deema.